“Yihowaa Cinaa kan Dhaabbatu Eenyu?”
“Ati Waaqayyoon gooftaa kee sodaadhu, isaaf hojjedhu, isatti maxxani.”—KES. 10:20.
1, 2. (a) Yihowaa cinaa dhaabachuun ogummaa dha kan jennu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?
YIHOWAATTI maxxanuun keenya ogummaa dha. Qaamni Waaqa keenya caalaa humna, ogummaa fi jaalala guddaa qabu hin jiru! Nu keessaa namni isa cinaa dhaabachuu hin barbaanne jiraa? (Far. 96:4-6) Haa taʼu malee, namoonni Waaqayyoon waaqeffatan tokko tokko yeroo haalli Yihowaa cinaa akka dhaabatan godhu uumamutti ejjennoo cimaa utuu hin qabaatin hafaniiru.
2 Mata duree kana keessatti, fakkeenya namoota Yihowaa cinaa akka dhaabatan utuma dubbatanii wanta inni jibbu raawwatanii ilaalla. Seenaawwan kun, barumsawwan barbaachisoo guutummaatti Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf nu gargaaran qabataniiru.
YIHOWAAN GARAA NAMAA NI QORA
3. Yihowaan Qaayiniin kan gargaare maaliifi? Maal isaan jedhe?
3 Haala Qaayin akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Yihowaa malee waaqa biraa akka waaqeffate hin dubbanne. Haa taʼu malee, waaqeffannaan isaa Waaqayyo biratti fudhatama hin arganne. Hamminni garaa isaa keessatti guddachaa ture. (1 Yoh. 3:12) Yihowaanis Qaayiniin gargaaruuf akkana isaan jedhe: “Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo taʼe garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Gama biraatiin Yihowaan Qaayiniin, “Yoo yaada geddarattee fi na cinaa dhaabachuuf ejjennoo cimaa yoo fudhatte, anis si cinaa nan dhaabadha” jechuu isaa ture.
4. Qaayin yeroo Yihowaa cinaa dhaabachuuf carraa argatetti maal godhe?
4 Qaayin utuu ilaalcha isaa sirreesseera taʼee, Yihowaan surraa isa biratti qabu deebisee akka argatu godha ture. Qaayin garuu gorsa isaaf kenname hin fudhanne. Ilaalchi dogoggoraa fi fedhiin ofittummaa irratti hundaaʼe, gocha dogoggoraa akka raawwatu isa taasiseera. (Yaq. 1:14, 15) Qaayin dargaggummaa isaatti Yihowaa nan morma jedhee matumaa yaadee hin turre taʼa. Yeroo booda garuu, wanta matumaa hin yaadamne raawwateera, jechuunis Waaqayyo irratti fincila kaasuudhaan obboleessa isaa ajjeeseera!
5. Yihowaa duratti fudhatama kan nu dhabsiisuu ilaalcha akkamii taʼuu dandaʼa?
5 Yeroo harʼaatti Kiristiyaanni tokkos akkuma Qaayin, Yihowaa akka waaqeffatu utuma dubbatuu karaa dogoggoraa irra deemuu dandaʼa. (Yih. 11) Fakkeenyaaf, namni tokko wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasanii fi sassata irratti yaaduu ykn jibbi obboleessa isaatiif qabu isa keessatti akka guddatu ni heyyama taʼa. (1 Yoh. 2:15-17; 3:15) Yaanni akkasii immoo cubbuu raawwachuutti isa geessuu dandaʼa. Namni tokko utuma akkas godhuu tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachuu fi yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuu dandaʼa. Namoonni kaan yaada keenyaa fi amala keenya hubachuu dhiisuu dandaʼu; Yihowaan garuu wanta hunda arguu, akkasumas garaa guutuudhaan isa cinaa dhaabachuu fi dhiisuu keenya beekuu ni dandaʼa.—Ermiyaas 17:9, 10 dubbisi.
