Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaan Keessan Qabeenya Hafuuraa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa

Garaan Keessan Qabeenya Hafuuraa Irratti Akka Xiyyeeffatu Godhaa

“Bakka qabeenyi keessan jiru, garaan keessanis achuma ni taʼa.” —LUQ. 12:34.

FAARFANNAA: 76, 59

1, 2. (a) Qabeenyawwan hafuuraa sadii Yihowaan nuuf kenne kamfaʼi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii baranna?

YIHOWAAN, Qaama uumama cufa keessatti badhaadhinaan hunda caalu dha. (1 Sen. 29:11, 12) Abbaa arjaa waan taʼeef, namoota faayidaa isaa hubataniif qabeenya hafuuraa isaa isa gatii hunda irra caalu qabu harka isaa diriirsee isaaniif kenna. Yihowaan qabeenyawwan hafuuraa (1) Mootummaa Waaqayyoo, (2) tajaajila keenya isa lubbuu baraaruu fi (3) dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Dubbii isaa keessatti argaman dabalatee wantoota hedduu waan nuu kenneef baayʼee isa galateeffanna! Of eeggachuu baannaan garuu, qabeenyawwan kanaaf dinqisiifannaa dhabuu keenya irra iyyuu darbannee gatuu dandeenya. Jabeessinee isaan qabachuuf, akka gaariitti itti fayyadamuu fi jaalala isaaniif qabnu yeroo yerootti haaromsuu qabna. Yesuus, “bakka qabeenyi keessan jiru, garaan keessanis achuma ni taʼa” jedheera.—Luq. 12:34.

2 Jaalalaa fi dinqisiifannaa Mootummichaaf, tajaajilaa fi dhugaadhaaf qabnu guddisuu fi qabannee itti fufuuf maal gochuu akka dandeenyu mee haa ilaallu. Yommuu akkas goonutti, jaalala qabeenyawwan hafuuraa kanaaf qabdan dhuunfaatti guddifachuuf maal gochuu akka dandeessan irratti xiinxalaa.

MOOTUMMAA WAAQAYYOO ISA CALLEE GATIIDHAAN HIN SHALLAGAMNETTI FAKKEEFFAME

3. Daldalaan fakkeenya Yesuus keessatti caqasame callee gatii guddaa qabu sana argachuuf maal gochuuf fedhii qaba ture? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Maatewos 13:45, 46 dubbisi. Yesuus fakkeenya waaʼee daldalaa callee gatii guddaa qabu barbaadu tokkoo dubbatee ture. Daldalaan sun waggoota hedduudhaaf, calleewwan gatii guddaa qaban bitaa fi gurguraa akka ture hin shakkisiisu. Gaaf tokko garuu, callee warra inni kanaan dura arge hunda caalaa gatii guddaa qabu tokko argate. Callee kana bituun garuu wanta qabu hunda gurguruu isa gaafata ture. Calleen sun isaaf gatii guddaa hammamii akka qabu tilmaamuu dandeessaa?

4. Hamma daldalaan sun callee sana jaallate nutis Mootummaa Waaqayyoo yoo jaallanne, maal gochuuf fedhii qabaanna?

4 Fakkeenya kana irraa barumsa akkamii arganna? Dhugaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu akkuma callee gatiidhaan hin shallagamne kanaa ti. Hamma daldalaan sun callee sana jaallate nutis Mootummicha yoo jaallanne, lammii Mootummichaa taanee jiraachuuf jecha, wanta qabnu hunda dhiisuuf fedhii qabaanna. (Maarqos 10:28-30 dubbisi.) Mee fakkeenya namoota akkas godhan lama haa ilaallu.

5. Zakkewoos Mootummaa Waaqayyoo argachuuf kutannoo isaa kan argisiise akkamitti?

5 Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii ture, qarshii namoota irraa saamuudhaan sooressa taʼee ture. (Luq. 19:1-9) Namichi cubbamaan kun Yesuus waaʼee Mootummichaa yommuu lallabu ennaa dhagaʼu garuu, wanti inni dhagaʼaa jiru gatii guddaa akka qabu hubachuudhaan battaluma sanatti tarkaanfii fudhate. Akkana jedhe: “Yaa Gooftaa kunoo, qabeenya koo keessaa walakkaa isaa hiyyeeyyiidhaaf nan kenna; ani eenyu irraa iyyuu saamee kanan fudhadhe hundumaas dachaa afur godhee nan deebisa.” Qabeenya karaa sirrii hin taaneen kuufate gammachuudhaan deebisee kennuu isaa irra iyyuu, qabeenyaaf sassatuu isaa ni dhiisee.

