Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Firii Hedduu Godhachuu Keenya Itti Fufuu’ kan Qabnu Maaliifi?

‘Firii Hedduu Godhachuu Keenya Itti Fufuu’ kan Qabnu Maaliifi?

“Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftanii fi barattoota koo taʼuu keessan yoo mirkaneessitan, Abbaan koo kanaan ulfina ni argata.”—YOH. 15:8.

FAARFANNAA: 53, 60

1, 2. (a) Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura barattoota isaatti odeeffannoo akkamii himee ture? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Sababii itti lallabnu yaadachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (c) Waaʼee maalii irratti mariʼanna?

YESUUS galgala dhumaa duʼuu isaa dura turetti, ergamoota isaatiif jaalala guddaa akka qabu isaaniif mirkaneessuuf haasaa dheeraa kennee ture. Kana malees, akkuma mata duree darbe irratti mariʼannee turre, fakkeenya waaʼee muka wayinii dubbatu isaanitti himeera. Yesuus fakkeenya sanatti fayyadamee, barattoonni isaa ‘firii hedduu godhachuu isaanii akka itti fufan,’ jechuunis ergaa Mootummichaa lallabuu isaanitti cimanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera.—Yoh. 15:8.

2 Haa taʼu malee, Yesuus barattoonni isaa maal gochuu akka qaban qofa utuu hin taʼin, maaliif gochuu akka qaban isaanitti himeera. Sababiiwwan hojii lallabaa raawwachuu isaanii itti fufuu qaban isaanitti himeera. Sababiiwwan kana qoruun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Lallabuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliif akka taʼe yeroo hunda yaadatti qabachuun keenya, ‘saba hundumaatti dhugaa baʼuu’ irratti cimnee itti fufuuf nu kakaasa. (Mat. 24:13, 14) Mee amma sababiiwwan Kitaaba Qulqulluu itti lallabnu afur irratti haa mariʼannu. Kana malees, kennaawwan Yihowaan nuu kenne afur, firii godhachuu keenya itti fufuuf akkamitti akka nu gargaaran qorra.

YIHOWAADHAAF ULFINA KENNINA

3. (a) Yaada Yohaannis 15:8 irra jiru irraa sababii itti lallabnu isa kam arganna? (b) Firiin wayinii fakkeenya Yesuus keessatti ibsame maal argisiisa? Kanatti fakkeeffamuun isaa sirrii kan taʼe maaliifi?

3 Sababii guddaan hojii lallabaa irratti hirmaannu, ilmaan namootaa duratti Yihowaadhaaf ulfina kennuu fi maqaa isaa qulqulleessuufi dha. (Yohaannis 15:1, 8 dubbisi.) Yesuus, Yihowaa isa Abbaa isaa taʼe nama muka wayinii dhaabuu ykn kunuunsuu wajjin wal bira qabee ibsuu isaa qalbeeffadhaa. Yesuus ofii isaa muka wayiniitti, duuka buutota isaa immoo dameewwanitti fakkeesseera. (Yoh. 15:5) Kanaaf firiin wayinii, firii Mootummichaa duuka buutonni Kiristoos godhatan kan argisiisu taʼuun isaa sirrii dha. Yesuus ergamoota isaatiin, “Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftan . . . Abbaan koo kanaan ulfina ni argata” jedheera. Akkuma mukti wayinii firii gaarii godhate tokko nama isa kunuunsuuf ulfina argamsiisu, nutis ergaa Mootummichaa hamma nuuf dandaʼame yoo lallabne Yihowaadhaaf ulfina argamsiisna.—Mat. 25:20-23.

4. (a) Karaawwan kamiin maqaa Waaqayyoo qulqulleessina? (b) Mirga maqaa Waaqayyoo qulqulleessuuf argatte ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

