Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Wanta Wareegde Raawwadhu”

“Wanta Wareegde Raawwadhu”

“Waadaa Yihowaadhaaf galte raawwadhu.”—MAT. 5:33.

FAARFANNAA: 124, 51

1. (a) Wanti Yiftaa isa Abbaa Firdii taʼee fi Haannaa wal fakkeessu maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana irratti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

INNI geggeessaa cimaa ture; ishiin haadha manaa abbaa manaa ishiitiif bitamtu turte. Inni loltuu ija jabeessa ture; ishiin haadha manaa gad of qabduu fi mana ishiis taʼe maatii ishii akka gaariitti kunuunsitu turte. Abbaa Firdii kan taʼe Yiftaanii fi Haannaa ishiin haadha manaa Elqaanaa taate Waaqa tokko kan waaqeffatan taʼuu isaanii malees, wanti wal isaan fakkeessu maal taʼuu dandaʼa? Lamaanuu Waaqayyoof waadaa galanii turan; waadaa galanis amanamummaadhaan raawwataniiru. Dhiirotaa fi dubartoota yeroo harʼaatti Yihowaadhaaf waadaa galuu filataniif fakkeenya gaarii taʼu. Haa taʼu malee, gaaffiiwwan guguddaan akkanaa ni kaʼu: Waadaa galuu jechuun maal jechuu dha? Waadaan Waaqayyoof galamu akka laayyootti ilaalamuu kan hin qabne maaliifi? Yiftaa fi Haannaa irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

2, 3. (a) Waadaa galuu jechuun maal jechuu dha? (b) Waaqayyoof waadaa galuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

2 Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, wareegni waadaa cimaa Waaqayyoof galamu dha. Namni tokko wanta tokko gochuuf, kennaa tokko kennuuf, tajaajila taʼe tokko jalqabuuf ykn wantoota tokko tokko irraa of qusachuuf waadaa galuu isaa argisiisa. Namni tokko waadaa kan galu fedhii isaatiin, jechuunis jaalalaan kakaʼee ti. Namni kam iyyuu dirqamaan waadaa akka galu hin taasifamu. Haa taʼu malee, namni tokko waadaa yoo gale, Yihowaan waadaa gale akka raawwatu isa irraa eega. Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galuun akkuma kakaa iddoo guddaa kan qabu dha. Kakaan wanta namni tokko raawwachuuf ykn raawwachuu dhiisuuf kakatu dha. (Uma. 14:22, 23; Ibr. 6:16, 17) Kitaabni Qulqulluun waadaan Waaqayyoof galamu wanta bakki guddaan kennamuuf taʼuu isaa ilaalchisee maal jedha?

3 Seerri Musee akkana jedha: “Namni Waaqayyoof waa yoo wareege yookiis kakaa tokko kakate, wanta isa giddisiisutti yoo of galche akkuma wanta afaan isaa keessaa baʼe sana hundumaatti haa hojjetu, sagalee isaa hin geddarin!” (Lak. 30:2) Yeroo booda immoo Solomoon hafuuraan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan taʼeef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin taʼin wanta wareegde raawwadhu!” (Lal. 5:4) Yesuusis waadaa galuun hangam cimaa akka taʼe yommuu dubbatu akkana jedheera: “Namoota bara durii turaniin, ‘Waadaa Yihowaadhaaf galte raawwadhu malee, waadaa galte raawwachuu hin dhiisin’ [jedhameera].”—Mat. 5:33.

4. (a) Waaqayyoof waadaa galuun hangam cimaa dha? (b) Yiftaa fi Hannaa irraa maal baranna?

4 Kanaaf, Waaqayyoof waadaa galuun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Akkaataan itti waadaa galle raawwannu, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu kan tuqu dha. Daawit akkana jechuudhaan barreesseera: “Gara tulluu Waaqayyootti ol baʼuun kan taʼuuf eenyu? Iddoo isaa isa qulqullaaʼaa keessas dhaabachuun kan taʼuuf eenyu? Isa jireenya kootiin [“Yihowaatiin,” milj.] sobaan hin kakanne, isa gowwoomsaadhaan hin kakanne dhas.” (Far. 24:3; 24:4, NW) Yiftaa fi Haannaan waadaa akkamii galanii turan? Waadaa galan raawwachuun salphaa isaaniif taʼee turee?

