Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Aayerlaandi Keessatti Haasaawwan Sabaa Misiraachicha Babalʼisaniiru

Aayerlaandi Keessatti Haasaawwan Sabaa Misiraachicha Babalʼisaniiru

YEROON isaa Caamsaa 1910 ture. Doonichi galoo galaanaa Beelfaasti Laak keessa qaxxaamuree gara buufata dooniitti yommuu siqu, imaltoonni muraasni barandaa dooniichaa irra dhaabbatanii tulluuwwan magariisa ifa aduutiin calaqqisan ilaalaa jiru. Imaltoota sana keessaa tokko Chaarlis Teez Raasil siʼa taʼu, innis yeroo shanaffaatiif gara Aayerlaandi deemaa jira. Obboleessa keenya Raasil fuulduratti dooniiwwan guguddaa taʼanii fi ijaaramaa jiran lama ni mulʼatu. Isaanis doonii Taayitaaniik ishii milkaaʼina utuu hin argatin haftee fi obboleettii ishii Olimpiiki dha. * Iddoo dooniiwwan itti ijaaramanii gama Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun dhaabbatanii dhufaatii Raasil eegaa jiru.

Waggoota 20 dura, obboleessi keenya Raasil karaa addunyaa maratti misiraachichaa babalʼisuun itti dandaʼamu barbaaduuf, Yunaayitid Isteetis alatti gara biyyoota adda addaa deemuuf murteessee ture. Deemsa isaa kana, Adoolessa 1891⁠tti gara Aayerlaandi deemuudhaan jalqabe. Doonii Siitii Oov Chiikaagoo jedhamtu yaabbatee yommuu gara Kuwiinsitawoonitti dhihaatu aduu lixaa jirtu ilaalaa wanta warri isaa waaʼee biyya dhalootaa isaanii itti himan yaadateera taʼa. Obboleessi keenya Raasilii fi namoonni isa wajjin deeman magaalaawwan qulqulluu taʼanii fi baadiyyaawwan babbareedoo taʼan keessa yommuu darbanitti, iddoo kana midhaan ‘bilchaatee fi haammamuuf gaʼe’ akka jiru yaaduu jalqaban.

Obboleessi keenya Raasil Aayerlaandiin walumaagalatti al torba daawwateera. Deemsi isaa inni jalqabaa fedhii namoonni barachuuf qaban kakaasee waan tureef, deemsawwan isaa itti aananii jiranitti namoonni dhibbaan lakkaʼaman, yeroo tokko tokko immoo kumaan lakkaʼaman haasaa isaa dhaggeeffataniiru. Caamsaa 1903⁠tti, deemsa isaa isa lammaffaa irratti, gaazexoonni naannoo sanaa, Beelfaastii fi Dabliinitti walgaʼiin akka geggeeffamu beeksisanii turan. Raasil waaʼee amantii Abrahaamii fi eebba gara fuulduraa ilmaan namootaa eeggatuu yeroo dubbatutti namoonni walitti qabaman sun ‘xiyyeeffannaa guddaadhaan isa dhaggeeffachaa akka turan’ dubbateera.

Namoonni Aayerlaandi baayʼeen fedhii argisiisanii waan turaniif, Raasil deemsa sadaffaa gara Awurooppaa godhu irratti Aayerlaandiinis daawwachuuf karoorfatee ture. Ebla 1908 ganama Beelfaastitti yommuu doonii irraa buʼu obboloonni shan isa simatanii turan. Haasaan sabaa “Kufaatii Bulchiinsa Seexanaa” jedhu beeksifamee kan turee siʼa taʼu, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi gara 300 taʼan haasaa kana dhaggeeffataniiru. Namoota walitti qabaman keessaa namni tokko mormii yeroo kaasu, Kitaaba Qulqulluu irraa deebiin isaaf kennameera. Dabliinitti mormituun barreessaa Yaangi Meensi Kiristiyaan Asooseeshin (Waldaa Dargaggoota Kiristiyaanaa) taʼe obbo Okoonar, namoonni 1,000 caalanii fi achitti argaman Barattoota Kitaaba Qulqulluu irratti mormii akka kaasan gochuuf yaalee ture. Maaltu taʼe ree?

