Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Isaan Kana Caalaa Na Jaallattaa?”

“Isaan Kana Caalaa Na Jaallattaa?”

“Yaa Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?” —YOH. 21:15.

FAARFANNAA: 143, 65

1, 2. Pheexiros halkan guutuu qurxummii qabuu irratti erga dabarsee booda maaltu isa mudate?

BARATTOONNI Yesuus torba Galaana Galiilaa irra qurxummii qabuuf halkan guutuu kan dabarsan taʼus, qurxummii tokko illee hin qabanne. Yesuus inni duʼaa kaafame qarqara galaanichaa irraa garee kana ilaalaa jira. Achiis, “‘Kiyyoo keessan karaa mirga bidirichaatiin darbadhaa, qurxummii ni argattu’ isaaniin jedhe. Isaanis kiyyoo isaanii darbatan; yeroo kanatti qurxummii hedduu waan qabaniif, kiyyoo sana harkisuu dadhaban.”—Yoh. 21:1-6.

2 Ciree erga isaaniif kennee booda, Yesuus gara Simoon Pheexirositti garagalee, “Yaa Simoon ilma Yohaannis, isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhee isa gaafate. Yesuus waaʼee maalii dubbachuu isaa ture? Pheexiros qurxummii qabuu baayʼee jaallata ture. Kanaaf, Yesuus caalaatti maal akka inni jaallatu gaafachuu isaa taʼuu hin oolu. Pheexiros, Yesuusii fi barumsa inni barsiisu caalaa, qurxummii fi hojii qurxummii qabuu jaallata turee? Pheexiros, “Eeyyee yaa Gooftaa, baayʼee akka ani si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhee deebise. (Yoh. 21:15) Pheexiros wanta dubbate hojii irra akka oolche beekamaa dha. Guyyaa sanaa kaasee, hojii barattoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu fi gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti tureef utubaa taʼuudhaan Kiristoosiif jaalala akka qabu mirkaneesseera.

3. Kiristiyaanonni balaawwan akkamiitiif dammaqoo taʼuu qabu?

3 Wanta Yesuus Pheexirositti dubbate irraa maal barachuu dandeenya? Jaalalli Kiristoosiif qabnu akka laafuu fi xiyyeeffannaan keenya fedhii Mootummichaa raawwachuu irraa akka jalʼatu heyyamuu irraa of eeguu qabna. Yesuus dhiibbaa yaaddoon sirna kanaa wajjin wal qabate geessisu sirriitti beeka ture. Fakkeenya waaʼee nama sanyii facaasee dubbate irratti, namoonni tokko tokko “dubbii Mootummichaa” akka dhagaʼanii fi jalqaba irratti guddina kan argisiisan taʼus, ‘yaaddoon sirna kanaa fi humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu dubbicha akka hudhu’ dubbateera. (Mat. 13:19-22; Mar. 4:19) Dhuguma iyyuu, of eeggachuu baannaan yaaddoon jireenyaa guyyaa guyyaadhaan nu mudatu garaa keenya hawwatee karaa hafuuraa akka laafnu gochuu dandaʼa. Kanaaf, Yesuus akkana jechuudhaan barattoota isaa akeekkachiiseera: “Akka malee nyaachuu fi akka malee dhuguudhaan, yaaddoo jireenyaatiinis garaa keessanitti baʼaan akka hin ulfaanne ofii keessaniif of eeggadhaa.”—Luq. 21:34.

4. Jaalalli Kiristoosiif qabnu cimaa taʼuu isaa beekuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Akkuma Pheexiros Yesuus isa duʼaa kaafamee wajjin erga wal argee booda godhe, nutis hojii inni akka hojjennu nuu kenneef dursa kennuudhaan Kiristoosiif jaalala guddaa akka qabnu mirkaneessuu dandeenya. Akkana gochuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo yerootti, akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Wanti ani jireenya koo keessatti hunda caalaa jaalladhu maali dha? Hojii moo sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuutu caalaatti na gammachiisa?’ Kana ilaalchisee mee wantoota bakka sirrii kennuufii baannaan jaalala Kiristoosii fi wantoota hafuuraatiif qabnu nu jalaa laaffisan sadii haa ilaallu: isaanis hojii, bohaartii fi qabeenya dha.

