Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Hafuuraa Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

Nama Hafuuraa Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

“Waaqayyo . . . yaadni Kiristoos Yesuus qabu isin gidduu akka jiraatu haa godhu.”ROM. 15:5.

FAARFANNAA: 17, 13

1, 2. (a) Waaʼee nama hafuuraa taʼuu namoonni baayʼeen ilaalcha akkamii qabu? (b) Nama hafuuraa taʼuu ilaalchisee gaaffiiwwan ijoo taʼan kamfaa ilaalla?

OBBOLEETTIIN Kaanaadaa jiraattu tokko, “Nama hafuuraa taʼuun koo gammachuu akkan qabaadhuu fi qorumsawwan guyyaa guyyaatti na mudatan milkaaʼinaan moʼuuf na gargaareera” jetteetti. Obboleessi Biraaziil keessa jiraatu tokkos, “Nama hafuuraa taanee jiraachuuf carraaqqii gochuu keenyaan, waggoota 23f gaaʼela gammachiisaa qabaachuu dandeenyeerra” jedheera. Obboleessi Filippiinsi keessa jiraatu tokko immoo, “Nama hafuuraa taʼuun koo nagaa sammuu naaf kenneera; akkasumas walitti dhufeenyan obboloota akkaataa guddinaa garaa garaa qabanii wajjin qabu fooyyessuuf na gargaareera” jedheera.

2 Yaadawwan akkanaa nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka gaariitti ibsu. Kanaan kan kaʼes, ‘Nama hafuuraa taʼee guddachuu fi faayidaawwan olitti ibsaman guutummaatti dhandhamachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafanna taʼa. Haa taʼu malee, deebii gaaffii kanaa deebisuu keenya dura, wanta Kitaabni Qulqulluun namoota hafuuraa ilaalchisee dubbatu ifatti hubachuu qabna. Mata duree kana keessatti, gaaffiiwwan ijoo taʼan sadiif deebii arganna. (1) Nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu dha? (2) Fakkeenyawwan karaa hafuuraa guddachuuf nu gargaaran kam faʼi? (3) “Yaada Kiristoos” qabaachuuf carraaqqii gochuun keenya nama hafuuraa taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

NAMA HAFUURAA TAʼUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

3. Kitaabni Qulqulluun nama foonii nama hafuuraa irraa adda baasee kan ibsu akkamitti?

3 Phaawulos ergamaan garaa garummaa “nama foonii” fi ‘nama hafuuraa’ gidduu jiru wal bira qabee ibsuudhaan nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe ifa nuuf godheera. (1 Qorontos 2:14-16 dubbisi.) Garaa garummaan isaanii maali dha? ‘Namni foonii wantoonni kun isaaf gowwummaa waan taʼaniif, wantoota hafuura Waaqayyoo irraa dhufan akka hin fudhannee fi isaan hubachuu akka hin dandeenyetti’ ibsameera. Karaa kana irraa faallaa taʼeen, “namni hafuuraa garuu waan hundumaa qora,” akkasumas “yaada Kiristoos” qaba. Phaawulos nama hafuuraa akka taanu nu jajjabeesseera. Namni hafuuraa fi namni foonii karaawwan kan biroo kamiin adda baafamu?

4, 5. Amalawwan namni foonii argisiisu kam faʼi?

4 Mee jalqaba namni foonii ilaalcha akkamii akka qabu haa ilaallu. Namni foonii ilaalcha addunyaa kanaa isa fedhii ofittummaa irratti xiyyeeffatu qaba. Phaawulos ilaalchi kun, “hafuura isa amma ilmaan hin ajajamne irratti hojjechaa jiru” akka taʼe ibseera. (Efe. 2:2) Namoonni hedduun dhiibbaan hafuurri kun isaan irratti geessisu ilaalcha, ‘Akkasumatti namoota baayʼee hordofi’ jedhu akka qabaatan isaan godheera. Namoonni akkanaa fedhii foonii irratti xiyyeeffatu. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa hedduun isaanii ulaagaawwan Waaqayyoo eeguuf carraaqqii gochuu mannaa wanta sirrii akka taʼetti itti dhagaʼamu godhu. Namni foonii, yeroo baayʼee ulfinaa fi qabeenya argachuun garmalee isa yaaddessa ykn wanta hundumaa caalaa mirgi isaa akka isaaf kabajamu barbaada.

