Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ijoollee “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan Gargaaruu

Ijoollee “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan Gargaaruu

“Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.”—3 YOH. 4.

FAARFANNAA: 134, 133

1, 2. (a) Ijoollee biyya alaa jiraatan hedduun rakkoo akkamiitu isaan mudata? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

JOOSHUWAAN akkana jedheera: “Ijoollummaa kootii kaasee manattis taʼe gumii keessatti qooqa warra koo biyya alaa jiraatanii dubbachaan ture. Mana barumsaa ergan galee booda garuu, qooqa naannoo sanatti dubbatamu filachuun jalqabe. Waggoota muraasa gidduutti qooqa naannoo sanaa qofa dubbachuun jalqabe. Wanta walgaʼii irratti dhihaatu hubachuun natti ulfaachaa dhufe, aadaan warra koos maal akka fakkaatu hin beekun ture.” Muuxannoon Jooshuwaa namoota kaanis ni mudata.

2 Yeroo harʼaatti, namoonni 240,000,000 ol taʼan biyya dhalootaa isaaniitii ala jiraatu. Warra biyya biraa jiraattan yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaa jaallachuu akka baratanii fi ‘dhugaadhaan akka deddeebiʼan’ gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (3 Yoh. 4) Namoonni kaan hoo gama kanaan gargaarsa gochuu kan dandaʼan akkamitti?

WARRI, IJOOLLEE KEESSANIIF FAKKEENYA GAARII TAʼAA

3, 4. (a) Warri, ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Warri, ijoollee isaanii irraa maal eeguu hin qaban?

3 Warri, ijoollee keessaniif fakkeenya taʼuun keessan daandii gara jireenya bara baraatti geessu irra deemuu akka jalqaban gochuuf murteessaa dha. Ijoolleen keessan ‘hundumaa dura Mootummicha akka isin barbaaddan’ yommuu argan, wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu argachuuf Yihowaatti amanamuu baratu. (Mat. 6:33, 34) Kanaaf jireenya salphaa jiraadhaa. Qabeenya hedduu argachuuf jecha wantoota hafuuraa aarsaa gochuu mannaa, wantoota hafuuraatiif dursa kennaa. Liqii keessa galuu irraa of eeggadhaa. ‘Samii irratti qabeenya guddaa,’ jechuunis surraa Yihowaa argachuuf malee, qabeenya ykn ‘ulfina namoota biraa argamuuf’ hin dhamaʼinaa.—Maarqos 10:21, 22 dubbisi; Yoh. 12:43.

4 Hamma ijoollee keessaniif yeroo dhabdanitti matumaa wantoota kaaniin hin muddaminaa. Kana malees, ijoolleen keessan ofii isaaniitiifis taʼe isiniif jedhanii beekamummaa ykn qabeenya argachuuf dhamaʼuu mannaa, Yihowaa barbaaduudhaaf dursa kennuuf waan murteessaniif akka isaanitti boontan akka beekan godhaa. Ilaalcha dogoggoraa, ijoolleen jireenya warra isaanii fooyyessuu qabu jedhu qabaachuu irraa of qusadhaa. Caqasa, “warratu ijoolleedhaaf qabeenya walitti qaba malee, ijoolleetu warraaf qabeenya walitti qaba miti” jedhu yaadadhaa.—2 Qor. 12:14.

WARRI, RAKKOO GAMA QOOQAATIIN JIRUUF FURMAATA KENNAA

5. Warri, ijoollee isaanii wajjin waaʼee Yihowaa dubbachuu kan qaban maaliifi?

5 Akkuma raajiidhaan dubbatame, namoonni “saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa” dhufan gara jaarmiyaa Yihowaatti yaaʼaa jiru. (Zak. 8:23) Haa taʼu malee, ijoolleen keessan qooqa keessan hin beekan yoo taʼe, dhugaa isaan barsiisuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Ijoolleen keessan barattoota Kitaaba Qulqulluu qabaachuu dandeessan keessaa iddoo guddaa kan qaban yommuu taʼan, Yihowaa ‘beekuun’ isaanii jireenya bara baraa akka argatan isaan gargaara. (Yoh. 17:3) Ijoolleen keessan barumsa Yihowaa akka beekaniif, yeroo mijaaʼaa taʼe hundatti ‘waaʼee isaa dubbachuu’ qabdu.—Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisi.

