Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?

Yeroo Ammaatti Saba Waaqayyoo Geggeessaa kan Jiru Eenyu?

“Warra isin gidduutti geggeessitoota taʼan . . . yaadadhaa.” IBR. 13:7.

FAARFANNAA: 43, 146

1, 2. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda, ergamoonni isaa maal jedhanii gaafatanii taʼuu dandaʼa?

ERGAMOONNI Yesuus, Gaara Ejersaa irra dhaabatanii hubatanii gara samii ilaalaa jiru. Yesuus inni gooftaa isaanii fi michuu isaanii taʼe utuma isaan ilaalaa jiranii ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse. (HoE. 1:9, 10) Gara waggaa lamaatiif isaan barsiisaa, jajjabeessaa fi isaan geggeessaa tureera. Amma garuu deemeera. Yeroo kanatti maal godhu laata?

2 Yesuus gara samiitti deebiʼuu isaa dura duuka buutota isaatiin, “Yerusaalemitti, Yihudaa fi guutummaa Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. (HoE. 1:8) Hojii kana guutummaatti raawwachuu kan dandaʼan akkamitti? Yesuus yeroo muraasa booda hafuura qulqulluu akka argatan isaaniif mirkaneessee akka ture beekamaa dha. (HoE. 1:5) Taʼus, qaamni duula lallabaa addunyaa maratti taasifamu geggeessuu fi gurmeessu jiraachuu qaba. Yihowaan saba isaa bara duriitti ture qajeelchuu fi gurmeessuuf, bakka buʼoota isaa ijaan mulʼatanitti fayyadameera. Kanaaf ergamoonni Yesuus, ‘Yihowaan amma geggeessaa haaraa muudaa laata?’ jedhanii gaafatanii taʼuu dandaʼa.

3. (a) Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda, ergamoonni amanamoo taʼan murtoo barbaachisaa akkamii godhanii turan? (b) Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?

3 Utuu torban lama hin guutin, barattoonni Yesuus Kitaaba Qulqulluu qoraa fi qajeelfama Waaqayyoo argachuuf kadhachaa turan; achiis ergamaa 12ffaa taʼee bakka Yihudaa Asqorotuu akka buufamuuf Maatiyaasiin filatan. (HoE. 1:15-26) Filannoon kun isaaniifis taʼe Yihowaadhaaf bakka guddaa qaba ture kan jennu maaliifi? Barattoonni sun ergamoonni 12 akka barbaachisan hubatanii turan. * Yesuus ergamoota isaa kan filate isaa wajjin akka tajaajilaniif qofa utuu hin taʼin, saba Waaqayyoo gidduutti gahee guddaa akka qabaataniif ture. Gaheen sun maal ture? Yihowaan, karaa Yesuus gahee kana akka raawwatan kan isaan leenjise hoo akkamitti? Yeroo ammaatti saba Waaqayyoo gidduutti qophii walfakkaatu akkamiitu jira? ‘Warra nu gidduutti geggeessitoota taʼan,’ keessumaa immoo namoota miseensota ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ taʼan akka yaadannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?—Ibr. 13:7; Mat. 24:45.

QAAMA OL AANAA YESUUSIIN GEGGEEFFAMU

4. Jaarraa jalqabaatti ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem keessa turan kaan gahee akkamii qabu turan?

4 Ergamoonni gumii Kiristiyaanaa geggeessuu kan jalqaban, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti ture. Yeroo sanatti, “Pheexiros . . . warra Kudha Tokkoo wajjin kaʼee dhaabatee,” dhugaa lubbu baraarsaa kana namoota Yihudoota taʼanii fi amantii Yihudii fudhatan hedduutti hime. (HoE. 2:14, 15) Namoota kana keessaa hedduun isaanii amantoota taʼan. Yeroo boodas Kiristiyaanonni haaraan kun, “barumsa ergamootaa cimsanii hordofuu isaanii . . . itti fufan.” (HoE. 2:42) Qarshiin gumichaa sirriitti faayidaa irra akka oolu kan toʼatanis ergamoota turan. (HoE. 4:34, 35) Kana malees, nyaata hafuuraa saba Waaqayyootiif barbaachisu qopheessu turan; “nuti . . . guutummaatti kadhannaa fi dubbii Waaqayyoo barsiisuu irratti xiyyeeffanna” jedhanii turan. (HoE. 6:4) Akkasumas Kiristiyaanonni muuxannoo qaban naannoowwan haaraa taʼan dhaqanii akka lallabaniif isaan ergu turan. (HoE. 8:14, 15) Yeroo booda immoo, jaarsoliin dibamtoota taʼan ergamootaa wajjin taʼanii dhimmoota gumii adda addaa irratti hirmaachuu jalqaban. Jaarsolii fi ergamoonni kun, qaama ol aanaa taʼanii gumiiwwan hundaaf qajeelfama kennu turan.—HoE. 15:2.