HOJIIDHAAF BAKKA SIRRII KENNAA

5. Mataawwan maatii itti gaafatamummaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akkamii qabu?

5 Pheexirosiif qurxummii qabuun hojii yeroo boqonnaa isaatti raawwatu utuu hin taʼin wanta ittiin jiraatu ture. Mataawwan maatii yeroo harʼaatti jiran, wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun itti gaafatamummaa isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka taʼe ni hubatu. (1 Xim. 5:8) Dirqama isaanii kana raawwachuuf jabaatanii hojjechuu qabu. Haa taʼu malee, guyyoota dhumaa kana keessatti hojiin yeroo baayʼee wanta dhiphina namatti fidu taʼeera.

6. Yeroo harʼaatti hojiin wanta nama dhiphisu kan taʼe maaliifi?

6 Hojiiwwan muraasa jiran argachuuf dorgommii cimaa jiruun kan kaʼe, yeroo tokko tokko qacaramtoonni hedduun miindaa xinnoodhaan saʼaatii dheeraa hojjechuuf illee akka dirqaman dubbatu. Akkasumas, oomisha guddisuuf dhiibbaan godhamu qacaramtoonni karaa qaamaa, sammuu fi miiraatiin akka miidhaman gochaa jira. Hojjettoonni aarsaa akkasii kaffaluu hin barbaanne hojii isaanii dhabuuf saaxilamuu dandaʼu.

7, 8. (a) Hunda caalaa eenyuuf amanamoo taʼuu qabna? (b) Obboleessi Taayilaandii tokko hojii isaa ilaalchisee barumsa gaarii akkamii barateera?

7 Kiristiyaanota waan taaneef, hunda caalaa amanamoo taʼuu kan qabnu Yihowaadhaaf malee namoota nu hojjechiisaniif miti. (Luq. 10:27) Hojiin wantoota buʼuuraa guuttachuuf nu gargaara. Kanaaf wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuu fi tajaajila keenya deggeruuf hojjenna. Yoo of eeggannoo gochuu baanne garuu, hojiin waaqeffannaa keenya irratti gufuu taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi Taayilaandi jiraatu tokko akkana jedheera: “Hojiin ani kompiitara suphuudhaan hojjedhu baayʼee kan nama gammachiisu taʼus, saʼaatii dheeraa hojjechuu kan gaafatu ture. Kanaan kan kaʼes, guutummaatti jechuun ni dandaʼama dhimmoota hafuuraatiif yeroo na dhabsiise. Dhuma irratti fedhii Mootummichaatiif dursa kennuuf, hojii koo irratti jijjiirama gochuun akka na barbaachisun hubadhe.” Obboleessi kun maal godhe laata?

8 Akkana jedheera: “Gara waggaa tokkootiif wantan hojjechuu dandaʼu irratti ergan yaadee fi qarshii walitti qabadhee booda, karaa irratti aayiis kireemii gurguruufan murteesse. Jalqaba irratti, rakkina dinagdee wajjin qabsaaʼaa kanan ture taʼuu koo irra iyyuu abdii kutadheen ture. Namoonni anaa wajjin hojjechaa turan yommuu na argan natti kolfuudhaan, kutaa meeshaa qilleensa qabbaneessu keessa taaʼee kompiitara suphuu mannaa aayiis kireemii gurguruu maaliif akkan yaade na gaafatu turan. Qorumsa kana akkan moʼuu fi galman sochiiwwan hafuuraa irratti yeroo dabalataa dabarsuuf baafadhe irra gaʼuu akkan dandaʼu akka na gargaarun Yihowaa kadhadhe. Utuma baayʼee hin turin, haalli isaa jijjiiramuu jalqabe. Maamiltoonni koo aayiis kireemii koo baayʼee jaallachaa kan dhufan taʼuu isaa irra iyyuu, dandeettiin ani aayiis kireemii hojjechuu irratti qabus ni dabale. Utuma baayʼee hin turin, aayiis kireemiin guyyaa guyyaadhaan hojjedhu hunda gurguree fixuun jalqabe. Dhugaa isaa dubbachuuf, gama dinagdeetiin yeroon kompiitara suphaa ture caalaa fooyyaʼiinsa gochuu dandaʼeera. Dhiphinaa fi yaaddoo hojii koo isa duraa irratti na mudachaa ture waan hin qabneef amma caalaatti gammachuu argadheera. Hunda caalaa garuu, amma caalaatti Yihowaatti dhihaachuu dandaʼeera.”—Maatewos 5:3, 6 dubbisi.

