Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?

Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?

“Isinis akkasuma obsaa.”—YAQ. 5:8.

FAARFANNAA: 114, 79

1, 2. (a) “Hamma yoomiitti?” jennee akka gaafannu wanti nu taasisu maal taʼuu dandaʼa? (b) Fakkeenyi tajaajiltoota amanamoo bara durii kan nu jajjabeessu maaliifi?

“HAMMA yoomiitti?” Raajonni amanamoon Isaayaasii fi Anbaaqom jedhaman gaaffii kana gaafatanii turan. (Isa. 6:11; An. 1:2) Daawit Mootichis, yeroo Faarfannaa 13⁠ffaa qindeessetti siʼa shan, “hamma yoomiitti?” jedhee gaafateera. (Far. 13:1, 2) Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos illee namoota amantii hin qabnee fi naannoo isaa turan ilaalchisee gaaffii kana gaafatee ture. (Mat. 17:17) Nutis, yeroo tokko tokko akkuma isaanii jennee yoo gaafanne, nu dinqisiisuu hin qabu.

2 Wanti “hamma yoomiitti?” jennee akka gaafannu nu taasisuu dandaʼu maali dha? Tarii jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo dullumaa fi dhukkubaa wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa; akkasumas “guyyoota dhumaa . . . baayʼee rakkisaa taʼe” kana keessa jiraachuu keenyaan dhiphachaa jirra taʼa. (2 Xim. 3:1) Kana malees, amallii fi ilaalchi dogoggoraa namoonni naannoo keenya jiran qaban abdii nu kutachiisaa jira taʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara duriitti turan miira isaanii utuu hin dhoksin gaaffii sammuu keenya keessatti uumamuu dandaʼu kana gaafachuu isaaniitiin hin balaaleffatamne; kunis kan nama jajjabeessu dha.

3. Haalawwan rakkisoo taʼan yeroo nu mudatan maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

3 Haa taʼu malee, haalawwan rakkisoo taʼan akkasii yeroo nu mudatan maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yaaqoob baratichi inni obboleessa Yesuus taʼe, hafuura qulqulluudhaan gaggeeffamee, “Kanaaf, yaa obbolootaa hanga argama Gooftaatti obsaa” jedhee barreesseera. (Yaq. 5:7) Eeyyee, hundi keenya iyyuu obsuu qabna. Garuu, amalli Waaqayyoon gammachiisu kun maalfaa dabalata?

OBSI MAALI DHA?

4, 5. (a) Obsuun maalfaa dabalata? (b) Yaaqoob baratichi waaʼee obsaa kan ibse akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Kitaabni Qulqulluun obsi firii hafuura qulqulluu akka taʼe dubbata; gargaarsa Waaqayyoo malee, namoonni mudaa qaban hamma isaan irraa barbaadamu obsa qabaachuu hin dandaʼan. Obsi kennaa Waaqayyoo siʼa taʼu, obsa qabaachuun karaa guddaa jaalala isaaf qabnu itti argisiisnu dha. Akkasumas, obsi jaalala namootaaf qabnu karaa itti argisiisnu keessaa tokko dha. Obsa hin qabnu yoo taʼe, jaalalli nu gidduu jiru ni laafa. (1 Qor. 13:4; Gal. 5:22) Obsi amaloota barbaachisoo Kiristiyaanonni qabaachuu qaban hedduu dabalata. Fakkeenyaaf, jabaatanii dhaabachuu wajjin hariiroo cimaa kan qabu siʼa taʼu, amalli kun immoo haalawwan rakkisoo taʼan yeroo nu mudatan ilaalcha gaarii qabaachuuf nu gargaara. (Qol. 1:11; Yaq. 1:3, 4) Obsi, rakkinni yeroo nu irra gaʼu haaloo baʼuu dhiisuu fi wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate jabaannee dhaabachuu kan dabalatu dha. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun fedhiidhaan eeggachuun hammam barbaachisaa akka taʼe amannee akka fudhannu nu gorsa. Obsi akkasii Yaaqoob 5:7, 8 (dubbisi) irratti ibsameera.

