Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa

Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan ‘Fayyina Argachuuf Ogeessota Akka Taʼan’ Isaan Gargaaraa

‘Daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu fayyina argachuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.ʼ—2 XIM. 3:15.

FAARFANNAA: 141, 134

1, 2. Warri tokko tokko yeroo ijoolleen isaanii Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu barbaadanitti kan yaaddaʼan maaliif taʼuu dandaʼa?

QOʼATTOONNI Kitaaba Qulqulluu kumaan lakkaaʼaman Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamu. Isaan keessaa baayʼeen, dargaggoota dhugaa keessatti guddatanii fi jireenya isa caalu filatani dha. (Far. 1:1-3) Haadha ykn abbaa Kiristiyaana yoo taatan, guyyaa ilmi ykn intalli keessan itti cuuphaman hawwiidhaan akka eeggattan beekamaa dha.—3 Yohaannis 4 wajjin wal bira qabii ilaali.

2 Taʼus wanti isin yaaddessu jiraachuu dandaʼa. Tarii dargaggoota cuuphamanii fi yeroo booda garuu qajeelfama Waaqayyoo hordofuun faayidaa qabaachuu isaa shakkan tokko tokko beektu taʼa. Baayʼeen isaanii dhugaa iyyuu dhiisaniiru taʼa. Kanaafuu, mucaan keessanis daandii Kiristiyaanummaa hordofuu erga jalqabee booda jijjiiramee jaalala duraan dhugaadhaaf qabu dhiisa jettanii sodaattu taʼa. Ilmi ykn intalli keessan akkuma namoota gumii Efesoon isa jaarraa jalqabaa keessa turanii fi Yesuus “Jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” isaaniin jedhee taʼuu dandaʼu. (Mul. 2:4) Haalli akkasii mucaa keessan irra akka hin geenye gochuu fi ‘gara fayyinaatti akka guddatu’ isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? (1 Phe. 2:2) Deebii kanaa argachuuf, mee jalqaba fakkeenya Ximotewos haa ilaallu.

“KITAABOTA QULQULLUU . . . BARATTEETTA”

3. (a) Ximotewos Kiristiyaana kan taʼe akkamitti? Wanta barate hojii irra kan oolche hoo akkamitti? (b) Phaawulos, akaakuuwwan barumsaa akkamii sadii Ximotewosiif caqase?

3 Ximotewos barumsa amantii Kiristiyaanaa kan dhagaʼe tarii Dh.K.B. bara 47⁠tti, jechuunis yeroo Phaawulos ergamaan yeroo jalqabaatiif Lisxiraa daawwatetti taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti Ximotewos umurii waggoota kurnanii keessa kan ture taʼus, waan barate hojii irra ni oolcha ture. Waggaa lama booda immoo Phaawulos wajjin deemuu jalqabe. Erga kun taʼe waggaa 16 booda Phaawulos Ximotewosiif akkana jedhee barreesseera: “Eenyu irraa akka baratte waan beektuuf, wantoota namoonni si barsiisanii fi akka amantu si gargaaran sanatti cimii itti fufi; akkasumas daaʼimummaa keetii jalqabdee Kitaabota Qulqulluu [Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa] fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.” (2 Xim. 3:14, 15) Phaawulos, Ximotewos (1) kitaabota qulqulluu barachuu isaa, (2) wanta barate amanuu isaa, akkasumas (3) Yesuus Kiristoositti amanuudhaan fayyina argachuuf ogeessa taʼuu isaa dubbateera.

4. Yeroo ijoollee keessan barsiistanitti meeshaaleen buʼa qabeessa taʼanii argattan kamfaʼi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Kiristiyaana waan taataniif, ijoolleen keessan kitaabota qulqulluu, yeroo harʼaatti kitaabota qulqulluu Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii dabalatan akka baratan barbaaddu. Ijoolleen xixinnoon illee, seenaawwan namootaa fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman barachuu ni dandaʼu. Jaarmiyaan Yihowaa meeshaalee warri ijoollee isaanii barsiisuuf itti fayyadamuu dandaʼan baayʼee qopheesseera. Wantoota qophaaʼan keessaa kamfaatu afaan keessaniin argama? Beekumsi kitaabota qulqulluu Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuuf baayʼee barbaachisaa akka taʼe yaadachuu qabna.