WAADAA WAAQAYYOOF GALAN AMANAMUMMAADHAAN RAAWWATANIIRU

5. Yiftaan maal waadaa gale? Wanti uumame hoo maali dha?

5 Yiftaan yommuu Amoonota warra saba Waaqayyoo doorsisan loluu dhaqetti waadaa Yihowaadhaaf galee ture amanamummaadhaan raawwateera. (Abo. 10:7-9) Yiftaan injifannoo argachuuf fedhii guddaa kan qabu waan tureef akkana jedhee waadaa gale: “Ati dhugumaan warra Amoon kana harka koo keessa yoo buufte, ani immoo yeroon nagaadhaan achii deebiʼee dhufu, waanuma duraan dursee ana simachuudhaaf balbala mana koo keessaa gad baʼu siif nan kenna.” Achii hoo maaltu uumame? Amoononni ni injifataman; yommuu inni injifatee deebiʼu isa simachuuf kan baate intala Yiftaa ishii jaallatamtuu turte. Intalli isaa Yihowaadhaaf ‘kennamuuf’ jetti. (Abo. 11:30-34) Kun ishii irratti jijjiirama akkamii fida?

6. (a) Yiftaa fi intala isaatiif waadaa Waaqayyoof galan raawwachuun salphaa turee? (b) Keessa Deebiin 23:21, 23 fi Faarfannaan 15:4 irraa Waaqayyoof waadaa galuu ilaalchisee maal baranna?

6 Intalli Yiftaa waadaa abbaan ishii gale raawwachuuf godoo qulqullaaʼaa isaa keessatti yeroo ishii guutuu Yihowaa tajaajiluu qabdi turte. Yiftaan utuu itti hin yaadin waadaa galee? Lakki, sababiin isaas namoota mana isaatii isa simachuuf baʼan keessaa intalli isaas tokko taʼuu akka dandeessu akka gaariitti beeka ture. Taʼus, haalli kun abbaadhaafis taʼe intalaaf karaa miiraatiin ulfaataa ture, jechuunis aarsaa guddaa isaan gaafata ture. Yiftaan yommuu ishii argu “uffata isaa tarsaase,” akkasumas baayʼee akka gadde dubbate. Intalli isaas “durbummaa isheetiin karaadhaa deebiʼuu isheetiif in boosse.” Maaliif? Yiftaan ilma hin qabu ture; intalli isaa ishii tokkittiin kun sana booda matumaa heerumuu fi ijoollee gochuu hin dandeessu turte. Kana malees, maqaanii fi dhaalli maatichaa akka itti fufu gochuun hin dandaʼamu. Haa taʼu malee, kun wanta bakki guddaan kennamuuf hin turre. Yiftaan, “Ani Waaqayyo duratti afaan kootiin waanan dubbadhe qaba; isa dhiisuus hin dandaʼu” jedhe. Intalli isaas deebistee, “Akkuma dubbii keetiitti ana irratti raawwadhu!” jetteen. (Abo. 11:35-39) Namoonni kun waadaan isaan galan aarsaa kan isaan kaffalchiisu taʼu illee, waadaa Waaqayyo Isa Hundumaa Gararraa jiruuf galan amanamummaadhaan raawwataniiru.—Keessa Deebii 23:21, 23; Faarfannaa 15:4 dubbisi.

7. (a) Haannaan waadaa akkamii galte? Maaliif? Kun hoo buʼaa akkamii ishiidhaaf argamsiise? (b) Waadaan Haannaan galte Saamuʼel irratti jijjiirama akkamii kan fidu ture? (Miiljalee ilaali.)

7 Haannaanis namoota waadaa Yihowaadhaaf galan amanamummaadhaan raawwatan keessaa tokko turte. Waadaa kan galte dhala godhachuu kan hin dandeenye taʼuu ishiitiin gadda cimaa keessa yommuu turtettii fi yommuu walitti aansuudhaan ishiitti gaʼisamaa turtetti dha. (1 Sam. 1:4-7, 10, 16) Haannaan wanta garaa ishii keessa jiru Waaqayyo duratti dhangalaasuudhaan akkana jettee waadaa galte: “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, rakkina ana garbittii keetii ilaaltee yoo na yaadatte, yoo na irraanfachuu dhaabaatte, mucaa ilmaas yoo anaaf kennite, ani immoo mucicha guutummaa bara jireenya isaatiitti siif nan kenna; qarabaanis mataa isaa irra hin gaʼu.” * (1 Sam. 1:11) Kadhannaan Haannaan dhiheessite deebii kan argate siʼa taʼu, ilma ishii isa jalqabaa godhatte. Kunis baayʼee ishii gammachiiseera! Taʼus, waadaa Waaqayyoof galte hin irraanfanne. Yommuu ilma ishii godhattu, “Isa argachuuf ani Waaqayyoon kadhadheera” jette.—1 Sam. 1:20.