5 Wanti kan biraan nama foonii adda baasu maali dha? Namoonni “hojiiwwan foonii” kam irratti iyyuu hirmaatan garee kana keessatti ramadamu. (Gal. 5:19-21) Phaawulos xalayaa gumii Qorontosiif jalqaba barreesse irratti amalawwan namoonni ilaalcha foonii qaban ittiin beekaman kan biroo ibseera. Kunis wal qoqqoodiinsa uumuu, garee uumuu, wal morkachuu, mana murtiitti wal dhiheessuu, aangoo matummaa kabajuu dhiisuu, akkasumas nyaachuu fi dhuguu irratti fedhii ofii qofa hordofuu dabalata. Namni foonii yommuu qorumsi isa mudatu laafee harka kenna. (Fak. 7:21, 22) Yihudaan waaʼee namoota hamma ‘hafuura qulqulluu dhabanitti’ illee dadhabaa deemanii dubbateera.—Yih. 18, 19.

6. Namni hafuuraa maaliin beekama?

6 ‘Nama hafuuraa’ taʼuu jechuun hoo maal jechuu dha? Namni hafuuraa nama foonii irraa haala faallaa taʼeen walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu irratti xiyyeeffata. Namoonni ilaalcha hafuuraa qaban ‘Waaqayyoon kan fakkaatan’ taʼuuf carraaqqii godhu. (Efe. 5:1) Kana jechuunis yaada Yihowaan qabu qabaachuu fi karaa inni wanta tokko ilaaluun ilaaluuf ni carraaqu jechuu dha. Waaqayyos isaaniif kan dhugoome dha. Namoota foonii irraa haala faallaa taʼeen, karaan isaanii hundi ulaagaawwan Yihowaa wajjin kan wal simu akka taʼu gochuuf yaalu. (Far. 119:33; 143:10) Namni hafuuraa hojiiwwan foonii irratti xiyyeeffachuu mannaa, ‘firii hafuuraa’ argisiisuuf carraaqa. (Gal. 5:22, 23) Jecha nama hafuuraa jedhu caalaatti ifa gochuuf yaada kana wal bira qabnee haa ilaallu: Namni dandeettii muuziqaa qabu nama muuziqaa jedhama. Haaluma wal fakkaatuun, namni wantoota hafuuraa ykn dhimmawwan waaqeffannaa wajjin walqabataniif garaadhaa iddoo guddaa kennu nama hafuuraa jedhama.

7. Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota hafuuraa maal jedha?

7 Kitaaba Qulqulluu keessatti nama hafuuraatiif iddoon guddaan akka kenname hubanna. Maatewos 5:3, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti” jedha. Roomaan 8:6 immoo faayidaa nama hafuuraa taʼuun qabu ilaalchisee, “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida; yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun garuu jireenyaa fi nagaa fida” jedha. Yommuu wanta hafuuraa irratti xiyyeeffannu, yeroo ammaatti Waaqayyoo fi ofii keenyaa wajjin nagaa ni qabaanna, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa arganna.

8. Nama hafuuraa taʼuu fi namummaa hafuuraa eegnee jiraachuuf carraaqqii gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?

8 Haa taʼu malee, kan jiraannu addunyaa baayʼee rakkisaa taʼe keessa dha. Ilaalchi foonii nutti marsee waan jiruuf, nama hafuuraa taʼuu fi namummaa hafuuraa qabnu eegnee jiraachuuf garaadhaa carraaqqii itti fufiinsa qabu gochuu qabna. Namni tokko namummaa hafuuraa isaa yoo dhabe, sammuun isaa duwwaa waan taʼuuf “qilleensi” faalamaan addunyaa kanaa yeruma sana itti gala. Kun akka hin taane gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Karaa hafuuraa guddachuu kan dandeenyu akkamitti?

