Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Diina Keessan Beekaa

Diina Keessan Beekaa

“Nuti akeeka [Seexanaa] beekna.”—2 QOR. 2:11.

FAARFANNAA: 150, 32

1. Addaamii fi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda Yihowaan waaʼee diina keenyaa maal ibse?

ADDAAM bofti dubbachuu akka hin dandeenye akka beeku homaa hin shakkisiisu. Kanaafuu, qaamni hafuuraa tokko bofatti fayyadamee Hewwaaniin akka haasofsiise yaadee taʼuu qaba. (Uma. 3:1-6) Addaamii fi Hewwaan waaʼee qaama hafuuraa kana homaa hin beekan jechuun ni dandaʼama. Taʼus, Addaam qaama hin beekne kanaa wajjin taʼuudhaan, taʼe jedhee Abbaa isaa isa samii isa jaalala qabeessa taʼetti dugda garagalchuu fi fedhii Waaqayyoo mormuu filateera. (1 Xim. 2:14) Yihowaan yeruma sana waaʼee diina kanaa ibsuu kan jalqabe yeroo taʼu, qaamni Addaamii fi Hewwaan dogoggorse kun yeroo booda akka balleeffamu abdii kenneera. Haa taʼu malee Yihowaan, qaamni hafuuraa bofatti fayyadame kun yeroodhaaf namoota Waaqa jaallatan mormuudhaaf humna akka qabaatu akeekkachiiseera.—Uma. 3:15.

2, 3. Masiihichi dhufuu isaa dura waaʼeen Seexanaa baayʼee kan hin dubbatamne maaliif taʼuu dandaʼa?

2 Yihowaan maqaa dhuunfaa maleekaa isa mormee matumaa dubbatee hin beeku. * Akkasumas Waaqayyo maqaa eenyummaa diina kana ibsu illee fincilli inni jalqabaa kaʼee hanga waggoonni gara 2,500 darbanitti utuu hin dubbatin tureera. (Iyo. 1:6) Siruma iyyuu, maqaan Seexanaa inni hiika “Mormituu” jedhu qabu Kitaabota Afaan Ibrootaa sadi keessatti jechuunis, kitaabota 1 Seenaa Baraa, Iyoobii fi Zakaariyaas qofa keessatti caqasamee argama. Masiihichi dhufuu isaa dura waaʼee diina keenyaa baayʼee kan hin ibsamne maaliifi?

3 Tarii Yihowaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaan barreeffaman keessatti waaʼeen Seexanaa fi hojii isaa baayʼee akka hin barreeffamne kan godhe, Seexanni beekamtii isaaf hin malle akka hin arganne gochuuf taʼuu dandaʼa. Kaayyoon inni guddaan Yihowaan kitaabonni kun akka barreeffaman itti godhe namoonni Masiihicha adda baasanii akka beekanii fi akka isa hordofan gochuufi. (Luq. 24:44; Gal. 3:24) Yeroo Masiihichi dhufu, Yihowaan isaa fi duuka buutota isaatti fayyadamuudhaan waaʼee Seexanaa fi maleekota isaa waan baayʼee amma beeknu ibseera. * Yihowaan, Seexanaa fi duuka buutota isaa balleessuuf Yesuusii fi dibamtoota isaa wajjin bulchanitti waan fayyadamuuf kana gochuun isaa sirrii dha.—Rom. 16:20; Mul. 17:14; 20:10.

4. Waaʼee Diyaabilos garmalee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi?

4 Pheexiros ergamaan Seexana isa Diyaabilos taʼe “leenca barooduu” wajjin wal fakkeesseera; Yohaannis immoo ‘bofaa’ fi “jawwee” jedhee isa waameera. (1 Phe. 5:8; Mul. 12:9) Haa taʼu malee, humni isaa daangeffamaa waan taʼeef waaʼee Diyaabilos garmalee yaaddaʼuu hin qabnu. (Yaaqoob 4:7 dubbisi.) Eegumsa Yihowaa, Yesuusii fi maleekota amanamoo jala jirra. Gargaarsa isaaniitiin diina keenya mooʼuu ni dandeenya. Taʼus, deebii gaaffilee sadan kanaa beekuun nu barbaachisa: Seexanni dhiibbaa hammamii geessisa? Namoota irratti dhiibbaa gochuuf kan yaalu akkamitti? Wantoonni inni gochuu hin dandeenye hoo jiruu? Yeroo gaaffilee kana irratti mariʼannutti, barumsa argachuu dandeenyus ilaalaa deemna.

