Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala’

‘Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala’

‘Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu garaa keessan ni eega.’—FILP. 4:7.

FAARFANNAA: 112, 58

1, 2. Filiphisiyus keessatti Phaawulosii fi Siilaas irra maaltu gaʼe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

YEROON isaa gara halkan walakkaa dha. Misiyoononni Phaawulosii fi Siilaas jedhaman, magaalaa Filiphisiyusitti kutaa mana hidhaa isa keessaa keessatti hidhamanii jiru. Miilli isaanii jirma gidduu galee hidhamee kan ture siʼa taʼu, baayʼee reebamanii waan turaniif dugdi isaanii amma iyyuu isaan dhukkubaa jira. (HoE. 16:23, 24) Guyyuma sana hidhamuu isaanii dura namoonni jeequmsa uuman, akkuma tasaa dhufanii Phaawulosii fi Siilaasiin lafa irra harkisanii iddoo gabaatti isaan geessanii turan! Achittis yeruma sana murtiitti isaan dhiheessan. Achiis, uffata isaanii irratti tarsaasanii uleedhaan garmalee isaan reeban. (HoE. 16:16-22) Jalʼina haqaa cimaatu isaan irratti raawwatame! Phaawulos, lammii Roomaa waan taʼeef karaa sirrii taʼeen murtiitti dhihaachuu qaba ture. *

2 Phaawulos dukkana keessa taaʼee, wanta guyyaa sana uumame irratti xiinxalaa jira. Waaʼee namoota Filiphisiyus yaadaa jira. Magaalota hedduu Phaawulos kanaan dura daawwate irraa haala adda taʼeen, mana sagadaa Yihudootaa illee hin qaban turan. Yihudoonni kun waaqeffannaadhaaf laga qarqara karra magaalattii alatti argamu biratti walitti qabamu turan. (HoE. 16:13, 14) Kun kan taʼe dhiironni Yihudii mana sagadaa tokko hundeessuuf barbaachisan kudhan magaalattii keessa waan hin jirreefii? Namoonni Filiphisiyus lammii Roomaa taʼuu isaaniitiin baayʼee boonu turan. (HoE. 16:21) Namoonni kun, Phaawulosii fi Siilaas warri Yihudii taʼan lammii Roomaa taʼuu akka dandaʼan yaaduu illee kan dadhaban kanaaf turee laata? Kanas taʼe sana, amma karaa seeraan ala taʼeen mana hidhaa keessatti gatamaniiru.

3. Phaawulos hidhamuun isaa gaaffii isatti taʼuu kan hin oolle maaliifi? Taʼus, ilaalcha akkamii qaba ture?

3 Tarii Phaawulos waaʼee wantoota jiʼoota darbanitti raawwatamaniis yaadaa jira taʼa. Utuu inni Galaana Eejiyaan isa Eeshiyaa ishii Xinnootti argamu bira jiruu, hafuurri qulqulluun naannoowwan tokko tokkotti akka hin lallabne irra deddeebiʼee isa dhowwee ture. Hafuurri qulqulluun iddoo biraa akka deemu isa dirqisiisaa ture jechuun ni dandaʼama. (HoE. 16:6, 7) Garuu eessa? Deebiin gaaffii kanaa yeroo inni Xiroʼaas turetti mulʼataan isatti himame. Phaawulos “Gara Maqedooniyaatti ceʼi” jedhame. Phaawulos, kun fedhii Yihowaa ifatti kan argisiisu taʼuu isaa waan hubateef yeruma sana afeerraa sana fudhateera. (Hojii Ergamootaa 16:8-10 dubbisi.) Haa taʼu malee sana booda maaltu taʼe? Maqedooniyaa gaʼee utuu baayʼee hin turin ni hidhame! Yihowaan haalli kun Phaawulos irra akka gaʼu kan heyyame maaliif ture? Mana hidhaa keessa hoo yeroo hammamiitiif tura? Gaaffiiwwan kun sammuu Phaawulos keessatti uumamanii kan turan taʼus, amantii fi gammachuu isaa akka jalaa balleessan hin goone. Phaawulosii fi Siilaas ‘kadhachuu fi faarfannaadhaan Waaqayyoon jajachuu’ jalqaban. (HoE. 16:25) Nagaan Waaqayyoo sammuu fi garaa isaanii tasgabbeessee ture.

