Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Akaakuu Namootaa Hundatti’ Gara Laafina Argisiisuuf Carraaqqii Cimaa Godhaa

‘Akaakuu Namootaa Hundatti’ Gara Laafina Argisiisuuf Carraaqqii Cimaa Godhaa

YESUUS barattoonni isaa lallabuu kan qaban akkamitti akka taʼe yommuu isaan barsiisu, namoonni ergaa Mootummichaa kan fudhatan yeroo hunda akka hin taane beeka ture. (Luq. 10:3, 5, 6) Tajaajila irratti, namoonni karaa sirrii hin taaneen nuuf deebisu taʼa; yookiin immoo nutti dheekkamu taʼa. Deebiiwwan akkanaa kun namoota lallabnuuf gara laafina argisiisuun akka nutti ulfaatu gochuu akka dandaʼan beekamaa dha.

Namni gara laafessa taʼe tokko wanta warra kaan barbaachisuu fi rakkoo keessa jiran ni hubata, akkasumas miira isaanii hubachuuf yaala, isaan gargaarus ni barbaada. Haa taʼu malee, namoota tajaajila irratti argannuuf gara laafina argisiisuu irraa duubatti jechuu yoo jalqabne, hinaaffaa fi milkaaʼinni tajaajila irratti argannus gadi buʼuu dandaʼa. Gama biraatiin immoo, gara laafina guddifachuuf kan carraaqnu yoo taʼe, hinaaffaa tajaajila irratti qabnu eegnee itti fufuu dandeenya!—1 Tas. 5:19.

Yeroo rakkisaa taʼutti illee gara laafina argisiisuuf carraaquu kan dandeenyu akkamitti? Mee qaamota fakkeenya isaanii hordofuu qabnu sadi haa ilaallu; isaaniis Yihowaa, Yesuusii fi Phaawulos ergamaa dha.

GARA LAAFINA YIHOWAA HORDOFAA

Yihowaan waggoota kumaan lakkaaʼamaniif, arrabsoo maqaa isaa irratti kaʼe dandaʼee jiraateera. Taʼus, inni “warra hin galateeffannee fi hamootaaf” gaarummaa argisiisuu isaa itti fufeera. (Luq. 6:35) Obsa qabaachuun isaa gaarummaa isaa argisiisa. Yihowaan “akaakuun namootaa hundi” akka fayyan barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Waaqayyo hammeenya kan jibbuu taʼus, ilmaan namootaatiif iddoo guddaa kenna, akkasumas namni kam iyyuu akka badu hin barbaadu.—2 Phe. 3:9.

Yihowaan, Seexanni ilmaan namootaa hin amanin hammam akka jaamse ni hubata. (2 Qor. 4:3, 4) Namoonni baayʼeen ijoollummaa isaaniitii kaasee barumsawwan fi ilaalchawwan dogoggoraa barachuun isaanii, dhugaa fudhachuun akka isaanitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Yihowaan namoota akkasii gargaaruuf hawwii guddaa qaba. Kana akkamitti beekuu dandeenya?

Yihowaan namoota Nanawwee duriitiif ilaalcha akkamii akka qabu haa ilaallu. Karaan isaanii hamaa kan ture taʼus, Yihowaan Yoonaasiin akkana jedhee ture: ‘Mandara Nanawwee keessa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama irra caalantu jiraata; namoonni ishee keessa jiraatan sun warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu hin dandeenyee dha; egaa ani immoo mandara guddittii namoonni hammasii keessa jiraatan kanaaf garaan ana hin jibbuu [hin gadduu] ree?’ (Yon. 4:11) Namoonni Nanawwee karaa hafuuraatiin akka miidhaman hubachuudhaan, Yihowaan gara laafinaan kakaʼee akka isaan akeekkachiisuuf Yoonaasiin ergeera.

Akkuma Yihowaa nutis namootaaf iddoo guddaa kennina. Deebii gaarii kan hin kennine yommuu fakkaatanitti illee, namoota ergaa keenya dhaggeeffatan gargaaruuf carraaqqii cimaa gochuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya.

GARA LAAFINA YESUUS HORDOFAA

Yesuusis akkuma Abbaa isaa namoota wantoota hafuuraa dheebotanii turaniif garaa laafeera. “Namoota hedduu sana yommuu argu, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii, akkasumas dagatamanii waan turaniif baayʼee isaaniif gadde.” (Mat. 9:36) Yesuus wanta alaan mulʼatu irratti qofa hin hundoofne; namoonni wanta inni dubbatu dhaggeeffachuu dhufan sun barumsa sobaa barsiifamaa fi geggeessitoota amantii isaaniitiin cunqurfamaa akka turan hubatee ture. Baayʼeen isaanii wantoonni garaa garaa ergaa isaa akka hin fudhanne akka gufuu isaanitti taʼan heyyamaniiru; Yesuus kana kan beeku taʼus, “wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe.”—Mar. 4:1-9.

