Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sammuun kee waraanicha akka moʼu godhi

Sammuun kee waraanicha akka moʼu godhi

WARAANNI si irratti banameera! Diinni kee inni guddaan Seexanni meeshaa waraanaa balaa guddaa geessisutti fayyadamaa jira. Meeshaan kun maali dha? Olola! Meeshaan kun keessumaa qaama kee utuu hin taʼin, sammuu kee miidhuuf qophaaʼe.

Phaawulos ergamaan balaa ololli Seexanaa geessisu ilaalchisee dammaqaa kan ture taʼu iyyuu, Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan keessaa dammaqoo kan taʼan hunda isaanii hin turre. Fakkeenyaaf, warri gumii Qorontos turan dhugaatti cimoo akka turanii fi matumaa akka hin kufne yaaduudhaan garmalee ofitti waan amanaman fakkaata. (1 Qor. 10:12) Phaawulos akeekkachiisa kana kan kenne kanaafi: “Akkuma bofichi haxxummaa isaatiin Hewwaaniin gowwoomse, sammuun keessan mancaʼee amanamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif taʼu irraa ni garagala jedheen hamma tokko sodaadha.”—2 Qor. 11:3.

Wanti Phaawulos dubbate garmalee ofitti amanamuu akka hin qabne argisiisa. Kanaaf sammuun kee waraanicha akka moʼu gochuuf, balaa ololli sun geessisu hubachuu fi irraa of eeguu qabda.

OLOLLI BALAA AKKAMII GEESSISA?

Ololli maali dha? Barreeffama kana keessatti olola jechuun odeeffannoo gaʼaa hin taane ykn nama dogoggorsutti fayyadamanii yaadaa fi gocha namootaa gara barbaadanitti jalʼisuu dha. Akka kitaabni Propaganda and Persuasion jedhetti, ololli “naamusa kan hin qabne, kan nama miidhuu fi loogii irratti kan hundaaʼe” dha. Namoonni immoo olola, jechoota “soba, jalʼina, gowwoomsaa, gara barbaadanitti jalʼisuu [fi] sammuu namootaa toʼachuu” jedhaniin ibsu.

Ololli balaa akkamii geessisa? Akkuma qilleensa ijaan hin argamne, foolii hin qabnee fi summaaʼaa taʼee utuu hin beekamin qalbii keenya keessa seena. Ololli hangam miidhaa akka qabu waan hin hubatamneef, hayyuun waaʼee amala namaa qoratan Vansi Paakaardi akkana jedhaniiru: “Dhiibbaan nu irra gaʼu hubannaa keenya caalaa waan taʼeef baayʼeen keenya ni gowwoomfamna.” Hayyuun kan biraan tokko akka jedhanitti immoo, dhiiraa fi dubartiin dhibbaa ololli isaan irraan geessiseen kan kaʼe, “salphaadhumatti amalawwan balaa geessisan akka qabaatan isaan taasiseera.” Kunis ‘sanyii balleessuu, waraana, jibba sanyii, wal dandaʼuu dadhabuu amantii fi amalawwan namoota irratti miidhaa geessisan kan biraa hedduu akka qabaatan isaan taasiseera.’—Easily Led—A History of Propaganda.

Namootumti illee olola isaaniitiin nu gowwoomsuu erga dandaʼanii, Seexanni immoo kana caalaa gochuu hin dandaʼuu? Erga namni uumamee kaasee amala namaa qoʼachaa tureera. “Guutummaan addunyaa” toʼannaa isaa jala jira. Soba isaa babalʼisuuf kutaa addunyaa kanaa isa kamitti iyyuu fayyadamuu ni dandaʼa. (1 Yoh. 5:19; Yoh. 8:44) Seexanni ‘sammuu namootaa jaamsuu’ fi yeroo ammaatti ‘guutummaa lafaa dogoggorsuun’ isaaf milkaaʼeera. (2 Qor. 4:4; Mul. 12:9) Olola isaa of irraa ittisuu kan dandeessu akkamitti?

AMANTII KEE CIMSADHU

Yesuus karaa salphaa olola moʼuuf nu gargaaru yommuu dubbatu, “Dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yoh. 8:31, 32) Waraana irratti loltuun tokko diinni isaa soba dubbachuudhaan waan isa gowwoomsuuf odeeffannoo amansiisaa eessaa akka argatu beekuu isa barbaachisa. Maarree odeeffannoo amansiisaa taʼe eessaa argachuu dandeessa? Yihowaan odeeffannoo akkasii Kitaaba Qulqulluu keessatti nuu qopheesseera. Kanaaf odeeffannoo olola Seexanaa moʼuuf si barbaachisu hunda achi keessaa argachuu dandeessa.—2 Xim. 3:16, 17.