4 Hojiin lallabaa keenya maqaa Waaqayyoo kan qulqulleessu karaa kamiini? Maqaan Waaqayyoo caalaatti qulqulluu akka taʼu gochuu hin dandeenyu. Jalqabuma iyyuu guutummaatti qulqulluu dha. Taʼus, wanta Isaayaas raajichaan, “Waaqayyo gooftaan maccaa duwwaan qulqulluu akkan taʼe beeki!” jedhee dubbate qalbeeffadhaa. (Isa. 8:13) Wantoota kan biraa dabalatee, maqaan kun maqaawwan kaan irraa adda akka taʼetti ilaaluu fi namoonni kaanis maqaan kun qulqulluu akka taʼetti akka ilaalan gargaaruudhaan maqaan Waaqayyoo qulqulluu akka taʼu goona. (Mat. 6:9) Fakkeenyaaf, amalawwan Yihowaa warra dinqisiisoo fi kaayyoo inni ilmaan namootaa Jannata keessa bara baraaf akka jiraatan gochuuf qabu yommuu namoota barsiisnu, wanti gadheen Seexanni waaʼee Yihowaa dubbate hundi soba taʼuu isaa akka hubatan gargaarra. (Uma. 3:1-5) Kana malees, namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran Yihowaan “ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun” kan isaaf malu taʼuu isaa akka hubatan gargaaruuf yommuu carraaqnu maqaa Waaqayyoo qulqulleessaa jirra jechuu dha. (Mul. 4:11) Ruunaa inni waggaa 16f qajeelchaa taʼe akkana jechuudhaan dubbateera: “Uumaa isa uumama cufaa taʼeef dhugaa baatuu akkan taʼu carraan akka naaf kenname beekuun koo guddaa na gammachiisa. Kunis lallabuu koo akkan itti fufuuf fedhii akkan qabaadhu na taasisa.”

YIHOWAA FI ILMA ISAA NI JAALLANNA

5. (a) Yohaannis 15:9, 10 irratti sababii itti lallabnu isa kamtu caqasame? (b) Yesuus jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan addeesse akkamitti?

5 Yohaannis 15:9, 10 dubbisi. Sababii guddaan ergaa Mootummichaa itti lallabnu, Yihowaa fi Yesuusiin garaadhaa kan jaallannu waan taaneefi. (Mar. 12:30; Yoh. 14:15) Yesuus barattoonni isaa ‘jaalala isaa keessa jiraachuu’ akka qaban isaanitti himeera. Maaliif? Barataa Kiristoos isa dhugaa taʼuun yeroo hundumaa jabaatanii dhaabachuu kan gaafatu waan taʼeefi dha. Yesuus jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa taʼuu isaa addeessuuf, yaada gabaabaa Yohaannis 15:4-10 irra jiru irratti irra deddeebiʼee jecha ‘jiraachuu’ jedhutti fayyadameera.

6. Jaalala Kiristoos keessa jiraachuu kan barbaannu taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Jaalala Kiristoos keessa jiraachuu fi akkuma isa duratti fudhatama argannetti itti fufuu kan barbaannu taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Ajajawwan Yesuus eeguudhaani. Gabaabumatti, Yesuus ‘Anaaf ajajamaa’ jedhee nutti himeera. Taʼus, Yesuus wantuma ofii isaatii godhe akka nu gaafate yommuu dubbatu, “Akkuma ani ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu” jedheera. Yesuus gama kanaan fakkeenya taʼeera.—Yoh. 13:15.

7. Ajajamuu fi jaalalli walitti dhufeenya akkamii qabu?

7 Walitti dhufeenya ajajamuu fi jaalalli qabu ilaalchisee Yesuus sana dura ergamoota isaatiin, “Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha” jedheera. (Yoh. 14:21) Kana malees, ajajawwan Yesuus ilaalcha Abbaa isaa kan calaqqisan waan taʼaniif, ajaja Yesuus akka dhaqnuu fi akka lallabnu nuuf kenne raawwachuudhaan, nutis jaalala Waaqayyoof qabnu argisiisna. (Mat. 17:5; Yoh. 8:28) Akkasumas Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallannu yommuu argisiisnu, isaanis jaalala isaanii keessa akka jiraannu nu taasisu.

NAMOOTA NI AKEEKKACHIISNA

8, 9. (a) Lallabuuf sababii dabalataa isa kam qabna? (b) Dubbiin Yihowaan Hisqiʼel 3:18, 19 fi 18:23 irratti dubbate lallabuu keenya itti fufuuf kan nu kakaasu maaliifi?

8 Hojii lallabaa keenyatti itti fufuuf sababii dabalataas qabna. Akeekkachiisa kennuuf lallabna. Kitaaba Qulqulluu keessatti, Noh ‘lallabaa’ jedhameera. (2 Pheexiros 2:5 dubbisi.) Hojiin lallabaa Noh Bishaan Badiisaa dura raawwate, badiisa isaanitti dhufuuf jedhu akeekkachiisuu kan dabalatu akka taʼe ifa dha. Xumura akkasii irra kan geenye maaliifi? Wanta Yesuus dubbate kana qalbeeffadhaa: “Namoonni sun bara sanatti Bishaan Badiisaa dura hanga guyyaa Noh dooniitti galetti, nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan; isaan hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti akkuma hin hubanne, argamuun Ilma namaas akkanuma ni taʼa.” (Mat. 24:38, 39) Namoonni sun dantaa kan hin qabne taʼanis, Nohi amanamummaadhaan ergaa akeekkachiisaa isatti kenname lallabeera.