SEEXANNI DHIIBBAA HAMMAMII GEESSISUU DANDAʼA?

5, 6. Mootummaan namootaa jijjiirama ilmaan namootaa caalaatti barbaachisu fiduu kan hin dandeenye maaliifi?

5 Maleekonni baayʼeen Seexanaa wajjin fincilaniiru. Bishaan Badiisaa dura, isaan keessaa yoo xinnaate muraasa isaanii dubartootaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan gochuudhaan kiyyoo isaa keessa isaan galcheera. Kitaabni Qulqulluun dhugaa kana fakkeenyaan yommuu ibsu jawwichi urjoota samii harka sadii keessaa harka tokko harkisee gara lafaatti akka gad darbate dubbata. (Uma. 6:1-4; Yih. 6; Mul. 12:3, 4) Maleekonni kun maatii Waaqayyoo dhiisanii yommuu deeman, toʼannaa Seexanaa jala galaniiru. Haa taʼu malee, maleekonni fincilan kun garee hin gurmoofnee fi jeequmsa uuman qofa miti. Seexanni Mootummaa Waaqayyoo fakkeessuudhaan, mootummaa isaa kan hundeesse yeroo taʼu, mootii mootummaa kanaas of godheera. Addunyaa ijaan hin mulʼanne keessatti, Seexanni jinniiwwan isaa mootummaa isaa keessatti kan gurmeesse yeroo taʼu, aangoo isaaniif kennuudhaan akka isaa wajjin bulchan godheera.—Efe. 6:12.

6 Seexanni jaarmiyaa isaatti fayyadamee mootummoota ilmaan namootaa hunda toʼachaa jira. Haalli kun dhugaa taʼuu isaa yeroo Seexanni “mootummoota addunyaa hundumaa” Yesuusitti argisiisetti wanta dubbate irraa hubachuu ni dandeenya: “Aangoo fi ulfina kana hunda siif nan kenna; wantoonni kun anaaf waan kennamaniif, ani abbaan barbaadeef nan kenna.” (Luq. 4:5, 6) Seexanni dhiibbaa geessisaa kan jiru taʼus, mootummoonni baayʼeen hamma tokko lammiilee isaaniitiif wanta gaarii gochaa jiru. Akkasumas bulchitoonni tokko tokko namoota gargaaruuf fedhii qabu. Haa taʼu malee, mootummaan namootaa ykn bulchaan kam iyyuu jijjiirama ilmaan namootaa caalaatti barbaachisu fiduu hin dandaʼu.—Far. 146:3, 4; Mul. 12:12.

7. Seexanni mootummootatti qofa utuu hin taʼin, amantii sobaa fi sirna daldalaatti kan fayyadamu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Seexannii fi jinniiwwan isaa “guutummaa lafaa” dogoggorsuuf mootummaa namootaatti qofa utuu hin taʼin, amantii sobaa fi sirna daldalaa addunyaattis ni fayyadamu. (Mul. 12:9) Seexanni amantii sobaatti fayyadamee waaʼee Yihowaa wanta soba taʼe babalʼisa. Kana malees, Diyaabilos hamma isaaf dandaʼametti namoonni maqaa Waaqaa akka irraanfatan gochuuf waan kutatee kaʼe fakkaata. (Er. 23:26, 27) Kanaan kan kaʼees, namoonni garaa qajeelaa qabanii fi Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran yaadan, utuu hin beekin jinniiwwan waaqeffachaa jiru. (1 Qor. 10:20; 2 Qor. 11:13-15) Seexanni sirna daldalaattis fayyadamee soba babalʼisaa jira. Fakkeenyaaf, sirni kun yeroo baayʼee namoonni caalaatti gammachuu argachuu kan dandaʼan qarshii fi qabeenya baayʼee yoo kuufatan akka taʼe barsiisa. (Fak. 18:11) Namoonni soba kanatti amanan jireenya isaanii Waaqayyoon tajaajiluu mannaa “qabeenya” argachuuf hojjechuudhaan dabarsu. (Mat. 6:24) Suutuma suuta immoo jaalalli isaan qabeenyaaf qaban jaalala Waaqayyoof qaban balleessuu dandaʼa.—Mat. 13:22; 1 Yoh. 2:15, 16.

