Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maal Sitti Fakkaata?

Maal Sitti Fakkaata?

Michuu Waaqayyoo taʼuuf Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu ni dandaʼaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO . . .

qulqulluu akka hin taanee fi cubbamoo akka taʼan waan itti dhagaʼamuuf michuu Waaqayyoo taʼuu akka hin dandeenye yaadu. Namoonni kaan immoo Waaqayyo akka nuuf hin yaadne itti dhagaʼama. Ati hoo maal jetta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Waaqayyo ‘warra yaada qajeelaa qaban in amana [“isaanii wajjin michummaa cimaa ni qabaata,” NW].’ (Fakkeenya 3:32) Waaqayyoof yoo ajajamne michoota isaa taʼuu ni dandeenya.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Waaqayyo michuu keenya taʼuu ni barbaada.—Yaaqoob 4:8.

  • Waaqayyo Michuu keenya taʼuudhaan nu gargaaruu fi dhiifama nuuf gochuuf qophaaʼaa dha.—Faarfannaa 86:5.

  • Michoonni Waaqayyoo wanta inni jaallatu ni jaallatu, wanta inni jibbu immoo ni jibbu.—Roomaa 12:9.