5, 6. (a) Hafuurri qulqulluun qaama ol aanaatiif humna kan kenne akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Maleekonni qaama ol aanaa gargaaraa kan turan akkamitti? (c) Dubbiin Waaqayyoo qaama ol aanaa geggeessaa kan ture akkamitti?

5 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan, Yihowaan, Yesuus isa Geggeessaa isaanii taʼeetti fayyadamee qaama ol aanaa geggeessaa akka ture hubatanii turan. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Tokkoffaa, qaamni ol aanaan hafuura qulqulluu irraa humna argatee ture. (Yoh. 16:13) Hafuurri qulqulluun Kiristiyaanota dibamoo hunda irratti dhangalaʼee kan ture taʼus, keessumaa ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem jiran kaan gahee ilaaltoota ol aanaa taʼuudhaan qaban raawwachuu akka dandaʼan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 49tti hafuurri qulqulluun yeroo qaamni ol aanaan waaʼee dhagna qabaa ilaalchisee murtoo godhetti isaan geggeesseera. Gumiiwwanis qajeelfama isaanii kan hordofan siʼa taʼu, “amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman.” (HoE. 16:4, 5) Kana malees, xalayaan murtoo sana ibsu qaamni ol aanaan jaalalaa fi amantii dabalatee firii hafuura qulqulluu akka argisiisan kan mulʼisu ture.—HoE. 15:11, 25-29; Gal. 5:22, 23.

6 Lammaffaa, maleekonni qaama ol aanaa sana gargaaraniiru. Qorneelewos inni saba Waaqayyoo keessaa hin turree fi dhagna hin qabanne Kiristiyaana jalqabaa taʼuudhaan cuuphamuu isaa dura, maleekaan tokko Pheexiros ergamaatti ergee akka isa waamsisu itti himee ture. Pheexiros, Qorneelewosii fi firoota isaatiif erga lallabee booda, namoonni kun warra dhagna hin qabanne taʼanis hafuurri qulqulluun isaan irratti dhangalaʼee ture. Kunis, ergamoonnii fi obboloonni fedha Waaqayyoo akka deggeran, akkasumas namoota saba Waaqayyoo hin turree fi dhagna hin qabanne gumii Kiristiyaanaa keessatti simachuuf isaan kakaaseera. (HoE. 11:13-18) Kana malees, maleekonni hojii lallabaa qaamni ol aanaan geggeessu babalʼisuu fi saffisaan akka raawwatamu gochuu irratti dammaqinaan hirmaachaa turaniiru. (HoE. 5:19, 20) Sadaffaa, Dubbiin Waaqayyoo qaama ol aanaa geggeessaa ture. Jaarsoliin hafuuraan dibaman kun murtoowwan barumsawwan buʼuuraa wajjin walqabatan yommuu godhan ykn jaarmiyichaaf yommuu qajeelfama kennanitti Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamu turan.—HoE. 1:20-22; 15:15-20.

7. Yesuus Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa geggeessaa ture kan jennu maaliifi?

7 Qaamni ol aanaan sun gumii jaarraa jalqabaatti ture irratti aangoo kan qabu taʼus, Geggeessaan isaanii Yesuus akka taʼe beeku turan. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Innis [Kiristoos] tokko tokko ergamoota . . . godhee kenne. . . . Wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼeetti jaalalaan haa guddannu.” (Efe. 4:11, 15) Maqaa ergamoota beekamoo taʼaniin waamamuu mannaa, “barattoonnis qajeelfama Waaqayyootiin . . . ‘Kiristiyaanota’ jedhaman.” (HoE. 11:26) Dhuguma iyyuu, Phaawulos ‘aadaa sana cimsanii hordofuun’ ykn gochawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi ergamoonnis taʼan namoonni geggeessitoota taʼan kennan hordofuun barbaachisaa taʼuu isaa hubatee ture. Taʼus itti dabaluudhaan “Haa taʼu malee, [miseensota qaama ol aanaa hunda dabalatee] mataan dhiira hundumaa Kiristoos . . . mataan Kiristoos immoo Waaqayyo taʼuu isaa akka beektan nan barbaada” jedhee ture. (1 Qor. 11:2, 3) Eeyyee, Kiristoos Yesuus inni ijaan hin mulʼannee fi ulfina gonfate, Yihowaa isa Mataa isaa taʼe jalatti gumii geggeessaa ture.