FAKKEENYOTA IRRAA BARANNU

9. (a) Karaa hafuuraa guddina gochuuf maaltu nu gargaara? (b) Fakkeenyota namoota hafuuraa kamfaa ilaalla?

9 Mucaan tokko wanta warri isaa hojjetan ilaaluudhaan, akkasumas fakkeenya isaanii isa gaarii hordofuudhaan bilchina qabaachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatun, nutis namoota karaa hafuuraa cimoo taʼan ilaaluu fi fakkaachuudhaan karaa hafuuraa guddachuu dandeenya. Karaa kan biraatiin immoo, namoonni foonii fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼu. (1 Qor. 3:1-4) Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota lamaanuu qabateera. Haa taʼu malee, kaayyoon keenya karaa hafuuraa guddachuu waan taʼeef, fakkeenyota gaarii hordofuu dandeenyu muraasa, jechuunis fakkeenya Yaaqoob, Maariyaamii fi Yesuus haa ilaallu.

Fakkeenya Yaaqoob irraa maal barachuu dandeenya? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Yaaqoob nama hafuuraa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

10 Jalqaba fakkeenya Yaaqoob haa ilaallu. Akkuma yeroo harʼaatti jireenyi baayʼee keenyaaf rakkisaa taʼe Yaaqoobiifis jireenyi salphaa hin turre. Obboleessa isaa Esaawuu isa ilaalcha foonii qabuu fi isa ajjeesuu barbaadu dandaʼee jiraachuu qaba ture. Kana malees, dhiibbaa soddaa isaa isa irra deddeebiʼee isa gowwoomsuudhaan itti fayyadamuuf yaalee dandaʼuun isa barbaachiseera. Yaaqoob namoota fooniitiin kan marfame taʼus nama hafuuraa ture. Waadaa Waaqayyo Abrahaamiif gale irratti amantii qaba ture; maatii kaayyoo Yihowaa raawwachuu irratti gaʼee addaa qabu kunuunsuuf wanta dandaʼu hunda godheera. (Uma. 28:10-15) Dubbiinii fi gochi Yaaqoob ulaagaawwanii fi fedhii Waaqayyoo akka yaadatu kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf, yommuu Esaawuun kan kaʼe sodaan itti dhagaʼamee turetti, “Akka na oolchituuf sin kadhadha! Ati iyyuu, ‘Ani gaarii siif nan godha, sanyii kees akka cirracha galaanaa . . . nan godha’ jetteetta” jedhee Waaqayyoon kadhateera. (Uma. 32:6-12) Yaaqoob waadaa Waaqayyo isaa fi abbootii isaatiif gale irratti amantii qaba ture; tarkaanfii fedhii fi kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal simu fudhachuu barbaadee akka ture ifa dha.

Fakkeenya Maariyaam irraa maal barachuu dandeenya?(Keeyyata 11 ilaali)

11. Maariyaam nama hafuuraa akka turte akkamitti beekna?

11 Amma immoo fakkeenya Maariyaam haa ilaallu. Yihowaan haadha Yesuus akka taatu Maariyaamiin kan filate maaliifi? Nama hafuuraa waan turteef akka taʼe ifa dha. Kana kan beeknu akkamitti? Wanti ishiin yommuu Zakkaariyaasii fi Elsaabex warra firoota ishii taʼan gaafachuuf deemtetti Waaqayyoon jajachuuf dubbatte nama hafuuraa taʼuu ishii ifatti argisiisa. (Luqaas 1:46-55 dubbisi.) Wanti Maariyaam dubbatte Dubbii Waaqayyootiif jaalala cimaa akka qabduu fi Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa akka gaaritti akka beektu argisiisa. (Uma. 30:13; 1 Sam. 2:1-10; Mil. 3:12) Maariyaamii fi Yoseef hiriyoota gaaʼelaa haaraa kan turan taʼus, hamma Yesuus dhalatutti saalqunnamtii raawwachuu irraa of qusataniiru. Kun maal argisiisa? Lamaan isaanii iyyuu fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuu mannaa, fedhii Yihowaa raawwachuu irratti akka xiyyeeffatan argisiisa. (Mat. 1:25) Yeroon darbaa yommuu deemu, Maariyaam wanta jireenya Yesuus keessatti raawwatamu hubatteetti; dubbii ogummaa inni dubbatuufis xiyyeeffannaa kenniteetti. Kana malees, “wantoota jedhaman kana hunda garaa ishiitti qabatti turte.” (Luq. 2:51) Kaayyoo Waaqayyo Masiihicha ilaalchisee qabuuf xiyyeeffannaa ni kenniti turte. Fakkeenyi Maariyaam jireenya keenya keessatti fedhii Waaqayyootiif dursa kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yaaduuf nu hin gargaaruu?

