Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Qulqulluu fi Abdii Kee Gara Fuulduraa

Kitaaba Qulqulluu fi Abdii Kee Gara Fuulduraa

GALGALA erga dukkanaaʼee booda karaa dukkana taʼe tokko irra deemaa akka jirtu godhii yaadi. Aduun erga lixxee kan ture taʼus, baatirii ifa cimaa qabu waan harkatti qabatteef karaa irraa akka maqxu sitti hin dhagaʼamne. Yommuu baatiricha gadi qabdu wanta si jala jiru ifatti ilaaluu ni dandeessa. Yommuu fuuldura keetti qabdu immoo, ifni isaa fagoodhaa karaan kee akka sitti mulʼatu godha.

Karaa tokko tokkoon Kitaabni Qulqulluun akkuma baatirii kanaa ti. Mata dureewwan darban irratti akkuma ilaalletti, Dubbiin Waaqayyoo wanta fuuldura keenya jiru, jechuunis rakkoowwan addunyaa gabii hin qabne kana keessatti hunduma keenya guyyaa guyyaadhaan mudatan dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun faayidaa kana irra caalu qaba. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee ifa nuu kennuudhaan, karaa gammachuu itti fufiinsa qabutti nu geessu ilaaluu fi hordofuu akka dandeenyu nu gargaara. (Faarfannaa 119:105) Akkamitti?

Mee karaawwan Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii itti nuuf kennu lama haa ilaallu: 1 Jireenya kaayyoo qabu qabaachuuf nu gargaara, akkasumas 2 Uumaa keenyaa wajjin michummaa bara baraa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa.

JIREENYA KAAYYOO QABU

Kitaabni Qulqulluun kitaabota ofiin of gargaaruuf qophaaʼan irraa haala adda taʼen, gorsa amansiisaa rakkoowwan nu mudatan dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna. Kitaabni Qulqulluun wantoota dhuunfaatti nu yaaddessan irratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeessuu mannaa, warra kaaniifis akka yaadnu nu barsiisa. Jireenyi keenya dhugumaan hiika kan qabaatu akkana yoo goone qofa dha.

Fakkeenyaaf, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu isa, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhu ilaali. (Hojii Ergamootaa 20:35) Waaʼee yeroo nama gargaarsi isa barbaachise tokko itti gargaartee yaaduu ni dandeessaa? Tarii michuun kee tokko wanta isa dhiphisu yommuu sitti himu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan isa gargaarteetta taʼa. Namni tokko guyyaa gaarii akka dabarsu gargaaruudhaan milkaaʼina akka argatte sitti hin dhagaʼamnee?

Gatiin akka nuuf deebifamu utuu hin eegin yommuu kenninu gammachuu guddaa arganna. Barreessaan tokko, “Yeroo baayʼee wanta isa kennitu irra caalu utuu hin argatin wanta qabdu kennuun, jechuunis gatii akka argattu utuu hin yaadin kennuun kan hin dandaʼamne dha” jedheera. Taʼus, keessumaa warra deebisanii waa nuuf gochuu hin dandeenyeef wanta qabnu yommuu kenninu gatii argannu qabna. Yeroo akkana goonu Uumaa keenya isa gocha gaarummaa akkanaa akka liqii isaaf liqeeffametti ilaaluu wajjin hojjechaa jirra jechuu dha. (Fakkeenya 19:17) Inni wanta hiyyeessotaaf goonuuf iddoo guddaa kenna; lafa jannata taatu keessatti jireenya bara baraa nuuf kennuudhaan gatii isaa akka nuuf deebisu waadaa galeera; kun dhuguma iyyuu abdii gammachiisaa taʼe dha!—Faarfannaa 37:29; Luqaas 14:12-14. *

