Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yihowaatti Amanami, Wanta Gaarii Taʼes Hojjedhu”

“Yihowaatti Amanami, Wanta Gaarii Taʼes Hojjedhu”

“Yihowaatti amanami, wanta gaarii taʼes hojjedhu.” —FAR. 37:3, NW.

FAARFANNAA: 150, 124

1. Yihowaan ilmaan namootaa yommuu uumetti dandeettii dinqisiisaa akkamii isaaniif kenneera?

YIHOWAAN ilmaan namootaa yommuu uumetti dandeettii dinqisiisaa isaaniif kenneera. Dandeettii yaaduu rakkoowwan nu mudatan hiikuu fi yeroo gara fuulduraatiif karoora baasuuf nu gargaaru nuuf kenneera. (Fak. 2:11) Karoora baafanne raawwachuu akka dandeenyuuf, jechuunis karoora baafanne galmaan gaʼuu akka dandeenyuuf humna nuuf kenneera. (Filp. 2:13) Kana malees, Yihowaan qalbii kan nuuf uume, wanta sirrii taʼee fi wanta dogoggora taʼe addaan baasnee akka beeknuuf, dogoggora irraa akka fagaannuu fi yeroo cubbuu hojjennutti balleessaa keenya akka sirreessinuufi dha.—Rom. 2:15.

2. Yihowaan dandeettii keenyatti akkamitti akka itti fayyadamnu nu irraa eega?

2 Yihowaan dandeettii keenyatti karaa sirrii taʼeen akka itti fayyadamnu nu irraa eega. Maaliif? Waan nu jaallatuu fi kennaawwan kanatti karaa sirrii taʼeen fayyadamuun keenya gammachuu akka nuuf argamsiisu waan beekuufi dha. Yihowaan karaa Dubbii isaa, irra deddeebiʼee dandeettii keenyatti sirriitti akka itti fayyadamu nu gorsa. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba,” akkasumas “Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu!” jedha. (Fak. 21:5; Lal. 9:10) Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessattis, “Hamma carraa argannetti, namoota hundumaaf . . . wanta gaarii haa goonu,” “kennaa argattan hamma fudhattan sanaan walii keessan tajaajiluuf itti fayyadamaa” jedhee nu gorsa. (Gal. 6:10; 1 Phe. 4:10) Dhuguma iyyuu, Yihowaan wanta nuunis taʼe warra kaan fayyadu akka raawwannu barbaada.

3. Ilmaan namootaa hanqina akkamii qabu?

3 Gama biraatiin immoo, Yihowaan ilmaan namootaa hanqina akka qaban beeka. Mudaa, cubbuu fi duʼa matumaa ofuma keenyaan hambisuu hin dandeenyu; namoonni hundi mirga filannaa waan qabaniif isaan toʼachuu hin dandeenyu. (1 Mot. 8:46) Akkasumas, beekumsa ykn muuxannoo hangamii illee yoo qabaanne, beekumsa ykn muuxannoo Yihowaan qabu wajjin wal gitu matumaa qabaachuu hin dandeenyu.—Isa. 55:9.

Yommuu rakkinni si irra gaʼu, “Yihowaatti amanami, wanta gaarii taʼes hojjedhu”

4. Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?

4 Haalawwan hunda keessatti, akka nu deggeruu fi wanta nuti ofiif gochuu hin dandeenye akka nuuf godhu amanuudhaan, qajeelfama isaa argachuuf Yihowaatti amanamuu qabna. Karaa biraatiin immoo, rakkoo keenya furuu fi warra kaan gargaaruuf tarkaanfii sirrii fudhachuudhaan wanta dandeenyu gochuu qabna. (Faarfannaa 37:3, NW * dubbisi.) Gabaabaadhumatti, ‘Yihowaatti amanamuu fi wanta gaarii taʼe hojjechuu’ qabna. Mee gama kanaan, fakkeenya Nohi, Daawitii fi tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan kaan warra Yihowaatti amanamanii fi tarkaanfii sirrii fudhatanii irraa barumsa maalii akka argannu haa ilaallu. Kanatti aansee akka ilaallutti, kun wanta isaan gochuu hin dandeenyee fi wanta gochuu dandaʼan addaan baasanii beekuu, akkasumas haala sanaa wajjin wal simuun tarkaanfii fudhachuu kan dabalatu dha.