“HOJIIN KUN KAN NAMAA MITI”

8, 9. Bara 1870 kaasee obboleessi keenya Raasil gahee guddaa akkamii qaba ture?

8 Bara 1870 eegalee, Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa muraasni waaqeffannaa dhugaa deebisanii hundeessuuf carraaqqii gochuu jalqaban. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu afaan adda addaatiin babalʼisuuf akka isaan gargaarutti, bara 1884tti dhaabbata Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Tiraaktii Xiyoon jedhamu kan hundeessan siʼa taʼu, pireezidaantiin dhaabbatichaas obboleessa keenya Raasil ture. * Raasil Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan kan qoʼatu waan tureef, barumsawwan amantii kan akka Sillaasee fi lubbuun hin duutu jedhan soba taʼuu isaanii ija jabinaan saaxileera. Kiristoos karaa ija namootaatiin hin mulʼanneen akka deebiʼuu fi bara 1914tti “barri sabootaaf murteeffame sun” xumuramuu isaa hubatee ture. (Luq. 21:24) Obboleessi keenya Raasil yeroo, humnaa fi qabeenya isaa utuu hin qusatin dhugaawwan kana namootatti himuuf waan dandaʼu hunda godheera. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaa fi Yesuus inni mataa gumii taʼe yeroo murteessaa taʼe sanatti obboleessa keenya Raasilitti itti fayyadamaniiru.

9 Obboleessi keenya Raasil namoota irraa ulfina argachuu hin barbaadu ture. Bara 1896tti akkana jedhee barreessee ture: “Ofii keenyaafis taʼe barreeffamoota qopheessinuuf galateeffamuu ykn jajamuu hin barbaannu; ‘Abbaa’ ykn ‘Rabbii’ jedhamnee waamamus hin barbaannu. Kana malees, namni kam iyyuu maqaa keenyaan akka waamamu hin barbaannu.” Dhuma irrattis, “Hojiin kun kan namaa miti” jedhee dubbateera.

10. (a) Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ kan muude yoomi? (b) Qaamni Ol Aanaan dhaabbata seera qabeessa irraa adda taʼuun isaa irraa jalaan kan ibsame akkamitti akka taʼe ibsi.

10 Bara 1919tti, jechuunis obboleessi keenya Raasil erga duʼee waggaa sadii booda, Yesuus ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ muude. Kaayyoo maaliitiif? Maatii isaatiif “yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu” waan barbaadeefi. (Mat. 24:45) Yeroo sanatti illee, gareen xinnoon obboloota dibaman qabatee fi waajjira muummee Biruukiliin, Niwuu Yoorki jiru keessa tajaajilu duuka buutota Yesuusiif nyaata hafuuraa qopheessaa fi dhiheessaa ture. Maqaan “qaama ol aanaa” jedhu barreeffamoota keenya irratti baʼuu kan jalqabe bara 1940 booda siʼa taʼu, yeroo sanatti dhaabbata Waldaa Masaraa Eegumsaa Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii jedhamu kan argisiisu akka taʼe yaadama ture. Haa taʼu malee, bara 1971tti Qaamni Ol Aanaan dhaabbata Waldaa Masaraa Eegumsaa fi daayireektaroota isaa irraa adda akka taʼee fi wantoota seeraa wajjin wal qabatan raawwachiisuuf qofa kan itti fayyadamu akka taʼe ibsamee ture. Kanaaf, yeroo sanaa kaasee Qaamni Ol Aanaan obboloota dibamoo dhaabbaticha keessatti daayireektaroota taʼan kan hin dabalanne akka taʼu godhame. Yeroo dhihoodhaa asitti immoo, obboloonni kutaa “hoolota kan biraa” taʼanii fi itti gaafatamummaa qaban dhaabata seera qabeessa taʼe kanaa fi dhaabbatawwan sabni Waaqayyoo itti fayyadamu kaan keessatti daayireektaroota taʼanii tajaajilaa jiru; kunis Qaamni Ol Aanaan nyaata hafuuraa qopheessuu fi qajeelfama kennuu irratti akka xiyyeeffatu isa dandeessiseera. (Yoh. 10:16; HoE. 6:4) Masaraan Eegumsaa Adoolessa 15, 2013, “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” garee xinnoo obboloota dibamoo Qaama Ol Aanaa taʼanii tajaajilan kan argisiisu taʼuu isaa ibseera.

