Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bara Baraaf Lafarra Jiraachuu ni Dandeessa

Bara Baraaf Lafarra Jiraachuu ni Dandeessa

ABDII BAAYʼEE DINQISIISAA TAʼEDHA! Uumaan keenya lafuma kanarratti jireenya bara baraa nuuf kennuuf waadaa galeera. Haa taʼu malee, namoonni hedduun kana amanuun isaanitti ulfaata. ‘Namni hundi yeroo taʼe tokkotti duʼuun isaa hin oolu. Kan uumamne yeroo booda akka duunuufi’ jedhanii yaadu. Namoonni kaanimmoo, bara baraaf jiraachuun akka dandaʼamu kan amanan taʼus, lafa kanarratti akka hin taane dubbatu. Bara baraaf kan jiraatan duʼanii gara samii erga dhaqanii booda akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Atoo maal sitti fakkaata?

Deebii kennuu kee dura, Kitaabni Qulqulluun gaaffilee armaan gadiitiif deebii akkamii akka kennu ilaali: Akkaataan namni itti uumame, yeroo hammamiitiif akka jiraatu argisiisa? Kaayyoon jalqabaa Waaqayyo lafaa fi ilmaan namootaatiif qabu maal ture? Duuti ilmaan namootaatti kan dhufe akkamitti?

NAMNI UUMAMA ADDA TAʼEDHA

Wantoota Waaqayyo lafarratti uume hunda keessaa ilmaan namootaa baayʼee addadha. Akkas kan jennu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun ‘bifaa fi fakkaattii’ Waaqayyootiin kan uumaman ilmaan namootaa qofa akka taʼan ibsa. (Uumama 1:26, 27) Kana jechuun maal jechuudha? Ilmaan namootaa amaloota Waaqayyo kanneen akka jaalalaa fi haqaa jiran argisiisuu ni dandaʼu jechuudha.

Kana malees, ilmaan namootaa dandeettii wanta gaarii isa hamaarraa adda baasanii beekuu, akkasumas fedhii Waaqayyoon beekuu fi isa wajjin hariiroo uumuu qabu. Guddina hawaa fi miidhagina uumamawwan garaagaraa qaban, akkasumas ogummaa, muuziqaa fi ogbarruu kan dinqisiifannu kanaafi. Hunda caalaa, dandeettiin addaa ilmaan namootaa qaban Uumaa isaanii waaqeffachuudha. Wantoonni kun ilmaan namootaa uumamawwan lubbu qabeeyyii lafarra jiraatan hundarraa baayʼee adda isaan taasisu.

Mee yaadi: Waaqayyo kan nu uume waggoota muraasaaf qofa akka jiraannuuf utuu taʼee, amaloota dinqisiisoo taʼan, dandeettiiwwan guddachaa deemanii fi dhuma kan hin qabne fakkaatan nuuf kenna turee? Waaqayyo ilmaan namootaatiif amalootaa fi dandeettiiwwan dinqisiisoo kana kan kenne, lafuma kanarra bara baraaf akka jiraannu waan barbaaduufi.

KAAYYOO WAAQAYYOO ISA JALQABAA

Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko Waaqayyo namoota kan uume bara baraaf lafarra akka jiraataniif akka hin taane dubbatu. Lafti bakka yeroo muraasaaf irra jiraatanii fi namoonni bara baraaf Waaqayyoo wajjin samii keessa jiraatan itti qoraman akka taʼe dubbatu. Kun dhugaa yoo taʼe garuu, hamminaa fi rakkina lafa kanarra guutee jiruuf Waaqayyotu itti gaafatama jechuudha. Kunimmoo eenyummaa Waaqayyoo wajjin guutummaatti wal faallessa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee isaa yeroo dubbatu, “Daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha” jedha.—Keessa Deebii 32:4.

Kitaabni Qulqulluun kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu yeroo ibsu, “Samiiwwan kan Yihowaa ti, lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne” jedha. (Faarfannaa 115:16) Eeyyee, Waaqayyo lafa kan uume bakka jireenyaa bareedduu ilmaan namootaa bara baraaf irra jiraatan akka taatuufi; lafti wantoota bara baraaf gammachuudhaan jiraachuuf nu barbaachisaniin guutamteetti.—Uumama 2:8, 9.