6. Yihowaan fedhiiwwan dogoggoraa moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?
6 Taʼus, Yihowaan dafee abdii nutti hin kutatu. Tarkaanfiin namni tokko fudhatu Waaqayyoo irraa kan isa fageessu yeroo taʼutti illee, Yihowaan, ‘Gara kootti deebiʼi! Anis gara keetti nan deebiʼa’ jedhee isa gorsa. (Mil. 3:7) Keessumaa yeroo hirʼina keenyaa wajjin walʼaansoo goonutti, Yihowaan wanta gadhee akka morminu barbaada. (Isa. 55:7) Akkas kan goonu yoo taʼe, Yihowaan humna fedhiiwwan dogoggoraa moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan akka nu gargaaru waadaa galeera.—Uma. 4:7.
“HIN GOWWOOMINAA”
7. Solomoon ejjennoo gaarii Yihowaa duratti qabu kan dhabe akkamitti?
7 Fakkeenya Solomoon Mooticha irraa wanta hedduu barachuu dandeenya. Solomoon dargaggummaa isaatti Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu barbaadee ture. Waaqayyos ogummaa guddaa fi Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe akka ijaaruu itti gaafatamummaa isaaf kennee ture. Solomoon garuu michummaa Yihowaa wajjin qabu dhabee ture. (1 Mot. 3:12; 11:1, 2) Seerri Waaqayyoo kallattiidhaan mootii Ibrootaa tokko yommuu ajaju, “yaadni isaa karaa irraa akka hin jalʼannetti, dubartoota hin baayʼifatin” jedha. (Kes. 17:17) Solomoon ajaja kana cabsuudhaan, suutuma suuta haadhotii manaa 700 fuudheera. Dabalataanis saajjatoota 300 gara mana isaatti fideera. (1 Mot. 11:3) Haadhotii manaa isaa keessa hedduun isaanii Israaʼeloota hin turre; akkasumas waaqolii sobaa waaqeffatu turan. Kana malees, Solomoon seera Waaqayyo dubartoota ormaa akka hin fuune kenne cabseera.—Kes. 7:3, 4.
8. Solomoon wanta Yihowaan baayʼee jibbu akkamii raawwate?
8 Solomoon suutuma suuta qajeelfama Yihowaa irraa fagaachuun isaa, yeroo booda dogoggora guddaa akka raawwatu isa godheera. Waaqayyittii tolfamtuu Ashtaarotii fi Kemosh isa waaqa sobaa taʼeef iddoo aarsaa ijaaree ture. Achittis haadhotii manaa isaa wajjin waaqolii tolfamoo waaqeffateera. Iddoowwan aarsaa kana itti ijaare keessaa tokko, tulluu fuullee Yerusaalem isa bakka mana qulqullummaa Yihowaa itti ijaaretti argama ture! (1 Mot. 11:5-8; 2 Mot. 23:13) Tarii Solomoon hamma mana qulqullummaa keessatti aarsaa dhiheessuu isaa itti fufetti, Yihowaan balleessaa isaa cal jedhee akka irra isaaf darbu yaaduudhaan of gowwoomsee ture.
9. Solomoon akeekkachiisa Waaqayyo isaaf kenne utuu hin fudhatin hafuu isaatiin maaltu isa irra gaʼe?
9 Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora raawwatame matumaa cal jedhee irra hin darbu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Solomoon sababii Waaqayyo . . . isa siʼa lama isatti mulʼatee ture irraa yaada isaa deebiseef, Waaqayyo isatti in dheekkame. Inni waaqayyolii kan biraa duukaa akka hin buuneef, Waaqayyo isa abboomee ture; inni garuu wanta Waaqayyo isa abboome hin eegne.” Kanaan kan kaʼes, fudhatama Waaqayyo duratti qabuu fi deggersa isaa dhabeera. Sana booda sanyiiwwan Solomoon guutummaa saba Israaʼel hin bulchine; waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniifis rakkinni cimaan hedduun isaan mudateera.—1 Mot. 11:9-13.
10. Wanti ejjennoo gaarii Yihowaa duratti qabnu balaadhaaf saaxiluu dandaʼu maali dha?
10 Akkuma wanta Solomooniin mudate irraa hubannu, namoota qajeelfama Yihowaa hin hubanne ykn hin kabajne wajjin walitti dhufeenya uumuun karaa hafuuraa baayʼee akka miidhamnu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, tokko tokko gumii keessatti kan argaman taʼus, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa hin qaban taʼa. Kaan immoo firoota, ollaawwan, namoota nu wajjin hojjetan ykn baratanii fi Yihowaa hin waaqeffanne taʼuu dandaʼu. Kanas taʼe sana, michoonni keenya qajeelfama Yihowaatiif kabaja guddaa kan hin qabne yoo taʼan, oolee bulee ejjennoo gaarii Waaqayyo duratti qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu.