Qaama ol aanaa, bara 1950mman keessa

11. Qaamni Ol Aanaan murtoo kan godhu akkamitti?

11 Miseensoonni Qaama Ol Aanaa gareedhaan taʼanii murtoo guguddaa godhu. Akkamitti? Miseensoonni Qaama Ol Aanaa torban torbaniin walgaʼii kan godhatan taʼuun isaanii, dhimmawwan adda addaa irratti akka mariʼatanii fi tokkummaa akka qabaatan isaan gargaara. (Fak. 20:18) Miseensi Qaama Ol Aanaa kam iyyuu isa kaan irra akka caalu waan isatti hin dhagaʼamneef, obboloonni walgaʼii sana irratti dura taaʼaa taʼanii tajaajilan waggaa waggaadhaan jijjiiramu. (1 Phe. 5:1) Koreewwan jaʼan Qaama Ol Aanaa jalatti argamanis haaluma kanaan hojjetu. Miseensonni qaama sanaa hundi akka geggeessitoota obboloota isaanii taʼanitti of hin ilaalan; kanaa mannaa akka miseensota “maatii” isaa garbicha amanamaa irraa nyaata hafuuraa argatuu fi qajeelfama inni kennuuf ajajamuutti of ilaalu.

Garbichi amanamaan bara 1919 itti muudamee jalqabee saba Waaqayyootiif nyaata hafuuraa qopheessaa jira (Keeyyata 10 fi 11 ilaali)

“GARBICHI AMANAMAANII FI OGEESSI . . . DHUGUMA EENYU?”

12. Qaamni Ol Aanaan mulʼata Waaqayyo irraa dhufuun kan hin geggeeffamne ykn dogoggora kan raawwatu taʼuun isaa gaaffii akkamii kaasa?

12 Qaamni Ol Aanaan mulʼata Waaqayyo irraa dhufuun kan geggeeffamu ykn dogoggora kan hin raawwanne miti. Kanaaf, dhimmawwan barumsa buʼuuraa wajjin wal qabatan irratti ykn qajeelfama jaarmiyichaaf kennu irratti dogoggoruu dandaʼa. Kitaabni Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jedhamu, mata duree “Hubannaa Haaraa Amantii Keenya Ilaalchisee Arganne” jedhuu fi sirreeffama hubannaa Kitaaba Qulqulluu qabnu irratti godhame tarreessu qabateera. Yesuus garbichi isaa inni amanamaan nyaata hafuuraa dogoggora hin qabne akka nuuf dhiheessu akka hin dubbanne beekamaa dha. Maarree gaaffii Yesuus, “Garbichi amanamaanii fi ogeessi . . . dhuguma eenyu?” jedhee gaafate deebisuu kan dandeenyu akkamitti? (Mat. 24:45) Qaamni Ol Aanaan hojii kana raawwachaa akka jiru ragaan argisiisu maali dha? Mee wantoota sadan qaama ol aanaa jaarraa jalqabaatti ture geggeessaa turan irratti haa mariʼannu.

13. Hafuurri qulqulluun Qaama Ol Aanaa kan gargaare akkamitti?

13 Ragaa hafuurri qulqulluun akka isa gargaare argisiisu. Hafuurri qulqulluun Qaamni Ol Aanaan dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu kanaan dura hin hubanne akka hubatu isa gargaareera. Fakkeenyaaf, mee waaʼee hubannaa haaraa wantoota itti amannu irratti argannee fi keeyyata kana dura irra jiru irratti caqasamee yaadaa. Namni kam iyyuu “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo” kana argachuu fi ibsuu isaatiin galateeffamuu hin qabu! (1 Qorontos 2:10 dubbisi.) Qaamni Ol Aanaan akkuma Phaawulos ergamaan jedhee barreesse isatti dhagaʼama: “Wantoota kana kan dubbannu jechoota ogummaa namootaa irraa baranneen miti; kanaa mannaa, dhimmoota hafuuraa . . . dubbii hafuura irraa baranneen dubbanna.” (1 Qor. 2:13) Gantummaa fi dukkana hafuuraa jaarraawwan hedduudhaaf ture booda, bara 1919 kaasee hubannaa hafuuraa saffisaan dabalaa deemu ibsuu kan dandaʼu hafuura qulqulluu malee eenyu taʼuu dandaʼa?

