Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni Arjummaadhaan Kennan Gammadoo Dha

Namoonni Arjummaadhaan Kennan Gammadoo Dha

“Fudhachuu irra kennuutu . . . nama gammachiisa.”—HoE. 20:35.

FAARFANNAA: 76, 110

1. Uumamni Yihowaan arjaa taʼuu isaatiif ragaa kan kennu akkamitti?

YIHOWAAN uumuu jalqabuu isaa dura yeroo kophaadhuma isaa turetti illee, waaʼee ofii isaa qofa kan yaadu hin turre. Kanaa mannaa, uumamawwan dandeettii yaaduu qaban, jechuunis qaamota hafuuraa fi ilmaan namootaatiif jireenya kenneera. Yihowaa inni “Waaqa gammadaa” taʼe, wantoota gaarii kennuu jaallata. (1 Xim. 1:11; Yaq. 1:17) Nutis gammadoo akka taanu waan barbaaduuf, arjoota akka taanu nu barsiisa.—Rom. 1:20.

2, 3. (a) Kennuun kan nu gammachiisu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

2 Waaqayyo nama akka bifa isaatti uume. (Uma. 1:27) Kunis, amala isaa calaqqisiisuu akka dandeenyutti uumamne jechuu dha. Kanaaf, gammachuu fi eebba argachuuf, warra kaaniif yaaduu fi arjummaadhaan kennuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun nu barbaachisa. (Filp. 2:3, 4; Yaq. 1:5) Kun kan barbaachise maaliifi? Salphaadhumatti, Yihowaan jaalalaan kakaʼee ilmaan namootaa akkasitti waan uumeefi dha. Mudaa kan qabnu taanu illee, arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya.

3 Kitaabni Qulqulluun arjummaa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti hima. Dhimma kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu tokko tokko haa ilaallu. Arjummaa argisiisuun surraa Waaqayyoo kan argamsiisu akkamitti akka taʼee fi amala kana horachuun hojii Waaqayyo nuuf kenne raawwachuuf kan nu gargaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Kana malees, arjoota taʼuun keenya gammachuu keenyaa wajjin akkamitti akka wal qabatee fi amala kana horachuu keenya itti fufuun kan nu barbaachisu maaliif akka taʼe qorra.

SURRAA WAAQAYYOO ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

4, 5. Yihowaa fi Yesuus arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya akkamii nuuf taʼu?

4 Yihowaan ilmaan namootaa uumama isaa taʼan fakkeenya isaa akka hordofan waan barbaaduuf, arjoota taʼuun keenya isa gammachiisa. (Efe. 5:1) Akkaataan itti uumamne, akkasumas uumamni naannoo keenyaa bareedaa fi badhaadhaa taʼuun isaa, Waaqayyo ilmaan namootaa gammadoo akka taʼan kan barbaadu taʼuu isaa ifatti mulʼisu. (Far. 104:24; 139:13-16) Kanaaf, namoonni kaan akka gammadan gochuuf yommuu carraaqnu isaaf ulfina kennaa jirra jechuu dha.

5 Kiristiyaanonni dhugaa, Kiristoos isa ilmaan namootaa akkamitti arjoota taʼuu akka dandaʼan ilaalchisee fakkeenya mudaa hin qabne nuuf taʼu hordofu. Yesuus iyyuu akkana jedheera: “Ilmi namaa warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufne.” (Mat. 20:28) Kanaan kan kaʼes, Phaawulos ergamaan akkana jedhee Kiristiyaanota gorseera: “Ilaalcha Kiristoos Yesuus qabu sana qabaadhaa . . . [Inni] duwwaa of godhe; bifa garbummaa fudhatees nama taʼe.” (Filp. 2:5, 7) Hundi keenya akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Isa kanaan duraa caalaa fakkeenya Kiristoos dhiheenyatti hordofuu nan dandaʼaa?’—1 Pheexiros 2:21 dubbisi.

6. Yesuus fakkeenya nama Samaariyaatti fayyadamee barumsa akkamii nu barsiise? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Fakkeenya Yihowaa fi Kiristoos isa mudaa hin qabne hordofuudhaan, nageenya warraa kaaniif yaaduu fi karaa isaan itti gargaarru barbaaduudhaan surraa Yihowaa argachuu dandeenya. Yesuus fakkeenya nama Samaariyaa dubbachuudhaan, duuka buutonni isaa lammii isaanii taʼu baatan illee warra kaan gargaaruuf carraaqqii guddaa gochuu akka qaban akka isaan irraa eegu ibseera. (Luqaas 10:29-37 dubbisi.) Gaaffii, Yesuus fakkeenya nama Samaariyaa sana akka dubbatu isa kakaase maal akka taʼe ni yaadattaa? Namni Yihudii taʼe tokko, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhee isa gaafatee ture. Deebiin Yesuus kenne, surraa Waaqayyoo argachuuf akkuma nama Samaariyaa sanaa fedhiidhaan kakaanee arjummaadhaan kennuu akka qabnu argisiisa.