YOMMUU HAMMEENYAAN MARFAMNU

5. Haala Nohi keessa ture ibsi.

5 Nohi addunyaa ‘humnaan wal irratti kaʼuu’ fi addaggummaadhaan ‘guutame’ keessa jiraachaa ture. (Uma. 6:4, 9-13) Nohi, Yihowaan addunyaa hamaa sana yeroo booda akka balleessu beeka ture. Taʼus, gocha namoonni Waaqayyoon hin beekne sun raawwachaa turanitti gaddee taʼuu qaba. Haala sana keessatti, Nohi wantoonni inni gochuu hin dandeenyee fi wantoonni inni gochuu dandaʼu akka jiran hubatee ture.

Mormii tajaajila irratti nu mudatu (Keeyyata 6-9 ilaali)

6, 7. (a) Nohi maal gochuu hin dandaʼu ture? (b) Haala Nohi keessa turee wajjin wal fakkaatu keessa jirra kan jennu maaliifi?

6 Wanta Nohi gochuu hin dandeenye: Nohi akeekkachiisa Yihowaa amanamummaadhaan lallabus, namoonni hamoon naannoo isaa jiran ergicha akka fudhatan dirqisiisuus taʼe Bishaan Badiisaa sun dafee akka dhufu gochuu hin dandaʼu ture. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti hamoota akka balleessu waadaa gale akka raawwatu amanuu qaba ture.—Uma. 6:17.

7 Nutis addunyaa hammeenyaan guutamee fi Yihowaan balleessuuf waadaa gale keessa akka jirru beekna. (1 Yoh. 2:17) Hanga yeroo sanaatti garuu, namoonni ‘misiraachoo Mootummichaa’ akka fudhatan dirqisiisuu hin dandeenyu. Akkasumas yeroo “rakkinni guddaan” itti jalqabu saffisiisuuf homaa gochuu hin dandeenyu. (Mat. 24:14, 21) Nutis akkuma Nohi, Waaqayyo yeroo dhihootti tarkaanfii akka fudhatu amantii cimaa qabaachuu qabna. (Far. 37:10, 11) Yihowaan addunyaan hamaan kun yeroo kaayyoon isaa akka itti raawwatamu murteesse irra, guyyaa tokko illee akka darbu akka hin heyyamne ni amanna.—An. 2:3.

8. Nohi wanta gochuu dandaʼu irratti kan xiyyeeffate akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

8 Wanta Nohi gochuu dandaʼu: Nohi wanta gochuu hin dandeenyetti abdii kutatee taaʼuu mannaa, wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. Nama “qajeelummaa lallabu” waan tureef, ergaa namoota akka akeekkachiisuuf isatti kenname amanamummaadhaan labseera. (2 Phe. 2:5) Akkas gochuun isaa amantiin isaa cimaa taʼee akka itti fufu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Hojii lallabaa raawwachuu isaatiin alattis, dandeettii qaamaa fi sammuu isaa hojii doonii ijaaruu Waaqayyo isaaf kenne hojjechuuf itti fayyadameera.—Ibroota 11:7 dubbisi.

