Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Waaqayyoon Nan Abdadha”

“Waaqayyoon Nan Abdadha”

“Addaam inni boodaa hafuura isa jireenya kennu taʼe.”—1 QOR. 15:45.

FAARFANNAA: 151, 147

1-3. (a) Barumsi buʼuuraa amantii keenyaa maal kan dabalatu taʼuu qaba? (b) Barumsi duʼaa kaʼuu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

‘BARUMSAWWAN buʼuuraa amantii keetii maalfaa dha?’ gaaffiin jedhu utuu sii dhihaatee maal jettee deebista? Yihowaan Uumaa akka taʼee fi lubbuu akka kenne akka caqastu hin shakkisiisu. Yesuus Kiristoos isa furii nuu taʼe irratti amantii qabdus ni caqasta taʼa. Akkasumas, dhiheenyatti lafti jannata akka taatuu fi sabni Waaqayyoo bara baraaf akka irra jiraatan gammachuudhaan ibsita. Haa taʼu malee, duʼaa kaʼuun abdiiwwan dinqisiifattu keessaa tokko akka taʼetti ni caqastaa?

2 Dhuunfaatti rakkina guddaa ceenee lafa irra bara baraaf jiraachuuf kan abdannu yoo taʼe illee, duʼaa kaʼuun barumsa iddoo guddaa qabu taʼuu isaa ibsuun keenya barbaachisaa dha. Phaawulos ergamaan, duʼaa kaʼuun wiirtuu amantii keenyaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibseera; “Duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru taanaan, Kiristoos duʼaa hin kaafamne jechuu dha” jedhee ture. Kiristoos duʼaa hin kaane utuu taʼee, Mootii keenya isa nu bulchu hin taʼu ture; akkasumas barumsi waaʼee bulchiinsa Kiristoos dubbatu gatii hin qabaatu ture. (1 Qorontos 15:12-19 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yesuus duʼaa kaʼuu isaa beekna. Kana amanuu keenyaan, Saduqoota Yihudoota taʼanii fi warri duʼan duʼaa kaʼuu isaaniitti hin amanne irraa adda taana. Namoonni kan nutti qoosan yoo taʼe illee, duʼaa kaʼuutti cimsinee amanna.—Mar. 12:18; HoE. 4:2, 3; 17:32; 23:6-8.

3 Phaawulos “barumsa isa jalqabaa waaʼee Kiristoos ibsu” ilaalchisee yeroo barreessetti, “waaʼee barumsa . . . duʼaa kaʼuu” ibsee ture. (Ibr. 6:1, 2) Phaawulos duʼaa kaʼuutti akka amanus addeesseera. (HoE. 24:10, 15, 24, 25) Duʼaa kaʼuun, barumsa buʼuuraa ykn “wantoota buʼuuraa waaʼee ergaa Waaqayyoo” dubbatan keessaa tokko taʼuun isaa, barumsa salphaa taʼuu isaa kan argisiisu miti. (Ibr. 5:12) Akkas kan jennu maaliifi?

4. Duʼaa kaʼuu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii kaʼuu dandaʼu?

4 Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban keessaa hedduun, seenaawwan waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatan kan akka seenaa Alaazaarfaa ni dubbisu. Kana malees namoonni kun, namoonni amantii kan akka Abrahaam, Iyoobii fi Daaniʼel gara fuulduraatti namoonni duʼan akka kaʼan amanaa akka turan ni baratu. Haa taʼu malee, abdiin duʼaa kaʼuu kan kenname waggoota hedduu dura taʼu illee kan raawwatamu taʼuu isaatiif ragaa utuu gaafatamtee maal jettee deebista? Kitaabni Qulqulluun, duʼaa kaʼuun yoom akka raawwatamu ni ibsaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuun keenya amantii keenya irratti dhiibbaa waan qabuuf, Kitaaba Qulqulluu irraa deebii haa barbaannu.