5 Hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti, fedhiidhaan isa eeggachuun barbaachisaa akka taʼe amannee fudhachuu kan qabnu maaliifi? Yaaqoob haala keessa jirru, haala qonnaan bulaa tokkoo wajjin wal fakkeesseera. Qonnaan bulaan tokko, sanyii isaa facaasuuf ciminaan kan hojjetu taʼus, haala qilleensaa ykn guddina sanyii facaase sanaa toʼachuu hin dandaʼu.Yeroo isaas saffisiisuu hin dandaʼu. “Firii lafaa isa gatii guddaa qabu” argachuuf obsaan eeggachuu akka qabu amanee fudhata. Haaluma wal fakkaatun, yeroo abdiiwwan Yihowaan kenne itti raawwataman eegnu kanatti, haalawwan toʼannaa keenyaa ol taʼan hedduun jiru. (Mar. 13:32, 33; HoE. 1:7) Akkuma qonnaan bulaa sanaa, nuyis obsaan eeggachuu qabna.

6. Fakkeenya Miikiyaas raajichaa irraa maal baranna?

6 Haalawwan yeroo harʼaatti nu mudatan, haalawwan bara Miikiyaas raajichaatti turanii wajjin wal fakkaatu. Miikiyaas kan jiraate, yeroo Ahaaz Mootichi inni hamaan bulchaa turettii fi malaanmaltummaa hedduun itti babalʼatetti ture. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun namoonni bara sanatti turan ‘waan hamaa hojjechuu baʼeessa godhanii akka beekan’ dubbata. (Miikiyaas 7:1-3 dubbisi.) Miikiyaas ofii isaatiin haalawwan kana jijjiiruu akka hin dandeenye hubatee ture. Kanaaf, maal gochuu dandaʼa? Akkana jedheera: “[Ani] abdiidhaan gara Waaqayyoo nan ilaala, Waaqayyo koo isa ana fayyisu nan eeggadha, Waaqayyotu anaaf dhaga’a.” (Mik. 7:7) Akkuma Miikiyaas, nutis obsaan ‘eeggachuu’ qabna.

7. Yihowaan abdiiwwan kenne hamma raawwatutti isa eeggachuu kan qabnu akkamitti?

7 Amantii akka Miikiyaas kan qabnu yoo taʼe, fedhiidhaan Yihowaa eeggachuuf kakaana. Haalli keenya hidhamaa seeraa duuti itti murteeffamee fi yeroo itti ajjeeffamu eegaa jiruu wajjin tokko miti. Namni kun guyyaa kana kan eegu waan dirqameef malee fedhiidhaan miti. Haalli keenya garuu kana irraa baayʼee adda dha! Yihowaan abdii jireenya bara baraa nuu kennuuf gale yeroo sirrii fi gaarii taʼetti akka raawwatu waan beeknuuf isa eeggachuuf fedhii qabaanna! Kanaafuu, ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee dhaabachuu’ qabna. (Qol. 1:11, 12) Faallaa kanaatiin garuu, Yihowaan dafee tarkaanfii waan hin fudhanneef mufachaa ykn guungumaa kan isa eeggannu yoo taʼe, Waaqa keenya gaddisiisu dandaʼa.—Qol. 3:12.

NAMOOTA AMANAMOO OBSA QABAACHUUDHAAN FAKKEENYA TAʼAN

8. Fakkeenya namoota amanamoo bara durii turan irratti yeroo xiinxallu maal yaadachuu qabna?

8 Namoota bara durii amanamoo taʼanii fi Yihowaan abdiiwwan kenne hamma raawwatutti obsaan eeggatan kan yaadannu yoo taʼe eeggachuuf caalaatti fedhii qabaanna. (Rom. 15:4) Yeroo fakkeenya isaanii irratti xiinxallutti, yeroo hammamiitiif eeggachuun akka isaan barbaachise, sababii eeggachuuf fedhii itti qabaatanii fi obsuun eebba akkamii akka isaaniif argamsiise yaadachuun keenya gaarii dha.