‘AMANUU’

5. (a) ‘Amanuu’ jechuun maal jechuu dha? (b) Ximotewos misiraachoo waaʼee Yesuus dubbatu amanee akka ture beekuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Beekumsi kitaabota qulqulluu baayʼee barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, ijoollee keenya waaʼee namootaa fi taʼeewwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii barsiisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Ximotewos wanta baratetti ‘amaneera.’ Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, jechi ‘amanuu’ jedhu “mirkanaaʼaa taʼuu” ykn “wanti tokko dhugaa taʼuu isaa fudhachuu” hiika jedhu qaba. Ximotewos kitaabota qulqulluu Afaan Ibrootaa xinnummaa isaatii kaasee beeka ture. Haa taʼu malee, yeroo booda Yesuus Masiihicha taʼuu isaa ilaalchisee ragaa amansiisaa argateera. Kana jechuun, beekumsi isaa ragaa amansiisaa irratti kan hundaaʼe ture jechuu dha. Siruma iyyuu, misiraachicha irratti amantii cimaa qabaachuun isaa akka cuuphamuu fi misiyoonii taʼuudhaan Phaawulos wajjin akka hojjetu isa kakaaseera.

6. Ijoolleen keessan wanta Dubbii Waaqayyoo irraa baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

6 Isin hoo, ijoolleen keessan akkuma Ximotewos wanta baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Hunda dura obsa qabaachuu qabdu. Amantiin wanta gaafuma tokkoon argamu miti; ykn isin wanta barattanitti waan amantaniif ijoolleen keessanis akka keessan taʼu jechuu miti. Ilmi ykn intalli keessan ‘dandeettii yaaduu isaanitti’ fayyadamuudhaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu amanuu qabu. (Roomaa 12:1 dubbisi.) Warra waan taataniif, keessumaa yeroo ijoolleen keessan gaaffii gaafatanitti gama kanaan gumaacha guddaa gochuu dandeessu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

7, 8. (a) Abbaan tokko yeroo intala isaa barsiisutti obsa akka qabu kan agarsiise akkamitti? (b) Obsa akkasii qabachuun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamee beekaa?

7 Toomaas inni intala waggaa 11 qabu akkana jedheera: “Intalli too akkana jettee gaafatti, ‛Yihowaan jireenya argamsiisuuf jijjiirama tirannaatti fayyadamee taʼuu hin dandaʼuu?’ ykn, ‛Dhimmoota haawaasaa waan tokko tokko fooyyessuu dandaʼan irratti, fakkeenyaaf filannoo irratti kan hin hirmaanne maaliifi?’ Yeroo tokko tokko wanta akkasiitti amanuu qabda jedhee dhiibbaa akkan ishii irratti hin goone of toʼachuun na barbaachisa. Namni tokko waan tokkotti kan amanu dhugaa guddaa tokko irratti hundaaʼee miti. Kanaa mannaa ragaawwan xixinnoo hedduu irratti hundaaʼee ti.”

8 Akkuma Toomaasitti dhagaʼame barsiisuun obsa gaafata. Dhugaa dha, Kiristiyaanonni hundi obsa qabaachuu qabu. (Qol. 3:12) Toomaas yeroo yerootti marii gaarii gochuun barbaachisaa akka taʼe hubateera. Intalli isaa wanta barattetti akka amantu ishii gargaaruuf, kitaabota qulqulluu irratti hundaaʼee ishii mariisisuun isa barbaachiseera. Akkana jedheera; “Anii fi haati manaa too intalli teenya keessumaa qabxiiwwan barbaachisaa taʼan irratti dhuguma wanti barattu kan ishii amansiisuu fi ifa ishiidhaaf taʼuu isaa beekuu barbaanna. Yoo gaaffii kaaste gaarii dha. Gaaffii tokko malee yaada tokko yoo fudhatte garuu nan yaaddaʼa.”