9. Fakkeenya Nohi hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Akkuma Nohi, ‘hojiin Gooftaa akka nuuf baayʼatu’ carraaqna. (1 Qor. 15:58) Hojiiwwan kun, bakkawwan waaqeffannaa ijaaruu fi suphuu, walgaʼiiwwan gurguddaa irratti fedhiidhaan hojjechuu ykn waajjira damee ykn waajjira hiikkaa fagoo keessatti hojii hojjechuu kan dabalatan taʼuu dandaʼu. Hunda caalaa garuu, hojii lallabaa isa abdii keenya gara fuulduraa nuuf cimsu irratti hinaaffaan hirmaanna. Obboleettiin amanamtuu taate tokko akkana jetteetti: “Eebba Mootummaan Waaqayyoo fidu warra kaanitti yommuu dubbattan, namoonni sun abdii tokko illee akka hin qabnee fi rakkoon isaanii yeruma hundumaaf akka jiraatu godhanii akka yaadan hubattu.” Dhuguma iyyuu, hojii lallabaa irratti hirmaachuun, ilaalcha sirrii yeroo gara fuulduraatiif qabnuu fi dorgommii fiigicha jireenyaa irratti abdii akka hin kutanne murtoo goone nuuf cimsa.—1 Qor. 9:24.

YOMMUU CUBBUU HOJJENNU

10. Haala Daawit keessa ture ibsi.

10 Yihowaan, Daawit Mootichaan, “nama akka garaa koo” jedhee isa waameera. (HoE. 13:22) Walumaa galatti, Daawit jireenya isaa guutuu amanamaa ture jechuun ni dandaʼama. Taʼus, yeroo tokko cubbuu cimaa hojjetee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwatee ture. Kan nama gaddisiisu immoo, cubbuu isaa dhoksuuf jecha abbaan manaa ishii Uriiyaan dirree waraanaa irratti akka ajjeefamu haala mijeesse. Daawit, xalayaa Uriiyaan akka ajjeefamu ajaju Uriiyaan mataan isaa akka geessu godheera! (2 Sam. 11:1-21) Taʼus, cubbuun Daawit ifatti baʼuun isaa hin oolle. (Mar. 4:22) Yommuu kun taʼutti, Daawit maal godhe?

Cubbuu kanaan dura hojjetame (Keeyyata 11-14 ilaali)

11, 12. (a) Daawit erga cubbuu hojjetee booda maal gochuu hin dandaʼu ture? (b) Cubbuu cimaa erga hojjennee booda yoo yaada geddaranne, Yihowaan maal akka nuuf godhu amanamuu dandeenya?

11 Wanta Daawit gochuu hin dandeenye: Daawit wanta raawwate duubatti deebisuu hin dandaʼu ture. Akkasumas miidhaa dogoggorri isaa itti fide jalaa ooluu hin dandaʼu. Miidhaan isa irra gaʼu tokko tokko jireenya isaa guutuu isaa wajjin kan jiraatu dha. (2 Sam. 12:10-12, 14) Kanaaf, amantii qabaachuu isa barbaachisa ture. Garaadhaa yaada yoo geddarate, Yihowaan dhiifama akka isaaf godhuu fi miidhaa gochi isaa isatti fide dandaʼee akka jiraatu akka isa gargaaru amanannaa qabaachuu qaba ture.

12 Mudaa kan qabnu waan taaneef, hundi keenya cubbuu ni raawwanna. Dogoggorri tokko tokko isa kaan irra baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, dogoggora raawwanne duubatti deebisuu hin dandeenyu taʼa. Kanaaf, miidhaa gochi keenya nutti fiduu wajjin jiraachuu qabna. (Gal. 6:7) Yoo yaada geddaranne garuu, Yihowaan yeroo rakkisaa taʼetti, tarii haalli rakkisaa sun kan dhufe dogoggora keenyaan taʼu illee, akka nu gargaaru waadaa Waaqayyo galetti amanamuu qabna.—Isaayaas 1:18, 19; Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