14. Akkuma Mulʼata 14:6, 7 irratti ibsametti, yeroo ammaatti maleekonni saba Waaqayyoo gargaaraa kan jiran akkamitti?

14 Ragaa maleekonni akka isa gargaaran argisiisu. Qaamni Ol Aanaan yeroo ammaa jiru, hojii lallabaa addunyaa maratti labsitoonni Wangeelaa miliyoona saddeetii ol taʼan irratti hirmaachaa jiran toʼachuudhaan hojii guddaa hojjechaa jira. Hojiin kun milkaaʼina guddaa argachuu kan dandaʼe akkamitti? Sababiin inni tokko gargaarsi maleekotaa waan jiruufi dha. (Mulʼata 14:6, 7 dubbisi.) Yeroo baayʼee babalʼistoonni namoota gargaarsa argachuuf kadhachaa turan bira dhaqu! * Biyyoota tokko tokkotti mormiin cimaan jiraatus, addunyaa maratti hojii lallabaa fi barattoota gochuu irratti guddinni argamuu kan dandaʼe gargaarsa maleekota irraa argamuun qofa akka taʼe beekamaa dha.

15. Garaa garummaan Qaama Ol Aanaa fi geggeessitoota Saba Kiristiyaanaa gidduu jiru maali dha? Fakkeenya kenni.

15 Dubbii Waaqayyootti amanamuu. (Yohaannis 17:17 dubbisi.) Mee wanta bara 1973tti raawwatamee ture hubadhaa. Masaraan Eegumsaa Waxabajjii 1 gaaffii, “Namoonni araada tamboo irraa walaba hin taane cuuphamuuf gaʼumsa qabaachuu dandaʼuu?” jedhu gaafatee ture. Deebiin isaa, “Ragaan Kitaaba Qulqulluu irra jiru akka argisiisutti, namoonni akkasii cuuphamuu hin dandaʼan” kan jedhu ture. Masaraan Eegumsaa sun caqasawwan kanaa wajjin wal qabatan hedduu erga caqasee booda, sababii namoonni yaada garaa hin geddarannee fi tamboo xuuxuu isaanii itti fufan gumiitii baafamuu itti qaban ibseera. (1 Qor. 5:7; 2 Qor. 7:1) Akkana jedheera: “Kun murtoo utuu itti hin yaadamin gara jabinaan godhamu miti. Maddi qajeelfama kanaa Waaqa isa yaanni isaa barreeffamaan Dubbii isaa keessatti akka barreeffamu godhe dha.” Dhaabbanni amantii miseensota isaa tokko tokkotti gaaffii kan uumu yoo taʼe illee, guutummaatti Dubbii Waaqayyoo hordofuuf fedhii qabu jiraa? Kitaabni dhiheenya kana dhaabbilee amantii Yunaayitid Isteetis keessatti argaman ilaalchisee baʼe tokko akkana jedheera: “Geggeessitoonni amantii Kiristiyaanaa, barumsaa fi ilaalcha miseensota isaanii fi hawwaasa balʼaa biratti fudhatama akka qabaatu gochuuf barumsa isaanii irratti yeroo yeroodhaan sirreeffama gochuu qabu.” Qaamni Ol Aanaan garuu, wanta namoonni hedduun jaallataniin hin geggeeffamu. Kanaa mannaa, miseensonni Qaama Ol Aanaa Dubbii Waaqayyootiin geggeeffamu; kun immoo saba isaa yeroo ammaatti jiru dhugumaan geggeessaa kan jiru Yihowaa akka taʼe mirkaneessa.