8. (a) Waadaa galte raawwachuun Haannaadhaaf salphaa turee? (b) Wanti Daawit Faarfannaa 61 irratti dubbate fakkeenya Haannaa kan si yaadachiisu akkamitti?

8 Akkuma Saamuʼel harma guʼeen, jechuunis umuriin isaa gara waggaa sadii yommuu taʼu, Haannaan akkuma Waaqayyoof waadaa galte goote. Matumaa waadaa galte raawwachuu dhiisuu hin yaanne. Saamuʼeliin gara Elii isa luba Ol Aanaa taʼee fi godoo qulqullaaʼaa isa Shiiloo jiru keessa tajaajilutti isa geessuudhaan, “Ani mucaa argachuudhaaf isa kadhadheen ture, innis waanan isa kadhadhe anaaf in kenne. Kanaaf ani immoo mucicha galchii godhee Waaqayyoof nan kenna; innis guutummaa bara jireenya isaatiitti Waaqayyoof in kennama” jette. (1 Sam. 1:24-28) Achitti, “Saamuʼel mucichis Yihowaa duratti guddachaa deeme.” (1 Sam. 2:21, NW) Haa taʼu malee, kun Haannaa irratti jijjiirama akkamii fida? Ilma ishii isa xinnoo kana baayʼee kan jaallatu taʼu illee, yeroo ijoollummaa isaa kanatti yeroo hunda isaa wajjin taʼuu hin dandeessu turte. Akkuma haati gaariin tokko yeroo mucaa ishii guddistu gochuu barbaaddu isa hammachuuf, isaa wajjin taphachuu fi isa kunuunsuuf hangam akka hawwitu tilmaamuu dandeessu. Taʼus, Haannaan waadaa Waaqayyoof galte raawwachuu ishiitiin matumaa hin gaabbine. Garaan ishii Yihowaatti gammadeera.—1 Sam. 2:1, 2; Faarfannaa 61:1, 5, 8 dubbisi.

Waadaa Yihowaadhaaf galte raawwachaa jirtaa?

9. Kanatti aansuudhaan maal irratti mariʼanna?

9 Waaqayyoof waadaa galuun hangam cimaa akka taʼe hubachuuf mee gaaffiiwwan kana haa ilaallu: Waadaawwan Kiristiyaanonni galan tokko tokko kamfaʼi? Waadaa galle eeguuf murtoo gochuu kan qabnu akkamitti?

WAADAA OF MURTEESSUUF GALTE

Waadaa of murteessuuf galte (Keeyyata 10 ilaali)

10. Waadaa Kiristiyaanni tokko galu keessaa inni hunda irra caalu isa kami? Kun hoo maal dabalata?

10 Waadaa Kiristiyaanni tokko galu keessaa inni hunda irra caalu, waadaa Yihowaadhaaf of murteessuuf galu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Kadhannaa dhuunfaatti godhuun, aarsaa kan isa kaffalchiisu taʼu illee jireenya isaa bara baraaf Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuuf waadaa waan galuufi dha. Akkuma Yesuus dubbate, mirga qabu hunda dhiisuudhaan ‘of gana,’ akkasumas jireenya isaa keessatti wanta hunda dura jaalala Waaqayyootiif dursa kennuuf waadaa gala. (Mat. 16:24) Guyyaa sanaa jalqabee, ‘kan Yihowaa’ taʼa. (Rom. 14:8) Namni of murteessuuf waadaa galu hundi akkuma faarfatichi waadaa Waaqayyoof gale ilaalchisee dubbate, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu qaba. Akkana jedheera: “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa? Fuula saba isaa hundumaa duratti immoo, ani wareega koo Waaqayyoof nan baasa.”—Far. 116:12, 14.