13. Daawit hariiroo Yihowaa wajjin qabu kan haaromse akkamitti?

13 Wanta Daawit gochuu dandaʼu: Daawit hariiroo Yihowaa wajjin qabu haaromsuu barbaada ture. Karaan kana itti godhe keessaa tokko, sirreeffama Naataan raajichi inni bakka buʼaa Yihowaa taʼe isaaf kenne fudhachuu dha. (2 Sam. 12:13) Kana malees, Daawit cubbuu isaa himachuudhaanii fi fudhatama Yihowaa duratti qabu deebisee argachuuf fedhii cimaa akka qabu ibsuudhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera. (Far. 51:1-17) Daawit, gar malee of ceephaʼuu mannaa, dogoggora isaa irraa barateera. Cubbuuwwan ciccimoo taʼan sana matumaa irra deebiʼee hin raawwanne. Yeroo booda amanamummaa isaa eegee duʼeera; Yihowaan amanamummaa isaa kanaan isa yaadata.—Ibr. 11:32-34.

14. Fakkeenya Daawit irraa maal barachuu dandeenya?

14 Fakkeenya Daawit irraa maal barachuu dandeenya? Cubbuu cimaa yoo raawwanne, garaadhaa yaada geddarachuu fi Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu carraaquu qabna. Cubbuu keenya isatti himachuu qabna. (1 Yoh. 1:9) Kana malees, jaarsolii karaa hafuuraa nu gargaaruu dandaʼan bira dhaquu qabna. (Yaaqoob 5:14-16 dubbisi.) Qophiiwwan Yihowaa irraa fayyadamuudhaan, waadaa nu fayyisuu fi dhiifama nuuf gochuuf galetti akka amanamnu argisiisna. Kana malees, dogoggora keenya irraa barannee, Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu fi yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya.—Ibr. 12:12, 13.

HAALAWWAN KAN BIROO KEESSATTI

Dhibee fayyaa (Keeyyata 15 ilaali)

15. Fakkeenya Haannaa irraa maal baranna?

15 Tajaajiltoota amanamoo bara durii kan biroo utuma Yihowaatti amanamanii tarkaanfii sirrii taʼe fudhatanii yaaduun kee hin oolu. Fakkeenyaaf, Haannaan mucaa godhachuu kan hin dandeenye taʼuu ishiitiin rakkina ishii mudate, ofuma ishiitiin hambisuu hin dandeessu turte. Haa taʼu malee Yihowaan akka ishii jajjabeessu waan amanamtuuf, godoo qulqullaaʼaatti isa waaqeffachuu fi wanta garaa ishii keessa jiru kadhannaadhaan isa duratti dhangalaasuu ishii itti fufteetti. (1 Sam. 1:9-11) Fakkeenya gaarii nuuf taati mitii ree? Yommuu dhibeen fayyaa ykn rakkinni humnaa ol taʼe kan biraan nu mudatu, akka nuuf yaadu amanamuudhaan wanta yaaddoo nutti taʼu Yihowaa irratti ganna. (1 Phe. 5:6, 7) Kana malees, walgaʼiiwwan gumii fi qophiiwwan hafuuraa kan biroo irraa fayyadamuuf wanta nuuf dandaʼame hunda ni goona.—Ibr. 10:24, 25.

Ijoollee Yihowaa tajaajiluu dhiisan (Keeyyata 16 ilaali)

16. Warri, Saamuʼel maanguddicha irraa maal baratu?

16 Waaʼee warra amanamoo, ijoolleen isaanii Yihowaa tajaajiluu dhiisanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Saamuʼel maanguddichi ilmaan isaa gaʼeessota taʼan ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo inni isaan barsiiseef amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan dirqisiisuu hin dandeenye. (1 Sam. 8:1-3) Dhimma kana harka Yihowaatti gatee dhiisuu qaba ture. Taʼus, Saamuʼel amanamaa taʼee jiraachuu fi Abbaa isaa isa samii Yihowaa gammachiisuu dandaʼeera. (Fak. 27:11) Yeroo ammaattis, Kiristiyaanonni ijoollee qaban hedduun haala wal fakkaatu keessatti argamu. Isaan akkuma abbaa fakkeenya ilma badee argame keessatti ibsamee, Yihowaan cubbamoota yaada geddaratan simachuuf hawwiidhaan eeggachaa akka jiru amanannaa qabu. (Luq. 15:20) Hammasitti garuu, fakkeenyi isaanii ijoolleen isaanii gara karrichaatti akka deebiʼan akka isaan gargaaru abdachuudhaan, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabu.