Yaadaan duubatti deebinee wanta uumamee taʼuu dandaʼu yaaduuf haa yaallu. Namni dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuu barbaadu tokko haasaa sabaa gaazexaa Za Ayiriish Taayimsi jedhamuu irratti beeksifame dhagaʼuuf murteessee ture. Namichi kun galma namootaan guutame sana keessatti teessoo argachuu hin dandeenye. Namni mata harrii, areeda dheeraa qabuu fi kootii dheeraa gurraacha taʼe uffate yeroo dubbatu xiyyeeffannaa guddaadhaan dhaggeeffata ture. Obboleessi haasaa dhiheessu, waltajjii irratti bilisa taʼee sochii qaamaatiin ibsa kennaa, akkasumas karaa amansiisaa taʼeen caqasa tokko caqasa kan biraa wajjin walsimsiisee barsiisaa kan ture siʼa taʼu, kunis namichi sun dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu akka hubatu isa gargaareera. Obboleessi haasaa dhiheessu meeshaa sagalee fayyadamuu baatus, sagaleen isaa guutumaa galmichaa keessatti akka gaariitti waan dhagaʼamuuf namoonni saʼaatii tokkoof walakkaadhaaf xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffachuu dandaʼaniiru. Kutaa gaaffiif deebiidhaan dhihaatu irratti Okoonarii fi hiriyoonni isaa mormii kan kaasan taʼus, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee ergaan dubbate sirrii taʼuu isaa mirkaneesseera. Dhaggeeffattoonnis isa deggeruudhaan harka walitti rukutaniiru. Yeroo mormichi dhaabbatu, namichi fedhii qabu sun caalaatti akka isa barsiisan obboloota gaafate. Namoonni ragaa baʼan akka jedhanitti, namoonni baayʼeen dhugaa kan baratan karaa kanaani.

Obboleessi keenya Raasil, Niiwu Yoorkii kaʼee deemsa isaa arfaffaa Caamsaa 1909⁠tti godhe irratti doonii Mooritaniyaa jedhamtu yaabbatee obboleessa keenya Haantisingeer qabatee deeme; isa qabatee kan deemes mata dureewwan Masaraa Eegumsaa akka barreessu jedhee ture. Haasaa obboleessi Raasil Beelfaastitti dhiheesse irratti namoonni naannoo sanaa 450 taʼan kan argaman siʼa taʼu, teessoon waan hin geenyeef namoonni gara 100 taʼan dhaabbatanii dhaggeeffataniiru.

Obboleessi keenya Raasil doonii Lusitaaniyaa jedhamtu yaabbatee

Deemsa isaa isa shanaffaa seensa irratti caqasame irrattis, obboleessi keenya Raasil mormitootaaf Kitaaba Qulqulluu irraa deebii kenneera. Dabliinitti haasaan sabaa erga kennamee booda, namni beekaman barumsa amantii barate Okoonar wajjin kan dhufe siʼa taʼu, gaaffiiwwan isaatiif Kitaaba Qulqulluu irraa deebii argateera; kun immoo dhaggeeffattoota gammachiiseera. Guyyaa itti aanutti, imaltoonni bidiruu gara Liivarpuulitti dafee poostaa geessu yaabbatan; achii immoo doonii beekamtuu Lusitaaniyaa jedhamtu yaabbatanii gara Niiwu Yoorki deeman. *

Haasaa sabaa Caamsaa 20, 1910 gaazexaa Za Ayiriish Taayimsi jedhamu irratti beeksifame

Obboleessi keenya Raasil bara 1911⁠tti yeroo jaˈaffaa fi torbaffaadhaaf yeroo deemettis haasaawwan sabaa inni dhiheessu beeksifamanii turan. Jiʼa Eblaatti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu 20 taʼan namoota haasaa “Jireenya Duʼa Booda Jiru” jedhu dhaggeeffachuu dhufan 2,000 simataniiru. Okoonar yeroo kanattis tajaajilaa gaaffii gaafatu kan biraa fidee kan dhufe taʼus, dhaggeeffattoonni deebii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee isaaf kennameef harka walitti rukutaniiru. Wagguma sana keessa jiʼa Onkoloolessaa fi Sadaasaatti magaalota kan biratti walgaʼiin kan godhame siʼa taʼu, namoonni baayʼeenis argamaniiru. Okoonarii fi jeeqxonni 100 taʼan walgaʼii Dabliinitti godhame jeequu barbaadanii kan turan taʼus, dhaggeeffattoonni obboleessa haasaa kennu garaadhaa deggeraniiru.

Obboleessi Raasil adda durummaadhaan haasaa dhiheessaa kan ture taʼus, ‘hojichi kan Waaqaa malee kan namaa waan hin taaneef namni bakka buufamuu hin dandeenye’ akka hin jirre hubatee ture. Haasaawwan sabaa beeksifamaa turan, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf carraa guddaa bananiiru. Buʼaa akkamiitu argame? Haasaawwan sabaa misiraachicha babalʼisaniiru, akkasumas magaalota Aayerlaandi hedduu keessattis gumiiwwan akka guddatan godhaaniiru.—Kuusaa keenya Biritaaniyaatti argamu irraa.

^ key. 3 Waggaa lama gidduutti dooniin Taayitaaniik bishaaniin liqimfamteetti.

^ key. 9 Caamsaa 1915⁠tti dooniin Lusitaaniyaa naannoo qarqara galaanaa kibbaa Aayerlaanditti rukutamtee bishaaniin liqimfamteetti.