Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Garraamonni Lafa ni Dhaalu’

‘Garraamonni Lafa ni Dhaalu’

Baayʼeen keenya jalʼina haqaa fi hamoonni namoota gaarii yommuu hacuucan argineerra. Yeroon jalʼinni haqaa fi hammeenyi itti hin jiraanne ni dhufaa laata?

Faarfannaan 37 deebii gaaffii kanaa fi qajeelfama yeroo harʼaatiif nu barbaachisu nuuf kenna. Gaaffilee armaan gadiitiif deebii akkamii akka kennu qalbeeffadhu.

Yaanni Faarfannaa 37 irratti argamuu fi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun namoonni ‘Yihowaa abdatanii fi daandii isaa hordofan’ egeree gammachiisaa taʼe akka qaban ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattuu fi ofii keetii fi namoota jaallattuuf egeree gammachiisaa qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe akka beektu si gargaaruuf fedhii guddaa qabu.