“Samiiwwan kan Yihowaa ti, lafa garuu ilmaan namootaatiif kenne.”—Faarfannaa 115:16

Kitaabni Qulqulluun kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabus ifatti dubbata. Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa akkana jedhee ajajee ture: “Lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa; . . . uumamawwan jiraatoo lafa irra sochoʼan hundumaa irratti aangoo qabaadhaa.” (Uumama 1:28) Jannata iddoo jireenyaa isaanii taʼe kunuunsuu fi guutummaa lafaa irratti babalʼisuuf mirga argatanii turan. Dhugumayyuu, Addaamii fi Hewaan, akkasumas ijoolleen isaan yeroo booda godhatan kan uumaman bara baraaf lafarra akka jiraataniifi malee, gara samii akka dhaqaniif hin turre.

KAN DUUNU MAALIIFI?

Maarree, maaliif duuna? Kitaabni Qulqulluun uumamawwan hafuuraa Waaqayyo uume keessaa inni yeroo booda Seexana jedhame finciluudhaan qophii Waaqayyo Eedan keessatti godhe fashaleessuuf akka yaale dubbata. Akkamitti?

Seexanni, warra keenya jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniin sossobee, isa faana Waaqayyorratti akka fincilan godheera. Seexanni, Waaqayyo wanta isaan fayyadu tokko, jechuunis mirga wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe murteessuu akka isaan dhowwate yommuu isaanitti himu, Seexana cinaa hiriiruudhaan Waaqayyorraa garagalan. Kun hoo maal geessise? Oolee bulee, akkuma Waaqayyo isaan akeekkachiisee ture ni duʼan. Abdii bara baraaf lafa Jannata taaterra jiraachuuf qabanis ni dhaban.—Uumama 2:17; 3:1-6; 5:5.

Fincilli Addaamii fi Hewaan kaasan, ilmaan namootaa hamma bara keenyaatti jiran hundarratti miidhaa geessiseera. Dubbiin Waaqayyoo, “Cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe; kanaafuu, . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe” jedha. (Roomaa 5:12) Kan duunu warra keenya jalqabaarraa cubbuu fi duʼa waan dhaalleefi malee, Waaqayyo karoora dursee baasee fi nuti hubachuu hin dandeenye tokko waan qabuuf miti.

BARA BARAAF LAFARRA JIRAACHUU NI DANDEESSA

Fincilli Eedan keessatti kaʼe kaayyoon Waaqayyo jalqaba ilmaan namootaa fi lafaaf qabu akka hin raawwatamne gochuu hin dandaʼu. Jaalalli Waaqayyoo inni mudaa hin qabnee fi haqni isaa, karaa garbummaa cubbuu fi duʼa dhaalle jalaa bilisa itti nu baasu qopheessuuf isa kakaaseera. Phaawulos ergamaan, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti” jedheera. (Roomaa 6:23) Waaqayyo jaalalaan kakaʼee, ‘isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Ilma isaa isa tokkicha [Yesuus Kiristoosiin] kenneera.’ (Yohaannis 3:16) Yesuusis namoonni karaa Addaam miidhaan isaanirra gaʼe hundi furamuu akka dandaʼaniif fedhiidhaan aarsaa furii taʼeera. a

Waadaan Waaqayyo lafa jannata gochuuf gale yeroo dhihootti ni raawwatama. Gorsa Yesuus kenne kanaaf yoo ajajamte atis abdii dinqisiisaa taʼe kana qabaachuu dandeessa: “Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa; karri badiisatti geessu balʼaa dha, daandiin isaas guddaa dha; namoonni achiin seenanis baayʼee dha; karri gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa.” (Maatewos 7:13, 14) Eeyyee, egereen kee harka kee keessa jira. Maarree, maal gochuuf yaaddeetta?

a Furichi faayidaa akkamii akka siif argamsiisu caalaatti beekuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu, barumsa 27​ffaa ilaali; kitaabicha www.pr418.com/om irraas kaffaltii malee buufachuu dandeessa.