Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Caalaatti” wal Jajjabeessaa

“Caalaatti” wal Jajjabeessaa

“Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; . . . guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.”—IBR. 10:24, 25.

FAARFANNAA: 90, 87

1. Phaawulos ergamaan “caalaatti” akka wal jajjabeessan Kiristiyaanota Ibroota taʼan kan gorse maaliifi?

CARRAAQQII wal jajjabeessuuf goonu dabaluu kan qabnu maaliifi? Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif barreesse irratti sababa isaa nuuf ibseera. Akkana isaaniin jedheera: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu; kanaa mannaa, guyyoonni sun dhihaachaa dhufuu isaanii yommuu arginu caalaatti wal haa jajjabeessinu.” (Ibr. 10:24, 25) Waggoota shan keessatti Kiristiyaanonni Yihudoota taʼanii fi Yerusaalem keessa jiraatan “guyyaan Yihowaa” dhihaachaa akka jiru kan argan siʼa taʼu, mallattoo Yesuus magaalattii sana keessaa akka baqataniif isaaniif kennee tures hubataniiru. (HoE. 2:19, 20; Luq. 21:20-22) Guyyaan Yihowaa sun Dh.K.B. bara 70tti yeroo warri Roomaa murtii Yihowaa Yerusaalem irratti raawwatanitti dhufeera.

2. Yeroo harʼaatti wal jajjabeessuudhaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

2 Yeroo harʼaatti guyyaan Yihowaa inni ‘guddaa fi sodaachisaa’ taʼe akka dhihaate amanuuf sababa gaʼaa qabna. (Yoe. 2:11) Sefaaniyaa raajichi, “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhiʼaateera, dhiʼaateera, dafees in dhufa” jedheera. (Sef. 1:14) Akeekkachiisni kun bara keenyaafis ni hojjeta. Phaawulos guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, ‘jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa akka waliif kenninu’ nu gorseera. (Ibr. 10:24) Kanaafuu, barbaachisaa yeroo taʼu hundatti isaan jajjabeessuu akka dandeenyuuf, obboloota keenyaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennuu qabna.

JAJJABINNI KAN BARBAACHISU EENYU FAʼIIFI?

3. Phaawulos ergamaan jajjabina ilaalchisee maal jedhe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 “Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.” (Fak. 12:25) Kun hunda keenyaaf kan hojjetu dha. Hundi keenya iyyuu darbee darbee jajjabinni nu barbaachisa. Phaawulos namni warra kaan jajjabeessuuf itti gaafatamummaa qabu illee jajjabina argachuun akka isa barbaachisu ibseera. Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraataniif, “Kennaa hafuuraa akka jabaattan isin gargaaru isinii kennuuf jecha isin arguuf nan hawwa; kana jechuun koo, ani amantii keessaniin akkan jajjabaadhu, isin immoo amantii kootiin akka jajjabaattan jechuu koo ti” jedhee barreesseera. (Rom. 1:11, 12) Eeyyee, Phaawulos inni warra kaaniif jajjabina guddaa kenne illee, yeroo tokko tokko jajjabina argachuun isa barbaachisee ture.—Roomaa 15:30-32 dubbisi.

4, 5. Yeroo harʼaatti eenyufaa jajjabeessuu dandeenya? Maaliif?

4 Warri jireenya isaanii keessatti fedhii isaanii aarsaa godhan galateeffamuu qabu. Qajeelchitoonni amanamoon isaan keessaa tokko dha. Hedduun isaanii tajaajila isaaniitiif haala mijeessuuf jecha aarsaa guddaa kaffalaniiru. Haalli misiyoonotaa, miseensota maatii Betʼel, ilaaltota ol aanaa aanaa fi haadhotii manaa isaanii, akkasumas obboloota waajjiraalee hiikkaa fagootti argaman keessatti hojjetaniis kanaa wajjin tokko dha. Hundi isaanii iyyuu tajaajila qulqulluu irratti yeroo dabalataa dabarsuuf jedhanii jireenya isaanii keessatti aarsaa kaffalaniiru. Kanaafuu, isaanis jajjabina argachuu qabu. Warri tajaajila yeroo guutuu keessa galanii tajaajiluu utuma barbaadanii sababa adda addaatiin akkas gochuu hin dandeenyes jajjabina utuu argatanii ni gammadu.