Seexanni, inni olola babalʼisuudhaan beekamaa taʼe kana beeka. Kanaaf, Kitaaba Qulqulluu akka hin dubbisnee fi akka hin qoʼanne gochuuf addunyaa ofii isaatii toʼatutti fayyadama. Mala haxxummaa isaa isa nama dogoggorsuun hin moʼaminaa! (Efe. 6:11) Dhugaan hangam akka balʼatu “guutummaatti hubachuu akka dandeessaniif” carraaqqii godhaa. (Efe. 3:18) Kunis gama keetiin carraaqqii cimaa gochuu gaafata. Dhugaa buʼuuraa barreessaan kitaabaa Noʼaam Choomiskii jedhaman dubbatan kana yaadadhu: “Namni kam iyyuu dhugaa sammuu kee keessa hin kaaʼu. Ofuma keetii barbaaddee bira gaʼuu qabda.” Kanaaf, ‘guyyuma guyyaadhaan Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qortee,’ ‘ofuma keetiin barbaaddee bira gaʼuu qabda.’—HoE. 17:11.

Sammuun kee waraanicha akka moʼuu gochuuf, balaa ololli sun geessisu hubachuu fi irraa of eeggachuu qabda

Seexanni sirriitti akka yaadduu fi wanta dhageessu ilaalchisee dhugaa isaa akka hubattu hin barbaadu. Maaliif? Ololli, akka maddi odeeffannoo tokko jedhetti [ololli] “kaayyoo isaa iddoodhaan gaʼuuf, namoonni . . . sirriitti akka hin yaanne gochuu qaba.” (Media and Society in the Twentieth Century) Kanaaf matumaa waan dhageesse irratti utuu hin yaadin ykn duuchaadhumatti hin fudhatin. (Fak. 14:15) Dandeettii yaaduu Waaqayyo siif kennetti fayyadamuudhaan dhugaa kan kee godhadhu.—Fak. 2:10-15; Rom. 12:1, 2.

WAL QOQQODUU IRRAA OF EEGGADHU

Ogeeyyiin karoora waraanaa baasan hamilee dinoota isaanii laaffisuuf ololatti fayyadamuu dandaʼu. Diinonni isaanii, walii isaanii akka wal waraanan ykn humna waraanaa isa kaan irraa akka adda of baasan isaan gowwoomsuu dandaʼu. Janaraalli Jarmanii tokko Waraana Addunyaa isa Tokkoffaa irratti sababiin itti moʼamne sabni keenya “akkuma bofti illeettii fajachu olola diinaatiin waan fajajeefi” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Seexannis qoqqoodee moʼuuf mala kanaa wajjin wal fakkaatutti fayyadamuuf yaala; fakkeenyaaf, obboloota gidduutti wal morkiin akka uumamu gochuudhaan ykn haqni akka isaanitti jalʼate isaanitti fakkaatee ykn mufachuudhaan jaarmiyaa Yihowaa irraa akka adda of baasan isaan gowwoomsa.

Kanaaf, hin gowwoomin! Qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu hordofi. Fakkeenyaaf, obboloota kee wajjin tokkummaa qabaattee jiraachuuf, Kitaabni Qulqulluun “tola waliif dhiisuu” fi walitti buʼiinsa uumame ariitiidhaan hiikuu kee akka itti fuftu si jajjabeessa. (Qol. 3:13, 14; Mat. 5:23, 24) Gumii irraa akka adda of hin baasne cimsee nu akeekkachiisa. (Fak. 18:1) Olola Seexanaa moʼuuf hangam akka of qopheessite of qori. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo darbe haalli akkasii yommuu na mudate yaada koo kan toʼate maal ture? Hafuura addunyaa ti moo hafuura Waaqayyoo ti?’—Gal. 5:16-26; Efe. 2:2, 3.

AMANANNAA KEE AKKA HIN LAAFFISNE OF EEGGADHU

Loltuun amantii inni geggeessaa isaa irratti qabu jalaa laafe sirriitti loluu hin dandaʼu. Kanaaf warri olola babalʼisan, wal amantaa loltuu tokkoo fi ajajaa isaa gidduu jiru balleessuuf yaalii godhu. Tarii olola, “Geggeessaa kee amanuu hin dandeessu!” akkasumas “Badiisaatti akka si geessu hin heyyamin!” jedhan babalʼisu. Olola isaanii kana cimsuuf, haxxummaadhaan dogoggora geggeessitoonni isaanii raawwachuu dandaʼaniin fayyadamu. Seexannis akkasuma godha. Amantaa namoota Yihowaan nu geggeessuuf itti fayyadamu irratti qabnu laaffisuuf yaalii gochuu isaa matumaa hin dhiisu.

