Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mulʼanni Zakaariyaas kan Si Ilaallatu Akkamitti?

Mulʼanni Zakaariyaas kan Si Ilaallatu Akkamitti?

“Gara kootti deebiʼaa! Anis gara keessanitti nan deebiʼa.”—ZAK. 1:3.

FAARFANNAA: 89, 86

1-3. (a) Zakaariyaas raajii dubbachuu yommuu jalqabetti sabni Yihowaa haala akkamii keessa turan? (b) Yihowaan “Gara kootti deebiʼaa!” jedhee saba isaa kan gaafate maaliifi?

MACAAFA MARAMAA balaliʼu, dubartii quunnaa keessatti itti qadaadame, dubartoota qoochoo allaattii guddaa fakkaatu qabanii fi qilleensa irra balaliʼan lama. Mulʼatawwan dinqisiisoon Kitaaba Zakaariyaas keessatti ibsaman tokko tokko kana fakkaatu. (Zak. 5:1, 7-9) Yihowaan mulʼatawwan dinqisiisoo taʼan kana raajii isaatti kan argisiise maaliifi? Israaʼelonni yeroo sanatti haala akkamii keessa turan? Mulʼatawwan Zakaariyaas galmeesse kun yeroo harʼaatti jireenya keenya irratti dhiibbaa kan geessisan akkamitti?

2 Dhaloota Kiristoos Dura barri 537 namoota Yihowaadhaaf of murteessaniif yeroo gammachiisaa ture. Waggoota 70f boojuu jala erga turanii booda Baabilon irraa bilisa baʼaniiru. Yeruma sana hinaaffaadhaan kakaʼanii, Yerusaalem keessatti waaqeffannaa dhugaa iddootti deebisuuf hojjechuu jalqaban. Kanaaf, Dh.K.D. bara 536⁠tti buʼuurri mana qulqullummaa ni kaaʼame. Yeroo sanatti, namoonni sun “guddisanii waan wacaniif, sagaleen fagootti dhagaʼama” ture. (Iz. 3:10-13) Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin ijaarsa isaanii akka itti hin fufneef mormii guddaan irra gaʼe. Rakkoowwan isaan irra gaʼaniin abdii kutachuudhaan, ijaarsa mana qulqullummaa sana dhiisanii, mana isaanii fi maasii isaanii misoomfachuu irratti xiyyeeffachuu jalqaban. Waggoonni kudha jaʼa kan darban taʼus ijaarsi mana qulqullummaa amma iyyuu akkuma addaan citetti jira. Sabni Waaqayyoo gara Yihowaatti akka deebiʼanii fi fedhii ofii isaaniitiif dursa kennuu akka dhiisan yaadachiisni isaan barbaachisee ture. Yihowaan gara isaatti deebiʼanii, sodaa tokko malee garaa guutuudhaan isa waaqeffachuu isaanii akka itti fufan barbaada ture.

3 Waaqayyo sabni isaa sababii guddaa Baabilonii bilisa itti baafaman akka yaadatan isaan gargaaruuf, Dh.K.D. bara 520⁠tti raajii isaa Zakaariyaasiin isaanitti ergee ture. Hiikni maqaa Zakaariyaas “Yihowaan Yaadateera” jedhu iyyuu dhugaa guddaa tokko isaan yaadachiisee taʼuu dandaʼa. Isaan gocha Yihowaan isaan oolchuudhaan raawwate kan irraanfatan taʼus, Waaqayyo amma iyyuu saba isaa ni yaadata ture. (Zakaariyaas 1:3, 4 dubbisi.) Waaqeffannaa dhugaa deebisanii akka hundeessan akka isaan gargaaru jaalalaan kan isaaniif mirkaneesse siʼa taʼu, waaqeffannaa garaa guutuu hin taaneen dhihaatu akka hin obsine cimsee isaan akeekkachiiseera. Mee Yihowaan mulʼata Zakaariyaas jaʼaffaa fi torbaffaatti fayyadamee akkamitti hojiidhaaf akka isaan kakaase haa ilaallu. Kana malees, yeroo harʼaatti barumsa akkamii irraa arganna?