Namni tokko jalqaba irratti yoo fedhii qabaachuu baate abdii hin kutatinaa

Haalli jireenyaa nama tokkoo yommuu jijjiiramu, ilaalchi inni dhugaadhaaf qabus ni jijjiirama taʼa

Namoonni ergaa keenyaaf yeroo deebii gaarii hin taane kennanitti, wanta alaan mulʼatu irra darbinee ilaaluu fi deebii akkasii kan kennan maaliif akka taʼe of gaafachuun nu barbaachisa. Tarii namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluuf ykn amantii Kiristiyaanaatiif ilaalcha dogoggoraa kan qabaatan, gocha gadhee namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan raawwataniin kan kaʼe taʼuu dandaʼa. Kaan immoo, waaʼee amantii keenyaa wanta soba taʼe waan dhagaʼaniif taʼa. Yookiin immoo, ergaa keenya yoo fudhatan hawaasa keessa jiraatan biratti ykn miseensota maatii isaanii biratti fudhatama dhabna jedhanii waan yaadaniif taʼuu dandaʼa.

Namoonni tajaajila irratti argannu tokko tokko immoo ergaa keenyaaf deebii gaarii kan hin kennine, haala suukanneessaa isaan irra gaʼeen kan kaʼe miirri isaanii waan miidhameef taʼuu dandaʼa. Misiyooniin Kiim jedhamtu akkana jetteetti: “Naannoo tajaajilaa keenya keessaa isa tokkotti, namoonni hedduun sababii waraanaatiin qabeenya isaanii hunda kan dhaban turan. Waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee abdii hin qaban turan. Abdii kutatanii fi amantii dhabanii turan. Naannoo kanatti yeroo baayʼee namoonni ergaa keenya morman nu mudatu. Yeroo tokko immoo, utuun lallabaa jiruu reebameera.”

Kiim miidhaan akkasii kan ishii irra gaʼe taʼus, gara laafina argisiisuu ishii kan itti fufte akkamitti? Akkana jetteetti: “Yommuun arrabsamu yaada Fakkeenya 19:11 irra jiruu fi ‘Hubataa taʼuun dheekkamsaaf suuta nama jechisiisa’ jedhu yaadachuufan yaala. Wanta namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran mudate yaadachuun koo, gara laafina isaanitti argisiisuuf akkan carraaqu na gargaara. Kan nu mormanis namoota hunda miti. Naannoodhuma kana keessaa deddeebiiwwan gaaffii gaarii taʼan tokko tokko qabna.”

Akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Haala namoota ani lallabuuf keessa jiran keessa utuun taʼee ergaa Mootummichaatiif deebii akkamiin kenna ture?’ Fakkeenyaaf, waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa irra deddeebiʼamee wanti soba taʼe utuu nutti himameera taʼee hoo? Utuu haalawwan akkasii keessa jirra taʼee nutis tarii deebii sirrii hin taane kennina taʼa, akkasumas gara laafinni akka nutti argisiifamuu barbaanna taʼa. Ajaja Yesuus akkuma namoonni kaan nuu godhan barbaannutti nutis isaaniif gochuu akka qabnu nuu kenne kan yaadannu yoo taʼe, yeroo kana gochuun rakkisaa taʼutti illee gara laafinaan deebii kennuuf kakaana.—Mat. 7:12.

GARA LAAFINA PHAAWULOS HORDOFAA

Phaawulos ergamaan namoota cimsanii isa mormanitti illee gara laafina argisiiseera. Maaliif? Wanta innumti iyyuu kanaan dura gochaa ture waan hin irraanfanneefi. Akkana jedheera: “Ani kanaan dura Waaqayyoon kanan arrabsu, saba isaa kanan ariʼadhuu fi kanan of tuulu yoon tures, inni kana anaaf godheera. Taʼus, wallaalummaa fi amantii dhabuudhaan kana waanan godheef gara laafina natti argisiiseera.” (1 Xim. 1:13) Yihowaa fi Yesuus gara laafina guddaa akka isatti argisiisan yaadateera. Bakka namoota lallabuuf sanaa of kaaʼee wanta kanaan dura raawwachaa ture arguu dandaʼeera.