DUʼAA KAʼUU JAARRAAWWAN HEDDUU BOODA RAAWWATAME

5. Duʼaa kaʼuu ilaalchisee jalqaba maal ilaalla?

5 Namni dhiheenyatti duʼe tokko kaʼuu isaa amanuun salphaa taʼuu dandaʼa. (Yoh. 11:11; HoE. 20:9, 10) Haa taʼu malee, namni tokko erga duʼee waggoota ykn jaarraawwan hedduu booda akka kaʼu ni amannaa? Abdichi nama dhiheenyatti duʼe ilaalchisees taʼe nama yeroo dheeraa dura duʼe ilaalchisee kan kenname yoo taʼes, abdii yeroo dheeraa dura kenname kanatti amanuu ni dandeessaa? Dhugaa isaa dubbachuuf, abdiin duʼaa kaʼuu jaarraawwan hedduu dura dubbatame tokko kan raawwatame siʼa taʼu, atis itti amanteetta. Akkamitti? Kun duʼaa kaʼuu gara fuulduraatti eeggattu wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

6. Raajiin Faarfannaa 118 irra jiru Yesuus irratti kan raawwatame akkamitti?

6 Duʼaa kaʼuu yeroo dheeraa dura dubbatame ilaalchisee, Faarfannaa 118 isa namoonni hedduun Daawit akka qindeesse yaadan ilaali. Faarfannaan kun kadhannaa akkana jedhu qabateera: “Hadaraa yaa Waaqayyo, nu oolchi, . . . Maqaa Waaqayyootiin inni dhufu eebbifamaa haa taʼu!” Yesuus gaafa Niisaan 9, jechuunis duʼuu isaa guyyoota muraasa dura harree yaabbatee gara Yerusaalem yeroo dhaqetti, namoonni yaada Masiihicha ilaalchisee dubbatame kana caqasuu isaanii ni yaadatta taʼa. (Far. 118:25, 26; Mat. 21:7-9) Haa taʼu malee, Faarfannaan 118 duʼaa kaʼuu waggoota hedduu booda raawwatame kan ibsu akkamitti? Faarfannaan raajii dubbatu kun, “Dhagaan inni warri ijaartuun tuffatan, isa mataa golee qajeelchu [“dhagaa buʼuuraa,” NW] taʼe” akka jedhus hubadhu.—Far. 118:22.

“Warri ijaartonni” Masiihicha “tuffatan” (Keeyyata 7 ilaali)

7. Yihudoonni Yesuusiin kan balaaleffatan hammam ture?

7 Geggeessitoonni amantii Yihudii as irratti ‘warra ijaartuu’ jedhaman, Masiihicha tuffataniiru. Yesuusiin simachuu kan didan, isa mormuudhaan ykn Kiristoos taʼuu isaa amanuu diduudhaan qofa hin turre. Yihudoonni hedduun hamma haa ajjeefamu jedhanii iyyanitti isa balaaleffatan. (Luq. 23:18-23) Eeyyee, ajjeefamuu isaa irratti gumaacha godhaniiru.

Yesuus duʼaa kaafamee “dhagaa buʼuuraa” taʼe (Keeyyata 8 fi 9 ilaali)

8. Yesuus “dhagaa buʼuuraa” taʼuu kan dandaʼe akkamitti?

8 Yesuus erga balaaleffatamee fi ajjeefamee, ‘dhagaa buʼuuraa’ taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Kun taʼuu kan dandaʼu deebiʼee yoo duʼaa kaafame qofa dha. Yesuus, waaʼee gooftaa qonnaan bultoota maasii isaa irratti hojjetanitti ergamoota isaa erge tokkoo fakkeenya dubbate irratti kana ifa godheera. Qonnaan bultoonni sun ergamoota sana ni miidhan. Dhuma irratti abbaan maasichaa ilma isaa isa jaallatu isaanitti erge. Ilma isaa hoo ni simatanii ree? Gonkumaa hin simanne. Qonnaan bultoonni sun ilma isaa sana ni ajjeesan. Yesuus fakkeenya kanatti aansuudhaan raajii Faarfannaa 118:22 irra jiru caqase. (Luq. 20:9-17) Pheexiros ergamaanis Yihudoota ‘bulchitoota, maanguddootaa fi barsiisota seeraa taʼanii fi Yerusaalem keessatti walitti qabamanitti’ yeroo dubbatu caqasuma kana ibseera. “Yesuus Kiristoos nama Naazireet isa isin muka irratti fanniftanii fi Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase” isaaniin jedheera. Pheexiros itti dabaluudhaan, “Kun, ‘dhagaa isa isin warri ijaartonni tuffattanii fi isa dhagaa buʼuuraa taʼe sana’ dha” isaaniin jedhe.—HoE. 3:15; 4:5-11; 1 Phe. 2:5-7.