11. Michooma keenya dhaabuu akka qabnu murteessuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
11 Qorontos Isa Duraa 15:33 dubbisi. Namoonni baayʼeen amala gaarii tokko tokko qabu taʼa; akkasumas namoonni gumiidhaa ala jiran hedduun wanta naamusaa ala taʼe hin raawwatan taʼa. Michoonni kee namoota akkasii yoo taʼan, michoota gaarii dha jettee yaaddaa? Walitti dhufeenyi isaanii wajjin qabdu, hariiroo Yihowaa wajjin qabdu irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu of gaafadhu. Hariiroon Yihowaa wajjin qabdu akka cimu si gargaaruu? Wanti garaa isaanii keessa jiru maali dha? Fakkeenyaaf, wanti dubbatan faashinii, qarshii, meeshaalee elektirooniksii, bohaartii ykn qabeenya hordofuu irratti kan gar malee xiyyeeffate dhaa? Yeroo baayʼee dubbiin isaanii namoota akka tuffatan ykn qoosaa namatti hin tolle akka jaallatan kan argisiisu dhaa? Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedhee akeekkachiiseera. (Mat. 12:34) Michoonni kee ejjennoo gaarii Yihowaa duratti qabdu balaadhaaf kan saaxilan yoo taʼe, michooma kee daangessuuf, barbaachisaa taanaan immoo guutummaatti dhaabuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu qabda.—Fak. 13:20.
YIHOWAAN NAMOONNI GUUTUMMAATTI AKKA ISAAF BULAN BARBAADA
12. (a) Yihowaan, erga Israaʼeloonni Gibxiitii baʼanii yeroo muraasa booda maal ifa isaaniif godhe? (b) Israaʼeloonni ajaja Waaqayyo guutummaatti akka isaaf bulan kenneef deebii akkamii kennan?
12 Wanta Israaʼeloonni Gibxiitii erga baʼanii yeroo muraasa booda raawwatame irraas barumsa Bau. 19:16-19) Yeroo kanatti, Yihowaan ‘Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu’ [NW] taʼuu isaa isaanitti hime. Yihowaan namoota isa jaallatanii fi abboommii isaa eeganiif amanamaa akka taʼu isaaniif mirkaneesse. (Baʼuu 20:1-6 dubbisi.) Gama biraatiin Yihowaan saba isaatiin, “Yoo isin na cinaa dhaabattan, anis isin cinaa nan dhaabadha” jechuu isaa ture. Ati saba sana gidduu jirta utuu taʼee, wanta Yihowaan dubbate kana yommuu dhageessu maal goota turte? Akkuma Israaʼelootaa akka gootu beekamaa dha. Isaan, “sagalee tokkichaan deebisanii ‘Nuyi dubbii Waaqayyo dubbate kana hundumaa in goona’ jedhan.” (Bau. 24:3) Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin wanti hin eegamne tokko amanamummaan Israaʼeloota akka qoramu godhe.
dabalataa barachuu dandeenya. Namoonni fuullee Tulluu Siinaatti walitti qabamaniiru. Bakka kanatti Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen isaanitti of mulʼise. Duumessa gurraacha, balaqqeessaa fi aarra kan argan taʼuu isaa irra iyyuu, qaqawwee fi sagalee malakataa guddaa ni dhagaʼan. (13. Haalli amanamummaan Israaʼelootaa akka qoramu godhe maali dha?