9. Hojii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Jabaatanii hojjechuun amala Waaqayyo itti gammaduu fi nama kiisu dha. (Fak. 12:14) Taʼus, akkuma obboleessi olitti ibsamee ture hubate, hojiidhaaf bakki sirriin kennamuu qaba. Yesuus akkana jedheera: “Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun [wantoonni buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan] hundis isiniif ni dabalamu.” (Mat. 6:33) Hojii fi itti gaafatamummaa hafuuraa qabnuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuu keenya murteessuuf akka nu gargaarutti, akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Hojiin koo kan natti toluu fi kan na gammachiisu taʼus, sochiiwwan hafuuraa immoo akka laayyootti ykn waanuma baramaa akka taʼanittin ilaalaa?’ Hojii keenyaa fi sochiiwwan hafuuraa keenya ilaalchisee wanta nutti dhagaʼamu yaaduunii fi irratti xiinxaluun keenya, wanti hunda caalaa jaallannu maal akka taʼe beekuuf nu gargaara.

10. Yesuus wanta dursi kennamuufii qabu ilaalchisee barumsa gaarii akkamii kenne?

10 Yesuus wanti jireenya keenya keessatti dursi kennamuufii qabu maal akka taʼe nu barsiiseera. Yeroo tokko Yesuus, Maartaa fi obboleettii ishii Maariyaam gaafachuuf gara mana isaanii dhaqee ture. Maartaan yeroo nyaata qopheessitu, Maariyaam immoo miilla Yesuus jala teessee wanta inni dubbatu dhageeffachaa turte. Maartaan Maariyaam akka ishii gargaaraa hin jirree yommuu dubbattu, Yesuus Maartaadhaan akkana jedhe: “Maariyaam gama ishiitiin qooda gaarii filatteetti, innis ishii jalaa hin fudhatamu.” (Luq. 10:38-42) Yesuus, Maartaa barumsa guddaa barsiiseera. Wantoonni kaan xiyyeeffannaa keenya akka hin fudhanne gochuu fi jaalala Kiristoosiif qabnu eegnee jiraachuuf, wanta “qooda gaarii” taʼe filachuu, jechuunis wantoota hafuuraatiif dursa kennuu keenya itti fufuu qabna.

ILAALCHA BOHAARTIIDHAAF QABNU

11. Boqochuu fi bashannanuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal barsiisa?

11 Jireenyi keenya wantoota hedduudhaan waan muddamuuf, al tokko tokko boqochuu fi bashannanuun nu barbaachisa. Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha: “Namni nyaatee, dhugee, wanta hojjetettis gammaduun isaaf gaarii dha mitii ree?” (Lal. 2:24) Yesuus darbee darbee boqochuun barbaachisaa akka taʼe hubatee ture. Duula tajaajilaa tokko irratti erga hinaaffaadhaan hirmaatanii booda, Yesuus barattoota isaatiin, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokko haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” jedhe.—Mar. 6:31, 32.