5 Obboloonnis taʼan obboleettonni gorsa “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela akka godhatan isaaniif kenname hordofuuf jedhanii qeenxee taʼanii jiraatanis jajjabina argachuu qabu. (1 Qor. 7:39) Haaluma wal fakkaatuun, haadhotiin manaa jabaatanii hojjetan abbootii manaa isaanii irraa jechoota isaan jajjabeessan dhagaʼuun isaan gammachiisa. (Fak. 31:28, 31) Kana malees, Kiristiyaanonni ariʼatamni ykn dhukkubni yeroo isaan mudatetti amanamoo taʼan jajjabinni isaan barbaachisa. (2 Tas. 1:3-5) Yihowaa fi Kiristoos tajaajiltoota amanamoo kana hunda ni jajjabeessu.—2 Tasalonqee 2:16, 17 dubbisi.

JAARSOLIIN JAJJABINA KENNUUF NI CARRAAQU

6. Isaayaas 32:1, 2 irratti akka ibsametti jaarsoliin gaʼee akkamii qabu?

6 Isaayaas 32:1, 2 dubbisi. Yesuus Kiristoos obboloota isaa warra dibamoo taʼanii fi ‘gurguddoota’ isaan deggeranitti fayyadamee, namoota gaddanii fi abdii kutataniif yeroo barbaachisutti jajjabinaa fi qajeelfama ni kenna. Jaarsoliin amantii warra kaanii irratti “gooftolii” utuu hin taʼin, gammachuu obboloota isaaniitiif jecha ‘isaanii wajjin kan hojjetan’ waan taʼaniif wanti isaan gochuu qaban kana dha.—2 Qor. 1:24.

7, 8. Jaarsoliin dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, karaawwan kamiin warra kaan jajjabeessuu dandaʼu?

7 Phaawulos ergamaan gama kanaan fakkeenya nuuf taʼa. Kiristiyaanota Tasalonqee warra ariʼatamni irra gaʼee tureef, “Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas isin nu biratti guddaa jaallatamoo turtan” jedhee barreesseera.—1 Tas. 2:8.

8 Phaawulos ergamaan dubbiidhaan qofa jajjabina kennuun gaʼaa akka hin taane yeroo ibsu jaarsolii Efesooniin, ‘Warra dadhaban gargaaraa; wanta Gooftaa Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee dubbate sana yaadadhaa’ jedheera. (HoE. 20:35) Phaawulos obboloota isaa jajjabeessuu qofa utuu hin taʼin, ‘waan hundumaa isaaniif kennuu fi guutummaatti isaaniif dabarsee of kennuuf’ fedhii qaba ture. (2 Qor. 12:15) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin obboloota isaanii dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti garaadhaa akka isaaniif yaadan argisiisuudhaan isaan jajjabeessuu qabu.—1 Qor. 14:3.

9. Jaarsoliin karaa nama jajjabeessuun gorsa kennuu kan dandaʼan akkamitti?

9 Wal jajjabeessuun gorsa kennuus kan dabalatu dha; taʼus jaarsoliin yeroo kanattis fakkeenya Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi karaa warra kaan jajjabeessuun akkamitti gorsa kennuun akka dandaʼamu argisiisu hordofuu qabu. Wanti Yesuus erga duʼaa kaʼee booda raawwate gama kanaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Yesuus gumiiwwan Eeshiyaa ishii Xinnootti argaman tokko tokkoof gorsa cimaa kennuun isa barbaachisee ture; taʼus akkaataa inni gorsa itti kenne hubadhaa. Gumiiwwan Efesoon, Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa jiraniif gorsa kennuu isaa dura isaan galateeffateera. (Mul. 2:1-5, 12, 13, 18, 19) Gumii Lodooqiyaatiin, “Ani warran jaalladhu hundatti balleessaa isaanii nan hubachiisa, isaan nan adabas. Kanaaf hinaaffaa qabaadhu, yaada kees geddaradhu” jedheera. (Mul. 3:19) Jaarsoliin yommuu gorsa kennuun isaan barbaachisu fakkeenya Kiristoos hordofuun isaanii gaarii dha.