9. Faarfannaan 118:22 raajii iddoo guddaa qabu kam dubbata?

9 Eeyyee, raajiin Faarfannaa 118:22 irra jiru, duʼaa kaʼuun tokko akka raawwatamu waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura dubbateera. Masiihichi ni balaaleffatama, akkasumas ni ajjeefama; taʼus duʼaa kaafamuudhaan dhagaa buʼuuraa ni taʼa. Kanaan kan kaʼes, Ilmi duʼaa kaafame kun isa maqaan isaa “akka ittiin fayyinu namootaaf kenname” taʼe.—HoE. 4:12; Efe. 1:20.

10. (a) Faarfannaan 16:10 raajii akkamii dubbatee ture? (b) Raajiin Faarfannaa 16:10 irra jiru Daawit irratti akka hin raawwatamne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

10 Caqasa waaʼee duʼaa kaʼuu kanaa raajii dubbatu kan biraas haa ilaallu. Raajiin kun waggoota kuma dursee kan barreeffame yommuu taʼu, kun immoo duʼaa kaʼuun abdichi erga kennamee yeroo dheeraa booda raawwatamuu akka dandaʼu amantii qabdu akka siif cimsu hin shakkisiisu. Faarfannaan 16 inni Daawit qindeesse, “Ati iddoo lafa jalaatti ana hin laattu, isa siif of kennes ijaan iyyuu qilee akka argu hin gootu” jedha. (Far. 16:10) Daawit yeroo akkas jedhu, matumaa akka hin duune ykn awwaala keessa akka hin seenne dubbachuu isaa hin turre. Dubbiin Waaqayyoo, Daawit dulloomee akka ture ifatti dubbata. Boodas, “akkuma abboota isaatii duʼee, mandara isaa isa ‘Mandara Daawit’ jedhamee beekame keessatti in awwaalame.” (1 Mot. 2:1, 10) Faarfannaan 16:10 maal jechaa jira ree?

11. Pheexiros Faarfannaa 16:10 irratti yaada kan kenne yoomi?

11 Caqasni kun waaʼee maalii akka dubbatu karaan itti beeknu jira. Faarfannaan kun erga barreeffamee waggaa kuma booda, jechuunis Yesuus erga duʼee fi duʼaa kaʼee torban muraasa booda, Pheexiros namoota kumaatama Yihudootaa taʼanii fi amantii Yihudii fudhatanitti waaʼee Faarfannaa 16:10 ibsa kennee ture. (Hojii Ergamootaa 2:29-32 dubbisi.) Pheexiros, Daawit akka duʼee fi akka awwaalame ibse. Namoonni isa dhaggeeffachaa turan kana beeku turan. Kana malees, Pheexiros, Daawit Masiihichi inni dhufu ‘duʼaa kaʼuu isaa dursee akka argee fi akka dubbate’ yeroo ibsu isaan keessaa tokko illee akka isa morme hin caqasamne.

12. Raajiin Faarfannaa 16:10 irra jiru kan raawwatame akkamitti? Kun hoo waaʼee abdii duʼaa kaʼuu maal mirkaneessa?

12 Pheexiros yaada Daawit Faarfannaa 110:1 irratti dubbate caqasuudhaan ragaa dabalataa dhiheesseera. (Hojii Ergamootaa 2:33-36 dubbisi.) Ragaan Pheexiros Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee dhiheesse, Yesuus “Gooftaas Kiristoosis” taʼuu isaa namoota hedduu sana amansiisuu dandaʼeera. Kana malees, namoonni sun raajiin Faarfannaa 16:10 irra jiru kan raawwatame yeroo Yesuus duʼaa kaʼetti taʼuu isaa amananii fudhataniiru. Boodas Phaawulos ergamaan magaalaa Anxokiyaa ishii Phisiidiyaa keessa jirtutti Yihudoota yeroo haasofsiisutti ragaa amansiisaa kana fakkaatu dhiheesseera. Ragaan inni dhiheesse waan isaan dinqisiiseef dabalataan isa dhagaʼuu barbaadan. (Hojii Ergamootaa 13:32-37, 42 dubbisi.) Raajiiwwan waaʼee duʼaa kaʼuu kanaa dubbataman kun kan raawwataman erga dubbatamanii jaarraawwan hedduu booda taʼus, amansiisaa taʼuun isaanii mirkanaaʼeera.

DUʼAA KAʼUUN YOOM RAAWWATAMA?