WAAQAYYO NAMOOTA HATAN NI ADABA

4. Zakaariyaas mulʼata isaa isa jaʼaffaa irratti maal arge? Macaafni maramu karaa lamaanuu irratti barreeffamuun isaa maal argisiisa? (Fakkii jalqabaa 1⁠ffaa ilaali.)

4 Zakaariyaas boqonnaan 5 mulʼata adda taʼe tokkoon jalqaba. (Zakaariyaas 5:1, 2 dubbisi.) Zakaariyaas macaafa maramaa dheerinni isaa dhundhuma 20, balʼinni isaa dhundhuma 10 taʼe tokko utuu balaliʼuu arge! Macaafni maramu kun diigamee waan tureef dubbifamuuf qophaaʼaa kan ture siʼa taʼu, ergaa murtii karaa lamaaniin irratti barreeffame qabateera. (Zak. 5:3) Yeroo baayʼee macaafa maramu irratti karaa tokko qofa barreeffama; kanaaf macaafni kun ergaa ulfaataa fi cimaa akka qabate ifa dha.

Hanni kam iyyuu Kiristiyaanota gidduutti iddoo hin qabu (Keeyyata 5-7 ilaali)

5, 6. Yihowaan hanna kam iyyuu akkamitti ilaala?

5 Zakaariyaas 5:3, 4 dubbisi. Namoonni hundi Yihowaa duratti gocha isaaniitiif kan itti gaafataman taʼanis, warri maqaa isaatiin waamaman immoo caalaatti itti gaafatamu. Namoonni Waaqayyoon jaallatan, hanni kam iyyuu ‘maqaa Waaqa isaanii akka salphisu’ beeku. (Fak. 30:8, 9) Namoonni tokko tokko sababii gaʼaa yoo qabaatan hatuun dogoggora akka hin qabne yaadu. Garuu sababiin isaa hammam iyyuu gaʼaa yoo taʼe, namni hatu tokko fedhiin isaa inni sassata irratti hundaaʼe Yihowaa, maqaa Isaa fi Seera isaa caalaa barbaachisaa akka taʼe argisiisa.

6 Zakaariyaas 5:3, 4 irratti, ‘abaarsi mana isa hatu sanaa akka lixu, mana isaa keessatti hafees akka balleessu’ dubbachuu isaa hubattanii? Murtiin adabaa Yihowaa danqaraa fi cufaadhaan dhowwamuu hin dandaʼu. Murtiin kun dogoggora saba Yihowaa gidduu jiru kam iyyuu ifatti baasuuf bakka dhokataa kam iyyuu seenuu ni dandaʼa. Namni tokko hanna, abbootii taayitaa, hojjechiistota, jaarsolii ykn warra jalaa dhoksuu yoo dandaʼe iyyuu, Waaqayyo isa hanna kam iyyuu ifatti baasuuf mirkaneesse jalaa dhoksuu hin dandaʼu. (Ibr. 4:13) Namoota yeroo hunda “waan hundumaan” amanamoo taʼuuf dammaqoo taʼanii wajjin tokkummaa qabaachuun baayʼee nama gammachiisa!—Ibr. 13:18.

7. Abaarsa macaafa maramaa balaliʼu irratti barreeffame irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti?

7 Hanni kam iyyuu Yihowaa biratti jibbamaa dha. Gocha karaa kamiin iyyuu maqaa Yihowaa irratti arrabsoo fidu irraa fagaachuudhaan ulaagaa naamusaa Yihowaa isa sadarkaa guddaa qabu eegnee jiraachuu keenya akka ulfinaatti ilaalla. Akkas gochuudhaan murtii Yihowaan warra taʼe jedhanii seera isaa cabsan irratti fidu jalaa ooluu dandeenya.