6. Rooz lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf jijjiirama akkamii gooteetti? Akkas kan goote hoo maaliifi?

6 Waggoota muraasa dura dubartiin Rooz * jedhamtu tokko, ergaa Mootummichaa yommuu dhageessu, dubartii dubartoota akka ishiitii wajjin saalqunnamtii raawwattu turte. Pireezidaantii dhaabbata mirga namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwataniitiif qabsaaʼu tokkoo turte. Haa taʼu malee, Rooz Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu jalqabdu, dhugaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu gatii guddaa akka qabu hubatte. Garuu sirreeffama guddaa gochuu akka qabdu beekteetti. (1 Qor. 6:9, 10) Jaalalli ishiin Yihowaadhaaf qabdu taayitaa qabdu gadhiisuu fi dubartii akka ishiitii wajjin saalqunnamtii raawwachuu akka dhiistu ishii kakaase. Rooz bara 2009⁠tti kan cuuphamte siʼa taʼu, waggaa itti aanutti qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajiluu jalqabde. Jaalalli ishiin Yihowaadhaa fi Mootummaa isaatiif qabdu, hawwii foonii kam irra iyyuu cimaa ture.—Mar. 12:29, 30.

7. Jaalala cimaa Mootummaa Waaqayyootiif qabnu eeggannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Baayʼeen keenya lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuuf jireenya keenya keessatti jijjiirama guddaa akka goone beekamaa dha. (Rom. 12:2) Haa taʼu malee qabsoon keenya hin xumuramne. Jaalalli qabeenyaaf qabnuu fi hawwii foonii kam iyyuu dabalatee, jaalala Mootummichaaf qabnu laaffisanii wajjin dammaqinaan qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna. (Fak. 4:23; Mat. 5:27-29) Yihowaan, jaalala cimaa Mootummaa Waaqayyoof qabnu eeggannee jiraachuuf, qabeenya gatiidhaan hin shallagamne kan biraa nuuf kenneera.

TAJAAJILA KEENYA ISA LUBBUU BARAARU

8. (a) Phaawulos ergamaan tajaajila keenya ‘qabeenya gatii guddaa qodaa suphee keessa’ kaaʼame akka taʼetti kan dubbate maaliifi? (b) Phaawulos tajaajila isaatiif bakka guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?

8 Yesuus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnuu fi akka barsiisnu nu ajajuu isaa yaadadhaa. (Mat. 28:19, 20) Phaawulos ergamaan tajaajilli gatii guddaa akka qabu hubatee ture. Tajaajilli kakuu haaraa ‘qabeenya gatii guddaa qodaa suphee keessa’ kaaʼame akka taʼe dubbateera. (2 Qor. 4:7; 1 Xim. 1:12) Dadhaboota akka qodaa suphee yoo taane iyyuu, ergaan nuti lallabnu nuufis taʼe namoota nu dhaggeeffataniif jireenya bara baraa argamsiisuu dandaʼa. Phaawulos kana waan beekuuf, “Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha” jedheera. (1 Qor. 9:23) Eeyyee, jaalalli Phaawulos tajaajilaaf qabu hojii barattoota gochuu irratti hinaaffaadhaan akka hirmaatu isa kakaaseera. (Roomaa 1:14, 15; 2 Ximotewos 4:2 dubbisi.) Kunis mormii cimaa isa irra gaʼe damdamachuuf isa gargaareera. (1 Tas. 2:2) Nuti hoo, tajaajilaaf jaalala akkasii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9. Karaawwan tajaajila keenyaaf dinqisiifannaa akka qabnu itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko warra kami?

9 Karaa Phaawulos tajaajila isaatiif dinqisiifannaa akka qabu itti argisiise keessaa tokko carraa namoota kaanitti dubbachuuf argate hundatti fayyadamuuf dammaqaa taʼuu isaa ti. Akkuma ergamootaa fi Kiristiyaanota bara duriitti turanii, karaa alidilee taʼeen, bakka namoonni hedduun jiranittii fi manaa gara manaatti ni lallabna. (HoE. 5:42; 20:20) Hamma haalli keenya nuuf heyyametti, tarii qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan karaa itti tajaajila keenya balʼifannu barbaanna. Kana malees qooqa kan biraa barachuu, biyyuma keenya keessatti bakka kan biraa dhaquu ykn biyya alaa deemuu dandeenya taʼa.—HoE. 16:9, 10.