JAJJABINA KENNUUN ITTI GAAFATAMUMMAA JAARSOLII QOFA MITI

Warra kan taatan, ijoolleen keessan namoota kaan akka jajjabeessan leenjisaa jirtuu? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Hundi keenya iyyuu wal jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Warra kaan jajjabeessuun itti gaafatamummaa jaarsolii qofa miti. Phaawulos, “akkuma barbaachisummaa isaatti wanta warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii taʼe” akka dubbatan Kiristiyaanota hunda gorseera. (Efe. 4:29) Hundi keenya iyyuu ‘wanta warra kaan barbaachisu’ hubachuuf dammaqoo taʼuu qabna. Phaawulos, “Harka laafee fi jilba dadhabe hunda jabeessaa; inni naafate akka fayyuuf malee, iddoo isaatii akka hin buqqaaneef miilla keessaniif daandii qajeelaa qopheeffachuu keessan itti fufaa” jedhee Kiristiyaanota Ibroota taʼan gorseera. (Ibr. 12:12, 13) Dargaggoota dabalatee, hundi keenya iyyuu dubbiidhaan wal jajjabeessuu ni dandeenya.

11. Maartaan yeroo dhukkubni dhiphinaa ishii mudatetti gargaarsa kan argatte akkamitti?

11 Obboleettiin Maartaa * jedhamtuu fi dhukkubni dhiphinaa ishii mudatee ture akkana jettee barreessiteetti: “Gaaf tokko jajjabina argachuuf utuun kadhachaa jiruu, obboleettii umuriidhaan na caaltuu fi jaalalaa fi gara laafina keessumaa yeroo sanatti na barbaachisu natti argisiistee wajjinan wal arge. Ishiinis qorumsi ani keessa jiru ishiis mudatee akka ture natti himte; kunis kophummaan natti dhagaʼamu akka hirʼatu godheera.” Tarii, obboleettiin sun wanti ishiin dubbatte Maartaa irratti dhiibbaa gaarii akka geessisu hin hubanne taʼa.

12, 13. Gorsa Filiphisiyus 2:1-4 irratti kenname hojii irra oolchuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

12 Phaawulos miseensota gumii Filiphisiyus hundaaf gorsa kana kenneera: “Egaa isin Kiristoosii wajjin tokkummaa erga qabaattanii, jaalala isaaniif qabdaniin kakaatanii warra kaan kan cimsitanii fi jajjabeessitan erga taatanii, akkasumas warra kaaniif kan yaaddan, kan isaan jaallattanii fi garaa kan isaaniif laaftan erga taatanii, yaada tokkoo fi jaalala tokko qabaachuudhaan, guutummaatti tokkummaa qabaachuudhaan, akkasumas ilaalcha tokko qabaachuudhaan gammachuu koo guutuu anaaf godhaa. Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa; faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filp. 2:1-4.

13 Eeyyee, hundi keenya iyyuu ‘jaalala isaaniif qabnuun kakaanee warra kaan jajjabeessuudhaan,’ ‘warra kaaniif yaaduudhaan,’ akkasumas ‘isaan jaallachuu fi garaa isaaniif laafuudhaan’ obboloota keenya jajjabeessuuf, fedhii warra kaaniitiif xiyyeeffannaa kennuuf carraaquu qabna.

MADDAWWAN JAJJABINAA

14. Madda jajjabinaa taʼuu kan dandaʼu maali dha?

14 Namoonni nuti kanaan dura gargaarre amanamummaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuun keenya madda jajjabina guddaa nuuf taʼuu dandaʼa; Yohaannis ergamaanis kana irraa jajjabina argateera; “Ijoolleen koo dhugaadhaan deddeebiʼaa akka jiran dhagaʼuu caalaa wanti gammachuu guddaa anaaf argamsiisu hin jiru” jedhee barreesseera. (3 Yoh. 4) Qajeelchitoonni baayʼeen namoonni isaan waggoota hedduu dura dhugaa akka fudhatan gargaaran amanamoo taʼanii jiraachaa akka jiran, tarii immoo qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa akka jiran arguun jajjabina guddaa akka argamsiisu hubataniiru. Qajeelchaa abdii kutate tokko jajjabeessuuf yeroo gammachiisaa inni kanaan dura dabarse yaadachiisuun qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa.