‘GUYYAA GUYYAADHAAN’ WAADAA GALLE EEGNEE JIRAACHUU

8-10. (a) Kakaan maali dha? (b) Zedeqiiyaa Mootichi kakaa isa kam utuu hin eegin hafe?

8 Ergaan macaafa balaliʼu irratti barreeffame, itti aansee warra ‘sobanii maqaa Waaqayyootiin kakataniif’ akeekkachiisa kenna. (Zak. 5:4) Kakaan, namni tokko wanti tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf ykn wanta tokko gochuuf ykn gochuu dhiisuuf waadaa galu dha.

9 Maqaa Yihowaatiin kakaadhaan waadaa galuun wanta baayʼee cimaa taʼe dha. Wanti mootiin inni yeroo dhumaatiif teessoo Yerusaalem irra taaʼe godhes kana ture. Zedeqiiyaan mootii Baabilon jalatti amanamaa taʼee akka bulchu maqaa Yihowaatiin kakatee ture. Haa taʼu malee, Zedeqiiyaan waadaa kakaadhaan gale hin eegne. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan murtii akkana jedhu isa irratti dabarse: “Ani jiraataa dha! ‘[Zedeqiiyaan] kun biyya Baabilon biyya mooticha isa moosiseetti, isa kakuu isaa tuffatee, walii galtees cabse sanaatti in duʼa.’”—His. 17:16.

10 Zedeqiiyaa Mootichi waadaa maqaa Waaqayyootiin kakatee gale eegee jiraachuuf Yihowaa duratti dirqamni isa irra jira. (2 Sen. 36:13) Zedeqiiyaan garuu waanjoo Baabilon jalaa bilisa baʼuuf jedhee waadaa gale cabsuudhaan Gibxiin gargaarsa gaafatee yaalii buʼaa hin qabne godhe.—His. 17:11-15, 17, 18.

11, 12. (a) Waadaa galle hundumaa keessaa inni iddoo guddaa qabu isa kami? (b) Waadaan of murteessuudhaan galle jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

11 Wanta Zedeqiiyaa irra gaʼe irraa akka hubannutti, Yihowaan waadaa nuti gallus ni dhaggeeffata. Wareega nuti goonuuf xiyyeeffannaa waan kennuuf, isa biratti fudhatama argachuuf waadaa galle raawwachuu qabna. (Far. 76:11) Waadaa galle hunda keessaa inni iddoo guddaa qabu, isa yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti galle dha. Of murteessuun daangaa tokko malee Yihowaa tajaajiluuf waadaa galuu argisiisa.

12 Of murteessuudhaan waadaa galle eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Qorumsawwan guguddaas taʼe xixinnoon yeroo nu mudatan, ejjennoon keenya waadaa ‘guyyaa guyyaadhaan’ Yihowaa galateeffachuuf galleef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu qaba. (Far. 61:8) Fakkeenyaaf bakka hojiitti ykn mana barumsaatti namni tokko yoo nu kolomse dhiibbaa sana irraa fagaachuudhaan haala kana carraa ‘karaa Yihowaatti akka gammannu’ itti argisiisnu goonee ilaallaa? (Fak. 23:26, NW) Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa kan jiraannuu fi maatii keenya keessaa kan kana godhu hin jiru yoo taʼe illee, amala Kiristiyaana tokko irraa eegamu argisiisuuf akka nu gargaaru Yihowaa ni kadhannaa? Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe, bulchiinsa isaa jala akka seennu waan nu godhee fi waan nu jaallateef, guyyaa guyyaadhaan isa galateeffachuuf gara isaatti ni dhihaannaa? Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ni ramadnaa? Wantoota akkasii raawwachuuf dursinee waadaa gallee hin turre? Kana gochuu fi dhiisuun ajajamuu wajjin kan wal qabate dha. Waaqeffannaa keessatti guutummaatti hirmaachuun keenya, Yihowaa akka jaallannuu fi dhugumaan akka isaaf of murteessine argisiisa. Waaqeffannaan keenya daandii jireenyaa ti malee, akkasumaan sirna tokko raawwachuu miti. Waadaa galle raawwachuun keenya numaan fayyada; amanamoo taʼuun keenyas jireenya amansiisaa nuuf argamsiisa.—Kes. 10:12, 13.

