Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Babalʼistoonni Mootummichaa Biritaaniyaa Keessa Jirtan—Dammaqaa!!”

“Babalʼistoonni Mootummichaa Biritaaniyaa Keessa Jirtan—Dammaqaa!!”

WAAMICHI ariifachiisaan, “Babalʼistoonni Mootummichaa Biritaaniyaa Keessa Jirtan—Dammaqaa!!” jedhu dhihaatee ture. (Informaanti, * Muddee 1937, maxxansa Landan) Achiis mata dureen xiyyeeffannaa guddaa barbaadu kun itti fufuudhaan “Waggoota Kudhanii Asitti Guddinni Gaariin hin Argamne” jedheera. Gabaasni tajaajilaa waggoota kudhanii bara 1928 hanga 1937 fuula jalqabaa irratti baʼes kana kan mirkaneessu dha.

QAJEELCHITOONNI GARMALEE BAAYʼATAN JECHUU DHAA?

Wanti sochiin tajaajila dirree Biritaaniyaa keessatti raawwatamu akka laafu godhe maal ture? Haala isaa irraa akka hubannutti, gumiiwwan saffisuma waggoota hedduu dura ittiin hojjechaa turaniin tajaajilaa turan malee hinaaffaadhaan tajaajilaa hin turre. Dabalataanis waajjirri damee, naannoo tajaajilaa isaaniitiif qajeelchitoonni 200 qofti akka gaʼan murteesse; qajeelchitoonni kun gumiiwwan keessa utuu hin taʼin naannoowwan itti hin lallabamnetti tajaajilu turan. Kanaaf waajjirri damee, Biritaaniyaa keessatti qajeelchitoonni akka hin barbaachisne obboloota qajeelchitoota taʼuuf yaadanitti kan hime siʼa taʼu, biyyoota Awurooppaa kaan deemanii akka tajaajilan yaada isaaniif dhiheessee ture. Kan nama gammachiisu, qajeelchitoonni hedduun, qooqa kan hin beekne ykn xiqqoo xiqqoo kan beekan taʼanis, biyyoota akka Faransaay deemanii tajaajiluuf Biritaaniyaadhaa baʼaniiru.

“WAAMICHA TARKAANFIIN AKKA FUDHATAMUUF DHIHAATE”

Mata dureen Informaanti bara 1937⁠tti baʼe galma ulfaataa bara 1938⁠tti irra gaʼamuu qabu tokko baasee ture; innis tajaajila irratti saʼaatii miliyoona tokko dabarsuu dha! Babalʼistoonni jiʼatti saʼaatii 15, qajeelchitoonni immoo saʼaatii 110 yoo tajaajilan salphaatti galma kana irra gaʼuun ni dandaʼama ture. Garee tajaajilaa gurmeessuudhaan torbanitti guyyoota muraasaaf saʼaatii shan akka tajaajilan, akkasumas keessumaa guyyoota torban gidduutti jiranitti galgala galgala deddeebii gaaffii irratti akka xiyyeeffatan yaanni dhihaatee ture.

Qajeelchitoota hinaaffaadhaan tajaajila irratti hirmaachaa jiran

Xiyyeeffannaa haaraan tajaajilaaf kenname kun obboloota hedduu gammachiisee ture. Hiilda Paajet * akkana jetteetti: “Waamicha tarkaanfiin akka fudhatamuuf waajjira muummee irraa nuuf dhihaate kana hundi keenya iyyuu hawwiidhaan eeggachaa turre; yeroo dhihootti immoo buʼaa gaarii nuuf argamsiisa.” Obboleettiin keenya Waalas immoo akkana jechuudhaan gabaasteetti: “Yaanni guyyaatti saʼaatii shaniif akka tajaajillu nuuf dhihaate baayʼee gaarii ture! Guyyaa murtaaʼe tokkotti tajaajila Gooftaa irratti guyyaa guutuu hirmaachuu caalaa wanti gammachuu namaaf argamsiisu jiraa? . . .  Tarii ni dadhabna taʼa; garuu gammannee manatti deebinaa laata? Gaaffii hin qabu!” Dargaggeessi Isteefan Miilar jedhamu miira ariifannaatiin waamicha dhihaate kanaaf deebii kenneera. Carraa argate kanatti fayyadamuu barbaade! Obboloonni gareedhaan taʼanii biskiliitiidhaan guyyaa guutuu tajaajilanii fi waqtii bonaatti galgala galgala haasaawwan waraabaman taphachiisan akka turan ni yaadata. Hiriiraan beeksisa baatanii hinaaffaadhaan tajaajilaa kan turan siʼa taʼu, barruulee qabatanii daandii irrattis lallabaa turan.