15. Karaan warra amanamummaadhaan tajaajilaa jiran jajjabeessuu itti dandeenyu tokko isa kami?

15 Ilaaltonni ol aanaa aanaa hedduun gumii tokko erga daawwatanii booda yaadannoo gabaabaan dinqisiifannaa ibsu yeroo isaaniif kennamu isaanis taʼan haadhotiin manaa isaanii jajjabina akka argatan dubbataniiru. Akkasumas jaarsoliin, misiyoononni, qajeelchitoonnii fi miseensonni maatii Betʼel tajaajila amanamummaadhaan raawwataniif warri kaan yommuu isaan dinqisiifatan jajjabaachuu dandaʼu.

HUNDI KEENYA JAJJABINA KENNUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

16. Nama tokko jajjabeessuuf maaltu barbaachisa?

16 Namaa wajjin salphaatti walii galuu waan hin dandeenyeef warra kaan jajjabeessuu hin dandeenyu jennee kan yaannu yoo taʼe dogoggora dha. Madda jajjabinaa taʼuun carraaqqii guddaa kan gaafatu miti; tarii yeroo nama tokko nagaa gaafannutti seequun keenya qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Innis deebisee yoo seequu baate, kun rakkinni tokko akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa; kanaafuu yeroo kanatti nama sana dhaggeeffachuun qofti jajjabina isaaf kennuu dandaʼa.—Yaq. 1:19.

17. Obboleessi dargaggeessi tokko yeroo dhiphatetti gargaarsa kan argate akkamitti?

17 Obboleessi dargaggeessi Heenarii jedhamu abbaa isaa isa jaarsa kabajamaa ture dabalatee firoonni isaa dhugaa yeroo dhiisanitti baayʼee dhiphatee ture. Heenariin ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko buna isa afeeruuf gara kaaffeetti isa geessuudhaan wanta garaa isaa keessa jiru akka dubbatu carraa isaaf kennuu isaatiin jajjabina argateera. Heenariin maatiin isaa gara dhugaatti akka deebiʼan gargaaruu kan dandaʼu amanamummaa isaa eegee yoo jiraate qofa akka taʼe hubateera. Faarfannaa 46; Sefaaniyaa 3:17 fi Maarqos 10:29, 30 dubbisuu isaatiin jajjabina guddaa argateera.

Hundi keenya iyyuu wal ijaaruu fi wal jajjabeessuu ni dandeenya (Keeyyata 18 ilaali)

18. (a) Solomoon Mootichi jajjabina ilaalchisee maal jedhe? (b) Phaawulos ergamaan yaada akkamii kenne?

18 Fakkeenya Maartaa fi Heenarii irraa akka hubannutti, nutis obboleessa ykn obboleettii jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu ni dandeenya. Solomoon Mootichi, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa! Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa” jedhee barreesseera. (Fak. 15:23, 30) Kana malees, namni abdii kutate tokko Masaraa Eegumsaa ykn weebsaayitii keenya irraa dubbisuun isaa isa jajjabeessuu dandaʼa. Phaawulos faarfannaa Mootummichaa waliin faarfachuun madda jajjabinaa taʼuu akka dandaʼu ibseera. “Faarfannaadhaan, galateeffannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu keessan itti fufaa; garaa keessanittis Yihowaa faarfadhaa” jedhee barreesseera.—Qol. 3:16; HoE. 16:25.

19. Gara fuulduraatti wal jajjabeessuun caalaatti kan barbaachisu maaliifi? Nuti hoo maal gochuu qabna?

19 Guyyaan Yihowaa ‘dhihaachaa dhufaa’ waan jiruuf wal jajjabeessuun keenya caalaatti barbaachisaa dha. (Ibr. 10:25) Akkuma Phaawulos Kiristiyaanota bara isaatti turan gorse, “akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.”—1 Tas. 5:11.

^ key. 11 Maqaawwan jijjiiramaniiru.