Hunda caalaa immoo, Kitaabni Qulqulluun Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaa waaqeffachuudhaan jireenya dhugumaan kaayyoo qabu jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa. Dubbiin isaa akka isa jajannu, ulfina akka isaaf kenninuu fi akka isaaf ajajamnu nu jajjabeessa. (Lallaba 12:13; Mulʼata 4:11) Yommuu akkana goonu, miira Uumaa keenyaa irratti dhiibbaa gaarii gochuudhaan milkaaʼina dinqisiisaa taʼe ni arganna. Inni, “Ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” jechuudhaan nu jajjabeesseera. (Fakkeenya 27:11) Mee yaadi, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuun geggeeffamnee murtoo ogummaa irratti hundaaʼe yommuu goonu Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe gammachiisna. Maaliif? Inni waan nuuf yaaduuf qajeelfama isaa hordofuudhaan akka of fayyadnu barbaada. (Isaayaas 48:17, 18) Dhuguma iyyuu, Gooftaa Ol Aanaa uumama hundumaa waaqeffachuu fi karaa isa gammachiisuun jiraachuu caalaa kaayyoo akkamii qabaachuu dandeenya?

MICHUMMAA UUMAA KEENYAA WAJJIN QABNU

Kitaabni Qulqulluun Uumaa keenyaa wajjin michummaa akka qabaannus nu barsiisa. “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedha. (Yaaqoob 4:8) Yeroo tokko tokko michuu Uumaa isa hundumaa dandaʼuu taʼuun dhuguma kan dandaʼamu taʼuu isaa ni shakkina taʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun “inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” waan hin taaneef, ‘Waaqayyoon yoo barbaadne isa argachuu’ akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 17:27) Gorsi Kitaabni Qulqulluun michuu Waaqayyoo taʼuu ilaalchisee kennu jireenya keenya gara fuulduraa irratti dhiibbaa guddaa qaba. Karaa kamiin?

Mee kana yaadi: Namni kam iyyuu hammam iyyuu carraaqqii yoo godhe ofii isaatiin duʼa isa diina keenya isa hundumaa irra hammaatu jalaa ooluu hin dandaʼu. (1 Qorontos 15:26) Waaqayyo garuu bara baraaf jiraata. Inni matumaa hin duʼu; michoonni isaas bara baraaf akka jiraatan barbaada. Kitaabni Qulqulluun wanta Yihowaan warra isa barbaadaniif hawwu karaa salphaa fi namatti toluun yeroo ibsu, “Baruma baraanis garaan keessan gammadee haa jiraatu” jedha.—Faarfannaa 22:26.

Waaqayyoo wajjin michummaa bara baraa akkanaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee isaa barachuu kee itti fufi. (Yohaannis 17:3; 2 Ximotewos 3:16) Ergaa caqasoonni qaban hubachuu irratti gargaarsa isaa argachuuf yaali. Kitaabni Qulqulluun ogummaa argachuuf garaadhaa ‘Waaqayyoon kadhachuu keenya yoo itti fufne’ inni akka nuuf kennu nuuf mirkaneessa. * (Yaaqoob 1:5) Dubbiin Waaqayyoo ammas taʼe bara baraaf ‘miilla keetiif ibsaa, daandii kee irrattis akka ifu’ gochuudhaan wanta barattu hojii irra oolchuuf carraaqqii godhi.—Faarfannaa 119:105.

^ key. 8 Waadaa Waaqayyo Jannata keessatti jireenya bara baraa kennuuf gale ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu isa Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3 ilaali.

^ key. 13 Dhugaa Baatonni Yihowaa sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yaada isaa hubachuu irratti fooyyaʼiinsa gochuuf si gargaaruu fi kaffaltii malee geggeeffamu qabu. Sagantaan kun maal akka fakkaatu beekuuf viidiyoo, Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Akkamitti Geggeeffama? jedhamu jw.org/om irraa ilaali (WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO jalatti argama).

Waaqayyo bara baraaf jiraata; michoonni isaas bara baraaf akka jiraatan barbaada