Kana of irraa ittisuu kan dandeessu akkamitti? Jaarmiyaa Yihowaatti maxxanuu fi namoota inni nu geggeessuuf itti fayyadamu mudaa kan qaban taʼus amanamuudhaan isaan deggeruuf murtoo godhi. (1 Tas. 5:12, 13) Wanti gantoonni ykn gowwoomsitonni dubbatan dhugaa fakkaatu illee, “daftanii yaada keessaniin hin raafaminaa.” (2 Tas. 2:2; Tit. 1:10) Gorsa Ximotewos isa dargaggeessa tureef kenname hordofaa. Dhugaa barattetti maxxani, eessaa akka barattes yaadadhu. (2 Xim. 3:14, 15) Yihowaan karaa dhugaa irra nu geggeessuuf gara waggaa dhibbaaf toora inni itti fayyadame akka amanamnu kan argisiisan ragaa hedduu qabna.—Mat. 24:45-47; Ibr. 13:7, 17.

TOOFTAAN DORSISAA AKKA SI DADHABSIISU HIN HEYYAMIN

Taʼus, ololli Seexanaa dhoksaa kan taʼe yeroo hunda akka hin taane hubadhu. Al tokko tokko, tooftaa doorsisaatiin fayyadama; kunis “bifa ololaa keessaa isa hunda dura kan ture dha.” (Easily Led—A History of Propaganda) Fakkeenyaaf, Piroofeesarri Biritaaniyaa Filiip Teeyilar jedhaman, warri Asor diinota isaanii hacuucuuf “doorsisa ololaa wajjin wal qabate fayyadamu turan” jedhanii barreessaniiru. Seexanni namoota, ariʼatama, duʼa akka sodaattu gochuudhaan, akkasumas sodaa sirrii hin taane kan biraatti fayyadamee si hacuucuu fi Yihowaa tajaajiluu irraa duubatti akka jettu gochuuf yaala.—Isa. 8:12; Er. 42:11; Ibr. 2:15.

Seexanni sodaatti fayyadamee hamilee kee akka cabsuu fi amanamummaa kee laaffisu hin heyyamin. Yesuus, “Warra foon ajjeesuudhaan alatti sana caalaa homaa gochuu hin dandeenye hin sodaatinaa” jedheera. (Luq. 12:4) Waadaa Yihowaan si eeguuf, ‘humna humna caalu’ sii kennuuf, yaalii si doorsisuuf godhame kam iyyuu akka mootu si gargaaruuf galetti amanannaa guutuu qabaadhu.—2 Qor. 4:7-9; 1 Phe. 3:14.

Yeroo tokko tokko sodaa fi dadhabbiin akka isinitti dhagaʼamu beekamaa dha. Wanta Yihowaan akkana jechuudhaan Iyaasuu jajjabeessuuf dubbate yaadadhu: “Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis.” (Iya. 1:9) Yaaddoon yoo sitti dhagaʼame, yeruma sana kadhannaadhaan miira kee Yihowaatti himadhu. ‘Nagaan Waaqayyoo garaa kee fi yaada kee akka eegu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa; kunis olola Seexanaa hunda moʼuuf humna argachuuf si dandeessisa.—Filp. 4:6, 7, 13.

Olola ergamaan warra Asor Rabshaaqee jedhamu saba Waaqayyoo doorsisuuf itti fayyadamee ture ni yaadattaa? Akkana jedhe: ‘Qaamni warra Asor irraa isin eeguu dandaʼu hin jiru. Waaqni keessan Yihowaan illee waan tokko illee isiniif gochuu hin dandaʼu.’ Itti dabalees ija jabinaan, ‘Biyya kana akkan balleessu kan nutti hime Yihowaa mataa isaa ti’ jedhe. Yeroo kanatti Yihowaan hoo maal jedhe? “Dubbii anatti gaʼisuu garboota mootii Asor isa dhageesse kana hin sodaatin” jedhe. (2 Mot. 18:22-25; 19:6) Achiis maleekaa tokko ergee halkanuma tokkotti namoota Asor 185,000 fixe!—2 Mot. 19:35.

OGEEYYII TAʼUUDHAAN YEROO HUNDA YIHOWAA DHAGGEEFFADHU

Fiilmii yommuu namni tokko gowwoomfamuu argisiisu ilaaltee beektaa? ‘Hin amanin! Si sobaa jiru!’ jettee yeroon itti yaadde jiraa? Amma immoo, maleekonni sagalee guddaadhaan, “Soba Seexanaatiin hin gowwoomfamin!” jedhanii ergaa wal fakkaatu yommuu sitti dubbatan mee yaadi.

Kanaaf olola Seexanaa hin dhagaʼin. (Fak. 26:24, 25) Wanta gootu hundumaatti Yihowaa dhaggeeffadhu, akkasumas isatti amanami. (Fak. 3:5-7) Gorsa Inni jaalalaan kakaʼee, “Yaa ilma ko . . . ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” jedhuuf deebii kenni. (Fak. 27:11) Akkas kan gootu taanaan, sammuun kee waraanicha akka moʼu goota!