13 Israaʼeloonni duumessa gurraacha, balaqqeessaa fi mallattoowwan dinqisiisoo Waaqayyoo biraa dhufan kaan arguun isaanii baayʼee isaan sodaachisee ture. Gaaffii isaaniitiin Museen isaan bakka buʼee Yihowaa wajjin dubbachuuf gara Tulluu Siinaatti ol baʼe. (Bau. 20:18-21) Achiis yeroo dheeraadhaaf fiixee tulluu sana irra ture. Israaʼeloonni geggeessaa isaanii isa amanamaa sana malee qofaa isaanii lafa onaa keessatti hafanii turanii? Amantiin Israaʼelootaa Musee isa ijaan mulʼatu irratti kan hundaaʼe akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Waan dhiphataniif Aaroniin akkana jedhan: “Musee isa biyya Gibxii nu baase kanatti maal akka itti dhufe hin beeknu; kanaaf . . . waaqayyolii nu dura adeeman nuuf tolchi!”—Bau. 32:1, 2.
14. Israaʼeloonni maal jedhanii yaaduudhaan of gowwoomsanii turan? Yihowaan hoo tarkaanfii akkamii fudhate?
14 Israaʼeloonni waaqolii tolfamoo waaqeffachuun wanta Yihowaan baayʼee jibbu akka taʼe beeku turan. (Bau. 20:3-5) Taʼus, utuma baayʼee hin turin dibicha warqee irraa hojjetame waaqeffatan! Kun Israaʼeloonni ifatti Yihowaadhaaf akka hin ajajamne kan argisiisu taʼus, amma iyyuu Yihowaa cinaa dhaabatanii akka jiran yaaduudhaan of gowwoomsanii turan. Aaron waaqeffannaa dibichaa isaanii sana, “ulfina gooftichaatiif guyyaa ayyaanaa haa taʼu!” jechuun isaa kan nama naasisu dha! Yeroo kanatti Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Akka ganame isatti dhagaʼame. Yihowaan sabichi akka “mancaʼee” fi ‘karaa inni isaan abboome irraa goranii’ akka turan Museetti hime. ‘Aariin isaa isaan irratti waan bobaʼeef,’ saba Israaʼel haaraa hundeeffame sana balleessuuf yaade.—Bau. 32:5-10.
15, 16. Musee fi Aaron Yihowaa cinaa dhaabachuuf tarkaanfii cimaa akka fudhatan kan argisiisan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
15 Haa taʼu malee, Yihowaan Israaʼeloota balleessuu dhiisuuf murteesse. Araarri isaa namoonni amanamummaadhaan isa waaqeffatan isa cinaa dhaabachuuf ejjennoo cimaa akka fudhatan carraa isaaniif kenneera. (Bau. 32:14) Museen, Israaʼeloonni waaqa tolfamaa sana duratti gar malee wacaa fi sirbaa akka jiran yommuu argu dibicha warqee irraa tolfame sana caccabsee bulleesse. Achiis, “Yihowaa cinaa kan dhaabbatu eenyu? Gara koo haa dhufu!” jedhe. “Ilmaan Lewwootaas hundinuu gara [Museetti] walitti qabaman.”—Bau. 32:17-20; 32:26, NW.
16 Aaron jalqaba irratti waaqa tolfamaa sana tolchuu irratti hirmaatee kan ture taʼus, yaada geddaratee Lewwoota hafan kaanii wajjin Yihowaa cinaa dhaabate. Namoonni amanamoon kun Yihowaa cinaa dhaabachuu qofa utuu hin taʼin, namoota dogoggora raawwatan sana irraas adda of baasaniiru. Kun tarkaanfii sirrii ture; gaafa sana namoonni kumaan lakkaaʼaman sababii waaqa Bau. 32:27-29.
tolfamaa sanaan lubbuu isaanii dhabaniiru. Haa taʼu malee, namoonni Yihowaa cinaa dhaabatan eebba akka argatan waadaan isaaniif galamee ture.—17. Wanta Phaawulos seenaa dibicha warqee irraa tolchame ilaalchisee dubbate maal nu barsiisa?