12. (a) Yesuus Abbaa isaa kan fakkaatu gama kamiini? (b) Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

12 Haa taʼu malee, namoota hanga ammaatti jiraatan keessaa, nama hafuuraa taʼuudhaan fakkeenya hundumaa caalu kan nuuf taʼu eenyu? Yesuus akka taʼe homaa hin shakkisiisu. Yesuus guutummaa jireenyaa fi tajaajila isaa keessatti fakkeenya Yihowaa hordofuu akka barbaadu argisiiseera. Yaadni isaa, miirri isaa fi gochi isaa kan Yihowaa wajjin tokko ture; akkasumas fedhii fi ulaagaawwan Waaqayyoo wajjin haala wal simuun jiraateera. (Yoh. 8:29; 14:9; 15:10) Fakkeenyaaf, Isaayaas raajichi gara laafina Yihowaan qabu akkamitti akka ibse hubadhu; achiis wanta barreessaa Wangeelaa kan taʼe Maarqos waaʼee miira Yesuus dubbatee wajjin wal bira qabi. (Isaayaas 63:9; Maarqos 6:34 dubbisi.) Nuti hoo yommuu namoonni gargaarsa barbaadan nu mudatan hundumaatti akka Yesuus gara laafina argisiisuuf qophaaʼoo dhaa? Kana malees, Yesuus hojii misiraachicha lallabuu fi barsiisuutiin qabamee ture. (Luq. 4:43) Miirawwanii fi gochawwan akkanaa hundi nama hafuuraa adda baasanii kan beeksisani dha.

13, 14. (a) Obboloota hafuuraa bara keenyatti argaman irraa maal barachuu dandeenya? (b) Fakkeenya tokko caqasi.

13 Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman malees, yeroo harʼaatti namoonni hafuuraa namummaa Kiristoos qabaachuudhaan guddina gochuu irratti fakkeenya nuuf taʼan hedduun jiru. Tarii hinaaffaa isaan tajaajilaaf qaban, keessummaa simachuu isaanii, gara laafina ykn amalawwan gaggaarii isaan qaban hubattanii taʼuu dandaʼa. Isaanis akkuma keenya dadhabinaa fi cubbuu wajjin walʼaansoo kan godhan taʼus, amalawwan gaggaarii kana horachuuf carraaqqii godhaniiru. Reechal ishiin Biraaziil keessa jiraattu akkana jetteetti: “Faashinii addunyaa hordofuu nan jaalladhan ture. Kanaan kan kaʼes, akkaataan uffannaa koo seera qabeessa hin turre. Dhugaa barachuun koo nama hafuuraa taʼuuf carraaqqii barbaachisu akkan godhu na kakaaseera. Jijjiirama gochuun salphaa hin turre; taʼus, gammachuu argadheera; jireenyi koos kaayyoo dhugaa kan qabu taʼeera.”

14 Reeliin ishiin Filippiinsi keessa jiraattu immoo rakkina kan biraa qabdi turte. Jireenya gaarii jiraachuuf jecha barumsa ol aanaa hordofuu fi hojii gaarii argachuu irratti xiyyeeffattee turte. Akkana jetteetti: “Galmawwan hafuuraa koo irratti xiyyeeffachuu dhiiseen ture. Haa taʼu malee, jireenya koo keessatti wanti hojii koo caalaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko akka natti hirʼate hubachuun jalqabe. Kanaafuu, deebiʼee Yihowaa tajaajiluu irratti xiyyeeffachuun jalqabe.” Yeroo sanaa kaasee, Reeliin waadaa Yihowaan galee fi Maatewos 6:33, 34 irratti argamu irratti amantii qabaachuudhaan fakkeenya guddaa taati. “Yihowaan wanta na barbaachisu akka naaf kennu matumaa hin shakku!” jetteetti. Tarii gumii keessan keessattis obboloota gama kanaan fakkeenya taʼan beektu taʼa. Fakkeenya obboloota amanamoo Kiristoos duukaa buʼan kanaa hordofuuf hin kakaanuu?—1 Qor. 11:1; 2 Tas. 3:7.