4, 5. (a) Haalli keenya haala Phaawulos keessa turee wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? (b) Haalli Phaawulos keessa ture akkuma tasaa kan jijjiirame akkamitti?

4 Tarii atis akkuma Phaawulos, yeroo tokko tokko hafuurri qulqulluun akka si geggeessaa jiru sitti dhagaʼamee kan ture taʼus, wanti ati yaadde karaa ati eegdeen hin raawwatamne taʼa. Rakkinni kallattiidhaan si irra gaʼee ykn haalli haaraan jireenya kee keessatti jijjiirama guddaa gochuuf si dirqisiisu si mudatee taʼuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Yeroo duubatti deebitee yaaddu, Yihowaan wantoonni tokko tokko akka raawwataman kan heyyame maaliif akka taʼe gaaffii sitti uumee taʼuu dandaʼa. Taanaan, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan jabaattee dhaabachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Deebii isaa argachuuf mee seenaa Phaawulosii fi Siilaasitti haa deebinu.

5 Phaawulosii fi Siilaas faarfannaa galataa faarfachaa utuu jiranii wantoonni matumaa hin eegamne walitti aananii raawwataman. Akkuma tasaa, kirkira lafaa guddaatu uumame. Balbaloonni mana hidhaa sanaa ni banaman. Funcaan hidhamtoonni hundi ittiin hidhamanii turan irraa hiikame. Phaawulosis, eegduun mana hidhaa sanaa akka of hin ajjeesne isa dhorke. Achiis, eegduun sunii fi guutummaan maatii isaa ni cuuphaman. Borumtaa isaas ganamaan bulchitoonni magaalattii Phaawulosii fi Siilaasiin akka gadhiisaniif namoota seera eegsisan ergan. Isaanis, nagaadhaan magaalattii keessaa akka baʼan isaan gaafatan. Bulchitoonni magaalattiis Phaawulosii fi Siilaas lammiilee Roomaa taʼuu isaanii yeroo beekan dogoggora cimaa akka raawwatan waan hubataniif, ofuma isaaniitii gara namoota kanaa dhufanii akka isaan magaalattii keessaa baʼan isaan kadhatan. Phaawulosii fi Siilaas garuu jalqaba obboleettii isaanii Liidiyaa ishii reefuu cuuphamtetti nagaa dhaamuu deeman. Dabalataanis, carraa kanatti fayyadamanii obboloota jajjabeessaniiru. (HoE. 16:26-40) Wanti hundi takkumatti jijjiirame!

NAGAAN WAAQAYYOO ‘HUBANNAA HUNDUMAA IRRA NI CAALA’

6. Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?

6 Haala kana irraa maal baranna? Yihowaan wanta hin eegamne gochuu waan dandaʼuuf, yeroo qorumsi nu mudatu gar malee dhiphachuu hin qabnu. Phaawulos kana hubachuun isaa dhiibbaa isa irratti godhee akka ture, xalayaa inni dhiphinaa fi nagaa Waaqayyoo ilaalchisee yeroo booda obboloota Filiphisiyus keessa turaniif barreesse irraa hubachuu dandeenya. Mee jalqaba wanta Phaawulos, Filiphisiyus 4:6, 7 (dubbisi) irratti barreesse haa ilaallu. Achiis, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan wanta hin eegamne raawwachuu isaa argisiisan tokko tokko dabalataan ilaalla. Xumura irrattis, “nagaan Waaqayyoo” guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan jabaannee akka dhaabannu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe qorra.

7. Phaawulos obboloota Filiphisiyus keessa turaniif yeroo barreessetti barumsa isa kam addeesse? Nuti hoo wanta inni dubbate irraa maal baranna?

7 Obboloonni Filiphisiyus keessa turan xalayaa Phaawulos isaaniif barreesse yommuu dubbisan, wanta Phaawulos irra gaʼee fi isaan hin eegne taʼus tarkaanfii Yihowaan fudhate akka yaadatan beekamaa dha. Phaawulos maal isaan barsiisaa ture? Hin dhiphatinaa; akkasumas kadhadhaa, achiis nagaa Waaqayyoo argattu jechuu isaa ture. Haa taʼu malee, ‘nagaan Waaqayyoo hubannaa hundumaa akka caalu’ hubachuu qabna. Kana jechuun maal jechuu dha? Hiiktonni tokko tokko hima kana “hawwii keenya hunda irra caala” ykn “karoora namootaa hunda caala” jedhanii hiikaniiru. Phaawulos, “nagaan Waaqayyoo” isa tilmaamamu caalaa dinqisiisaa akka taʼe dubbachuu isaa ture. Kanaaf, akka ilaalcha namaatti karaa rakkina keenya keessaa itti baanu beekuu dhiisuu dandeenya taʼa; Yihowaan garuu kan beeku taʼuu isaa irra iyyuu wanta hin eegamne raawwachuu dandaʼa.—2 Pheexiros 2:9 dubbisi.