10. Ayiriin misiraachoo lallabuudhaaf kutachuu ishiitiin eebba akkamii argatte?

10 Mee fakkeenya obboleettii qeentee Ayiriin jedhamtuu fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraattuu ilaalaa. Godaantota Afaan Raashiyaa dubbataniif lallabuuf fedhii guddaa qabdi turte. Bara 1993 isaanii lallabuu jalqabdetti garee Afaan Raashiyaa babalʼistoota gara 20 taʼan qofatu magaalaa Niiwu Yoorki keessa jiru turan. Gara waggoota 20f Ayiriin naannoo qooqni sun itti dubbatamu keessatti lallabuuf carraaqqii guddaa gooteetti. Ayiriin, “Amma iyyuu taanaan Afaan Raashiyaa sirriitti dubbachuu hin dandaʼu” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Taʼus Yihowaan carraaqqii cimaa ishiinii fi namoonni akka ishii godhan eebbiseera. Yeroo ammaatti magaalaa Niiwu Yoorki keessa gumiiwwan qooqa Raashiyaatiin geggeeffaman jaʼatu jiru. Namoonni Ayiriin qoʼachiiste 15 cuuphamaniiru. Isaan keessaa tokko tokko miseensa maatii Betʼel, qajeelchitootaa fi jaarsolii taʼaniiru. Ayiriin, “Galmawwan kan biroo hordofeera utuun taʼee, tokkoon isaanii illee gammachuun amma argadhe caalaa naaf argamsiisuu hin dandaʼan.” Eeyyee, tajaajila ishiitiif bakka guddaa kenniteetti!

Tajaajila kee akka qabeenya gatii guddaa qabutti ni ilaaltaa? Torban keessatti hoo tajaajilaaf yeroo ni ramaddaa? (Keeyyata 11 fi 12 ilaali)

11. Utuma ariʼatamni jiruu lallabuu itti fufuun buʼaa akkamii argamsiisa?

11 Tajaajila keenyaaf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa utuma ariʼatamni jiruu lallabuu keenya itti fufna. (HoE. 14:19-22) Bara 1930mmanii fi jalqaba 1940mmanii keessa, obboloonni keenya Yuunaayitid Isteetis keessa turan mormii guddaan isaan irra gaʼee ture. Taʼus akkuma Phaawulos, jabaatanii dhaabachuudhaan lallabuu isaanii itti fufaniiru. Mirga lallabuu keenya eegsisuuf, obboloonni gama seeraatiin qabsoo hedduu godhaniiru. Obboleessi keenya Naataan Noor bara 1943⁠tti milkaaʼina Mana Murtii Ol Aanaa Yuunaayitid Isteetis gama seeraatiin argame ilaalchisee akkana jedheera: “Injifannoowwan kun qabsoo isin gootaniin argaman. Babalʼistoonni tajaajiluu isaanii utuu itti hin fufne taʼee, wanti Mana Murtii Ol Aanaatti nu dhiheessu hin jiru ture; taʼus isin babalʼistoonni obboloonni addunyaa maratti argamtan hundi lallabuu keessan waan itti fuftaniif ariʼatama kana irratti injifannoo argachuu dandeenyeerra. Sabni Gooftaa jabaatanii dhaabachuudhaan waan injifataniif dhuma irratti murtoon kun argameera.” Obboloonni biyyoota kan biraatti argamanis ejjennoo cimaa akkasii waan qabaniif, injifannoon wal fakkaatu argamuu dandaʼeera. Eeyyee, jaalalli tajaajilaaf qabnu ariʼatama moʼuu dandaʼa.

12. Tajaajila kee ilaalchisee maal gochuuf kutatteetta?

12 Tajaajila qabeenya gatiidhaan hin shallagamnee fi Yihowaa biraa argame akka taʼetti kan ilaallu yoo taʼe, wanti nu yaaddessu saʼaatii meeqa akka tajaajille gabaasuu qofa miti. Kanaa mannaa, “misiraachoo . . . guutummaatti dhugaa baʼuuf” wanta nuuf dandaʼame hunda goona. (HoE. 20:24; 2 Xim. 4:5) Haa taʼu malee, namoota kan biraa maal barsiisna? Mee amma immoo qabeenya Waaqayyo irraa arganne kan biraa haa ilaallu.