13. Mulʼata Zakaariyaas isa jaʼaffaa irraa maal baranna?

13 Mulʼanni Zakaariyaas inni jaʼaffaan, namoonni Yihowaa jaallatan hanna kam iyyuu raawwachuu akka hin qabne ykn sobaan kakachuu akka hin qabne hubachuuf nu gargaareera. Kana malees, Israaʼeloonni irra deddeebiʼanii yoo dogoggoran illee, Yihowaan akka isaan hin dhiisne baranneerra. Diinotaan marfamanii waan turaniif dhiibbaa isaan irra gaʼee ture hubateera. Waadaa gale eeguudhaan fakkeenyaa nuuf taʼeera, nutis waadaa galle eegnee akka jiraannu nu gargaara. Karaan inni gargaarsa itti nuu kennu tokko yeroo dhihoo keessatti guutummaa lafaa irraa hammina hunda akka balleessu abdii kennuu dha. Mulʼanni Zakaariyaas inni itti aanu, abdii gammachiisaan kun akka raawwatamu mirkaneessa.

YIHOWAAN JALʼINA NI BALLEESSE

14, 15. (a) Zakaariyaas mulʼata isaa torbaffaa irratti maal arge? (Fakkii jalqabaa 2⁠ffaa ilaali.) (b) Dubartiin quunnaa safaraa keessa turte maal argisiisti? Gad cuukkaʼamtee kan itti qadaadame maaliifi?

14 Zakaariyaas macaafa maramaa isa balaliʼu erga argee booda, maleekaan sun akka inni ‘ol ilaalu’ isatti hime. Mulʼanni isaa inni torbaffaan maal argisiisa? Zakaariyaas sana booda “quunnaa safaraa” arge. (Zakaariyaas 5:5-8 dubbisi.) Quunnaan safaraa giddu galeessa taʼe kun ‘qadaaddii diilallii’ irraa hojjetame qaba. Yommuu qadaaddiin sun banamu, Zakaariyaas ‘dubartiin tokko quunnaa safaraa sana keessa teessee arge.’ Maleekichis dubartiin quunnaa safaraa sana keessa jirtu “jalʼina” akka taate dubbate. Dubartiin sun iddoo walitti kottoonfattee jirtu sana keessaa baʼuuf yeroo yaaltu Zakaariyaas hammam akka naʼee ture yaadi! Maleekaan sun saffisaan tarkaanfii fudhatee quunnaa sana keessatti deebisee gad cuukkaʼee jabeessee itti qadaade. Kun maal jechuu dha?

15 Kutaan mulʼata kanaa Yihowaan jalʼina saba isaa keessatti raawwatamu kam iyyuu callisee akka hin ilaalle ibsa. Yihowaan jalʼinni toʼannaa jala akka ooluu fi dafee akka balleeffamu godha. (1 Qor. 5:13) Maleekichi qadaada diilalli sana saffisaan deebisee quunnaa safaraa sanatti qadaaduun isaa kana nuuf mirkaneessa.

Yihowaan qulqullina waaqeffannaa dhugaa eeguuf waan hundumaa godha (Keeyyata 16-18 ilaali)

16. (a) Zakaariyaas itti aansee quunnaa safaraa sana irratti maaltu akka raawwatame arge? (Fakkii jalqabaa 3⁠ffaa ilaali.) (b) Dubartoonni qoochoo qaban sun quunnaa safaraa sana eessatti geessan?