Informaanti waamicha haaraa, “Raayyaa qajeelchitootaa 1,000 barbaanna” jedhus qabatee baʼee ture. Qajeelfamni haaraan naannoo tajaajilaa ilaalchisee baʼe kun, qajeelchitoonni, gumii irraa adda baʼanii utuu hin taʼin gumii deggeruu fi jajjabeessuudhaan gumicha faana akka hojjetan kan ibsu ture. Jooyis Eeliis akkana jetteetti: “Obboloonni hedduun qajeelchaa taʼuu akka qaban hubachaa turaniiru. Umuriin koo waggaa 13 qofa kan ture taʼus, anis qajeelchaa taʼuu nan barbaadan ture.” Adoolessa 1940⁠tti yeroo umuriin ishii waggaa 15 taʼu galma ishii irra geesseetti. Piitar inni yeroo booda Jooyisiin fuudhe, waamicha “Dammaqaa” jedhu sana kan dhagaʼe siʼa taʼu, yeruma sana “waaʼee qajeelchaa taʼuu yaaduu jalqabe.” Waxabajjii 1940⁠tti umurii isaa waggaa 17⁠tti qajeelchaa taʼee gara Iskaarboroo dhaquuf biskiliitiidhaan kiilomeetira 105 deemee ture.

Siiralii fi Kiitii Joonsan qajeelchitoota haaraa fedhii isaanii aarsaa gochuudhaan fakkeenya gaarii taʼan turan. Wanta tajaajila yeroo guutuu irratti yeroo hirmaatan isaan barbaachisu guuttachuuf jecha, mana isaanii fi miʼa isaanii gurguruuf murteessan. Siiral hojii isaa kan dhaabe siʼa taʼu, jiʼa tokko gidduutti qajeelchaa taʼanii tajaajiluuf qophaaʼanii turan. Akkana jedheera: “Murtoo kana shakkii tokko malee murteessine. Fedhii fi gammachuudhaan kana goone.”

QAJEELCHITOOTAAF MANNI NI QOPHAAʼE

Lakkoofsi qajeelchitootaa saffisaan yeroo dabalutti, obboloonni itti gaafatamummaa qaban karaa itti raayyaa lakkoofsi isaa dabalaa jiru kana deggeruu dandaʼan irratti yaaduu jalqaban. Jiim Kaar inni bara 1938⁠tti tajaajilaa zoonii (yeroo ammaatti ilaaltuu ol aanaa aanaa jedhama) ture, yaada kana hordofuudhaan, magaalota keessatti qajeelchitootaaf mana qopheessee ture. Baasii hirʼisuuf jecha qajeelchitoonni gareedhaan akka waliin jiraatanii fi akka waliin tajaajilan jajjabeeffamanii turan. Sheefiilditti, mana guddaa tokko kan kireeffatan siʼa taʼu, obboleessa itti gaafatamummaa qabu tokkotu toʼata ture. Obboloonni gumii keessa jiranis qarshii fi meeshaalee garaa garaa buusii godhaniiru. Jiim, “Namni hundi milkaaʼina hojii kanaatiif gumaacha godheera” jedheera. Qajeelchitoonni ciccimoon kurnan manicha keessa jiraatan barsiifata hafuuraa gaarii qabu turan. “Guyyaa guyyaatti yeroo ciree nyaatanitti caqasa [guyyaa] irratti mariʼatu turan,” akkasumas “qajeelchitoonni kun guyyaa guyyaatti gara naannoo tajaajilaa isaanii iddoo garaa garaatti argamu deemu turan.”

Qajeelchitoota haaraa Biritaaniyaa keessatti tajaajilaa jiran

Babalʼistoonnii fi qajeelchitoonni galma bara 1938⁠tti saʼaatii miliyoona tokko tajaajiluuf baafatan irra gaʼuudhaan waamicha kanaaf deebii gaarii kennaniiru. Gabaasonni akka argisiisanitti sochii tajaajila dirree hundumaa irratti guddinni argameera. Waggoota shan gidduutti baayʼinni babalʼistoota Biritaaniyaa dachaa sadiin dabaleera jechuun ni dandaʼama. Sabni Yihowaa tajaajila Mootummichaatiif xiyyeeffannaa haaraa kennuun isaanii, yeroo waraanaa rakkisaa taʼee fi isaan mudachuuf jedhu keessatti isaan cimseera.

Yeroo harʼaa, waraana Waaqayyoo kan taʼe Armaagedoon yeroo dhihaachaa jiru kanatti lakkoofsi qajeelchitoota Biritaaniyaa dabalaa jira. Onkoloolessa 2015⁠tti lakkoofsi qajeelchitootaa 13,224 taʼee ture; kun immoo guddina waggoottan kurnan darbanitti argame hunda kan caalu dha. Qajeelchitoonni kunneen tajaajilli yeroo guutuu karaa gaarii jireenya isaaniitti itti fayyadaman akka taʼe guutummaatti hubataniiru.

^ KEY. 3 Yeroo booda Tajaajila Mootummaa jedhameera.

^ KEY. 8 Seenaan jireenyaa obboleettii keenya Paajet Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 1, 1995, ful. 19-24 irratti baʼeera. (Amaariffa)