DHUGAAWAAN GATII GUDDAA QABANII FI NUTI BARANNE

13, 14. ‘Manni kuusaa’ Yesuus Maatewos 13:52 irratti dubbate maali dha? Guutuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

13 Qabeenyi hafuuraa inni sadaffaan dhugaawwan baranne dha. Yihowaan Waaqa dhugaa ti. (2 Sam. 7:28; Far. 31:5) Akkasumas, Abbaa arjaa waan taʼeef, dhugaa isaa namoota isa sodaataniif ni ibsa. Guyyaa dhugaa itti dhageenyee jalqabee, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessaa, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan keessaa, akkasumas walgaʼiiwwan guguddaa fi walgaʼiiwwan gumii irraa arganne kuufachuuf carraa arganneerra. Yeroo boodas, isa Yesuus “mana kuusaa” dhugaa moofaa fi dhugaa haaraa jedhee ibse qabaanna. (Maatewos 13:52 dubbisi.) Dhugaawwan kana akka qabeenya dhokfameetti kan barbaannu yoo taʼe, Yihowaan dhugaawwan gatii guddaa qaban kana “mana kuusaa” keenya keessatti akka walitti qabannu nu gargaara. (Fakkeenya 2:4-7 dubbisi.) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Qoʼannaa dhuunfaa gaarii gochuu amaleeffachuu, akkasumas of eeggannoodhaan Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya irratti hundoofnee qorannaa gochuu qabna. Kun immoo dhugaawwan “haaraa” kanaan dura hin beekne barachuuf nu gargaara. (Iya. 1:8, 9; Far. 1:2, 3) Barruun Masaraa Eegumsaa jalqabaa Adoolessa 1879⁠tti maxxanfame akkana jedhee ture: “Dhugaan, abaaboo xinnoo bosona keessatti aramaa gurguddaadhaan marfamee fi liqimfamuu gaʼee wajjin wal fakkaata. Namni tokko abaaboo akkasii argachuuf of eeggannoodhaan barbaaduu qaba. . . . Abaaboo kana yoo argatte gad jettee fudhachuu qabda. Abaaboo dhugaa tokko argachuu kee qofatti hin quufin. . . . Walitti qabuu kee itti fufi, dabalataan immoo barbaadi.” Eeyyee, mana kuusaa keenya dhugaawwan Waaqayyo biraa argamaniin guuttachuuf fedhii guddaa qabaachuu qabna.

15. Dhugaawwan tokko tokko “moofaa” kan jennu maaliifi? Ati hoo isaan keessaa caalaatti warra kamiif bakka guddaa kennita?

15 Saba Waaqayyoo wajjin jalqaba yommuu wal argine dhugaawwan gatiidhaan hin shallagamne tokko tokko beekneerra. Dhugaawwan kun jireenya Kiristiyaanummaa yommuu jalqabnetti kan beeknee fi gammachuudhaan kan fudhanne waan taʼaniif “moofaa” jedhamuu dandaʼu. Dhugaawwan gatii guddaa qaban kun maalfaa dabalatu? Yihowaan Uumaa keenyaa fi isa jireenya nuuf kenne, akkasumas ilmaan namootaatiif kaayyoo kan qabu taʼuu isaa baranneerra. Kana malees, Waaqayyo cubbuu fi duʼa jalaa walaba nu baasuuf, jaalalaan kakaʼee Ilmi isaa aarsaa furii akka taʼu gochuu isaa baranneerra. Akkasumas Mootummaan isaa rakkina hunda akka balleessu, bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti nagaa fi gammachuudhaan bara baraaf jiraachuuf abdii akka qabaannu gochuu isaa baranneerra.—Yoh. 3:16; Mul. 4:11; 21:3, 4.

16. Dhugaa tokko ilaalchisee hubannaa nuti qabnu irratti sirreeffamni yoo godhame maal gochuu qabna?

16 Yeroo tokko tokko hubannaan raajii Kitaaba Qulqulluu ykn caqasa tokkoof qabnu ni sirreeffama taʼa. Hubannaan haaraan akkasii yommuu nuuf dhihaatu, yeroo fudhannee odeeffannoo sana irratti of eeggannoodhaan qorannaa gochuu fi irratti xiinxaluu qabna. (HoE. 17:11; 1 Xim. 4:15) Sirreeffama guguddaa qofa utuu hin taʼin, garaagarummaa hubannaa isa duraan qabnuu fi isa haaraa gidduu jiruu fi salphaatti hubatamuu hin dandeenye sirriitti hubachuu barbaanna. Karaa kanaan, dhugaa haaraa mana kuusaa keenyatti dabalachuu keenya mirknaaʼoo taʼuu dandeenya. Carraaqqii akkasii gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