11. Guyyaan ati itti cuuphamte maal argisiisa?

11 Ati hoo jireenya kee Yihowaadhaaf akka murteessite bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisteettaa? Taanaan kun baayʼee gaarii dha! Guyyaa cuuphamte sana namoota duratti jireenya kee Yihowaadhaaf akka murteessitee fi ‘of murteessuu fi cuuphamuun kee, Dhugaa Baatota Yihowaa warra jaarmiyaa Waaqayyoo isa hafuuraan geggeeffamu keessa jiran keessaa tokko akka si taasisu’ hubachuu kee gaafatamtee akka turte yaadadhu. Deebiin namoota duratti eeyyee jechuudhaan deebiste guutummaatti akka of murteessitee fi tajaajilaa Yihowaa taatee muudamuuf gaʼumsa akka qabdu argisiisa. Akkana gochuu keetiin Yihowaa gammachiistee akka turte beekamaa dha!

12. (a) Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna? (b) Pheexiros amalawwan akkamii akka horannu nu jajjabeesse?

12 Haa taʼu malee, cuuphaan tarkaanfii jalqabaa qofa dha. Yeroo sanaa kaasee, murtoo tajaajila Waaqayyoo keessatti goonee wajjin haala wal simuun jiraachuu keenya itti fufuu barbaanna. Kanaaf akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Ergan cuuphamee kaasee hariiroon Yihowaa wajjin qabu guddachaa kan adeeme akkamitti? Garaa koo guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu koo itti fufeeraa? (Qol. 3:23) Yeroo hunda nan kadhadhaa? Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti nan dubbisaa? Walgaʼiiwwan gumii irratti yeroo hunda nan argamaa? Hamma naaf dandaʼame hoo tajaajila irratti nan hirmaadhaa? Moo hirmaannaan sochiiwwan hafuuraa kana irratti godhu hirʼateera?’ Pheexiros ergamaan, amantii keenya irratti beekumsa, jabaatanii dhaabachuu fi Waaqayyoof buluu kan daballu yoo taʼe, sochii tajaajila irratti goonu akka hin hirʼisne akka nu gargaaru dubbateera.—2 Pheexiros 1:5-8 dubbisi.

13. Kiristiyaanni of murteessee cuuphame tokko maal hubachuu qaba?

13 Waadaa of murteessuudhaan Waaqayyoof galle matumaa duubatti deebisuu hin dandeenyu. Namni tokko Yihowaa tajaajiluuf ykn akka Kiristiyaana tokkootti jiraachuuf carraaqaa kan jiru yoo taʼe, Waaqayyoof akka of hin murteessinee fi cuuphaan isaa gatii akka hin qabne matumaa dubbachuu hin dandaʼu. * Yaanni isaa fi kaayyoon isaa hundi, nama guutummaatti Waaqayyoof of murteesse taʼuu isaa argisiisa. Cubbuu cimaa akkamii iyyuu yoo hojjete Yihowaa durattis taʼe gumii keessatti itti gaafatama. (Rom. 14:12) “Jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” jedhamuu matumaa hin barbaannu. Kanaa mannaa, Yesuus akkana akka nuun jedhu barbaanna: “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, tajaajila kee fi jabaattee dhaabachuu kee, akkasumas hojiin kee inni boodaa isa dura hojjette irra akka caalu beeka.” (Mul. 2:4, 19) Yihowaa gammachiisuuf, waadaa Yihowaadhaaf of murteessuuf gallee wajjin guutummaatti haala wal simuun jiraachuu keenya itti haa fufnu.

WAADAA YEROO GAAʼELA GODHATTETTI GALTE

Waadaa gaaʼelaa (Keeyyata 14 ilaali)

14. Waadaan iddoo guddaa qabuu fi namni tokko galu inni lammaffaan isa kami dha? Akkas kan jennu hoo maaliifi?

14 Waadaa iddoo guddaa qabuu fi namni tokko galu inni lammaffaan immoo waadaa gaaʼelaa ti. Akkas kan jennu maaliifi? Gaaʼelli qulqulluu waan taʼeefi. Misirroonni lamaanuu Waaqayyoo fi namoota isaan ilaalan duratti waadaa gaaʼelaa waliif galu. Lamaan isaanii iyyuu sirna gaaʼelaa Waaqayyo baase jalatti lafa kana irra hamma waliin jiraatanitti’ wal jaallachuuf, wal kunuunsuu fi wal kabajuuf waadaa galu. Tarii warri tokko tokko immoo kallattiidhaan akkana jedhanii dubbachuu baatanis, Waaqayyo duratti waadaa galaniiru. Yeroo sanaa kaasee haadha manaa fi abbaa manaa taʼuudhaan, jireenya isaanii guutuu waliin jiraatu. (Uma. 2:24; 1 Qor. 7:39) Yesuus, “Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasiin” yommuu jedhu, haati manaas taate abbaan manaa ykn namni kan biraan gargar hin baasin jechuu isaa ture. Kanaaf, hiriyoonni gaaʼelaa wal hiikuu akka filannootti yaadatti qabatanii gara gaaʼelaatti hin seenan.—Mar. 10:9.