9. Ijoollee keessan Dubbii Waaqayyoo barsiisuu kan dandeessan akkamitti?

9 Warri ijoollee isaanii obsaan kan barsiisan yoo taʼe, ijoolleen isaanii suutuma suuta ‘balʼina, dheerina, ol fageenyaa fi gad fageenya’ amantii hubachuu jalqabu. (Efe. 3:18) Umurii fi dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan isaan barsiisuu dandeenya. Wanta baratanitti amanaa yeroo deeman, ijoollee wajjin baratan dabalatee namoota duratti amantii isaaniitiif dhaabbachuu dandaʼu. (1 Phe. 3:15) Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan namni yeroo duʼu maal akka taʼu Kitaaba Qulqulluu irraa ibsuu ni dandaʼuu? Ibsi Kitaabni Qulqulluun kennu isaan amansiisaa? * Dubbii Waaqayyoo ijoollee keessan barsiisuun obsa gaafata; taʼus carraaqqii gochuun keessan kan nama gaabbisiisu miti.—Kes. 6:6, 7.

10. Karaa ijoollee keessan itti barsiistan keessaa inni guddaan maal taʼuu qaba?

10 Ijoolleen keessan wanta baratan akka amanan isaan gargaaruuf, isaaniif fakkeenya taʼuun keessanis baayʼee barbaachisaa dha. Istifaanii ishiin ijoollee durbaa sadii qabdu akkana jetteetti: “Daaʼimummaa isaaniitii kaasee, waaʼee ijoollee too akkana jedheen of gaafadha, ‘Yihowaan jiraachuu isaa kan na amansiise maal akka taʼe, waaʼee jaalala isaa fi daandiiwwan isaa sirrii taʼuu isaanii ilaalchisee ijoollee too wajjin mariʼadhee beekaa? Ijoolleen too garaadhaa Yihowaa akkan jaalladhu ifaatti hubataniiruu?’ Wantan ani itti hin amanne ijoolleen too amanuu qabu jedhee yaaduu hin qabu.”

‘FAYYINA ARGACHUUF OGEESSA TAʼUU’

11, 12. Ogummaan maali? Umuriidhaan qofa hin madaalamu kan jennu hoo maaliifi?

11 Ximotewos (1) kitaabota qulqulluu akka baratee fi (2) wanta baratetti akka amane ilaalleerra. Haa taʼu malee, Phaawulos kitaabonni qulqulluun ‘fayyina argachuuf ogeessa’ isa gochuu akka dandaʼan yeroo dubbatu maal jechuu isaa ture?

12 Kitaabni Iinsaayit oon za Iskiriipcharsi, Jildii  2 jedhamu akka ibsutti, Kitaaba Qulqulluu keessatti akka itti hojjetametti ogummaan, ‘faallaa gowwummaa siʼa taʼu, beekumsaa fi hubannaa keenyatti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuudhaan rakkina furuuf, balaawwan irraa fagaachuuf, galma tokko irra gaʼuuf ykn gama kanaan warra kaan gorsuuf dandeettii qabnu’ kan dabalatu akka taʼe ibsa. Kitaabni Qulqulluun “Wallaalumni [“gowwummaan,” NW] yaada mucaatti qabamee jira” jedha. (Fak. 22:15.) Kanaafuu, ogummaan inni faallaa gowwummaa taʼe bilchina akka qabnu argisiisa. Karaa hafuuraa bilchina qabaachuun keenya adda durummaadhaan kan beekamu, umuriidhaan utuu hin taʼin sodaa Yihowaadhaaf qabnuu fi fedhii ajajawwan isaa hojii irra oolchuuf qabnuuni.—Faarfannaa 111:10 dubbisi.