Rakkina dinagdee (Keeyyata 17 ilaali)

17. Fakkeenyi dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee kan nama jajjabeessu akkamitti?

17 Dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee fi bara Yesuusitti turtes yaadaa. (Luqaas 21:1-4 dubbisi.) Gocha mancaʼaa mana qulqullummaa keessatti raawwataman dhaabsisuuf homaa gochuu hin dandeessu turte. (Mat. 21:12, 13) Rakkina dinagdee ishii fooyyessuufis wanta tokko illee gochuu hin dandeessu turte. Haa taʼu malee, “saantima xixinnoo . . . lama,” jechuunis “wanta qabduu fi ittiin jiraattu hunda” fedhiidhaan buusii gooteetti. Dubartiin amanamtuun kun, Yihowaa irratti amantii guutuu akka qabdu argisiisteetti. Wantoota hafuuraatiif dursa yoo kennite, Yihowaan wanta jireenyaaf ishii barbaachisu akka ishiidhaaf kennu beekti turte. Dubartiin kun amanannaa akkasii qabaachuun ishii, qophii waaqeffannaa dhugaa yeroo sanatti ture deggeruuf ishii kakaaseera. Nutis Mootummaa Waaqayyootiif dursa yoo kennine, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu amananna qabaachuu dandeenya.—Mat. 6:33.

18. Fakkeenya obboleessa ilaalcha sirrii qabu tokkoo dubbadhu.

18 Obboloonni keenya yeroo ammaatti jiran hedduunis, Yihowaatti akka amanamanii fi tarkaanfii sirrii akka fudhatan argisiisaniiru. Mee fakkeenya obboleessa Maalkam jedhamuu fi hamma bara 2015tti duʼetti amanamaa taʼee jiraatee haa ilaallu. Innii fi haati manaa isaa waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif yommuu Yihowaa tajaajilanitti yeroo rakkinaas yeroo balʼinaas dabarsaniiru. Akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko wantoonni hin eegamnee fi nama dhiphisan nu mudatu turan. Haa taʼu malee, Yihowaan warra isatti amanaman ni eebbisa.” Gorsi Maalkam maal ture? “Buʼa qabeessa taʼuuf, akkasumas hamma dandeessan tajaajila Yihowaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf kadhannaa dhiheessaa. Wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessan irratti xiyyeeffadhaa.” *

19. (a) Caqasni waggaa 2017 yeroo isaatiif kan taʼu dha kan jennu maaliifi? (b) Caqasa waggaa 2017 jireenya kee keessatti hojii irra oolchuu kan yaadde akkamitti?

19 Sirni kun “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti” yommuu deemutti, haalawwan kana caalaa rakkisoo taʼan nu mudachuu akka dandaʼan eegna. (2 Xim. 3:1, 13) Kanaaf yeroo kam iyyuu caalaa, rakkoowwan nu mudataniin gar malee dhiphachuu irraa of eeguun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kanaa mannaa, tarkaanfii barbaachisaa taʼe utuma fudhannuu, Yihowaa irratti amanannaa cimaa qabaachuu nu barbaachisa. Caqasni waggaa 2017, “Yihowaatti amanami, wanta gaarii taʼes hojjedhu” kan jedhu taʼuun isa yeroo isaatiif kan taʼu dha!—Far. 37:3, NW.

^ KEY. 4 Faarfannaa 37:3 (NW): Yihowaatti amanami, wanta gaarii taʼes hojjedhu; lafa irra jiraadhu, namootattis amanamummaa argisiisi.

^ KEY. 18 Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 15, 2013, ful. 17-20 ilaali.