Abrahaam ijoollee ilma isaa kan taʼan Esaawu fi Yaaqob hanga dhalatanitti waggoota hedduudhaaf eeguu qaba ture (Keeyyata 9 fi 10 ilaali)

9, 10. Abrahaamii fi Saaraan yeroo hangamiitiif Yihowaa eeguu qabu turan?

9 Mee fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa haa ilaallu. Isaan namoota “warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalan” jedhaman keessaa tokko dha. Kitaabni Qulqulluun ‘Abrahaam erga obsa argisiisee booda,’ abdii Yihowaan akka isa eebbisuu fi sanyii isaa akka baayʼisu isaaf kenne akka argate ibsa. (Ibr. 6:12, 15) Abrahaam obsuun kan isa barbaachisee ture maaliifi? Gabaabumatti, abdiin kun raawwatamuuf yeroo waan fudhatuuf ture. Kakuun Yihowaan Abrahaamii wajjin gale raawwatamuu kan jalqabe, Dh.K.D. Niisaan 14, 1943⁠tti dha. Kunis, yeroo innii fi Saaraan maatii isaanii wajjin Laga Efraaxiis ceʼanii Biyyattii Abdachiifamtetti seenanitti ture. Achiis, Abrahaam hamma ilmi isaa Yisihaaq Dh.K.D. bara 1918⁠tti dhalatutti waggaa 25 eeguu qaba ture; akkasumas dabalataan hamma ilmaan ilma isaa Esaawu fi Yaaqoob Dh.K.D. bara 1858⁠tti dhalatanitti waggaa 60f eeguu qaba ture.—Ibr. 11:9.

10 Lafti Abrahaam dhaalu hangam balʼata? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Taʼus, [Yihowaan] iddoo kanatti lafa hamma faana miillaa gaʼu illee dhaala isaaf [Abrahaamiif] hin kennine; haa taʼu malee yeroo kanatti dhala kan hin godhanne taʼus, isaa fi isa booda immoo sanyii isaatiif dhaala akka kennu waadaa isaaniif gale.” (HoE. 7:5) Kun kan raawwatame Abrahaam Laga Efraaxiis erga ceʼee waggoota 430 booda, yeroo sanyiin isaa akka saba tokkootti gurmaaʼuudhaan lafa sana dhaalanitti ture.—Bau. 12:40-42; Gal. 3:17.

11. Abrahaam Yihowaa eeguuf fedhii kan qabaate maaliif ture? Obsi isaa hoo gara fuulduraatti eebba akkamii isaaf argamsiisa?

11 Abrahaam obsi isaa amantii Yihowaa irratti qabu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, eeguuf fedhii qaba ture. (Ibroota 11:8-12 dubbisi.) Abdiin isaaf kenname yeroo inni lubbuudhaan jirutti guutummaatti raawwatamuu baatu illee gammachuudhaan eegaa ture. Haa taʼu malee, yeroo Abrahaam lafa jannata taatu irratti duʼaa kaʼu gammachuu isatti dhagaʼamu mee yaadaa. Seenaan isaa fi kan sanyii isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo hedduutti akka argamu yommuu hubatu dinqisiifachuun isaa hin oolu. * Sanyii abdachiifamee wajjin haala wal qabateen, kaayyoo Yihowaa raawwachiisuu keessatti gaʼee guddaa kan qabu akka ture yeroo jalqabaatiif yommuu hubatu hangam akka ajaaʼibsiifamu mee yaadaa! Yeroo dheeraadhaaf eeguun isaa sirrii akka ture akka isatti dhagaʼamu hin shakkisiisu.

12, 13. Yoseef obsaan eeguun kan isa barbaachise maaliifi? Ilaalcha gaarii akkamii qaba ture?