13. Duʼaa kaʼuu ilaalchisee gaaffiin akkamii kaʼuu dandaʼa?

13 Duʼaa kaʼuun erga abdichi kennamee jaarraawwan hedduu booda raawwatamuu akka dandaʼu beekuun keenya nu jajjabeessa. Taʼus namni tokko gaaffiiwwan kanaa gadii kaasuu dandaʼa: ‘Kana jechuun, naman jaalladhu hamman deebisee argadhutti yeroo dheeraadhaaf eeguun qaba jechuu dhaa? Duʼaa kaʼuun ani abdiidhaan eeggadhu yoom raawwatama?’ Yesuus ergamoota isaatti wanti isaan hin beeknee fi beekuus hin dandeenye akka jiru isaanitti himeera. “Yeroo yookiin waqtii Abbaan ofii isaatiin murteessuuf aangoo isaa jala godhate” ilaalchisee wanti nuyi hin beekne hedduun jira. (HoE. 1:6, 7; Yoh. 16:12) Kana jechuun garuu, yeroo duʼaa kaʼuun itti raawwatamu ilaalchisee odeeffannoo tokko iyyuu hin qabnu jechuu miti.

14. Duʼaa kaʼuun Yesuus kan namoota isa dura kaʼanii irraa adda kan taʼe akkamitti?

14 Kana beekuuf akka si gargaarutti, duʼaa kaʼuuwwan Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbatu irratti yaadi. Duʼaa kaʼuuwwan dubbataman keessaa hunda irra kan caalu kan Yesuus akka taʼe beekamaa dha. Utuu inni duʼaa hin kaane taʼee, namoonni jaallannu duʼaa kaʼanii isaan argina jennee abdachuu hin dandeenyu turre. Namoonni Yesuus dura kaʼan, fakkeenyaaf warri Eliyaasii fi Elsaaʼi duʼaa isaan kaasan bara baraaf hin jiraanne. Deebiʼanii duʼanii awwaala keessatti tortoraniiru. Faallaa kanaatiin, Yesuus “duʼaa waan kaafameef kana booda akka hin duune beekna; duuti kana booda isa irratti gooftummaa hin qabu.” “Baraa hamma bara baraatti” utuu hin tortorin samii irra jiraata.—Rom. 6:9; Mul. 1:5, 18; Qol. 1:18; 1 Phe. 3:18.

15. Yesuus “isa jalqabaa” taʼuun isaa hiika guddaa akkamii qaba?

15 Yesuus qaama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼuudhaan isa jalqabaa ti; duʼaa kaʼuun isaas hunda irra kan caalu ture. (HoE. 26:23) Uumama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuuf akka duʼaa kaʼu abdiin kan kenname garuu isaaf qofa hin turre. Yesuus, ergamoonni isaa amanamoo taʼan isaa wajjin samii irratti bulchitoota akka taʼan isaaniif mirkaneesseera. (Luq. 22:28-30) Badhaasa kana argachuuf garuu dura duʼuu qabu. Yeroo booda akkuma Kiristoos qaama hafuuraa qabaatanii duʼaa kaʼuu dandaʼu. Phaawulos, “Kiristoos warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos, “Hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu: Jalqaba Kiristoostu duʼaa kaʼe; achiis warra yeroo inni argamutti kan Kiristoos taʼantu jireenya argatajechuudhaan, namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼan kan biraanis akka jiran ibseera.—1 Qor. 15:20, 23.

16. Namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kan kaʼan yoom akka taʼe beekuuf maaltu nu gargaara?

16 Yaada kana irraa, namoonni duʼaa kaʼanii gara samii deeman yeroo itti duʼaa kaʼan ilaalchisee yaada walii galaa arganna. Duʼaa kaʼuun kun kan raawwatamu, “yeroo inni [Yesuus] argamutti.” Dhugaa Baatonni Yihowaa, yeroo dheeraa dura bara 1914 jalqabee yeroo argama Yesuus keessa akka jirru Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan amanu turan. Yeroon kun hanga ammaatti kan itti fufee siʼa taʼu, dhumni sirna hamaa kanaas baayʼee dhihaateera.

17, 18. Yeroo argama Kiristoositti dibamtoota tokko tokko irratti maaltu raawwatama?

17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼanii akkana jechuudhaan ibsa kenna: “Waaʼee warra duʼaan boqotanii utuu hin beekin akka haftan hin barbaadnu. Yesuus akka duʼee fi duʼaa akka kaʼe amantii yoo qabaanne, Waaqayyo warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼan isaa wajjin gara jireenyaatti ni fida. . . . Nuti warri hanga Gooftaan argamutti lubbuudhaan turru, matumaa warra duʼan hin dursinu; sababiin isaas, Gooftaan ofuma isaatiin sagalee ajajaatiin, . . . samii irraa gad ni buʼa; warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼanis jalqaba ni kaʼu. Sana booda nuti warri lubbuudhaan turru, qilleensa irratti Gooftaa simachuuf duumessaan ol ni butamna; akka kanaan yeroo hunda Gooftaa wajjin ni jiraanna.”—1 Tas. 4:13-17.

