Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Si Irra Gaʼu Ilaalchisee Waaqayyotti Maaltu Dhagaʼama?

Rakkina Si Irra Gaʼu Ilaalchisee Waaqayyotti Maaltu Dhagaʼama?

Namoonni tokko tokko Waaqayyo rakkina keenya akka hin ilaalle waaʼee isaa yaaduus akka hin barbaanne amanu.

WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU ILAALI

  • Waaqayyo ni ilaala, ni yaadas

    ‘Waaqayyo, jalʼinni namaa lafa irratti baayʼachuu isaa, wanti namni garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa duwwaa taʼuu isaa in arge, guutummaa garaa isaatiinis in gadde.’—Uumama 6:5, 6.

  • Waaqayyo rakkina hundumaa ni balleessa

    “Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru. Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:10, 11.

  • Wanta Waaqayyo siif yaadu

    “Yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti. Yommus isin gara kootti deebitanii maqaa koo waammattanii ana in kadhattu, anis isiniif nan dhagaʼa.”—Ermiyaas 29:11, 12.

    “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8.