12 Yoseef inni akaakiliin isaa Abrahaam taʼes obsa argisiisuuf fedhii qaba ture. Jalʼinni haqaa guddaan isa irratti raawwatamee ture. Jalqaba irratti, yommuu umuriin isaa gara waggaa 17 taʼu obboloonni isaa garbummaatti isa gurguran. Achiis haadha manaa gooftaa isaa gudeeduuf yaalii akka godhe sobaan himatamee, funyoo sibiilaatiin hidhamee mana hidhaa seene. (Uma. 39:11-20; Far. 105:17, 18) Tarkaanfii sirrii fudhachuu isaatiin eebbifamuu mannaa waan adabame fakkaata ture. Waggaa 13 booda garuu, wanti hundi takkumatti jijjiirame. Mana hidhaatii kan gadhiifame taʼuu isaa irra iyyuu, Gibxii keessatti mootichatti aanee bulchaa lammaffaa taʼee muudame.—Uma. 41:14, 37-43; HoE. 7:9, 10.

13 Jalʼinni haqaa isa irratti raawwatamuun isaa Yoseefiin baayʼee aarsee turee? Amanannaa Waaqa isaa Yihowaa irratti qabu hoo dhabee turee? Lakki. Wanti Yoseef obsaan akka eeggatu isa gargaare maal ture? Amantii Yihowaa irratti qabu dha. Yoseef Yihowaan dhimmoota hunda toʼachaa akka ture hubateera. Kun wanta inni obboloota isaatti dubbate irratti akkamitti akka mulʼate hubadhaa: “Hin sodaatinaa! Anatu iddoo Waaqayyootti ilaalamaa ree? Isin hamaa ana irratti akeektan, Waaqayyo garuu gaariidhaaf isa yaade; inni lubbuu namoota baayʼee oolchuudhaaf, akka amma taʼee jiru kana godhe.” (Uma. 50:19, 20) Dhuma irratti, Yoseef Yihowaa biraa eebba argachuuf eeguun isaa buʼaa guddaa akka isaaf argamsiise hubateera.

14, 15. (a) Obsa Daawit ilaalchisee wanti nama dinqisiisu maali dha? (b) Daawit obsaan akka eeggatu kan isa gargaare maali dha?

14 Daawit Mooticha irrattis jalʼinni haqaa hedduun raawwatameera. Yihowaan ijoollummaa isaatti mootii Israaʼel gara fuulduraa akka taʼuuf kan isa dibe taʼus, gosa isaa irratti mootii taʼuuf gara waggoota 15 eeguu qaba ture. (2 Sam. 2:3, 4) Waggoota kana keessatti, Saaʼol Mootichi inni amanamaa hin turre, Daawitiin ajjeesuuf isa ariʼaa ture. * Kanaan kan kaʼes, Daawit yeroo tokko tokko biyya ormaa keessatti baqataa taʼee, yeroo kaanitti immoo holqa lafa onaatti argamu keessa jiraateera. Yeroo booda yommuu Saaʼol waraana irratti ajjeefametti illee, Daawit guutummaa saba Israaʼel irratti aangoon mootummaa hanga kennamuufitti dabalataan gara waggoota torbaa eeguu qaba ture.—2 Sam. 5:4, 5.

15 Daawit obsaan eeguun isa barbaachisee kan ture maaliifi? Faarfannaa isaa isa siʼa shan “Hamma yoomiitti” jedhee keessatti gaafate irraa deebii isaa arganna. Akkana jedheera: “Ani garuu gaarummaa kee amanadheera, na oolchuu keettis garaa koo guutuudhaan nan gammada. Wanta gaarii inni anaaf godheef, ani Waaqayyoon nan faarfadha.” (Far. 13:5, 6) Daawit gaarummaa Yihowaatti amanameera. Yihowaan akka isa oolchu hawwiidhaan eeggateera; akkasumas wanta Yihowaan kanaan dura isa eebbisuuf godhe irratti xiinxaleera. Dhuguma iyyuu, Daawit eeggachuun isaa buʼaa akka qabu isatti dhagaʼameera.