9 Yeroo harʼaattis, namoonni fedhii Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu barachuuf carraa akka argataniif ergaa Mootummichaa lallabna. Akkuma Yihowaa, nutis namoonni ergaa keenyaaf deebii kennuudhaan akka ‘jiraatan’ hawwii guddaa qabna. (His. 18:23) Akkasumas manaa gara manaa fi bakka namoonni baayʼatanitti yommuu lallabnu, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi addunyaa Waaqayyoon hin sodaanne kana akka balleessu hamma dandeenye namoota hedduu akeekkachiisna.—His. 3:18, 19; Dan. 2:44; Mul. 14:6, 7.

NAMA NI JAALLANNA

10. (a) Maatewos 22:39 irratti sababii itti lallabnu isa kamtu ibsame? (b) Phaawulosii fi Siilaas eegduu mana hidhaa Filiphisiyus keessa ture kan gargaaran akkamitti akka taʼe ibsi.

10 Sababii barbaachisaan hojii lallabaa keenyatti itti fufnu kan biraan immoo, namaaf jaalala waan qabnuufi dha. (Mat. 22:39) Jaalalli akkasii, haalli namootaa yommuu jijjiiramu isaanis jijjiiramuu akka dandaʼan waan nu hubachiisuuf hojii kanatti jabaannee itti fufuuf nu kakaasa. Mee wanta Phaawulos ergamaa fi Siilaas isa michuu isaa taʼe mudate haa ilaallu. Magaalaa Filiphisiyus keessa yommuu turanitti mormitoonni mana hidhaatti isaan galchan. Achiis, halkan walakkaa akkuma tasaa kirkirri lafaa uumamee mana hidhaa sana yommuu sochoosu balbaloonni isaa ni banaman. Eegduun mana hidhaa sun namoonni hidhaman kan miliqan waan isatti fakkaateef of ajjeesuuf kaʼe. Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan isa waamee, “Miidhaa of irratti hin geessisin!” isaan jedhe. Eegduun dhiphate sun, “Fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Gooftaa Yesuusitti amani ni fayyita’ isaan jedhan.—HoE. 16:25-34.

Jaalalli Yihowaaf, Yesuusii fi namaaf qabnu lallabuuf nu kakaasa (Keeyyata 5 fi 10 ilaali)

11, 12. (a) Seenaan waaʼee eegduu mana hidhaa tajaajila keenyaa wajjin kan walqabatu akkamitti? (b) Maal gochuuf qophaaʼoo taʼuu barbaanna?

11 Seenaan waaʼee eegduu mana hidhaa kanaa hojii lallabaa keenyaa wajjin kan wal qabatu akkamitti? Eegduun mana hidhaa sun yaada isaa jijjiiree gargaarsa kan gaafate kirkirri lafaa erga gaʼee booda akka taʼe qalbeeffadhaa. Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaa, namoonni duraan ergaa Kitaaba Qulqulluutiif deebii hin kennine tokko tokko, addunyaan isaanii wantoota akka kirkira lafaa jiraniin akka tasaa yommuu sochoʼu yaada isaanii jijjiiranii gargaarsa gaafachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran tokko tokko hojii yeroo dheeraadhaaf hojjechaa turan akka tasaa dhabuu fi naasuudhaan waan godhan wallaaluu dandaʼu. Kaan immoo dhiheenyatti gaaʼelli saanii waan diigameef baayʼee gaddaniiru taʼa. Kaanis dhibee fayyaa cimaadhaan waan qabamaniif burjaajaʼanii ykn nama jaallatan duʼaan waan dhabaniif baayʼee gaddanii taʼuu dandaʼa. Yommuu haalli akkasii uumamu, namoonni dhiphatan tokko tokko gaaffiiwwan kanaan dura gaafatanii hin beekne, jechuunis kaayyoon jireenyaa maal akka taʼe gaafachuu dandaʼu. Tarii immoo, ‘Fayyuuf maal gochuun qaba?’ jedhanii gaafatu taʼa. Yommuu isaanii wajjin wal arginu, jireenya isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif ergaa abdii nuti lallabnu dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼu.