13. Dargaggeessi ykn shamarreen tokko fayyina argachuuf ogeessa akka taʼan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Dargaggoonni hamma tokko bilchina qaban, ‘akka waan dambaliidhaan asii fi achi oofamanii’ fedhii isaaniitiin ykn dhiibbaa hiriyoota isaaniitiin ‘asii fi achi hin daddarbataman.’ (Efe. 4:14) Kanaa mannaa, “namoota bilchaatoo warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisan” taʼu. (Ibr. 5:14) Yeroo warri isaanii ykn namoonni guguddaan kaan isaan hin arginetti illee murtoo gaarii gochuudhaan bilchaataa akka jiran argisiisu. (Filp. 2:12) Ogummaan akkanaa fayyina argachuuf baayʼee barbaachisaa dha. (Fakkeenya 24:14 dubbisi.) Ijoolleen keessan ogummaa akkanaa akka qabaatan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Hunda dura ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu iddoo guddaa kennitaniif adda baasaa ijoollee keessanitti himaa. Dubbiidhaanis taʼe fakkeenya isaaniif taʼuudhaan, ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra oolchuu keessan akka beekan godhaa.—Rom. 2:21-23.

Warri carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Keeyyata 14-18 ilaali)

14, 15. (a) Dargaggoonni cuuphamuu barbaadan gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan akkamii irratti yaaduu qabu? (b) Ijoolleen keessan eebba seerawwan Waaqayyootiif ajajamuun qabu irratti akka yaadan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

14 Haa taʼu malee, ijoollee keessanitti wanti sirrii taʼee fi sirrii hin taane maal akka taʼe himuu caalaa wanti gochuu dandeessan jira. Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan kanneen kanaa gadii jiran irratti akka yaadan isaan gargaaruu dandeessu: ‘Kitaabni Qulqulluun wantoota kan namatti tolan fakkaatan akka hin raawwanne kan dhowwu maaliifi? Ulaagaawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran yeroo hunda akka na fayyadan wanti na amansiisu maali?’—Isa. 48:17, 18.

15 Mucaan keessan cuuphamuu kan barbaadu yoo taʼe, itti gaafatamummaa cuuphamuu isaa wajjin dhufan irratti xiyyeeffannaa kennee akka yaadu isa gargaaraa. Cuuphamuun isaa faayidaawwan akkamii qaba? Aarsaawwan akkamii isa kaffalchiisa? Faayidaan inni argatu aarsaa inni kaffalu irra baayʼee kan caalu akkamitti? (Mar. 10:29, 30) Tarkaanfii guddaa kana fudhachuu isaa dura gaaffiiwwan akkanaa irratti yaaduun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Ijoolleen, ajajamuun buʼaa akka qabu, ajajamuu dhiisuun immoo miidhaa akka qabu akka irratti yaadan isaan gargaarraan, amantiin wanta baratan irratti qaban guddachaa deema. Kun immoo ulaagaan Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo hunda kan isaan fayyadu taʼuu isaa irratti amantiin qaban akka cimu godha.—Kes. 30:19, 20.

DARGAGGEESSI CUUPHAME TOKKO YEROO AMANTII ISAA SHAKKU

16. Warri, mucaan isaanii cuuphame tokko waaʼee amantii isaa yoo shakkuu jalqabe maal gochuu qabu?

16 Ilmi ykn intalli keessan erga cuuphamanii booda dhugaa irratti shakki akka qaban yoo dubbatan maal gochuu dandeessu? Fakkeenyaaf, tarii wantoonni addunyaa isaan hawwachuu ykn akka ulaagaa Kitaaba Qulqulluutti jiraachuun kan isaan fayyadu taʼuun isaa isaan shakkisiisuu dandaʼa. (Far. 73:1-3, 12, 13) Akka abbaa ykn haadha tokkootti, gaaffiiwwan isaanii kanaaf akkaataan deebii itti deebistan, amantii keessan akka jaallatan ykn akka irraa fagaatan gochuu akka dandaʼu hubachuu qabdu. Ijoolleen keessan xixinnoos taʼan guguddaa, dhimma kana ilaalchisee falmii keessa seenuu irraa of eeggadhaa. Galmi keessan karaa jaalala qabeessa taʼee fi garaa isaanii tuquun isaan gargaaruu taʼuu qaba.

