Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelchitoonni Joorji Roolistanii fi Aartar Wiilis jedhaman raadiyaatarii konkolaataa isaaniitti bishaan guutaa jiru.—Noorzarni Tariitoorii, bara 1933

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Karaan Gar Malee Rakkisaa taʼe ykn Gar Malee Dheeraa Taʼe hin Jiru”

“Karaan Gar Malee Rakkisaa taʼe ykn Gar Malee Dheeraa Taʼe hin Jiru”

BITOOTESSA 26, 1937tti namoonni karaa dheeraa deemanii dadhaban lama konkolaataa isaanii isa awwaaraan uwwifame suuta jedhanii Siidnii Awustiraaliyaa keessa oofaa turan. Waggaa tokko dura magaalaa sana gadhiisanii erga baʼanii, naannoowwan baayʼee fagoo taʼanii fi daandiiwwan rakkisoo ardii kanaa irra kiilomeetira 19,300 ol deemaniiru. Namoonni kun abuurtota ykn gootota hin turre. Obboloonni Aartar Wiilisii fi Biil Niiwulaandis jedhaman kun, qajeelchitoota hinaaffaa qabanii fi misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo baadiyyaa Awustiraaliyaa keessatti babalʼisuuf carraaqan keessaa lama turan.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu * muraasa taʼan, hanga dhuma waggoottan 1920mmaniitti, yeroo baayʼee mandarootaa fi magaalota Awustiraaliyaa qarqara galaanaatti argaman keessatti ykn naannoo isaaniitti lallabaa turaniiru. Ardii kana keessa namoonni faffacaʼanii kan jiraatan siʼa taʼu, gammoojjiin isaas balʼina Itoophiyaa harka shan caala. Haa taʼu malee, obboloonni kun duuka buutonni Yesuus naannoowwan fagoo Awustiraaliyaa keessatti argaman dabalatee “hanga andaara lafaatti” waaʼee Yesuus guutummaatti lallabuu akka qaban hubatanii turan. (HoE. 1:8) Haa taʼu malee, hojii guddaa kana hojjechuu kan dandaʼan akkamitti? Yihowaan akka isaan eebbisu amantii guutuu qabaachuudhaan, waan isaaniif dandaʼame hunda gochuuf kutatanii turan.

QAJEELCHITOONNI HOJII LALLABAA JALQABAN

Bara 1929tti, gumiiwwan Kuwiinsilaandii fi Dhiha Awustiraaliyaa keessatti argaman, naannoowwan tajaajilaa isaanii waliin gaʼuuf konkolaataawwan gaggaarii muraasa qopheessanii turan. Konkolaataawwan kana kan oofan qajeelchitoota ciccimoo haala rakkisaa damdamachuu dandaʼanii fi konkolaatichi yeroo cabu suphuu dandaʼan turan. Qajeelchitoonni kun gara iddoowwan hedduu kanaan dura matumaa itti hin lallabamne deemaniiru.

Qajeelchitoonni Konkolaataa bitachuu hin dandeenye immoo biskileetiidhaan gara baadiyyaa deemu turan. Fakkeenyaaf, Bara 1932tti, Beenat Briikal inni umuriin isaa waggaa 23 ture, Rookhaampitan, Kuwiinsilaandi irraa kaʼee naannoowwan fagoo kaaba biyyichaatti argaman keessa naannaʼuudhaan gara jiʼoota shaniif tajaajilee ture. Biskileetii isaa kana irratti uffata qorraa, uffata, nyaataa fi kitaabota baayʼee feʼatee ture. Yeroo gommaan biskileetii isaa dhumetti illee, Yihowaan akka isa qajeelchu amanuudhaan deemsa isaa itti fufeera. Yeroo deemsa isaa kana xumuruuf jedhutti, biskileetii isaa kana kiilomeetira 320 naannoowwan namoonni kanaan dura dheebuu bishaaniitiin keessatti dhuman keessa dhiibeera. Obboleessi keenya Briikal waggoottan 30 itti aanan keessatti Awustiraaliyaa keessa kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu biskileetii, doqdoqqee fi konkolaataadhaan waliin gaʼeera. Qubattoota baadiyyaa Awustiraaliyaa keessatti argamanitti yeroo jalqabaatiif kan dhugaa baʼe siʼa taʼu, gumiiwwan haaraa hundeessuu irratti gargaarsa godheera; kanaan kan kaʼes, naannoo sanatti kan beekamuu fi kan kabajamu taʼeera.