“WARRA ISIN GIDDUUTTI GEGGEESSITOOTA TAʼAN . . . YAADADHAA”

16. Karaan Qaama Ol Aanaa itti yaadannu keessaa tokko isa kami?

16 Ibroota 13:7 dubbisi. Jechi “yaadadhaa” jedhu “caqasaa” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Kanaaf, karaan Qaama Ol Aanaa ‘warra geggeessitoota taʼan yaadachuu’ itti dandeessan keessaa tokko, kadhannaa keessaan keessatti waaʼee isaanii caqasuu dha. (Efe. 6:18) Itti gaafatamummaa nyaata hafuuraa dhiheessuuf, hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamu toʼachuu fi qarshiin buusii godhame sirriitti faayidaa irra akka oolu gochuuf qaban irratti yaadaa. Dhuguma iyyuu utuu wal irraa hin kutin waaʼee isaanii kadhannaa cimaa akka dhiheessinu barbaadu!

17, 18. (a) Qaama Ol Aanaa deggeruu kan dandeenyu akkamitti? (b) Hojii lallabaa irratti hirmaachuudhaan garbicha amanamaa fi Yesuusiin deggeruu kan dandeenyu akkamitti?

17 Qaama Ol Aanaa yaadachuu jechuun jechaan qofa utuu hin taʼin, qajeelfama inni nuu kennuuf ajajamuus kan dabalatu dha. Qaamni Ol Aanaan qajeelfamoota karaa barreeffamootaa, walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa nuuf kennaman qopheessa. Kana malees, daawwattoota ol aanaa aanaa kan muudu siʼa taʼu, isaan immoo jaarsolii gumii muudu. Daawwattoonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin qajeelfama Qaamni Ol Aanaan isaaniif kennu cimsanii hordofuudhaan akka isa yaadatan argisiisu. Hundi keenya iyyuu namoota inni nu geggeessuuf itti fayyadamuuf ajajamuu fi bitamuudhaan Yesuus isa Geggeessaa keenya taʼeef ulfina akka kenninu argisiisna.—Ibr. 13:17.

18 Karaa kan biraan Qaama Ol Aanaa itti yaadannu, hojii lallabaa irratti hirmaachuuf carraaqqii cimaa gochuu dha. Kana malees, Phaawulos Kiristiyaanonni amantii warra isaan gidduutti geggeessitoota taʼanii akka hordofan isaan gorseera. Garbichi amanamaan misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan babalʼisuudhaan amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Ati hoo hojii barbaachisaa taʼe kana irratti dibamtoota gargaaraa jirtaa? Taanaan yommuu Geggeessaan kee akkana siin jedhu akka gammaddu beekamaa dha: “Wanti obboloota koo warra hundumaa irra xinnaatan kana keessaa isa tokkoof gootan, akka anaaf gootanitti lakkaaʼama.”—Mat. 25:34-40.

19. Yesuus isa Geggeessaa keenya taʼe hordofuuf kan murteessite maaliifi?

19 Yesuus yeroo gara samiitti deebiʼetti illee duuka buutota isaa hin dhiisne. (Mat. 28:20) Yommuu lafa irra turetti hafuurri qulqulluun, maleekonnii fi Dubbiin Waaqayyoo geggeessuuf hangam akka isa gargaaran hubatee ture. Kanaaf, garbicha amanamaa yeroo ammaa jirus haaluma kanaan gargaara. Miseensonni garbicha sanaa Kiristiyaanota dibamoo waan taʼaniif, “bakka Hoolichi dhaqu hundatti isa duukaa [buʼu].” (Mul. 14:4) Kanaafuu, qajeelfama isaan nuuf kennan yommuu hordofnu, Yesuus isa geggeessaa keenya taʼe hordofaa jirra jechuu dha. Yeroo dhihootti immoo, gara jireenya bara baraatti nu geessa. (Mul. 7:14-17) Geggeessaan namootaa kam iyyuu waadaa akkasii galuu hin dandaʼu!

^ KEY. 3 Kaayyoon Yihowaa ergamoonni 12n, gara fuulduraatti Yerusaalem Haaraadhaaf “dhagaa buʼuuraa 12” akka taʼaniif akka ture beekamaa dha. (Mul. 21:14) Kanaaf, ergamaa yeroo booda jireenya isaa isa lafa irraa amanamummaadhaan xumure kam iyyuu bakka buusuun hin barbaachisne.

^ KEY. 8 Bara 1955 kaasee, dhaabbanni sun Waldaa Masaraa Eegumsaa Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktii Pensilvaaniyaa jedhameera.

^ KEY. 14 Kitaaba Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’ jedhamu ful. 58-59 ilaali. (Amaariffa)