6. Ijoolleen keessan qooqa keessan beekuun isaanii kan isaan fayyadu akkamitti? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Ijoolleen keessan qooqa naannoo sanaa mana barumsaa fi namoota naannoo isaanii jiran irraa barachuun isaanii hin oolu; qooqa isin dubbattan adda durummaadhaan barachuu kan dandaʼan yeroo hunda isinii wajjin kan dubbatan yoo taʼe dha. Akkas gochuun keessan ijoollee keessanii wajjin waan garaa keessanii waliin haasaʼuuf kan isin dandeessisu taʼuu isaa irra iyyuu, qooqa keessan beekuun isaanii faayidaa dabalataa isaaniif argamsiisa. Ijoolleen qooqa tokkoo ol dandaʼuun isaanii dandeettiin yaaduu isaanii akka dabalu godha; dandeettii namoota kaanii wajjin walii galuuf qabanis isaaniif cimsa. Kana malees, tajaajila isaanii balʼifachuuf carraa dabalataa isaaniif banuu dandaʼa. Kaaroolinaa ishiin warri ishii biyya alaa jiraatan akkana jetteetti: “Gumii qooqa biyya alaatiin geggeeffamu irratti hirmaachuun nama gammachiisa. Akkasumas bakka caalaatti gargaarsi barbaachisutti tajaajiluun baayʼee namatti tola.”

7. Maatii keessan keessa rakkinni qooqaan walii galuu yoo jiraate maal gochuu dandeessu?

7 Haa taʼu malee, ijoolleen warri isaanii biyya alaa jiraatanii tokko tokko aadaa fi qooqa biyya keessa jiraatanii barachaa yommuu adeeman, fedhiinii fi dandeettiin qooqa warra isaanii dubbachuuf qaban hirʼachaa adeema. Warri ijoolleen keessan haala akkasii keessa kan jiran yoo taʼe, qooqa naannoo sanaa barachuuf carraaqqii dabalataa gochuu ni dandeessuu? Wanta ijoolleen odeessan, wanta itti bohaaran, barumsa mana barumsaatti baratan hubachuuf, akkasumas barsiisota isaanii wajjin kallattiidhaan walii galuun keessan, ijoolleen keessan karaa dhugaa irra akka deddeebiʼan gargaaruuf carraa guddaa isiniif bana. Qooqa haaraa barachuun yeroo, carraaqqii fi gad of qabuu kan gaafatu taʼuun isaa beekamaa dha. Taʼus mucaan keessan dhagaʼuu kan hin dandeenye utuu taʼee, isaa wajjin walii galuuf afaan mallattoo barachuuf carraaqqii hin gootanii? Haaluma wal fakkaatuun mucaan keessan qooqa kan biraa caalaatti dubbachuu dandaʼa yoo taʼes, isaaf jettanii qooqa inni dubbatu barachuuf carraaqqii gochuun keessan barbaachisaa isinitti hin fakkaatuu? *

8. Qooqni ijoolleen keessan dubbatan yoo isinitti ulfaate illee, isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

8 Warri biyya alaa jiraatan tokko tokko, qooqa ijoolleen isaanii dubbatan akka gaariitti dubbachuun isaanitti ulfaachuu akka dandaʼu beekamaa dha. Rakkinni kun immoo ijoollee isaanii beekumsa “Kitaabota Qulqulluu” gadi fageenya qaban akka hin barsiisne gufuu isaanitti taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 3:15) Haala akkasii keessa kan jirtan yoo taʼe illee, ijoolleen keessan Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan isaan gargaaruu ni dandeessu. Jaarsi gumii Shaan jedhamu akkana jedheera: “Haati keenya kan nu guddiste kophaa ishii siʼa taʼu, qooqa anii fi obboleettonni koo akka gaariitti dubbachuu dandeenyu ishiin sirriitti hin beektu turte; qooqa ishiin dubbattu immoo akka gaariitti dubbachuu hin dandeenyu turre. Haa taʼu malee, yommuu ishiin qoʼattu, yommuu kadhattuu fi torban torbaniin waaqeffannaa maatii geggeessuuf carraaqqii guddaa yommuu gootu arguun keenya, Yihowaa beekuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa nu hubachiiseera.”