12. Bashannana ilaalchisee of eeggannoo akkamii gochuu qabna? Fakkeenya tokko kenni.

12 Dhuguma iyyuu, bohaartiin barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, yeroo gaariin akkasii jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabaachuun isaa balaa qaba. Namoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun, ilaalcha “bor waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus” jedhu qabu turan. (1 Qor. 15:32) Yeroo harʼaattis ilaalchi kun addunyaa keessatti babalʼateera. Fakkeenyaaf, waggoota muraasa dura dargaggeessi Awurooppaa Lixaa jiraatu tokko walgaʼii Kiristiyaanaa irratti argamuu jalqabee ture. Fedhiin bohaartiidhaaf qabu cimaa waan tureef, hariiroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qabu ni dhaabe. Haa taʼu malee, yeroo booda bohaartiidhaaf iddoo guddaa kennuun isaa rakkinaa fi abdii kutachuuf isa saaxiluu isaa hubate. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaa kan itti fufe taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo booda babalʼisaa misiraachichaa taʼuu dandaʼeera. Erga cuuphamee booda akkana jedheera: “Wanti na gaabbisiisu yoo jiraate, Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa akka argamsiisu utuu hin hubatin, yeroo koo hedduu bashannana biyyi lafaa kun dhiheessu hordofuudhaan balleessuu koo ti.”

13. (a) Balaa bashannana irratti yeroo dheeraa dabarsuun qabu fakkeenyaan ibsi. (b) Bashannanaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

13 Kaayyoon bashannanaa nu haaromsuu fi humna akka argannu gochuu dha. Maarree bashannana irratti yeroo hangamii dabarsuu qabna? Mee haala kana wal bira qabaa ilaalaa: Baayʼeen keenya darbee darbee nyaata booda waan miyaaʼaa nyaachuun nutti tola; taʼus yeroo hunda keekii fi karameellaa nyaachuun fayyaa keenya akka hubu beekna. Kanaaf, adda durummaadhaan nyaata madaalamaa nyaanna. Haaluma wal fakkaatuun yeroo keenya gara caalaa bashannana irratti dabarsuun karaa hafuuraa akka laafnu gochuu dandaʼa. Kun akka hin taaneef, yeroo hunda sochiiwwan Mootummichaa wajjin wal qabatan irratti hirmaachuu qabna. Bashannanaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu keenya akkamitti beekuu dandeenya? Torban tokko filannee saʼaatii sochiiwwan hafuuraa irratti, jechuunis gumii irratti, tajaajila irratti, akkasumas qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaattis taʼe maatiidhaan goonu irratti dabarsine galmeessuu dandeenya. Achiis saʼaatii torbanuma kana keessatti bashannana irratti, jechuunis ispoortii, hojii yeroo boqonnaatti hojjennu, televizyiinii ilaaluu fi taphawwan viidiyoo taphachuu irratti dabarsinuu wajjin wal bira qabnee ilaaluu dandeenya. Saʼaatii sochiiwwan lamaan irratti dabarsine yommuu wal bira qabnu maal hubanna? Jijjiirama gochuu nu barbaachisaa laata?—Efesoon 5:15, 16 dubbisi.

14. Bashannana gaarii filachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

14 Namni kam iyyuu, qajeelfama Yihowaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin kan wal simu hamma taʼetti bashannana barbaade filachuu dandaʼa. * Bashannanni gaariin “kennaa Waaqayyoo ti.” (Lal. 3:12, 13) Bashannana ilaalchisee filannoon namootaa garaa gara taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. (Gal. 6:4, 5) Bashannanni filannu maal iyyuu yoo taʼe, of eeggannoo gochuu nu barbaachisa. Yesuus, “Bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa” jedheera. (Mat. 6:21) Kanaaf, garaadhaa Yesuusiin kan jaallannu taʼuun keenya, yaanni, dubbiinii fi gochi keenya adda durummaadhaan dhimmawwan jireenyaa guyyaa guyyaa irratti utuu hin taʼin, Mootummicha irratti akka xiyyeeffatu gochuuf nu kakaasa.—Filp. 1:9, 10.

QABSOO JAALALA QABEENYAA MOʼUUF GOONU

15, 16. (a) Qabeenya jaallachuun Kiristiyaana tokkotti kiyyoo taʼuu kan dandaʼu karaa kamiini? (b) Qabeenya ilaalchisee Yesuus gorsa gaarii akkamii kenne?