17, 18. Hafuurri qulqulluun kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yesuus hafuurri Waaqayyoo wantoota baranne nu yaadachiisuu akka dandaʼu barsiiseera. (Yoh. 14:25, 26) Kun nuti misiraachicha saba barsiisuu akka dandeenyu akkamitti nu gargaaruu dandaʼa? Muuxannoo obboleessa keenya Piitar jedhamuu haa ilaallu. Bara 1970⁠tti umuriin isaa waggaa 19 yeroo taʼu, Betʼel isaa Biritaaniyaa jiru keessa tajaajiluu jalqabee ture. Manaa gara manaatti utuu lallabaa jiru, nama areeda dheeraa qabuu fi umurii giddu galeessa keessa jiru tokkoo wajjin wal arge. Piitar, namichi kun Kitaaba Qulqulluu hubachuu akka barbaadu isa gaafate. Namichis naasuudhaan, manni kun mana barsiisaa amantii Yihudii taʼuu isaa itti hime. Namichi kun Piitariin qoruudhaaf, “Kanaaf, ilma ko, Kitaabni Daaniʼel afaan isa kamiin barreeffame?” jedhee isa gaafate. Piitaris, “Gar tokkoon isaa Afaan Aramaayikiitiin barreeffame” jedhee deebiseef. Piitar wanta yaadatu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Barsiisaan amantii Yihudii sunis deebii isaa beekuu kootiin dinqisiifamee ture; garuu hamma koo hin dinqisiifamne! Deebii gaaffii kanaa beekuu kanan dandaʼe akkamitti? Gara manaatti deebiʼe barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! jiʼa darbee yommuun ilaalu, mata duree Kitaabni Daaniʼel Afaan Aramaayikiitiin (Afaan Aaramiitiin) akka barreeffame ibsun arge.” (Dan. 2:4) Eeyyee, hafuurri qulqulluun wantoota kanaan duraa dubbisnee fi mana kuusaa keenya keessa kaaʼanne nu yaadachiisuu dandaʼa.—Luq. 12:11, 12; 21:13-15.

18 Ogummaa Yihowaa biraa dhufuuf bakka guddaa kan kenninu yoo taʼe, garaan keenya mana kuusaa keenya dhugaawwan moofaa fi haaraadhaan akka guuttannu nu kakaasa. Jaalallii fi dinqisiifannaan ogummaa Yihowaatiif qabnu guddachaa yommuu adeemu, barsiisota sabaa gaʼumsa qaban taana.

QABEENYA KEESSAN CIMSAA EEGGADHAA

19. Qabeenyawwan hafuuraa arganneef eegumsa gochuu kan qabnu maaliifi?

19 Seexannii fi addunyaan isaa yeroo hunda dinqisiifannaa qabeenyawwan hafuuraa mata duree kana keessatti irratti mariʼanneef qabnu nu jalaa laaffisuu ykn nu jalaa balleessuu barbaadu. Tooftaalee isaa kana jalaa miliquu hin dandeenyu. Of eeggachuu baannaan, abdiin hojii galii guddaa argamsiisu argachuu ykn hawwiin jireenya qananii jiraachuu ykn hawwiin jireenya ofii argisiifachuu salphaadhumatti xiyyeeffannaa keenya harkisuu dandaʼa. Yohaannis ergamaan addunyaan kunis taʼe hawwiin isaa darbaa akka jiran nu akeekkachiiseera. (1 Yoh. 2:15-17) Kanaaf, qabeenyawwan hafuuraa arganneef galateeffachuu, akkasumas eegumsa isaaniif gochuu qabna.

20. Qabeenya hafuuraa kee eeggachuuf maal gochuuf murteessiteetta?

20 Wanta jaalala guddaa Mootummaa Waaqayyootiif qabdan isin jalaa laaffisu kam iyyuu dhiisuuf fedhii qabaachuu qabdu. Hinaaffaadhaan lallabuu keessan itti fufaa; dinqisiifannaa tajaajila keenya isa lubbuu baraaruuf qabdan matumaa hin dhabinaa. Dhugaawwan Waaqayyo biraa argaman cimsitanii barbaaduu keessan itti fufaa. Yommuu akkas gootan, ‘qabeenya hin dhumne, bakka hattuun bira hin geenyee fi bakka biliin hin nyaanne samii irratti qabaattu. Sababiin isaas bakka qabeenyi keessan jiru, garaan keessanis achuma ni taʼa.’—Luq. 12:33, 34.

^ key. 6 Maqaan ishii jijjiirameera.