Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?

Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?

“Namni dubbii [“dhugaa isaa,” NW] utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.”—FAK. 18:13.

FAARFANNAA: 126, 95

1, 2. (a) Dandeettii barbaachisaa taʼe akkamii guddifachuu qabna? Maaliif? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

KIRISTIYAANOTA dhugaa waan taaneef, dandeettii odeeffannoo tokko madaaluu irratti qabnu guddifachuu fi murtoo sirrii irra gaʼuun nu barbaachisa. (Fak. 3:21-23; 8:4, 5) Dandeettii kana hin guddifannu yoo taʼe garuu, carraaqqii Seexannii fi addunyaan isaa ilaalcha keenya mancaasuuf godhaniif caalaatti saaxilamuu dandeenya. (Efe. 5:6; Qol. 2:8) Dhugaa dha, murtoo sirrii irra gaʼuu kan dandeenyu dhugaa jiru hunda kan beeknu yoo taʼe qofa dha. Fakkeenyi 18:13, “Namni dubbii [“dhugaa isaa,” NW] utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa” jedha.

2 Mata duree kana keessatti, rakkoowwan dhugaa jiru beekuu fi murtoo sirrii irra gaʼuu wajjin wal qabatan tokko tokko qorra. Kana malees, qajeelfamootaa fi fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu dandeettii odeeffannoo madaaluu irratti qabnu guddifachuuf nu gargaaruu dandaʼan ilaalla.

“DUBBII HUNDUMAA” HIN AMANINAA

3. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu Fakkeenya 14:15 irra jiru hojii irra oolchuu kan qabnu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Yeroo harʼaatti, odeeffannoo hedduun namoota bira gaʼaa jira. Odeeffannoon weeb saayitoonni, sagantaaleen televizyiinii fi meeshaaleen sabqunnamtii kaan dabarsan dhuma kan hin qabne fakkaata. Kana malees, namoonni baayʼeen karaa iimeelii, ergaawwan gabaabaa fi gabaasaatiin namoota michoota isaanii taʼan irraas taʼe namoota hin beekne irraa odeeffannoo hedduu argachaa jiru. Taʼe jedhanii odeeffannoo sobaa fi dubbii dhugaa hin taane babalʼisuun baramaa taʼaa waan dhufeef, wanta dhageenyu ilaalchisee of eeggannoo gochuu fi gad fageenyaan madaaluuf sababii quubsaa qabna. Gama kanaan qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu nu gargaaruu dandaʼu isa kami? Fakkeenyi 14:15, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jedha.

4. Yaanni Filiphisiyus 4:8, 9 irra jiru wanta dubbisnu filachuu irratti kan nu gargaaru akkamitti? Odeeffannoo sirrii taʼe argachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Saanduqa “ Qophii Odeeffannoo Guutuu Akka Argannu Nu Gargaaruuf Taasifame Muraasa” jedhus ilaali.)

4 Murtoo gaarii irra gaʼuuf dhugaa qabatamaa taʼe argachuu nu barbaachisa. Kanaaf, odeeffannoo dubbisnu of eeggannoo guddaadhaan filachuu nu barbaachisa. (Filiphisiyus 4:8, 9 dubbisi.) Oduuwwan shakkisiisoo toora intarneetii irratti baʼan ilaaluudhaan ykn gabaasawwan dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamnee fi karaa iimeelii balʼinaan tamsaafaman dubbisuudhaan yeroo keenya gubuu hin qabnu. Keessumaa weeb saayitoota gantoonni babalʼisan irraa fagaachuun baayʼee barbaachisaa dha. Kaayyoon isaanii inni guddaan, saba Waaqayyoo diiguu fi dhugaa jiru jalʼisuu dha. Odeeffannoon guutuu hin taane murtoo dogoggora taʼe gochuutti nama geessa. Dhiibbaa guddaa odeeffannoon dogoggora taʼe garaa fi sammuu keessan irratti geessisuu dandaʼu matumaa akka laayyootti hin ilaalinaa.—1 Xim. 6:20, 21.