9. Warri, ijoollee qooqa lamaan qoʼachuun isaan barbaachisu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

9 Ijoolleen tokko tokko waaʼee Yihowaa qooqa lamaan, jechuunis qooqa mana barumsaa fi qooqa mana keessatti dubbatamuun barachuun isaan barbaachisa taʼa. Akkana gochuuf immoo, warri tokko tokko barreeffamootatti, wantoota sagaleedhaan waraabamanittii fi viidiyoo qooqa lamaaniin qophaaʼanitti fayyadamuun isaan barbaachiseera. Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, warri biyya alaa jiraatan ijoolleen isaanii Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaatan gargaaruuf yeroo balʼaa ramaduu fi carraaqqii guddaa gochuu qabu.

GUMII QOOQA ISA KAMIIN GEGGEEFFAMU IRRATTI HIRMAACHUU QABDU?

10. (a) Maatiin tokko gumii qooqa isa kamiin geggeeffamu irratti argamuu akka qabu kan murteessuu qabu eenyu? (b) Murtoo gochuu isaa dura maal gochuu qaba?

10 Obboloonni “galaa biyya ormaa” taʼan, Dhugaa Baatota qooqa isaanii dubbatan irraa fagaatanii kan jiraatan yoo taʼe, gumii qooqa naannoo sanatti dubbatamuun geggeeffamu deemuu qabu. (Far. 146:9) Gumiin qooqa afaan dhalootaa isaaniitiin fayyadamu isinitti dhihoo yoo jiraate garuu gaaffiin akkas jedhu ni kaʼa: Gumii qooqa isa kamiin geggeeffamutu maatii keenyaaf caalaatti gaarii dha? Mataan maatichaa of eeggannoodhaan erga irratti yaadee fi kadhatee, akkasumas haadha manaa isaa fi ijoollee isaa wajjin erga irratti mariʼatee booda murteessuu qaba. (1 Qor. 11:3) Mataan maatii tokko wantoota akkamii tilmaama keessa galchuu qaba? Murtoo gochuuf dhugaawwan buʼuuraa warra kamtu isa gargaaruu dandaʼa? Mee muraasa isaanii haa ilaallu.

11, 12. (a) Faayidaa mucaan tokko walgaʼii irraa argatu irratti qooqni jijjiirama kan fidu akkamitti? (b) Ijoolleen tokko tokko qooqa warra isaanii barachuuf fedhii kan dhaban maaliif taʼuu dandaʼa?

11 Warri wanta dhugumaan ijoollee isaaniitiif barbaachisu tilmaama keessa galchuu qabu. Qooqni isaaf galu isa kam iyyuu yoo taʼe, mucaan tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti hubachuu akka dandaʼuuf, barumsi hafuuraa walgaʼii gumii torban torbaniin saʼaatii muraasaaf geggeeffamu qofti gaʼaa miti. Haa taʼu malee, mee haala kana irratti yaadaa: Ijoolleen keessan gumii qooqa sirriitti hubataniin geggeeffamu irratti argamuu isaaniitiin qofa, tarii hanga warri isaanii eegan caalaa wantoota hedduu barachuu dandaʼu. Qooqa ijoolleen sirriitti hubachuu hin dandeenyeen kan geggeeffamu yoo taʼe garuu akkas taʼuu dhiisuu dandaʼa. (1 Qorontos 14:9, 11 dubbisi.) Kana malees, mucaan tokko yommuu guddachaa adeemu qooqni ilaalcha isaa fi garaa isaa irratti jijjiirama fidu, qooqa afaan ittiin hiikkate taʼuu dhiisuu dandaʼa. Ijoolleen tokko tokko qooqa warra isaaniitiin yaada kennuu, hojiin argisiisaa fi kutaa dhiheessuu kan dandaʼan taʼus, wanti isaan dubbatan garaa isaanii irraa kan madde taʼuu dhiisuu akka dandaʼu beekamaa dha.