15. Kiristiyaanonni ilaalcha dogoggoraa addunyaan kun gaaʼelaaf qabu irraa fagaachuu kan qaban maaliifi?

15 Gaaʼelli mudaa hin qabne matumaa akka hin jirre beekamaa dha. Gaaʼelli namoota mudaa qaban lamaan hundeeffama. Kitaabni Qulqulluun namoonni gaaʼela godhatan al tokko tokko, ‘rakkina akka ofitti fidan’ kan dubbatu kanaafi. (1 Qor. 7:28) Namoonni hedduun akkuma addunyaa kanaa, gaaʼelaaf ilaalcha dogoggoraa kan qaban taʼuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. Gaaʼela isaanii keessatti rakkinni yommuu uumamutti, hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhiisanii deemuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Kiristiyaanonni garuu gaaʼelaaf ilaalcha akkasii hin qaban. Waadaa gaaʼelaa cabsuun akkuma Waaqayyoon sobuutti ilaalama; Waaqni immoo soba ni jibba! (Lew. 19:12; Fak. 6:16-19) Phaawulos ergamaan, “Haadha manaatti hidhamteettaa? Hiikamuuf yaalii gochuu dhiisi” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 7:27) Phaawulos kana kan jedhe Yihowaan haxxummaadhaan hiriyaa gaaʼelaa hiikuu akka jibbu waan beekuufi dha.—Mil. 2:13-16.

16. Kitaabni Qulqulluun wal hiikuu fi gargar baʼuu ilaalchisee maal jedha?

16 Yesuus waadaa gaaʼelaa cabsuuf sababiin Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe, hiriyaan gaaʼelaa balleessaa hin qabne, hiriyaa gaaʼelaa ejja raawwateef dhiifama gochuu dhiisuu yoo filate qofa akka taʼe barsiiseera. (Mat. 19:9; Ibr. 13:4) Waaʼee hiriyaa gaaʼelaa irraa gargar baʼuu hoo maal jechuutu dandaʼama? Kana ilaalchisees Kitaabni Qulqulluun qajeelfama ifa taʼe kenna. (1 Qorontos 7:10, 11 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun wantoota gargar baʼuuf sababa taʼan hin ibsu. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni tokko tokko haalawwan tokko tokko irratti hundaaʼanii, jechuunis hiriyaa gaaʼelaa miidhaa geessisu ykn Yihowaa dhiisee wajjin jiraachuun jireenya isaaniis taʼe hariiroo Yihowaa wajjin qaban balaa guddaadhaaf kan saaxilu yoo taʼe gargar baʼuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. *

17. Kiristiyaanonni gaaʼelli isaanii jireenya isaanii guutuu akka itti fufu gochuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Babalʼistoonni gara jaarsolii dhaqanii rakkina gaaʼela isaanii keessatti isaan mudate ilaalchisee yommuu gorsa gaafatan, jaarsoliin hiriyoonni gaaʼelaa kun dhiheenyatti viidiyoo Jaalalli Dhugaan Maali Dha? (Ingiliffa) jedhamu ilaaluu isaanii fi birooshura Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa jedhamu waliin qoʼachuu isaanii isaan gaafachuun isaanii gaarii dha. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas viidiyoonii fi birooshurri kun dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu namoonni hedduun gaaʼela isaanii akka cimsan gargaare ibsu. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko, “Birooshura kana waliin qoʼachuu erga jalqabnee kaasee, gaaʼelli keenya yeroo kam iyyuu caalaa gammachuu kan qabu taʼeera” jedhaniiru. Haati manaa tokko gaaʼela ishii inni waggaa 22f ture yommuu diigamuu jala gaʼetti akkana jettee turte: “Lamaan keenya iyyuu cuuphamnee turre; taʼus, miirri keenya garaa gara ture. Viidiyoo kana yeroo gaariitti arganne! Amma hiriyoota gaaʼelaa sirriitti walii galan taaneerra.” Ati hoo gaaʼela godhatteettaa? Taanaan hamma siif dandaʼame gaaʼela kee keessatti qajeelfama Yihowaa hojii irra oolchi. Akkas gochuun kee waadaa gaaʼelaa kee wajjin haala walsimuun gammachuudhaan jiraachuuf si gargaara!