Obsaan eeguu ilaalchisee, Yihowaan wanta ofii isaatii hin goone nu irraa hin eegu

16, 17. Fedhiidhaan eeguu ilaalchisee, Yihowaa fi Yesuus Kiristoos fakkeenya gaarii kan nuuf taʼan akkamitti?

16 Obsaan eeguu ilaalchisee, Yihowaan wanta ofii isaatii hin goone nu irraa hin eegu. Eeggachuuf fedhii qabaachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (2 Pheexiros 3:9 dubbisi.) Yihowaan gaaffiin Eeden keessatti kaʼe suutuma suutaan guutummaatti deebii argachuu akka dandaʼuuf, waggoota kumaan lakkaaʼamaniif eegaa jira. Yeroo maqaan isaa guutummaatti itti qulqulleeffamu obsaan “eegaa” jira. Kun immoo, ‘warra isa eeggataniif’ eebba guddaa argamsiisa.—Isa. 30:18.

17 Yesuusis eeggachuuf fedhii qaba. Lafa irra yeroo turetti qorumsa amanamummaa kan darbee fi gatii aarsaa furii isaa Dh.K.B. bara 33⁠tti kan dhiheesse taʼus, bulchuu isaa jalqabuuf hanga bara 1914⁠tti eeguu qaba ture. (HoE. 2:33-35; Ibr. 10:12, 13) Diinonni Yesuus guutummaatti kan balleeffaman xumura Bulchiinsa Barkumeetti dha. (1 Qor. 15:25) Yeroo dheeraadhaaf kan eegu taʼus, eeguun isaa buʼaa akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

EEGGACHUUF MAALTU NU GARGAARA?

18, 19. Obsaan eeggachuuf fedhii akka qabaannuuf maaltu nu gargaara?

18 Kanaafuu, hundi keenya iyyuu eeggachuuf fedhii qabaachuu, jechuunis obsa qabaachuu akka qabnu beekamaa dha. Garuu, kana gochuuf maaltu nu gargaara? Hafuura Waaqayyoo argachuuf kadhadhaa. Obsi firii hafuuraa keessaa tokko akka taʼe yaadadhaa. (Efe. 3:16; 6:18; 1 Tas. 5:17-19) Yihowaan hamma dhumaatti jabaattanii dhaabachuudhaan akka obsitan akka isin gargaaru kadhadhaa.

19 Akkasumas, Abrahaam, Yoseefii fi Daawit waadaan Yihowaan isaaniif gale hamma raawwatamutti eeguuf wanta isaan gargaare yaadadhaa. Wanti isaan gargaare amantii isaan Yihowaa irratti qabanii fi akkaataa inni itti isaan gargaare irratti xiinxaluu isaanii ture. Ofii irrattii fi wanta barbaadan irratti hin xiyyeeffanne. Milkaaʼina argachuu isaanii yommuu yaannu, nutis obsaan eeggachuuf kakaana.

20. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

20 Qorumsii fi rakkinni nu irra gaʼus, ‘abdiidhaan’ eeggachuuf kutanneerra. Yeroo tokko tokko, “Yaa gooftaa, kun hamma yoomiitti?” jennee iyyina taʼa. (Isa. 6:11) Taʼus, cimina hafuura qulqulluu isa humna Waaqayyoo taʼe irraa argannuun, tokkoon tokkoon keenya akkuma Ermiyaas, “Waaqayyo qooda koo ti, kanaafis isa nan abdadha” jechuu dandeenya.—Faru. 3:21, 24.

^ KEY. 11 Kitaaba Seera Uumamaa keessaa boqonnaawwan 15 waaʼee seenaa Abrahaam ibsu. Kana malees, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii, Abrahaamiin siʼa 70 ol caqasaniiru.

^ KEY. 14 Saaʼol gara waggaa lamaatiif akkuma bulcheen Yihowaan kan isa dhiise taʼus, hamma duʼutti dabalataan waggaa 38f akka bulchu isaaf heyyamameera.—1 Sam. 13:1; HoE. 13:21.