12 Kana malees, wanti ilaalcha mucaa tokkoo irratti dhiibbaa geessisu qooqa qofa miti. Haalli Jooshuwaa inni seensa irratti caqasnee turree kana kan mirkaneessu dha. Obboleettiin isaa angafaa Eestar, “ijoollee xixiqqoodhaaf qooqa, aadaa fi amantiin warra isaanii kan wal qabatani dha” jetteetti. Ijoolleen aadaa warra isaanii hin beekan taanaan, qooqaa fi amantii warra isaanii barachuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Warri biyya alaa jiraatan maal gochuu dandaʼu?

13, 14. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa biyya alaa jiraatan tokko maatiin isaanii gumii qooqa naannoo sanaatiin geggeeffamutti kan jijjiirratan maaliifi? (b) Warri, karaa hafuuraa cimoo taʼanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Warri Kiristiyaana taʼan fedhii mataa isaaniitiif utuu hin taʼin, haala hafuuraa ijoollee isaaniitiif dursa kennuu qabu. (1 Qor. 10:24) Saamuʼel inni abbaa Jooshuwaa fi Eestar taʼe akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo ijoolleen keenya karaa hafuuraa guddachuu kan dandaʼan qooqa isa kamiin yoo baratan akka taʼe hubachuuf yaalii gooneerra; ogummaa argachuufis kadhannaa dhiheessineerra. Kadhannaan keenya deebii kan argate karaa nuti yaanne irraa haala adda taʼeen ture. Taʼus walgaʼii qooqa keenyaan geggeeffamu irraa faayidaa guddaa argachaa akka hin jirre yommuu hubannu, gumii qooqa naannoo sanaan geggeeffamutti jijjiirrachuuf murteessine. Ijoollee keenyaa wajjin yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamna, tajaajila irrattis ni hirmaanna. Obboloota naannoo sana keessa jiranis nyaata ni afeerra, akkasumas bakka bashannanaa akka nu waliin deeman isaan afeerra turre. Kun hundi ijoolleen keenya obbolootaa wajjin caalaatti akka wal baran isaan gargaareera; Yihowaa akka Waaqa isaaniitti qofa utuu hin taʼin, akka Abbaa isaanii fi akka Michuu isaaniitti akka isa ilaalan isaan taasiseera. Kun qooqa keenya akka gaariitti beekuu caalaa wanta bakki guddaan kennamuufii qabu akka taʼe nutti dhagaʼama.”

14 Saamuʼel itti fufuudhaan akkana jedheera: “Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf, anii fi haati manaa koo walgaʼii qooqa keenyaan geggeeffamu irrattis ni argamna turre. Yeroo kan hin qabne taʼuu keenya irra iyyuu, baayʼee dadhabna turre. Taʼus Yihowaan carraaqqii fi aarsaa nuti gooneef waan nu eebbiseef guddaa isa galateeffanna. Ijoolleen keenya sadanuu tajaajila yeroo guutuu keessa seenanii Yihowaa tajaajilaa jiru.”

DARGAGGOONNI MAAL GOCHUU DANDAʼU?

15. Obboleettiin Kiristiinaa jedhamtu gumii qooqa naannoo sanaatiin geggeeffamu dhaquun ishii gaarii akka taʼe kan itti dhagaʼame maaliifi?