16 Itti aansee dubartoota qoochoo ciccimaa akka qoochoo allaattii guguddaa taʼe qaban lamatu mulʼate. (Zakaariyaas 5:9-11 dubbisi.) Dubartoonni kun dubartii quunnaa safaraa keessa turte irraa baayʼee adda! Dubartoonni kun qoochoo isaanii isa ciccimaa sanaan quunnaa safaraa isa “jalʼina” qabate sana butanii ol fuudhan. Eessatti geessaa jiru laata? Jalʼinni “biyya Baabilonitti” geeffamee achi kaaʼame. Haa taʼu malee, quunnaa safaraa sana gara Baabilonitti kan geessan maaliifi?

17, 18. (a) Baabilon ‘jalʼina’ keessa kaaʼuuf iddoo sirrii kan taate maaliifi? (b) Jalʼina ilaalchisee murtoon keenya maal taʼuu qaba?

17 Israaʼeloota bara Zakaariyaas turaniif, Baabilon bakka jalʼinni kaaʼamu taʼuun ishii sirrii ture. Zakaariyaasii fi Yihudoonni lammii isaa taʼan, bara sanatti Baabilon bakka jalʼinaa akka taate mirkaneessuu dandaʼu. Magaalaa xurooftuu fi waaqolii tolfamoo waaqeffattu kana keessatti waan guddataniif, guyyaa guyyaadhaan hafuura addunyaa Waaqayyoon hin beekne sanaa dandamachuuf qabsoo gochaa turan. Mulʼanni kun Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu akka eegu wabii kennuun isaa boqonnaa guddaa isaaniif kennee taʼuu qaba!

18 Kana malees, mulʼanni kun Yihudoonni qulqullina waaqeffannaa isaanii eeganii itti fufuuf itti gaafatamummaa akka qaban isaan yaadachiiseera. Jalʼinni saba Yihowaa keessa seenuu fi keessa jiraachuu hin dandaʼu, heyyamamuufis hin qabu. Gara jaarmiyaa Waaqayyoo jaalala qabeessa isa nama eegutti erga dhufnee booda, jaarmiyaa kun eegamee akka itti fufu gargaaruuf itti gaafatama qabna. Qulqullina “mana” keenyaa eeguuf kakaaneerraa? Jalʼinni kam iyyuu jannata hafuuraa keenya keessatti iddoo hin qabu.

SABNI QULQULLUUN YIHOWAADHAAF ULFINA FIDA

19. Mulʼanni Zakaariyaas yeroo harʼaa nuuf hiika akkamii qaba?

19 Mulʼanni Zakaariyaas jaʼaffaa fi torbaffaan, namoota daandii sobaa irraa adeemuu isaanii itti fufaniif akeekkachiisa cimaa taʼuu isaa irra iyyuu, Yihowaan gocha dogoggoraa callisee akka hin ilaalle isaan yaadachiisa. Namoonni qulqullinaan isa waaqeffatanis gama isaaniitiin garaadhaa jalʼina jibbuu qabu. Kana malees, seenaan kun wabii abbaan keenya inni samii jaalalaan kakaʼee nuuf kenne dha. Namoota Waaqayyo biratti fudhatamaa fi eegumsa argatan taʼuuf dhimminee yoo hojjenne, abaarsi duʼa geessisu nu irra hin gaʼu. Kanaa mannaa, Yihowaan gammachuudhaan nu eebbisa. Addunyaa jalʼinaan guutame keessatti qulqullina keenya eegnee jiraachuuf qabsaaʼuun keenya faayidaa guddaa qaba. Gargaarsa Yihowaatiin akka milkoofnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Haa taʼu malee, addunyaa namoota Waaqayyoon hin beekneen guutame kana keessatti, waaqeffannaa dhugaan akka moʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaan yeroo rakkinni guddaan dhihaachaa dhufe kanatti jaarmiyaa isaa akka eegu wabii akkamii qabna? Gaaffiiwwan kun mata duree itti aanu irratti ibsamu.