8, 9. (a) Seenaa Addaam, Hewwaanii fi maleekota fincilanii irraa barumsa akkamii lama arganna? (b)  Seexanni dhiibbaa hammamii akka geessisu beekuun keenya faayidaa maalii qaba?

8 Fakkeenyi Addaam, Hewwaanii fi maleekota fincilanii yoo xinnaate barumsa barbaachisaa lama nu barsiisa. Tokkoffaa, filannoo lama qabna, isaan keessaas isa tokko filachuu qabna. Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu ykn Seexana cinaa dhaabachuu qabna jechuu dha. (Mat. 7:13) Lammaffaa, warri Seexanaa wajjin taʼan buʼaan isaan argatan baayʼee muraasa. Addaamii fi Hewwaan wanta gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii baafachuu dandaʼaniiru; akkasumas jinniiwwan mootummaa namootaa irratti hamma tokko dhiibbaa gochuu dandaʼaniiru. (Uma. 3:22) Seexana cinaa dhaabachuun garuu yeroo hundumaa miidhaa geessisa; buʼaa qabatamaa taʼes hin argamsiisu.—Iyo. 21:7-17; Gal. 6:7, 8.

9 Seexanni dhiibbaa hammamii akka geessisu beekuun keenya faayidaa maalii qaba? Aangoo mootummootaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu, akkasumas tajaajila keenya irratti kakaʼumsa akka qabaannu nu gargaara. Yihowaan abbootii taayitaa akka kabajnu akka nu irraa barbaadu beekna. (1 Phe. 2:17) Kana malees, ulaagaa inni baasee wajjin hamma walitti hin buunetti seera mootummoonni ilmaan namootaa baasaniif akka ajajamnu nu irraa eega. (Rom. 13:1-4) Taʼus adda taanee jiraachuu akka qabnu beekna; gonkumaa gareen siyaasaa tokko ykn bulchaan tokko isa kaan irra akka wayyu yaaduu hin qabnu. (Yoh. 17:15, 16; 18:36) Seexanni maqaa Waaqayyoo balleessuu fi xureessuu akka barbaadu waan beeknuuf, waaʼee Waaqa keenyaa dhugaa isaa namoota kaan barsiisuuf caalaatti kakaana. Isa jaallachuun qarshii ykn qabeenya jaallachuu irra baayʼee akka caalu waan beeknuuf maqaa isaatiin waamamuu fi fayyadamuu keenyatti ni boonna.—Isa. 43:10; 1 Xim. 6:6-10.

SEEXANNI NAMOOTA IRRATTI DHIIBBAA GOCHUUF KAN YAALU AKKAMITTI?

10-12. (a) Seexanni maleekota obboloota isaa taʼan kiyyoo isaa keessa galchuuf sossobaatti kan fayyadame akkamitti taʼuu dandaʼa? (b) Maleekota kufan hedduu kana irraa maal baranna?

10 Seexanni warra kaan irratti dhiibbaa gochuuf malawwan isaaf buʼa qabeessa taʼanitti fayyadama. Fakkeenyaaf, yeroo tokko tokko isaan sossobuudhaan yeroo kaan immoo isaan sossodaachisuudhaan namoonni wanta inni barbaadu akka raawwatan gochuu barbaada.

11 Seexanni maleekota obboloota isaa taʼan kiyyoo isaa keessa galchuuf sossobaatti karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti akka fayyadame ilaalaa. Isa cinaa akka dhaabatan gochuuf yeroo dheeraadhaaf waaʼee isaanii qoratee taʼuu qaba. Maleekota kana keessaa yoo xinnaate muraasni isaanii sossobaa isaatiin mooʼamuudhaan dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwataniiru; kanaan kan kaʼes ijoollee diqaalaa ilmaan namootaa hacuucan godhataniiru. (Uma. 6:1-4) Tarii Seexanni maleekota amanamoo hin taane kana kan qore saalqunnamtii akka raawwatan carraa isaaniif kennuudhaan qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaa irratti aangoo akka qabaatan isaaniif waadaa galuudhaanis taʼuu dandaʼa. Kaayyoon isaa ‘sanyiin dubartittii’ inni abdachiifame akka hin dhufne gochuuf taʼuu dandaʼa. (Uma. 3:15) Haa taʼu malee, Yihowaan inni akka milkaaʼu hin heyyamne. Bishaan badiisaa fiduudhaan kaayyoo Seexanaa fi jinniiwwanii hunda fashaleesseera.