RAKKOOWWAN DAMDAMACHUU

Awustiraaliyaan biyyoota uummanni faffacaʼee keessa jiraatu keessaa tokko dha; keessumaa immoo naannoo baadiyyaatti namoonni baayʼee wal irraa fagaatanii jiraatu. Taʼus, sabni Yihowaa namoota naannoo fagoo ardii kanaa keessatti argamaniif lallabuuf kutannoo akka qaban argisiisaniiru.

Qajeelchitoonni Istuwaarti Keeltii fi Wiiliyaam Tooriingitan jedhaman kutannoo akkanaa akka qaban argisiisaniiru. Bara 1933tti, magaalaa Aaliis Ispiriingis jedhamtuu fi handhuura ardii kanaatti argamtutti dhugaa baʼuuf gammoojjii Siimpisan isa awwaaraan uwwifame keessa qaxxaamuraniiru. Konkolaataan isaanii cabee yeroo hojiidhaa ala taʼetti, obboleessi keenya Keelti inni miilla namtolchee fayyadamu gaalatti fayyadamee deemsa isaa itti fufeera! Carraaqqiin qajeelchitoota kanaa yeroo isaan magaalaa Wiiliyaam Kiriik jedhamutti naannoo baaburri dhaabatu tokkotti abbaa hoteelaa tokko argatanitti buʼaa gaarii argamsiiseera. Abbaa hoteelichaa kan taʼe Chaarlis Bernihaardit yeroo booda dhugaa kan fudhate siʼa taʼu, hoteela isaa gurguree naannoowwan Awustiraaliyaa gammoojjii taʼanii fi baayʼee fagoo taʼan keessatti kophaa isa waggaa 15f qajeelchaa taʼee tajaajileera.

Aartar Wiilis naannoo fagoo baadiyyaa Awustiraaliyaatti argamutti dhugaa baʼuuf qophaaʼaa jira. —Perzi, Dhiha Awustiraaliyaa, bara 1936

Qajeelchitoonni duraanii kun, rakkoowwan hedduu isaan mudatan damdamachuuf jajjabinnii fi ciminni isaan barbaachisee akka ture hin shakkisiisu. Yeroo tokko Aartar Wiilisii fi Biil Niiwulaandis warri seensa irratti caqasaman naannoo baadiyyaa Awustiraaliyaa keessa utuma tajaajilanii, roobni cimaan naannoon sun garmalee akka dhoqqaaʼu waan taasiseef kiilomeetira 32 deemuuf gara torban lamaa isaanitti fudhatee ture. Darbee darbee baayʼee dafqaa, akkasumas hoʼa cimaa keessa daandii cirrachaa, sululawwanii fi lageen cirrachaan guutan keessa konkolaataa isaanii dhiibu turan. Yeroo baayʼee konkolaataan isaanii ni caba ture; yeroo kanatti, miillaan ykn biskileetiidhaan guyyoota hedduu deemanii magaalaa isaanitti dhihoo jiru dhaquudhaan miʼi bakka buʼu hamma isaanii dhufutti torban hedduudhaaf eegu turan. Haala rakkisaa kana keessatti illee ilaalcha gaarii qabu turan. Aartar Wiilis yeroo booda yaada Za Gooldan Eej irratti baʼe tokko irraa fudhachuudhaan, “Dhugaa Baatota isaatiif karaan gar malee rakkisaa taʼe ykn gar malee dheeraa taʼe hin jiru” jedhee ture.

Qajeelchaan yeroo dheeraadhaaf tajaajilee fi Chaarlis Haariis jedhamu kophummaanis taʼe rakkinni baadiyyaa kana keessatti isa mudate, caalaatti Yihowaatti akka isa dhiheesse ibsee ture. Akkana jedheera: “Hamma dandaʼametti jireenya salphaa jiraachuun gaarii dha. Yesuus illee yeroo barbaachisaa taʼetti halkan ala buluuf fedhii qabaateera erga taʼee, nutis hojiin nuuf kenname kan nu dirqisiisu taanaan gammachuudhaan kana gochuu qabna.” Qajeelchitoonni hedduunis akkana godhaniiru. Carraaqqii isaanii kanaan kan kaʼe misiraachichi qarqara ardichaa hunda keessatti babalʼachuu dandaʼeera; namoonni hedduun Mootummaa Waaqayyoo akka deggeranis gargaaraniiru.

^ KEY. 4 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu kan argatan bara 1931tti ture.—Isa. 43:10.