17, 18. Mucaan tokko shakkii kan qabu yoo taʼe, warri isaa isa gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

17 Dargaggeessi cuuphame tokko Yihowaadhaaf akka of murteesse beekamaa dha. Of murteessuun isaa, Waaqayyoon jaallachuu fi wanta kam iyyuu dura fedhii isaatiif dursa kennuuf waadaa galuu isaa argisiisa. (Maarqos 12:30 dubbisi.) Yihowaan waadaa kana akka laayyootti hin ilaalu, namni waadaa kana gales akka laayyootti ilaaluu hin qabu. (Lal. 5:4, 5) Yeroo sirrii taʼetti, akkasumas gaarummaadhaan mucaan keessan dhugaa kana akka hubatu isa yaadachiisaa. Sana dura garuu, meeshaalee jaarmiyaan Yihowaa warraaf qopheessetti akka gaariitti fayyadamaa. Akkas gochuun keessan, mucaan keessan Yihowaadhaaf of murteessee cuuphamuun isaa hammam iddoo guddaa akka qabuu fi eebba akka isaaf argamsiisu akka hubatu isa gargaara.

18 Fakkeenyaaf, kutaan dabalataa fuula dhumaa kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan Jildii 1 (Amaariffa) jedhamu irra jiranii fi mata dureewwan “Gaaffii Warri Gaafatan” jedhu jalatti baʼan gorsa nama fayyadu qabataniiru. Akkana jedha: “Ariifattanii mucaan keenya amantii kana hordofuu hin barbaanne jettanii hin murteessinaa. Yeroo baayʼee wanti karaa hafuuraa fedhii akka dhaban isaan godhu kan biraan ni jiraata.” Amantii isaanii akka shakkan kan godhe, tarii dhiibbaa hiriyoota isaanii taʼuu dandaʼa. Sababii inni biraan immoo kophummaan waan itti dhagaʼamuuf ykn dargaggoonni kaan karaa hafuuraa kan isaan caalan itti fakkaatee taʼuu dandaʼa. Yaanni kutaa dabalataa irra jiru itti fufuudhaan akkana jedheera; “Haalawwan akkasii kun, mucaan keessan amantiin keessan dhugaa taʼuu isaa akka shakke kan argisiisan miti. Kanaa mannaa, wantoota hafuuraatiif fedhii kan dhabe, amantii kana hordofuu irratti haalawwan rakkisaa taʼan waan isa mudataniifi.” Kutaan dabalataa kun, warri mucaa isaanii isa dhugaa ilaalchisee shakkii qabu akkamitti gargaaruu akka dandaʼan yaada kenna.

19. Warri ijoolleen isaanii ‘fayyina argachuuf ogeessota akka taʼan’ isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

19 Warra waan taataniif, ijoollee keessan “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuuf mirgaa fi itti gaafatamummaa guddaa qabdu. (Efe. 6:4) Akkuma olitti ilaalle, kana gochuun wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, wanta baratanitti akka amanan isaan gargaaruu kan dabalatu dha. Eeyyee, amantii cimaa Yihowaadhaaf akka of murteessanii fi garaa guutuudhaan akka isa tajaajilan isaan kakaasu qabaachuutu isaan barbaachisa. Dubbiin Yihowaa, hafuurri isaa fi carraaqqiin isin gootan, ijoolleen keessan ‘fayyina argachuuf ogeessota akka taʼan’ kan isaan gargaaru haa taʼu.

^ key. 9 Barreeffamoonni qoʼannaa kitaaba “Kitaabni Qulqulluun Maal Barsiisa?” jedhamuuf qophaaʼan, meeshaalee gaggaarii dargaggoonnis taʼan namoonni guguddaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatanii fi ibsuu akka dandaʼan gargaarani dha. Weebsaayitii jw.org jedhamu irratti afaan hedduudhaan ni argamu. BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > MEESHAALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUUF GARGAARAN (Amaariffa) jalaa argachuu dandeessa.