Seexanni Nu Sossobuuf Yaala (Keeyyata 12 fi 13 ilaali)

12 Haala kana irraa maal baranna? Kiyyoo saalqunnamtii raawwachuu ykn balaa ofittummaan qabu salphistanii hin ilaalinaa. Maleekonni Seexanaa wajjin taʼan, baroota hedduudhaaf Waaqayyo fuulduratti tajaajilaa turaniiru. Naannoo gaarii akkasii keessa kan jiraatan taʼan illee, baayʼeen isaanii hawwii gadheen isaan keessatti biqilee akka guddatu heyyamaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, nutis jaarmiyaa Waaqayyoo kutaa isa lafaa keessatti waggoota hedduudhaaf tajaajilleerra taʼa. Taʼus, karaa hafuuraa naannoo qulqulluu taʼe kana keessa utuma jiraannuu hawwii sirrii hin taane keessa keenyatti biqilchuu dandeenya. (1 Qor. 10:12) Yeroo hundumaa garaa keenya qoruudhaan, yaadawwan saalqunnamtii wajjin walqabatanii fi koora sirrii hin taane irraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!—Gal. 5:26; Qolosaayis 3:5 dubbisi.

13. Sossobaan Seexanni karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamu inni biraan maali? Irraa fagaachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

13 Sossobaan Seexanni itti fayyadamu inni biraan immoo waaʼee gocha hafuurota xuraaʼoo beekuuf hawwii akka qabaannu gochuu dha. Yeroo harʼaatti Seexanni, namoonni waaʼee jinniiwwanii beekuuf fedhii akka qabaatan gochuuf amantii sobaa dabalatee, bohaartii addunyaatti fayyadamaa jira. Fiilmoonni, taphoonni elektirooniksii fi miidiyaaleen kaan gochi hafuurota xuraaʼoo kan nama gammachiisu akka taʼe godhanii dhiheessu. Kiyyoo kanaan akka hin qabamne maal gochuu dandeenya? Jaarmiyaan Waaqayyoo bohaartii sirrii taʼanii fi hin taane tarreessee nuuf dhiheessa jennee eeguu hin qabnu. Tokkoon tokkoon keenya qalbii keenya ulaagaa Waaqayyoo wajjin haala wal simuun leenjisuu qabna. (Ibr. 5:14) Haa taʼu malee, gorsa Phaawulos ergamaan hafuuraan gaggeeffamee jaalalli Waaqayyoof qabnu “fakkeessaa kan hin qabne” taʼuu akka qabu dubbate hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, filannoo ogummaa qabu goona. (Rom. 12:9) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Bohaartiin ani filadhu fakkeessaa akkan taʼe argisiisaa? Namoonni ani Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu ykn deddeebii gaaffii isaaniif godhu bohaartiin ani filadhe utuu arganii, wantan barsiisu hojii irra oolchaa akkan jiru ni yaaduu?’ Wanta dubbannu caalaatti hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, carraan kiyyoo Seexanaatiin qabamuuf qabnu xiqqaachaa deema.—1 Yoh. 3:18.

Seexanni Nu Sossodaachisuuf Yaala (Keeyyata 14 ilaali)

14. Seexanni nu sossodaachisuuf kan yaalu akkamitti taʼuu dandaʼa? Kana dandamachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

14 Seexanni nu sossobuu malees amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka hin eegne gochuuf nu sossodaachisuuf yaala. Fakkeenyaaf, hojii lallabaa keenya akka dhorkan gochuuf mootummoota kakaasuu dandaʼa. Yookiin immoo namoonni nuu wajjin hojjetan ykn nuu wajjin baratan fedhii ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimnee jiraachuuf qabnutti akka qoosan gochuu dandaʼa. (1 Phe. 4:4) Kana malees, miseensota maatii keenya hin amanetti fayyadamee gumii deemuu irraa akka duubatti jennu gochuu dandaʼa. (Mat. 10:36) Qorumsawwan akkanaa dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, Seexanni nu irratti waraana banee waan jiruuf dhiibbaan akkasii akka nu irra gaʼu eeguu qabna. (Mul. 2:10; 12:17) Lammaffaa, wanta qorumsa sana duuba jiru hubachuu qabna; Seexanni nuti Yihowaa kan tajaajillu yeroo nuuf mijatutti qofa akka taʼe dubbateera. Yoo dhiibbaan nu irra gaʼe, Waaqayyotti dugda keenya akka garagalchinu dubbateera. (Iyo. 1:9-11; 2:4, 5) Dhuma irratti immoo, Yihowaan humna qorumsa kana dandamachuuf nu barbaachisu akka nuu kennu isatti amanamuu qabna. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisne yaadadhaa.—Ibr. 13:5.