12 Kanaaf, amanamummaadhaan hojii lallabaa keenya itti fufuudhaan, tarii yeroo namoonni fudhachuuf qophaaʼoo taʼanitti jajjabina isaaniif kennuu dandeenya. (Isa. 61:1) Shaarloot ishiin waggaa 38f tajaajila yeroo guutuu keessa turte akkana jetteetti: “Namoonni yeroo harʼaa abdii kutataniiru. Kanaaf carraan misiraachoo itti dhagaʼan isaan barbaachisa.” Aavoor ishiin waggaa 34f qajeelchituu taates akkana jetteetti: “Yeroo harʼaa, yeroo kam iyyuu caalaa namoonni hedduun dhiphina guddaa keessa jiru. Anis dhugumaan isaan gargaaruun barbaada. Wanti lallabuuf na kakaasu kana dha.” Dhuguma iyyuu sababii guddaan tajaajila keenyatti itti fufuu qabnu, jaalala namootaaf qabnu dha!

KENNAAWWAN JABAANNEE DHAABACHUUF NU GARGAARAN

13, 14. (a) Kennaan Yohaannis 15:11 irratti caqasame maali dha? (b) Gammachuun Yesuus kan keenya taʼuu kan dandaʼu akkamitti? (c) Gammachuun tajaajila keenya irratti jijjiirama akkamii fida?

13 Yesuus galgala dhumaa duʼa isaa dura ture sanatti, kennaa hedduu jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhachuu akka dandaʼan isaan gargaaranis caqaseera. Kennaawwan kun maalfaʼi? Isaan irraa fayyadamuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

14 Kennaa gammachuu. Ajaja Yesuus akka lallabnu kenne hordofuun baʼaa taʼuu dandaʼaa? Matumaa. Yesuus fakkeenya waaʼee muka wayinii erga dubbatee booda, labsitoonni Mootummichaa gammachuu akka argatan dubbateera. (Yohaannis 15:11 dubbisi.) Gammachuun isaa kan keenyas taʼuu akka dandaʼu nuuf mirkaneesseera. Akkamitti? Akkuma olitti ibsame, Yesuus ofii isaa muka wayiniitti, barattoota isaa immoo dameewwanitti fakkeesseera. Mukti wayinii dameewwan isaa ni deggera. Dameewwan sun mukichatti maxxananii hamma jiranitti, mukicha irraa bishaanii fi nyaata isaan barbaachisu ni argatu. Haaluma wal fakkaatuun, faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuudhaan isaa wajjin tokkummaadhaan hamma jiraannetti, gammachuu inni fedhii abbaa isaa raawwachuudhaan argate arganna. (Yoh. 4:34; 17:13; 1 Phe. 2:21) Haannee ishiin gara waggaa 40 oliif qajeelchitu taate, “Gammachuun ani yeroo hunda ergan tajaajila baʼee booda natti dhagaʼamu, Yihowaa tajaajiluu koo akkan itti fufu na kakaasa” jetteetti. Dhuguma iyyuu, gammachuu guddaan nutti dhagaʼamu naannoowwan tajaajilaa rakkisoo taʼan keessatti illee, tajaajila keenya itti fufuuf humna nuuf kenna.—Mat. 5:10-12.

15. (a) Kennaan Yohaannis 14:27 irratti caqasame maali dha? (b) Nagaan jabaannee firii godhachuu keenya itti fufuuf kan nu gargaaru maaliifi?

15 Kennaa nagaa. (Yohaannis 14:27 dubbisi.) Galgala guyyaa dhumaa duʼa isaa dura turetti, Yesuus ergamoota isaatiin “Ani nagaa koo isiniif nan kenna” jedheera. Kennaan isaa kun, jechuunis nagaan isaa firii godhachuuf kan nu gargaaru akkamitti? Jabaannee yommuu dhaabannu, Yihowaa fi Yesuus duratti fudhatama akka arganne beekuudhaan nagaa keessaa itti fufiinsa qabutu nutti dhagaʼama. (Far. 149:4; Rom. 5:3, 4; Qol. 3:15) Uulfi inni tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 45 dabarse akkana jedheera: “Hojiin lallabaa kan na dadhabsiisu taʼus, gammachuu dhugaa kan naaf argamsiisu taʼuu isaa irra iyyuu, jireenyi koo hiika akka qabaatu taasisa.” Nagaa keessaa itti fufiinsa qabu argachuu keenyatti guddaa galateeffanna!