7. Ofittoo taʼuuf dhiisuun keenya, gaaffii ol aantummaa Yihowaa irratti kaʼee wajjin kan wal qabatu akkamitti?

7 Kiristiyaanonni arjummaa argisiisuuf sababiiwwan gaggaarii hedduu qabu. Fakkeenyaaf, amalli kun gaaffii Seexanni dhaaba Eeden keessatti kaasee wajjin kan wal qabate dha. Akkamitti? Seexanni Adaamii fi Hewwaan, akkasumas karaa al kallattii taʼeen ilmaan namootaa hundi, of irratti xiyyeeffachuu fi Waaqayyoof ajajamuu mannaa, fedhii isaaniitiif dursa kennuun isaanii akka isaan fayyadu dubbateera. Hewwaanis hawwii ofittummaatiin kakaatee akka Waaqayyoo taʼuuf tarkaanfii fudhatte. Addaam immoo Hewwaaniin gammachiisuuf ofittummaa argisiise. (Uma. 3:4-6) Miidhaa murtoon isaanii geessises ifatti kan mulʼate dha. Ofittummaan gammachuu hin argamsiisu. Arjummaa argisiisuudhaan, karaa Waaqayyo wantoota itti raawwatu hunda irra kan caalu taʼuu isaa akka amannu argisiisna.

HOJII WAAQAYYO SABA ISAATIIF KENNE RAAWWACHUU

8. Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa kennuutti gammaduu kan qaban maaliifi?

8 Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa dhaaba Eeden keessa kophaa isaanii jiraachaa kan turan taʼu illee, Waaqayyo qajeelfama nageenya warra kaaniitiif yaaduu akka qaban ibsu isaaniif kennee ture. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin kan eebbise taʼuu isaa irra iyyuu, horanii baayʼachuudhaan lafa akka guutanii fi akka aangoo irratti qabaatan isaanitti dubbatee ture. (Uma. 1:28) Akkuma Uumaan keenya nageenyi uumama isaa baayʼee isa yaachisu, Addaamii fi Hewwaanis gammachuu ijoollee isaanii warra booda dhalataniif yaaduu qabu turan. Jannanni faayidaa sanyii Addaamiif jecha babalʼatee lafa guutuu qaba ture. Hojii guddaan kun maatiin isaa inni guddachaa adeemu walii galteedhaan akka hojjetan irraa barbaada.

9. Hojii Jannata babalʼisuu irratti hirmaachuun gammachuu argamsiisuu dandaʼa ture kan jennu maaliifi?

9 Dhiiraa fi dubartii mudaa hin qabne kanaaf, Jannata babalʼisuuf hojjechuun isaanii, kaayyoon Yihowaa akka raawwatamuuf guutummaatti isaa wajjin wal taʼiinsaan hojjechuudhaan boqonnaa isaatti galuu jechuu dha. (Ibr. 4:11) Hojii kana raawwachuun buʼaa guddaa akkamii akka qabu yaadaa! Nageenya warra kaaniitiif of kennuun isaanii eebba guddaa fi gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa.

10, 11. Hojii lallabaa fi barattoota gochuu akka hojjennu ajajamne raawwachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Yeroo harʼaattis, Yihowaan saba isaatiif hojii lallabuu fi barattoota gochuu isaaniif kenneera. Hojii kana galmaan gaʼuuf, nageenya warra kaaniitiif garaadhaa yaaduun nu barbaachisa. Hojii kana irratti jabaannee itti fufuu kan dandeenyu, kakaʼumsa sirrii taʼe yoo qabaanne, jechuunis Waaqayyoo fi namootaaf jaalala yoo qabaanne qofa dha.

11 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti, Phaawulos isaa fi namoota isaa wajjin hojjetan tokko tokkoon “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” kan jedhe, sanyii dhugaa Mootummichaa dhaabuu fi bishaan obaasuu irratti gaʼee waan qabaniif ture. (1 Qor. 3:6, 9) Yeroo harʼaatti, nutis yeroo keenya, qabeenya keenyaa fi humna keenya hojii lallabaa Waaqayyo nuuf kenne irratti arjummaadhaan waan kenninuuf, “warra Waaqayyoo wajjin hojjennu” taʼuu dandeenya. Kun mirga baayʼee guddaa taʼe dha!

Namoota dinqisiifannaa qaban dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu caalaa wanti gammachuu guddaa argamsiisu hin jiru (Keeyyata 12 ilaali)

12, 13. Hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuun eebba akkamii argamsiisa jettee yaadda?