8, 9. (a) Phaawulos Filiphisiyus keessatti jalʼinni haqaa kan isa irratti raawwatame taʼus, haalli kun buʼaa gaarii akkamii argamsiiseera? (b) Obboloonni Filiphisiyus wantoota Phaawulos barreesseef xiyyeeffannaa guddaa kan kennan maaliifi?

8 Obboloonni Filiphisiyus wantoonni kun erga taʼanii booda, waggoota darban kudhan keessatti wanta raawwatame yommuu yaadatan jajjabina argatanii taʼuu qaba. Wanti Phaawulos barreesse dhugaa ture. Yihowaan jalʼinni haqaa akka jiraatu heyyameera; kun taʼuun isaa immoo “misiraachichaaf falmuuf, akkasumas seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf” haala mijeesseera. (Filp. 1:7) Bulchitoonni magaalichaa, gumii Kiristiyaanaa magaalaa isaanii keessatti haaraa hundeeffame irratti tarkaanfii fudhachuu isaanii dura akka gaariitti irratti yaaduu qabu turan. Tarii Phaawulos akkas gochuu isaa, Luqaas inni ogeessa fayyaa fi miltoo isaanii taʼe, Phaawulosii fi Siilaas yommuu achii deeman Filiphisiyusitti hafee gumicha gargaaruu dandaʼeera. Kanaaf, Luqaas gumii Kiristiyaanaa haaraa magaalaa sanatti hundeeffameef gargaarsa dabalataa kennuu dandaʼa.

9 Dhuguma iyyuu, obboloonni Filiphisiyus xalayaa Phaawulos barreesse yommuu dubbisan, wantoonni inni barreesse ilaalcha dhuunfaa isaa akka hin taane beeku turan. Phaawulos rakkoon hangana hin jedhamne kan isa irra gaʼe taʼus, ‘nagaa Waaqayyoo’ akka qabu argisiiseera. Yeruma xalayaa kana isaaniif barreessetti iyyuu, Roomaa keessatti mana isaa keessaa akka hin baane dhorkamee ture. Haa taʼu malee, yeroo kanatti illee ‘nagaa Waaqayyoo’ akka qabu argisiiseera.—Filp. 1:12-14; 4:7, 11, 22.

“WAAʼEE WAAN TOKKOO ILLEE HIN YAADDAʼINAA”

10, 11. Rakkoon tokko garmalee yommuu nu yaaddessu maal gochuu qabna? Maal eeguu dandeenya?

10 Waaʼee waan tokkoo illee akka hin yaaddofnee fi ‘nagaa Waaqayyoo’ argachuuf maaltu nu gargaara? Yaanni Phaawulos warra Filiphisiyusiif barreesse, wanti yaaddoodhaaf furmaata taʼu kadhannaa akka taʼe argisiisa. Kanaaf, yommuu yaaddofnu, wanta yaaddoo nutti taʼe kadhannaadhaan Waaqayyootti himachuu qabna. (1 Pheexiros 5:6, 7 dubbisi.) Akka inni isiniif yaadu beekuudhaan, amantii guutuudhaan Yihowaa kadhadhaa. Akkasumas eebba argatan hundaaf yeroo hunda isa ‘galateeffadhaa.’ “Wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee gochuu” akka dandaʼu yaadachuun keenya, amanannaa isa irratti qabnu nuuf cimsa.—Efe. 3:20.