“YAADA KIRISTOOS” QABAADHAA

15. Kiristoosiin fakkaachuuf maal gochuu qabna?

15 Dhuunfaatti Kiristoosiin fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun 1 Qorontos 2:16 irratti waaʼee “yaada Kiristoos” qabaachuu dubbata. Akkasumas, Roomaan 15:5 waaʼee ‘yaada Kiristoos Yesuus qabu’ qabaachuu ibsa. Kanaafuu, akka Kiristoos taʼuudhaaf, akkaataa inni itti yaadu, miira isaa fi gocha isaa beekuu qabna. Achiis karaa inni deeme irra deemuu qabna. Yesuus yaadni isaa kan xiyyeeffatu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabu irratti dha. Kanaafuu, Yesuusiin fakkaachuun keenya caalaatti Yihowaa fakkaachuuf nu gargaara. Yesuus akka yaadutti yaaduu barachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi.

16. Yaadni keenya “yaada Kiristoos” wajjin akka wal fakkaatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Akkana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Barattoonni Yesuus dinqiiwwan inni raawwate ilaalaniiru, lallaba isaa dhagaʼaniiru, walitti dhufeenya inni namoota akaakuu hundumaa wajjin qabu arganiiru, akkasumas qajeelfama Waaqayyoo akkamitti hojii irra akka oolche hubataniiru. Isaan, ‘Nuti wantoota inni hojjete hundaaf dhugaa baatota dha’ jedhaniiru. (HoE. 10:39) Haa taʼu malee, nuti ija keenyaan isa arguu hin dandeenyu. Taʼus Yihowaan jaalalaan kakaʼee gabaasa Wangeelaa isa eenyummaan Yesuus sammuu keenya keessatti ifatti akka nutti mulʼatu godhu nuuf qopheesseera. Kitaabota Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis warra Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan yaadni keenya yaada Kiristoos akka fakkaatu gochuu dandeenya. Akka kanaan, ‘faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuu’ fi ‘yaada isaa qabaachuuf of qopheessuu’ ni dandeenya.—1 Phe. 2:21; 4:1.

17. Akka Kiristoositti yaaduun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

17 Akka Kiristoositti yaaduu barachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Akkuma nyaanni madaalamaan qaama keenya jabeessu, sammuu keenya yaada Kiristoos sooruunis karaa hafuuraa nu cimsa. Suutuma suuta, haala adda addaa keessatti Kiristoos maal akka godhu beekaa deemna. Kunis murtoo sammuu qulqulluu qabaachuuf, akkasumas Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf nu dandeessisu gochuuf nu gargaara. Faayidaan argannu kun “Gooftaa Yesuus Kiristoosiin [uffachuuf]” nu hin kakaasuu?—Rom. 13:14.

18. Nama hafuuraa taʼuu ilaalchisee mata duree kana keessatti maal baratte?

18 Nama hafuuraa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe ilaalleerra. Kana malees, fakkeenya gaarii namoota hafuuraa irraa barachuu akka dandeenyu hubanneerra. Dhuma irrattis, nama hafuuraa taanee guddachuuf “yaada Kiristoos” qabaachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe baranneerra. Haa taʼu malee, waaʼee nama hafuuraa taʼuu wanti barachuun nu barbaachisu kan biraanis jira. Fakkeenyaaf, jabina karaa hafuuraa qabnu qoruu kan dandeenyu akkamitti? Wanti dabalataa amala kana guddisuuf gochuu dandeenyu maali dha? Akkasumas, nama hafuuraa taʼuun keenya jireenya keenya irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf nu gargaara.