15 Ijoolleen guguddatan caalaatti Yihowaa tajaajiluuf gumii qooqa isaan caalaatti hubachuu dandaʼaniin geggeeffamu irratti hirmaachuun isaanii gaarii akka taʼe hubatu taʼa. Taanaan, warri ijoolleen isaanii isaan irraa fagaachuu akka barbaadan isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Kiristiinaan akkana jechuudhaan wanta yaadattu dubbatti: “Qooqa warra koo hamma tokko kanan beeku taʼus, qooqa gumiin ittiin geggeeffamu hubachuun natti ulfaata ture. Yommuu umuriin koo waggaa 12 turetti, walgaʼii guddaa qooqan mana barumsaatti ittiin baradhuun geggeeffamu irratti argameen ture. Yeroo jalqabaatiif, wantin dhagaʼaa ture dhugaa taʼuu isaa hubachuu dandaʼeera! Wanti jireenya koo keessatti jijjiirama guddaa akkan godhu na taasise kan biraan immoo, qooqa mana barumsaatti ittiin baradhuun kadhachuu jalqabuu koo ti. Amma wanta garaa koo keessa jiru Yihowaatti dubbachuu nan dandaʼa!” (HoE. 2:11, 41) Kiristiinaan yommuu guddattu, warra ishii wajjin erga mariʼattee booda gumii afaan naannoo sanaan geggeeffamutti jijjiiramuuf murteessiteetti. Akkana jetteetti: “Qooqan mana barumsaatti itti fayyadamuun waaʼee Yihowaa barachuun koo, tarkaanfii akkan fudhadhu na kakaaseera.” Utuma baayʼee hin turin, Kiristiinaan qajeelchaa yeroo hundaa taatee gammachuudhaan tajaajiluu jalqabde.

16. Obboleettiin Naadiyaa jedhamtu gumii qooqa biyya alaatiin geggeeffamu keessa turuu ishiitiin gammachuu kan argatte akkamitti?

16 Dargaggootaa, gumii qooqa naannoo jiraattan sanaatiin geggeeffamu deemuun gaarii isinitti fakkaataa? Taanaan, sababii isaa of gaafadhaa. Gumii qooqa naannoo sanaatiin geggeeffamu deemuun keessan caalaatti Yihowaatti akka dhihaattan isin gargaaraa? (Yaq. 4:8) Moo akkas gochuu kan yaaddan toʼannaa warra keessanii jalaa baʼuuf ykn carraaqqii dabalataa gochuu waan hin barbaanneef jettanii ti? Obboleettiin Naadiyaa jedhamtuu fi yeroo ammaatti Betʼel keessa tajaajiltu, “Anii fi obbolaawwan koo umurii kurnanii keessa yommuu seennu, gumii qooqa naannoo sana jiruun geggeeffamu dhaquu barbaannee turre” jetteetti. Haa taʼu malee, warri ishii ijoolleen isaanii gara gumii kanaa deemuun isaanii karaa hafuuraa guddina gochuuf akka isaan hin gargaarre hubatan. Naadiyaan akkana jetteetti: “Warri keenya qooqa isaanii nu barsiisuuf carraaqqii guddaa gochuu fi gumii qooqa biyya alaatiin geggeeffamu keessa akka turru murteessuu isaaniitiin guddaa isaan galateeffanna. Jireenya gammachuu qabu akka jiraannu gochuu isaa irra iyyuu, namoota kaan waaʼee Yihowaa barsiisuu akka dandeenyuuf carraa balʼaa akka qabaannu nu gargaareera.”

OBBOLOONNI KAAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

17. (a) Yihowaan itti gaafatamummaa ijoollee guddisuu eenyuuf kenne? (b) Warri ijoollee isaanii dhugaa yommuu barsiisanitti gargaarsa argachuu kan dandaʼan akkamitti?