17 Phaawulos ergamaan seenaa dibicha warqee sanaa caqasuudhaan akkana jedhee akeekkachiiseera: “Wantoonni kun fakkeenya nuuf taʼaniiru . . . Akkuma isaan keessaa tokko tokko godhan warra waaqolii tolfamoo waaqeffatan hin taʼinaa. [Fakkeenyonni kun] nu warra dhumni sirnichaa irra gaʼes akeekkachiisuuf barreeffaman. Kanaaf namni, ‘Ani dhaabadheera’ jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.” (1 Qor. 10:6, 7, 11, 12) Akkuma Phaawulos ibse, waaqeffattoonni dhugaan illee gochawwan dogoggoraa irratti hirmaachuu dandaʼu. Namoonni qorumsaaf harka kennan amma iyyuu Yihowaa cinaa akka dhaabatan yaaduu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, michuu Yihowaa taʼuu waan barbaanneef ykn isaaf amanamoo akka taane waan dubbanneef qofa yeroo hunda isa duratti fudhatama arganna jechuu miti.—1 Qor. 10:1-5.
18. Wanti Yihowaa irraa akka fagaannu gochuu dandaʼu maali dha? Kun hoo miidhaa akkamii geessisa?
18 Akkuma Israaʼeloonni yeroo Museen Tulluu Siinaa irra turetti dhiphatanii turan, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis guyyaan murtii Yihowaa fi dhufaatiin addunyaa haaraa waan turu waan isaanitti fakkaatuuf ni dhiphatu taʼa. Abdiiwwan kun kan raawwataman yeroo baayʼee dheeraa booda akka taʼe ykn matumaa raawwatamuu kan hin dandeenye isaanitti fakkaachuu dandaʼa. Ilaalchawwan akkasii yoo sirreessuu baanne, fedhii Yihowaa caalaa wantoota addunyaa keessa jiraniif dursa akka kenninu gochuu dandaʼu. Suutuma suuta Yihowaa irraa fagaachuudhaan, oolee bulee gochawwan yeroo karaa hafuuraa haala gaarii irra jirru matumaa irratti hirmaanna jennee hin yaanne raawwachuu dandeenya.
19. Dhugaa barbaachisaa taʼe isa kam irraanfachuu hin qabnu? Maaliif?
19 Yihowaan garaa guutuudhaan akka isaaf ajajamnuu fi guutummaatti akka isaaf bullu kan barbaadu taʼuu isaa matumaa dagachuu hin qabnu. (Bau. 20:5, NW) Waaqeffannaa Yihowaa irraa fagaachuu jechuun fedhii Seexanaa raawwachuu jechuu dha; kun immoo badiisatti nama geessa. Kanaaf Phaawulos akkana jechuudhaan nu yaadachiisa: “Xoofoo Yihowaa fi xoofoo jinniiwwanii dhuguu hin dandeessan; ‘maaddii Yihowaa’ fi maaddii jinniiwwanii irraa nyaachuu hin dandeessan.”—1 Qor. 10:21.
YIHOWAATTI MAXXANAA!
20. Tarkaanfii dogoggoraa erga fudhannee booda illee, Yihowaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
20 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Qaayin, Solomoonii fi Israaʼeloota naannoo Tulluu Siinaa turan ibsan wanta wal isaan fakkeessu tokko qabu. Namoonni kun ‘yaada geddarachuu fi deebiʼuuf’ carraa argatanii turan. (HoE. 3:19) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan namoota tarkaanfii dogoggoraa fudhatanitti dafee abdii hin kutatu. Yihowaan Aaroniif dhiifama godheera. Yeroo harʼaattis, Yihowaan seenaa Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ykn gorsa Kiristiyaanni hidhata amantii keenya taʼe gaarummaadhaan nuu kennutti fayyadamee akeekkachiisa nuuf kenna taʼa. Akeekkachiisa nuu kenname kan fudhannu yoo taʼe, araara Yihowaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
21. Yeroo amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu qoramutti maal gochuuf murteessuu qabna?
21 Gaarummaan Yihowaa inni guddaan kaayyoo qaba. (2 Qor. 6:1) “Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu” carraa nuuf bana. (Tiitoo 2:11-14 dubbisi.) Hamma “sirna [kana] keessa” jiraannetti, haalawwan Yihowaadhaaf guutummaatti kan bulle taʼuu keenya qoran nu mudachuu dandaʼu. Kanaaf Yihowaan, Waaqa isa ‘sodaachuu, isaaf hojjechuu fi isatti maxxanuu’ qabnu waan taʼeef, yoom iyyuu isa cinaa dhaabachuuf qophaaʼoo haa taanu!—Kes. 10:20.