12 Hojii lallabaa fi barattoota gochuu irratti yeroo fi humna keenya arjummaadhaan kennuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Obboloonni qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu guddina argisiisan geggeessuuf mirga argatan hedduun, wanti kana caalaa nama gammachiisu akka hin jirre isinitti himuu dandaʼu. Namoonni dinqisiifannaa qaban dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuudhaan yommuu fuulli isaanii ifu, amantiin isaanii guddatu, jijjiirama yommuu godhanii fi dhugaa namoota kaaniif hiruu yommuu jalqaban arguun gammachuu guddaa argamsiisa. Labsitoonni 70⁠ni Yesuus erge, buʼaa gaarii argatanii ‘gammachuudhaan yommuu deebiʼan,’ innis gammachuu guddaa argateera.—Luq. 10:17-21.

13 Babalʼistoonni addunyaa mara irra jiran, ergaan misiraachichaa jireenya namootaa irratti jijjiirama gaarii fiduu isaa yommuu argan ni gammadu. Mee fakkeenya obboleettii qeenxee Aanaa * jedhamtuu fi tajaajila ishii balʼifachuuf Baha Awurooppaa bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemtee haa ilaallu. Akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Asitti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf carraa hedduutu jira, anis kana baayʼee jaalladheera. Tajaajila koo irraa gammachuu guddaa argachaan jira. Yeroon gara manaatti deebiʼu, waaʼee ofii koo yaaduuf yeroo hin qabu. Waaʼee namootan qoʼachiisuu, jechuunis rakkina isaanii fi dhiphina isaanii irrattan yaadaa. Karaawwan isaan itti jajjabeessuu dandaʼuu fi gargaarsa qabatamaa isaaniif kennu itti dandaʼu barbaaduufan carraaqa. Yaanni, ‘Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa’ jedhu dhugaa taʼuu isaa amaneera.”—HoE. 20:35.

Naannoo tajaajilaa keenya keessatti manaa gara manaatti yommuu tajaajillu, namoonni ergaa Mootummichaatiif deebii akka kennan carraa isaaniif kennaa jirra (Keeyyata 14 ilaali)

14. Misiraachichaaf deebii gaarii kan kennan namoota muraasa taʼanis, tajaajila keessan irraa gammachuu argachuu kan dandeessan akkamitti?

14 Namoonni dhaggeeffachuu dhiisuuf kan filatan taʼu illee, ergaa misiraachichaatiif deebii akka kennan carraa isaaniif kennuudhaan gammachuu argachuu dandeenya. Hojiin yeroo harʼaatti akka raawwannuu nuuf kenname hojii Hisqiʼel raajichaaf kennamee wajjin wal fakkaata; Yihowaan akkana isaan jedhee ture: “Yoo dhagaʼan, yoo dhagaʼuu dhaabaatanis ati dubbii koo isaanitti dubbadhu!” (His. 2:7; Isa. 43:10) Namoonni tokko tokko ergaa keenya kan hin dinqisiifanne taʼu illee, Yihowaan garuu carraaqqii keenya ni dinqisiifata. (Ibroota 6:10 dubbisi.) Babalʼisaan tokko gama kanaan ilaalcha baayʼee gaarii taʼe akka qabu argisiiseera. Tajaajila isaa ilaalchisee akkana jechuudhaan barreesseera: “Nuti ni dhaabna, bishaan ni obaasna, akkasumas Yihowaan immoo fedhii isaanii akka guddisu abdachuudhaan ni kadhanna.”—1 Qor. 3:6.

GAMMADOO TAʼUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

15. Namoonni hedduun arjummaa isin argisiistaniif deebii akkamii kennu? Deebiin isaan kennan hoo nu irratti dhiibbaa geessisuu qabaa?

15 Yesuus arjoota taʼuudhaan gammachuu akka argannu barbaada. Namoonni hedduunis arjummaa ni dinqisiifatu. Yesuus akkana jechuudhaan gorsa kenneera: “Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu. Isaanis safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii kaasuu keessanitti isiniif kennu. Safartuu isin namaaf itti safartanitti, isaanis deebisanii isiniif safaru.” (Luq. 6:38) Kennaa nuti arjummaadhaan kenninuuf deebii gaarii kan kennan namoota hunda akka hin taane beekamaa dha; deebii gaarii yoo kennan garuu galata wal irra hin cinne argamsiisuu dandaʼa. Kanaaf, namoonni kan dinqisiifatan ykn kan hin dinqisiifanne fakkaatanis kennuu keessan itti fufaa. Arjummaan isin al tokko qofa argisiistan illee, wanta gaarii hammamii fiduu akka dandaʼu matumaa beekuu hin dandeessan.

