Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Walgaʼii Koonyaa bara 2012⁠tti, Yuukreen magaalaa Nizyaniyaa Aapshaatti godhame

Midhaan Sassaabamu Baayʼee Dha!

Midhaan Sassaabamu Baayʼee Dha!

YESUUS yeroo dhumaa kanatti duuka buutonni isaa hojii midhaan hedduu sassaabuu irratti akka hirmaatan raajii dubbateera. (Mat. 9:37; 24:14) Jechoonni isaa kun Yuukreen naannoo magaalaa Tiraanskaarpeetiyaatti karaa adda taʼeen akkamitti akka raawwataman qalbeeffadhaa. Magaalota naannoo sana jiran sadii keessa, gumiiwwan 50 fi babalʼistoota 5,400 ol taʼantu jira. * Namoota magaalota sadan kana keessa jiraatan 4 keessaa 1 Dhugaa Baatuu Yihowaa ti!

Namoonni naannoo kana jiraatan namoota akkamiiti? Obboleessi achi jiraatuu fi Vaasilee jedhamu akkana jedheera: “Namoonni naannoo kanaa Kitaaba Qulqulluu kan kabajan, haqaaf bakka guddaa kan kennan, miseensota maatii isaanii wajjin hariiroo cimaa kan qabanii fi wal gargaaruuf garaadhaa carraaqqii kan godhani dha. Wantoota nuti itti amannu kan fudhatan yeroo hunda miti. Taʼus Kitaaba Qulqulluu irraa yaada tokko yommuu isaanitti argisiisnu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu.”

Naannoowwan kanatti lakkoofsi babalʼistootaa baayʼina uummataa wajjin yeroo wal bira qabamu hedduu dha; obboloonnii fi obboleettonni naannoo akkasiitti lallaban rakkina adda taʼetu isaan mudata. Fakkeenyaaf, gumiin tokko babalʼistoota 134 kan qabu siʼa taʼu, manneen dhuunfaa naannoo sana jiran garuu 50 qofa dha! Babalʼistoonni kun haala kana kan dandamatan akkamitti?

Obboloonnii fi obboleettonni hedduun bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii lallabuuf of dhiheessaniiru. Obboleessi umuriin isaanii waggaa 90 taʼee fi Yoonaash jedhaman akkana jedhaniiru: “Manneen naannoo tajaajilaa gumii keenya keessa jiran keessaa babalʼisaa 1f mana 2 qofatu gaʼa. Yeroo dhihoodhaa asitti haalli fayyaa koo waan na daangesseef naannuma kanattan lallabaa jira; kana dura garuu naannoo tajaajilaa gumiin hin jirree fi kiiloo meetira 160 fagaatu deemee Afaan Hangaariitiin lallabaan ture.” Babalʼistoonni naannoo tajaajilaa kan biraa dhaqanii gargaaruuf aarsaa kaffaluu qabu. Yoonaash akkana jedhaniiru: “Baaburan ittiin deemu qabachuuf halkan keessaa saʼaatii 10:00⁠ttin kaʼa; achiis hamma baaburichi deebiʼutti, jechuunis hamma galgala saʼaatii 12:00⁠tti lallabaan oola. Kana kanan godhus torbanitti guyyaa lamaaf ykn guyyaa sadiif ture.” Carraaqqii akkasii gochuun isaanii isaan gaabbisiiseeraa? Akkana jedhaniiru: “Tajaajilli akkasii baayʼee na gammachiisa ture. Maatiin bakka gumiin hin jirre jiraatu tokko dhugaa akka beeku gargaaruuf mirga argadheera.”

Obboloonni gumiiwwan naannoo kana jiran hundi bakka fagoo dhaqanii tajaajiluu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus maanguddoota dabalatee babalʼistoonni hundi naannoo tajaajilaa isaanii sirriitti waliin gaʼuuf carraaqu. Kanaan kan kaʼes, bara 2017⁠tti magaalota sadan kana keessatti namoonni dachaa lakkoofsa babalʼistootaa taʼan ykn uummata isaanii keessaa walakkaan Ayyaana Yaadannoo irratti argamanii turan. Bakka kamitti iyyuu kan tajaajillu yoo taʼe, amma iyyuu ‘hojiin Gooftaa baayʼeen’ akka jiru hin shakkisiisu.—1 Qor. 15:58.

^ key. 2 Maqaan magaalota kanaa Iilbookiy Pootiik, Saradiniyaa Voodiyaanaa fi Nizyiniyaa Aapshaa dha.