16. (a) Kennaan Yohaannis 15:15 irratti caqasame maali dha? (b) Ergamoonni michoota Yesuus taʼanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

16 Kennaa michummaa. Yesuus gammachuu ergamoonni isaa argatan “guutuu akka taʼu” akka barbaadu erga dubbatee booda, jaalala fedhii ofii aarsaa godhu qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa isaaniif ibseera. (Yoh. 15:11-13) Itti aansuudhaan, “[Ani] michoota jedhee isin waameera” jedheera. Yesuusitti michoomuun kennaa gatii guddaa qabu dha! Ergamoonni michummaa isaanii eeganii itti fufuuf maal gochuu qabu turan? ‘Deemanii firii godhachuu isaanii itti fufuu’ qabu turan. (Yohaannis 15:14-16 dubbisi.) Yesuus gara waggaa lamaa dura ergamoota isaa, “Yommuu dhaqxanis, ‘Mootummaan samii dhihaateera!’ jedhaa lallabaa” jedhee ajajee ture. (Mat. 10:7) Kanaaf galgala dhumaa sanatti, hojii jalqaban sanatti jabaatanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera. (Mat. 24:13; Mar. 3:14) Yesuus kana raawwachuun salphaa akka hin taane beeka ture. Taʼus hojii kana raawwachuu fi michoota isaa taʼanii itti fufuu ni dandaʼu. Akkamitti? Gargaarsa kennaa kan biraa argataniin kana gochuu ni dandaʼu.

17, 18. (a) Kennaan Yohaannis 15:16 irratti caqasame maali dha? (b) Kennaan kun barattoota Yesuus kan gargaaru akkamitti? (c) Kennaawwan yeroo harʼaatti nu jabeessan kamfaʼi?

17 Kennaa kadhannaa deebii argatuu. Yesuus, “Wanta maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni [isinii kenna]” jedheera. (Yoh. 15:16) Abdiin inni kenne kun ergamoota baayʼee jabeessee taʼuu qaba! * Ergamoonni Yesuus yeroo dhihootti akka duʼu hin hubanne turan. Inni duʼeera jechuun garuu gargaarsa hin qaban jechuu miti. Yihowaan, gargaarsa ajaja ergaa Mootummichaa akka lallaban isaaniif kenname raawwachuuf isaan barbaachisu ilaalchisee kadhannaa dhiheessan hunda deebisuuf qophaaʼaa ture. Sana booda utuma baayʼee hin turin, Yihowaan kadhannaawwan gargaarsa argachuuf gaafatan isaaniif deebiseera.—HoE. 4:29, 31.

Yihowaan kadhannaa gargaarsaaf dhiheessineef deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya (Keeyyata 18 ilaali)

18 Yeroo harʼaattis haallisaa wal fakkaata. Jabaannee firii godhachuu keenya yommuu itti fufnu, michoota Yesuus taana. Kana malees, Yihowaan rakkoowwan yommuu misiraachoo Mootummichaa lallabnutti nu mudachuu dandaʼan moʼuuf kadhannaa dhiheessinuuf deebii kennuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Filp. 4:13) Kadhannaa keenyaaf deebii argachuu fi michoota Yesuus taʼuudhaan eebba arganneef guddaa galateeffanna! Kennaawwan kun firii godhachuu keenya akka itti fufnu nu jabeessu.—Yaq. 1:17.

19. (a) Hojii lallabaa irratti hirmaachuu keenya kan itti fufnu maaliifi? (b) Hojii Waaqayyo nuuf kenne xumuruuf maaltu nu gargaara?

19 Akkuma mata duree kana keessatti ilaalle, hojii lallabaa irratti hirmaachuu keenya kan itti fufnu, Yihowaaf ulfina kennuu fi maqaa isaa qulqulleessuuf, jaalala Yihowaa fi Yesuusiif qabnu argisiisuuf, akeekkachiisa kennuu fi jaalala namootaaf qabnu argisiisuufi dha. Kana malees, kennaan gammachuu, nagaa, michummaa fi kadhannaa deebii argatuu, hojii Waaqayyo nuuf kenne akka xumurru nu jabeessu. Yihowaan carraaqqii nuti lubbuu guutuudhaan ‘firii hedduu godhachuu keenya itti fufuuf’ goonu yommuu argu guddaa gammada!

^ key. 17 Yesuus ergamoota isaatiif haasaa dhiheessaa yommuu turetti, kadhannaan isaanii deebii akka argatu irra deddeebiʼee isaaniif mirkaneesseera.—Yoh. 14:13; 15:7, 16; 16:23.