WAADAA OBBOLOONNI TAJAAJILA YEROO GUUTUU ADDAA KEESSA JIRAN GALAN

18, 19. (a) Kiristiyaanonni warra taʼan hedduun maal godhaniiru? (b) Obboloota tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiran ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama?

18 Wanta Yiftaa fi Haannaa wal fakkeessu kan biraa hubattaniittuu? Waadaa isaan galan kanaan kan kaʼe, intalli Yiftaa fi ilmi Haannaa jireenya isaanii karaa adda taʼeen Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamaniiru. Kun immoo jireenya gammachuu guddaa argamsiisu dha. Yeroo harʼaatti, Kiristiyaanonni hedduun ijoolleen isaanii tajaajila yeroo guutuu keessa akka seenanii fi jireenyi isaanii tajaajila Waaqayyoo irratti kan xiyyeeffatu akka taʼu isaan jajjabeessu. Ijoolleen gorsa kana fudhatan garaadhaa galateeffatamuu qabu.—Abo. 11:40; Far. 110:3.

Waadaa tajaajila yeroo guutuu addaa (Keeyyata 19 ilaali)

19 Yeroo ammaatti, Waldaan Obbolummaa Tajaajiltoota Yeroo Guutuu Addaa Dhugaa Baatota Yihowaa miseensota 67,000 taʼan qaba. Warri tokko tokko Betʼel keessa tajaajilu, kaan immoo hojii ijaarsaa ykn hojii aanaa irratti hirmaatu, warri kaanis barsiistota manneen barumsaa tiʼookraasii ykn qajeelchitoota addaa ykn misiyoonota ykn obboloota Galma Walgaʼii Guguddaa fi manneen barumsaa Kitaaba Qulqulluu kunuunsan taʼanii tajaajilu. Hundi isaanii “Waadaa Ajajamuu fi Jaalala Qabeenyaa Irraa Of Qusachuuf Galamu” keessa waan seenaniif, fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf bakka ramadaman kamitti iyyuu tajaajiluuf, jireenya salphaa jiraachuu fi heyyama malee hojii dhuunfaa hojjechuu dhiisuuf waadaa galaniiru. Haa taʼu malee, akka addaatti kan ilaalamu namoota sana utuu hin taʼin, tajaajila isaan raawwatani dha. Hanga tajaajila yeroo guutuu addaa keessa jiranitti, gad of qabuudhaan haala waadaa isaanii wajjin wal simuun jiraachuu akka qaban ni hubatu.

20. “Guyyaa guyyaatti” maal gochuu qabna?

20 Waadaawwan hanga ammaatti ilaalle keessaa Waaqayyoof waadaa meeqa galteetta? Tokkoo? Lamaa? Moo sadan isaanii? Waadaawwan galte kana akka laayyootti ilaaluu akka hin qabne akka hubattu beekamaa dha. (Fak. 20:25) Waadaa Yihowaadhaaf galan utuu hin raawwatin hafuun, miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. (Lal. 5:6) Kanaaf, gammachuudhaan ‘guyyaa guyyaatti wareega keenya of irraa baasuuf, yeroo hundumaa miʼa garaa garaatiin maqaa isaa haa faarfannu!’—Far. 61:8.

^ key. 7 Haannaan ilma yoo godhatte jireenya isaa guutuu Naaziricha akka taʼu waadaa galte. Kana jechuun ilmi ishii tajaajila Yihowaatiif kan addaan baafamee fi kan murteeffame taʼa jechuu dha.—Lak. 6:2, 5, 8.

^ key. 13 Jaarsoliin namni tokko cuuphamuuf gaʼumsa akka qabu murteessuu isaanii dura wantoota hedduu waan ilaalaniif, yeroon cuuphaan nama tokkoo fudhatama itti dhabu baayʼee muraasa dha.

^ key. 16 Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu ful. 219-221 ilaali.