Yeroo tokko tokko immoo, namoonni barumsawwan sobaa hundee cimaa qabanitti amanan Phaawulosiin mudatu turan. Yeroo akkasiitti deebii akkamii kenne? Hojiin Ergamootaa 17:16 wanta Phaawulos yeroo Ateenaa turetti raawwatame ilaalchisee, “magaalattiin waaqolii tolfamoodhaan guutamuu ishii argee ni aare” jedha. Haa taʼu malee, Phaawulos waanuma isa aarse sanatti fayyadamee akka gaariitti dhugaa baʼeera. (HoE. 17:22, 23) Tooftaa itti lallabu akkaataa guddinaa gara garaa namoonni lallabuuf sun qabanii wajjin akka wal simu gochuuf carraaqeera; kun immoo ‘akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa taʼuuf’ isa gargaareera.—1 Qor. 9:20-23.

Ilaalcha ykn amantii dogoggoraa nu mudachuu dandaʼan beekuu fi karaa buʼa qabeessa taʼeen “misiraachoo wantoota gaggaarii dhufuuf jiran” sanaa lallabuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandeenya. (Rom. 10:15) Obboleettiin Dooratii jedhamtu akkana jetteetti: “Namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hedduun, Waaqayyo gara jabeessaa fi kan namatti murteessu akka taʼe barsiifamaniiru. Waaqayyo irratti amantii cimaa kan qaban taʼuu isaaniitiif namoota kana ergan galateeffadhee booda, amalawwan gaggaarii Yihowaan qabuu fi abdii inni gara fuulduraatti kenne ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu irratti akka xiyyeeffatanan godha.”

‘HAMAA GAARIIDHAAN MOʼUU KEESSAN ITTI FUFAA’

“Guyyoota dhumaa” xumuramuu jala gaʼan keessa yommuu jirru kanatti amalli namoota lallabnuuf tokko tokkoo, “isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti [akka] deemu” eegna. (2 Xim. 3:1, 13) Haalli mancaʼaan kun gara laafina akka hin argisiisne akka nu dhowwuu ykn gammachuu keenya akka nu dhabsiisu heyyamuu hin qabnu. Yihowaan humna ‘hamaa gaariidhaan moʼuu keenya itti fufuuf’ nu gargaaru nuu kennuu dandaʼa. (Rom. 12:21) Qajeelchituun Jeesiikaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee namoota gad of qaboo hin taane, akkasumas namoota nuunis taʼe ergaa keenya tuffatan wajjinan wal arga. Kun immoo kan nama aarsu taʼuu dandaʼa. Yeroon maree jalqabutti, sagalee koo utuu hin dhageessisin gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan, nama sanaaf ilaalcha Yihowaa akkan qabaadhu akka na gargaarun isa gaafadha. Kunis miira koo irratti xiyyeeffachuu mannaa, karaa nama sana gargaaruuf na dandeessisu irratti akkan yaadu na taasisa.”

Namoota jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban barbaaduu keenya itti fufna

Obsaan karaa hafuuraa isaan gargaaruuf carraaquun keenya, namoonni deebii gaarii akka kennan gochuu dandaʼa

Kana malees, obboloota nuu wajjin tajaajilan akkamitti akka jajjabeessinu yaaduu qabna. Jeesikaan akkana jetteetti: “Lamaan keenya keessaa tokko wanti gadheen nu mudateera yoo taʼe, irratti xiinxaluu dhiisuufan yaala. Kanaa mannaa, dhimmoota nama jajjabeessan irratti mariʼachuufan carraaqa; fakkeenyaaf, tajaajila keenya irratti namoonni deebii gaarii kan hin kennine taʼus, tajaajilli keenya wanta gaarii taʼe hedduu raawwachaa akka jirun dubbadha.”

Yihowaan haala rakkisaa tajaajila keenya irratti nu mudatu hunda akka gaariitti beeka. Gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya isaa yommuu hordofnu guddaa gammada. (Luq. 6:36) Dhugaa dha, gara laafinni Yihowaa daangaa qaba. Yeroo sirrii sirna kana itti balleessu akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Hamma yeroo sanaatti garuu, hojiin lallabaa keenya ariifachiisaa dha. (2 Xim. 4:2) Kanaaf, hojii nuuf kenname hinaaffaadhaan raawwachuu fi ‘akaakuu namootaa hundaatti’ gara laafinaa argisiisuu keenya itti haa fufnu.