16. Arjummaadhaan kennuuf kan nu kakaasu maal taʼuu hin qabu?

16 Namoonni dhugumaan arjoota taʼan, namoota deebisanii akka isaaniif kennan eeguudhaan kennan miti. Yesuus akkana jedhee kan barsiise kana yaadatti qabachuudhaan ture: “Yommuu afeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼate, warra naafatanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami; isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta. Yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti gatiin kee sii deebiʼa.” (Luq. 14:13, 14) Barreessaan hafuuraan geggeeffame tokko, “Namni arjaan eebbifamaa in taʼa” jedheera. Inni kan biraan immoo, “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu!” jedheera. (Fak. 22:9; Far. 41:1) Dhuguma iyyuu, warra kaan gargaaruun waan nu gammachiisuuf arjoota taʼuu qabna.

17. Kennaa akkamii kennuutu isin gammachiisa?

17 Phaawulos wanta Yesuus “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jechuudhaan dubbate yommuu caqasu, wanta qabnu kennuu qofa utuu hin taʼin jajjabina, gorsaa fi gargaarsa isaan barbaachisu kennuu akka dabalatu dubbachuu isaa ture. (HoE. 20:31-35) Phaawulos dubbii isaatiinis taʼe fakkeenya taʼuudhaan akka of kenninu, jechuunis yeroo, humna, xiyyeeffannaa fi jaalala keenya akka kenninu nu barsiiseera.

18. Arjummaadhaan kennuu ilaalchisee qorattoonni hedduun xumura akkamii irra gaʼaniiru?

18 Qorattoonni saayinsii hawaasaa irratti bobbaʼanis, kennuun namootaaf gammachuu akka argamsiisu hubataniiru. Akka barreeffamni tokko jedhetti, “namoonni warra kaaniif gaarummaadhaan wanta tokko erga raawwatanii booda gammachuun isaanii guddaa akka dabale gabaasaniiru.” Akka qorattoonni jedhanitti, namoota kan biraa gargaaruun “fedhii buʼuuraa ilmaan namootaa waan guutuuf,” jireenya “kaayyoo guddaa fi hiikkaa qabu” qabaachuuf baayʼee barbaachisaa dha. Kanaaf, hayyoonni yeroo baayʼee fayyaa isaanii fi gammachuu isaanii akka dabaluuf hojii tola ooltummaa akka raawwatan namoota jajjabeessu. Kun garuu namoota Kitaaba Qulqulluu akka Dubbii Yihowaa isa Uumaa ilmaan namootaa jaalala qabeessa taʼetti fudhataniif wanta haaraa miti.—2 Xim. 3:16, 17.

ARJUMMAA HORACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

19, 20. Sababiiwwan arjoota taʼuuf isin kakaasan akkamii qabdu?

19 Namoota kan warra kaanii caalaa fedhii ofii isaaniitiif dursa kennan gidduu utuu jiraannuu, amala arjummaadhaan kennuu keenya eegnee jiraachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yesuus ajajawwan guguddaa lamaan, garaa, lubbuu, sammuu fi humna keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu, akkasumas nama akka ofii keenyaatti jaallachuu akka taʼe dubbateera. (Mar. 12:28-31) Akkuma mata duree kana keessatti ilaalle, namoonni Yihowaa jaallatan fakkeenya isaa hordofu. Yihowaan warra kaaniif ni kenna, Yesuusis akkasuma godha. Gammachuu dhugaa waan nuu kennuuf nutis akkasuma akka goonu nu gorsu. Waaqayyoo fi namootaa wajjin haala wal qabateen amala arjummaa argisiisuuf kan carraaqnu yoo taʼe, Yihowaadhaaf ulfina argamsiisna; akkasumas ofii keenyaafis taʼe warra kaaniif faayidaa argamsiisna.

20 Kana dura iyyuu warra kaaniif, keessumaa immoo namoota hidhata amantii keessan taʼaniif of kennuuf carraaqqii gochaa akka jirtan hin shakkisiisu. (Gal. 6:10) Akkana gochuu keessan yoo itti fuftan, akka jaallatamtanii fi akka dinqisiifamtan beekamaa dha; kunis gammachuu isiniif argamsiisa. Fakkeenyi 11:25, “Namni arjaan in lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu in baafama” jedha. Kennaan ofittummaa irraa walaba taʼe, gaarummaanii fi arjummaan jireenya Kiristiyaanummaa keenya keessatti fi tajaajila keenya irratti karaa hedduu fi kallattii garaa garaatiin argisiifamuu dandaʼa; kunis eebba hedduu argamsiisa. Mata dureen itti aanu karaa fi kallattii kana gochuu itti dandeenyu tokko tokko ibsa.

^ key. 13 Maqaan ishii jijjiirameera.