SEEXANNI MAAL GOCHUU HIN DANDAʼU?

15. Seexanni wanta nuti gochuu hin barbaanne akka goonu nu dirqisiisuu dandaʼaa? Ibsi.

15 Seexanni wanta namoonni gochuu hin barbaanne akka godhan dirqisiisuu hin dandaʼu. (Yaq. 1:14) Namoonni baayʼeen utuu hin beekin wanta kaayyoo Seexanaa wajjin wal simu raawwatu. Dhugaa erga baratanii booda garuu, tokkoon tokkoon isaanii eenyuun tajaajiluu akka barbaadan filatu. (HoE. 3:17; 17:30) Waaqayyoon tajaajiluuf kan murteessinu yoo taʼe, Seexanni amanamummaa keenya balleessuu hin dandaʼu.—Iyo. 2:3; 27:5.

16, 17. (a) Wantoonni Seexannii fi jinniiwwan gochuu hin dandeenye kan biroon kamfaʼi? (b) Sagalee keenya ol kaasnee Yihowaa kadhachuu sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

16 Seexannii fi jinniiwwan wanta gochuu hin dandeenye kan biraas qabu. Fakkeenyaaf, sammuu ykn garaa nama tokkoo beekuu akka dandaʼan Kitaaba Qulqulluu keessatti wanti dubbatame hin jiru. Kana gochuu kan dandaʼan Yihowaa fi Yesuus qofa akka taʼan ibsameera. (1 Sam. 16:7; Mar. 2:8) Maarree, sagalee keenya ol kaasnee yoo dubbanne ykn yoo kadhanne Diyaabilosii fi jinniiwwan wanta dubbanne dhagaʼanii miidhaa nu irra geessisu jennee sodaachuu qabnaa? Lakki, sodaachuu hin qabnu. Maaliif? Seexanni nu ilaaluu dandaʼa jennee sodaachuudhaan tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti wanta gaarii gochuu irraa duubatti hin jennu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni nu dhagaʼa jennee sagalee keenya ol kaasnee kadhachuu sodaachuu hin qabnu. Siruma iyyuu, Kitaabni Qulqulluun fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo sagalee isaanii ol kaasanii kadhatanii hedduu qabateera; namoonni kun Diyaabilos nu dhagaʼa jedhanii sodaachuu isaanii wanti argisiisu tokko illee hin jiru. (1 Mot. 8:22, 23; Yoh. 11:41, 42; HoE. 4:23, 24) Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal simu kan dubbannu ykn kan raawwannu yoo taʼe, Yihowaan, Seexanni miidhaa guddaa nu irra akka geessisu akka isaaf hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Faarfannaa 34:7 dubbisi.

17 Diina keenya beekuun nu barbaachisa; isa sodaachuu garuu hin qabnu. Gargaarsa Yihowaatiin, ilmaan namootaa cubbamoo taʼan illee Seexana mooʼuu ni dandaʼu. (1 Yoh. 2:14) Seexana kan morminu yoo taʼe inni nu irraa baqata. (Yaq. 4:7; 1 Phe. 5:9) Seexanni caalaatti immoo dargaggoota irratti xiyyeeffata. Dargaggoonni Seexana mormuuf maal gochuu dandaʼu? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

^ key. 2 Kitaabni Qulqulluun maleekota muraasa maqaa dhuunfaa isaaniitiin caqaseera. (Abo. 13:18; Dan. 8:16; Luq. 1:19; Mul. 12:7) Yihowaan tokkoon tokkoon urjiilee maqaa isaaniitiin waama erga taʼee (Far. 147:4), maleekaa isa Seexana taʼe dabalatee, maleekonni isaa hundi maqaa dhuunfaa akka qaban yaaduun sirrii fakkaata.

^ key. 3 Maqaan Seexana jedhuu fi diina Waaqayyoo taʼuu isaa argisiisu Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaan barreeffaman keessatti siʼa 18 qofa argama; Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikiitiin barreeffaman keessatti garuu siʼa 30 ol caqasamee argama.