15 Yeroo harʼaatti namoonni hedduun faashinoota, meeshaalee elektirooniksii fi wantoota kana fakkaatan ilaalchisee wantoota ammayyaa qabaachuu irratti xiyyeeffatu. Kanaaf, Kiristiyaanonni hundi gaaffiiwwan armaan gadiitiin yeroo hunda fedhii isaanii qoruu qabu: ‘Walgaʼii gumiitiif qophaaʼuu mannaa, konkolaataawwan haaraa ykn uffatawwan faashinii taʼan irratti qorannaa gochuu fi yaaduudhaan saʼaatii dheeraan dabarsaa? Sochiiwwan jireenya guyyaa guyyaatiin baayʼee waanan muddameef, kadhachuuf ykn Kitaaba Qulqulluu dubbisuu irratti yeroo xinnoon dabarsaa?’ Jaalalli qabeenyaaf qabnu jaalala Kiristoosiif qabnu irra akka caalu yoo hubanne, wanta Yesuus “sassata hundumaa irraa of eegaa” jechuudhaan dubbate irratti xiinxaluu qabna. (Luq. 12:15) Yesuus akeekkachiisa cimaa akkasii kan kenne maaliif ture?

16 Yesuus, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru” jedheera. Itti dabaluudhaan, “Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jedheera. Kun kan taʼe ‘gooftoliin’ lamaanuu xiyyeeffannaa guutuu akka isaaniif kenninu waan barbaadaniifi dha. Yesuus ‘isa tokko jibbinee isa kan biraa akka jaallannu’ ykn ‘isa tokkotti maxxannee isa kan biraa immoo akka tuffannu’ dubbateera. (Mat. 6:24) Namoota mudaa qabnu waan taaneef, hundi keenya qabeenya jaallachuu dabalatee “fedhii foonii . . . keenyaa” wajjin qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna.—Efe. 2:3.

17. (a) Namoonni ilaalcha foonii qaban qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun kan isaanitti ulfaatu maaliifi? (b) Qabsoo jaalala qabeenyaa wajjin goonu irratti maaltu nu gargaara?

17 Namoonni ilaalcha foonii qaban qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun isaanitti ulfaata. Maaliif? Miirri hafuuraa isaanii waan hadoodeefi dha. (1 Qorontos 2:14 dubbisi.) Dandeettiin hubachuu isaanii takkaa waan dukkanaaʼeef, wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe addaan baasanii beekuun caalaatti ulfaataa isaanitti taʼeera. (Ibr. 5:11-14) Kanaan kan kaʼes, namoonni tokko tokko qabeenyaaf fedhii toʼannaa hin qabne qabu; fedhiin kun immoo matumaa guutamuu hin dandaʼu. (Lal. 5:10) Qorichi jaalala qabeenyaa balleessuu dandaʼu jiraachuu isaatiif ni galateeffanna: Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe guyyaa guyyaadhaan dubbisuu dha. (1 Phe. 2:2) Yesuus dhugaa Waaqayyo biraa dhufe irratti xiinxaluun isaa qorumsa moʼuuf akkuma isa gargaare, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun qabsoo jaalala qabeenyaa wajjin goonu irratti nu gargaara. (Mat. 4:8-10) Akkas gochuudhaan, qabeenya kam iyyuu caalaa Yesuusiin akka jaallannu isaaf mirkaneessina.

Jireenya kee keessatti wantoota akkamiitiif dursa kennita? (Keeyyata 18 ilaali)

18. Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Yesuus yommuu “Isaan kana caalaa na jaallattaa?” jedhee Pheexirosiin gaafatu, jireenya isaa keessatti wantoota hafuuraatiif dursa kennuu akka qabu isa yaadachiisuuf ture. Pheexiros inni hiikni maqaa isaa, “Qarsaa” jechuu taʼe akkuma maqaa isaa amalawwan gaarii akka qarsaa taʼan argisiiseera. (HoE. 4:5-20) Haaluma wal fakkaatuun nutis Kiristoosiif jaalala cimaa qabaannee jiraachuuf, akkasumas hojiidhaaf, bashannanaa fi qabeenyaaf iddoo isaaniif malu kennuuf murteessineerra. Filannoon jireenya keessatti goonu isa Pheexiros “Yaa Gooftaa, baayʼee akka ani si jaalladhu ati iyyuu beekta” jedhe kan calaqqisiisu haa taʼu.

^ key. 14 Mata duree Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2011, ful. 9-12, key. 6-15 irra jiruu fi “Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?” jedhu ilaali.