17 Yihowaan itti gaafatamummaa dhugaa keessatti ijoollee guddisuu kan kenne warraafi malee, akkoo fi akaakayyuu ykn nama kan biraatiif miti. (Fakkeenya 1:8; 31:10, 27, 28 dubbisi.) Taʼus warri afaan naannoo jiraatan sanaa hin beekne garaa ijoollee isaanii tuquuf gargaarsi isaan barbaachisa taʼa. Warri gargaarsi akkasii akka isaaniif godhamu barbaadan, itti gaafatamummaa fedhii hafuuraa ijoollee isaanii guutuuf qaban dabarsanii kennan jechuu miti; kanaa mannaa, akkas gochuun isaanii carraaqqii ijoollee isaanii “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuuf godhan argisiisa. (Efe. 6:4) Fakkeenyaaf, warri waaqeffannaa maatii isaanii geggeessuu fi ijoollee isaaniitiif hiriyoota gaarii filachuu ilaalchisee jaarsoliin gumii yaada akka isaaniif kennan gaafatu taʼa.

Ijoolleenis taʼan warri, obboloota kaanii wajjin walitti dhihaachuu isaaniitiin faayidaa ni argatu (Keeyyata 18 fi 19 ilaali)

18, 19. (a) Obboloonni ilaalcha hafuuraa qaban dargaggoota gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? (b) Warri maal gochuu isaanii itti fufuu qabu?

18 Fakkeenyaaf, warri darbee darbee maatiiwwan tokko tokko waaqeffannaa maatii isaanii irratti akka isaanii wajjin argaman afeeruu dandaʼu. Kana malees, dargaggoonni namoota ilaalcha hafuuraa qabanii wajjin walitti dhihaachuun isaanii, karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaaruu dandaʼa; fakkeenyaaf, waliin tajaajila baʼuu fi bohaartii gaarii taʼe irratti waliin bashannanuu dandaʼu. (Fak. 27:17) Shaan inni olitti caqasamee ture akkana jedheera: “Obboloonni ofitti na dhiheessanii turan yoom iyyuu sammuu koo keessaa hin badan. Kutaa barattootaa haasaadhaan dhihaatu akkan qophaaʼu yommuu na gargaaran hundatti isaan irraa wanta hedduu baradheera. Yeroon nuti waliin bashannanus na gammachiisa ture.”

19 Obboloonni warri ijoollee isaanii akka gargaaran filatan, kabajni ijoolleen sun warra isaaniitiif qaban akka dabalu gargaaruu fi yeroo hunda waaʼee warra isaanii gaarii akka dubbatan isaan jajjabeessuu qabu malee, itti gaafatamummaa warra isaanii fudhachuuf yaaluu hin qaban. Kana malees, obboloonni gargaarsa kennan kun wanta naamusaa wajjin wal qabate, warra gumii keessattis taʼe gumiidhaa ala jiranitti gaaffii kaasuu dandaʼu raawwachuu irraa of eeggachuu qabu. (1 Phe. 2:12) Warri itti gaafatamummaa ijoollee isaanii karaa hafuuraa leenjisuuf qaban, obboloota kaanitti dabarsanii kennuu hin qaban. Warri gargaarsa obboloonni kaan kennan hordofuu, akkasumas ofuma isaaniitiin ijoollee isaanii barsiisuu itti fufuu qabu.

20. Warri ijoolleen isaanii tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

20 Warra kan taatan, Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa; wanta isiniif dandaʼame hunda gochuuf carraaqaa. (2 Seenaa 15:7 dubbisi.) Fedhii keessan caalaa hariiroo ijoolleen keessan Yihowaa wajjin qabaniif dursa kennaa. Dubbiin Waaqayyoo garaa ijoollee keessanii akka tuqu gochuuf wanta dandeessan hunda godhaa. Ijoolleen keessan tajaajiltoota Yihowaa taʼuu akka dandaʼan yoom iyyuu amanannaa qabaadhaa. Dubbii Waaqayyoo fi fakkeenya keessan isa gaarii yommuu hordofan, akkuma Yohaannis ergamaa namoota karaa hafuuraa ijoollee isaa taʼaniif isatti dhagaʼame, isinittis ni dhagaʼama: “Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru.”—3 Yoh. 4.

^ key. 7 Dammaqaa! Bitootessa 2007 (Amaariffa) irraa mata duree “Qooqa Kan Biraa Barachuu ni Dandeessa!” jedhu ful. 10-12 ilaali.