11 Akkuma Phaawulosii fi Siilaasiif godhe, wanti Yihowaan nu gargaaruuf godhe nu dinqisiisa taʼa. Wanti nuuf godhame adda taʼuu baatus, yeroo hunda wanta nu barbaachisu akka nuuf godhu eeguu dandeenya. (1 Qor. 10:13) Kana jechuun garuu, harka marannee teenyee, Yihowaan haala sana akka sirreessu ykn rakkina sanaaf furmaata akka kennu eeguu qabna jechuu miti. Tarkaafii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu nu barbaachisa. (Rom. 12:11) Akkas gochuun keenya, kadhannaan keenya garaadhaa kan madde taʼuu isaa waan argisiisuuf, Yihowaan karaa itti nu eebbisu akka argatu godha. Karaa biraatiin immoo, Yihowaan wanta gaafanneen, karoora keenyaa fi wanta eegneen akka hin daangeffamne hubachuu qabna. Yeroo tokko tokko wanta nuti hin eegne raawwachuudhaan akka dinqisiifamnu gochuu dandaʼa. Mee amma seenaawwan Kitaaba Qulqulluu, Yihowaan nuuf jedhee wanta nuti hin eegne raawwachuu akka dandaʼu amanannaa qabnu nuuf cimsan tokko tokko haa ilaallu.

FAKKEENYOTA YIHOWAAN WANTA HIN EEGMNE AKKA RAAWWATU IBSAN

12. (a) Hisqiyaas Mootichi, Senaaheriib Mootiin Asor yommuu isa doorsisetti maal godhe? (b) Karaa Yihowaan rakkoo sanaaf furmaata itti kenne irraa maal baranna?

12 Kitaaba Qulqulluu yommuu qorannu, fakkeenyota Yihowaan wanta hin eegamne akka raawwate ibsan hedduu arganna. Hisqiyaas Mootichi kan jiraate yeroo Senaaheriib Mootiin Asor, Yihudaa weeraree fi Yerusaalem irraa kan hafe magaalota dallaa dhagaadhaan ijaaraman hunda qabatetti ture. (2 Mot. 18:1-3, 13) Achiis, Senaaheriib Yerusaalem irratti xiyyeeffate. Hisqiyaas Mootichi weeraramuuf yommuu jedhutti maal godhe? Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera; akkasumas Isaayaas isa raajii Yihowaa ture gorsa gaafateera. (2 Mot. 19:5, 15-20) Kana malees, Hisqiyaas adaba qarshii Senaaheriib isa irratti murteesse kaffaluudhaan ogeessa taʼuu isaa argisiisuuf carraaqeera. (2 Mot. 18:14, 15) Dhuma irrattis, qophii yeroo magaalattiin yeroo dheeraadhaaf marfamtee turtutti isaan gargaaru godheera. (2 Sen. 32:2-4) Haa taʼu malee, haalli kun akkamitti furmaata argate? Yihowaan maleekaa tokko ergee halkanuma tokkotti loltoota Senaaheriib 185,000 akka balleessu godhe. Kan nama dinqisiisu, Hisqiyaas illee kun akka taʼu hin eegne ture!—2 Mot. 19:35.

Wanta Yoseef irra gaʼe irraa maal baranna? —Uma. 41:42 (Keeyyata 13 ilaali)

13. (a) Wanta Yoseef irra gaʼe irraa maal baranna? (b) Haadha manaa Abrahaam Saaraa wajjin haala wal qabateen wanta hin eegamne akkamiitu raawwatame?

13 Amma immoo fakkeenya dargaggeessa Yoseef jedhamuu fi isa ilma Yaaqoob turee haa ilaallu. Yoseef yommuu Gibxii keessa mana hidhaa turetti, biyyattii keessatti mootichatti aanee aangoo guddaa akka qabaatu ykn Yihowaan maatii isaa beela irraa baraaruuf akka isatti fayyadamu beeka turee? (Uma. 40:15; 41:39-43; 50:20) Wanti Yihowaan raawwate wanta Yoseef eege hunda irra kan caalu akka ture hin shakkisiisu. Mee waaʼee Saaraa ishii akkoo Yoseef taatees haa ilaallu. Saaraa ishiin dulloomte Yihowaan ilma hojjettuun ishii godhatte akka ilmaatti akka fudhattu qofa utuu hin taʼin, ilma ofii ishee akka godhattu akka ishiidhaaf heyyamu eegdee turtee? Yisihaaq dhalachuun isaa wanta Saaraan eegdu hunda irra kan caalu ture.—Uma. 21:1-3, 6, 7.