18 Duʼaa kaʼuun inni jalqabaa kan raawwatamu, ‘argamuun’ Kiristoos erga jalqabee yeroo muraasa booda dha. Dibamtoonni yeroo rakkina guddaatti lubbuudhaan lafarra jiraatan, ‘duumessaan ol ni butamu.’ (Mat. 24:31) Dibamtoonni ‘ol butaman’ ‘duʼaan hin boqotan,’ jechuunis duʼanii yeroo dheeraadhaaf hin turan. ‘Hundi isaanii ni jijjiiramu, malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, battalumaan, hanga liphsuu ijaatti ni jijjiiramu.’—1 Qor. 15:51, 52.

19. “Duʼaa kaʼuu isa caalu” akkamiitu nu eeggata?

19 Kiristiyaanonni amanamoon yeroo harʼaa jiran hedduun dibamtoota waan hin taaneef, samii irratti Kiristoos wajjin tajaajiluuf hin waamamne. Kanaa mannaa, ‘guyyaa Yihowaa’ jechuunis yeroo sirni hamaan kun itti badu eeggatu. Guyyaan dhumaa yoom akka taʼe sirriitti kan beeku hin jiru; ragaan jiru akka argisiisutti garuu dhihaateera. (1 Tas. 5:1-3) Sana booda, duʼaa kaʼuun kan biraan kan raawwatamu siʼa taʼu, namoonni duʼan kaʼanii lafa jannata taatu irra jiraatu. Warri duʼaa kaʼan sun cubbuu irraa walaba taʼuuf abdii waan qabaniif, sana booda matumaa hin duʼan. Duʼaa kaʼuu kanaan dura raawwatamee fi ‘dubartoonni namoota isaan jalaa duʼan duʼaa kaafamanii argatan’ sana irra, duʼaa kaʼuun gara fuulduraa kun “duʼaa kaʼuu isa caalu” akka taʼu hin shakkisiisu.—Ibr. 11:35.

20. Duʼaa kaʼuun gara fuulduraatti raawwatamu duraa duubaan akka taʼu amanuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Kitaabni Qulqulluun, namoota duʼaa kaʼanii samii irra jiraatan ilaalchisee, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin” akka duʼaa kaʼan dubbata. (1 Qor. 15:23) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni duʼaa kaʼanii lafa irra jiraatanis duraa duubaan akka kaʼan amanuu dandeenya. Kun haala nama gammachiisu dha. Namoonni dhiheenya kana duʼan, gara jalqaba Bulchiinsa Kiristoos Isa Waggaa Kumaatti duʼaa kaʼanii namoota isaan jaallatanii fi isaan beekaniin simatamuu laata? Dhiironni amanamoon bara durii turanii fi geggeessuuf dandeettii qaban dursanii duʼaa kaʼuudhaan, addunyaa haaraa keessatti saba Waaqayyoo gurmeessuuf gargaaruu laata? Namoonni tajaajiltoota Yihowaa hin turre hoo, yoomii fi eessatti duʼaa kaʼu? Gaaffiiwwan hedduun kaʼuu dandaʼu. Garuu gaaffiiwwan kana irratti amma yaaduun keenya barbaachisaa dhaa? Callisanii wanta taʼu ilaaluu hin wayyuu? Yihowaan dhimmawwan kana karaa caalaatti nama gammachiisuun akka raawwatu amanuu dandeenya.

21. Duʼaa kaʼuu ilaalchisee abdii akkamii qabda?

21 Hammasitti garuu, Yihowaa isa namoonni yaadannoo isaa keessa jiran duʼaa akka kaʼan karaa Yesuusiin nuu mirkaneesse irratti amantii qabnu cimsachuu qabna. (Yoh. 5:28, 29; 11:23) Yeroo tokko Yesuus Yihowaan namoota duʼaa kaasuu akka dandaʼu mirkaneessuuf, Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob ‘isaaf jiraatoo akka taʼan’ ibseera. (Luq. 20:37, 38) Nuyis akkuma Phaawulos jedhe, “Duʼaa kaʼuun akka jiru . . . Waaqayyoon abdiidhaan nan eeggadha” jechuuf sababii gaʼaa qabna.—HoE. 24:15.