Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Rakkina Hunda Dhiheenyatti ni Balleessa

Waaqayyo Rakkina Hunda Dhiheenyatti ni Balleessa

“Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya? Atis hamma yoomiitti hin dhageessu? Hamma yoomiitti anis gara keetti wawwaadha? Atis hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti kaʼan jalaa nu hin oolchitu?” (Anbaaqom 1:2, 3) Yaada kana kan dubbate, Anbaaqom isa nama gaarii taʼee fi Waaqayyo duratti fudhatama argate dha. Kadhannaan isaa kun amantii akka hin qabne kan argisiisudhaa? Matumaa. Waaqayyo rakkina balleessuuf yeroo murteesse akka qabu Anbaaqomiif mirkaneesseera.—Anbaaqom 2:2, 3.

Ati ykn namni sitti dhihaatu tokko yommuu rakkatu, Waaqayyo rakkina sanaaf yeruma sana furmaata kennuu utuu qabuu suuta akka jedhe yaaduun salphaa dha. Haa taʼu malee, Kitaabni qulqulluun, “Namoonni tokko tokko Yihowaan akka turu godhanii akka yaadan, inni abdiiwwan kenne raawwachuuf hin turu; kanaa mannaa hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—2 Pheexiros 3:9.

WAAQAYYO TARKAANFII KAN FUDHATU YOOMI?

Yeroo dhihoo keessatti dha! Yesuus dhaloonni adda taʼee fi haalawwan addaa walitti idaʼamanii guyyoota dhumaa “sirna kanaa” adda baasanii beeksisan argu tokko akka jiraatu beeksisee ture. (Maatewos 24:3-42) Raajiin Yesuus dubbate yeroo keenyatti raawwatamuun isaa yeroon Waaqayyo dhimma ilmaan namootaa keessa itti galu baayʼee dhihoo akka taʼe argisiisa. *

Haa taʼu malee, Waaqayyo rakkina hunda kan balleessu akkamitti? Yesuus yeroo lafa irra ture, humna Waaqayyootti fayyadamee rakkina ilmaan namootaa furuu akka dandaʼu argisiiseera. Mee fakkeenyota muraasa ilaali.

Balaa Uumamaa: Yesuusii fi ergamoonni isaa Galaana Galiilaa irra bidiruudhaan deemaa utuu jiranii, obomboleettii cimaan bidiruu isaanii garagalchuuf jedhe kaʼee ture. Taʼus, Yesuus innii fi Abbaan isaa humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼan argisiiseera. (Qolosaayis 1:15, 16) Yesuus salphaadhumatti, “Cal jedhi! Gab jedhi!” jedhe. Buʼaan isaa maal ture? “Qilleensichis ni dhaabate; tasgabbii guddaanis ni taʼe.”—Maarqos 4:35-39.

Dhukkuba: Yesuus namoota qaro dhabeeyyii fi naafatan, akkasumas warra dhukkuba gaggabdoo, nadaayii ykn dhukkuba kan biraa akkamii iyyuu qaban fayyisuu irratti dandeettii akka qabu ni beekama ture. ‘Namoota akka malee dhukkubsachaa turan hunda fayyiseera.’—Maatewos 4:23, 24; 8:16; 11:2-5.

Hanqina Nyaataa: Yesuus humna Abbaan isaa isaaf kennetti fayyadamee nyaata xinnoo baayʼiseera. Yeroo tajaajilaa turetti al lama namoota kumaan lakkaaʼan akka nyaachise galmeeffameera.—Maatewos 14:14-21; 15:32-38.

Duʼa: Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna akka qabu, duʼaa kaasuu Yesuus akka raawwate galmeeffaman sadaniin mirkanaaʼeera. Namoota inni duʼaa kaase keessaa tokko erga duʼee guyyaa afur taʼee ture.—Maarqos 5:35-42; Luqaas 7:11-16; Yohaannis 11:3-44.

^ key. 5 Waaʼee guyyoota dhumaa odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 32 ilaali. Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan maxxanfame siʼa taʼu, www.pr418.com irraa tola garagalfachuun ni dandaʼama.