14. Yihowaa irratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

14 Dhugaa dha, Yihowaan addunyaa haaraan abdachiifame dhufuu isaa dura rakkina keenya hunda dinqiidhaan akka balleessu hin eegnu ykn jireenya keenya keessatti wantoonni ajaaʼibsiisaa taʼan akka raawwataman hin gaafannu. Haa taʼu malee, Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen tajaajiltoota isaa akka gargaare beekna. (Isaayaas 43:10-13 dubbisi.) Amanannaan kunis isa irratti amantii qabaachuuf nu gargaara. Yihowaan humna fedha isaa guutummaatti raawwachuuf nu barbaachisu nuu kennuuf wanta kam iyyuu gochuu akka dandaʼu beekna. (2 Qor. 4:7-9) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kana irraa maal baranna? Akkuma fakkeenyi Hisqiyaas, Yoseefii fi Saaraa argisiisutti, yoo isaaf amanamoo taane Yihowaan wanta kan moʼamuu hin dandeenye fakkaatu akka moonu nu gargaaruu ni dandaʼa.

Yoo isaaf amanamoo taane Yihowaan wanta kan moʼamuu hin dandeenye fakkaatu akka moonu nu gargaaruu ni dandaʼa

15. Wanti ‘nagaa Waaqayyoo’ akka qabaannu nu gargaaru maali dha? Kun kan dandaʼamu akkamitti?

15 Utuma rakkina keessa jirruu, ‘nagaa Waaqayyoo’ qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Hariiroo gaarii Waaqa keenya Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraachuudhaani. Hariiroo akkasii qabaachuun kan dandaʼamu, “karaa . . . Yesuus Kiristoos” isa lubbuu isaa aarsaa furii godhee dhiheesseen qofa dha. Qophiin furii kanaas, hojiiwwan dinqisiisoo Abbaan keenya raawwate keessaa tokko dha. Yihowaan furii kanatti fayyadamee cubbuu keenya haguuguudhaan, qalbii qulqulluu akka qabaannuu fi gara isaatti akka dhihaannu nu dandeessisa.—Yoh. 14:6; Yaq. 4:8; 1 Phe. 3:21.

GARAA KEENYAA FI YAADA KEENYA NI EEGA

16. ‘Nagaa Waaqayyoo’ argachuun keenya buʼaa maalii qaba? Fakkeenyaan ibsi.

16 ‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ argachuun keenya buʼaa maalii qaba? Kitaabni Qulqulluun yommuu deebii kennu, ‘karaa Kiristoos Yesuus garaa keenyaa fi yaada keenya akka eegu’ ibsa. (Filp. 4:7) Jechi “eeguu” jedhu, afaan jalqaba barreeffameen jecha waraanaaf itti hojjetamu ture. Tuuta loltootaa bara duriitti magaalaa dallaan isaa dhagaadhaan ijaarame eeguuf ramadame kan argisiisu ture. Filiphisiyusis magaalaa akkasii turte. Jiraattonni Filiphisiyus loltoonni magaalaa isaanii akka eegan waan beekaniif yaaddoo malee rafu. Haaluma wal fakkaatuun, ‘nagaa Waaqayyoo’ kan qabnu yoo taʼe, garaan keenyaa fi sammuun keenya boqonnaa argata. Yihowaan akka nuuf yaaduu fi akka nuuf milkaaʼu akka barbaadu beekna. (1 Phe. 5:10) Kana beekuun keenya, garmalee yaaddaʼuu irraa ykn abdii kutachuu irraa nu eega.

17. Yeroo gara fuulduraa amanannaa guutuudhaan eeggachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

17 Dhiheenyatti ilmaan namootaa rakkina guddaa hanga harʼaatti lafa irratti taʼee hin beeknetu isaan mudata. (Mat. 24:21, 22) Dhuunfaatti wanta nu irra gaʼuu dandaʼu ilaalchisee balʼinaan hin beeknu. Haa taʼu malee, gar malee yaaddaʼuu hin qabnu. Wanta Yihowaan raawwatu guutummaatti beekuu baannus Waaqa keenya beekna. Wantoota kanaan dura raawwate irraa akkuma hubannutti, Yihowaan yeroo hunda kaayyoo isaa ni raawwata. Kanas kan godhu, karaa hin eegamneen taʼuu dandaʼa. Yommuu Yihowaan kana nuuf godhu hundatti, karaa haaraa taʼeen ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ arganna taʼa.

^ KEY. 1 Siilaasis lammii Roomaa waan ture fakkaata.—HoE. 16:37.