5. Israaʼeloonni gabaasa dogoggoraa akkamii dhagaʼanii turan? Kun hoo kan isaan miidhe akkamitti?

5 Gabaasa soba taʼe amanuun balaa guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, bara Museetti Biyyattii Abdachiifamte akka gaadaniif gaaddoota ergaman 12 keessaa 10 gabaasa dogoggoraa fidanii yommuu dhufanitti wanta taʼe haa ilaallu. (Lak. 13:25-33) Gabaasni arbeeffamee fi naasisaan isaan fidanii dhufan, sabni Yihowaa gar malee akka sodaatu godheera. (Lak. 14:1-4) Sabichi kan sodaate maaliifi? Tarii gaaddota keessaa harki caalaan isaanii gabaasa sirrii hin taane fidanii waan dhufaniif, wanti isaan dubbatan dhugaa dha jedhanii yaadanii taʼuu qaba. Kanaaf, gabaasa sirrii Iyaasuu fi Kaaleb warri amanamoo taʼan fidanii dhufan dhagaʼuu didan. (Lak. 14:6-10) Dhugaa jiru adda baasuu fi Yihowaatti amanamuu mannaa, gabaasa sirrii hin taane amanuu filataniiru. Kun gowwummaa guddaa dha!

6. Gabaasawwan sobaa saba Yihowaa irratti dubbataman yommuu dhageenyu rifachuu kan hin qabne maaliifi?

6 Keessumaa gabaasawwan saba Yihowaa wajjin haala wal qabateen dhihaatan irratti of eeggannoo gochuun nu barbaachisa. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan akka himatu matumaa dagachuu hin qabnu. (Mul. 12:10) Kanaaf, Yesuus mormitoonni “sobaan wanta hamaa hundumaa” akka nu irratti dubbatan akeekkachiiseera. (Mat. 5:11) Akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa kan kenninu yoo taʼe, gabaasawwan sobaa saba Yihowaa irratti dubbataman yommuu dhageenyu hin rifannu.

7. Iimeelii ykn ergaa gabaabaa erguu keenya dura maal tilmaama keessa galchuu qabna?

7 Michootaa kee fi namoota hin beekneef, iimeelii fi ergaa gabaabaa erguun si gammachiisaa? Taanaan, seenaa oduu irratti dubbatame haaraa yommuu argitu ykn muuxannoo tokko yeroo dhageessu, nama jalqabaa seenaa gammachiisaa kana gabaasu taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, ergaa gabaabaa ykn iimeelii erguu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Odeeffannoon babalʼisuuf jedhu kun dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼaa dha? Dhimma sana ilaalchisee hoo odeeffannoo guutuu qabaa?’ Yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte, utuu hin beekin obboloota keenya gidduutti odeeffannoo soba taʼe babalʼisuu dandeessa. Shakkii yoo qabaatte, odeeffannoo kana erguu irraa of qusadhu.

8. Mormitoonni biyyoota tokko tokko keessa jiran maal godhaniiru? Nuti hoo utuu hin beekin isaan deggeruu kan dandeenyu akkamitti?

8 Iimeelii ykn ergaa gabaabaa nuuf ergame saffisaan namoota kaaniif dabarsanii erguunis balaa kan biraa qaba. Biyyoota tokko tokko keessatti, hojiin keenya kan daangeffame ykn guutummaatti kan dhorkame dha. Mormitoonni keenya biyyoota akkasii keessa jiran, taʼe jedhanii gabaasawwan akka wal sodaannu ykn akka wal shakkinu gochuuf qopheeffaman babalʼisuu taʼa. Mee wanta Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti raawwatame tokko haa ilaallu. Poolisoonni dhoksaadhaan sochaʼanii fi Kee.Jii.Bii. jedhaman, oduu sobaa obboloonni itti gaafatamummaa qaban tokko tokko saba Yihowaa akka ganan ibsu dubbatu turan. * Obboloonni hedduun gabaasa sobaa kana amananii turan; kanaan kan kaʼes jaarmiyaa Yihowaa irraa adda of baasaniiru. Kun baayʼee nama gaddisiisa! Kan nama gammachiisu garuu, yeroo booda baayʼee isaanii deebiʼaniiru; tokko tokko garuu matumaa hin deebine. Amantiin isaanii akka doonii balaan irra gaʼee caccabee hafeera. (1 Xim. 1:19) Nuti hoo haala gaddisiisaa akkasii irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gabaasawwan dogoggoraa ykn dhugaa taʼuun isaanii hin mirkaneeffamne babalʼisuu irraa of qusachuudhaani. Salphaatti kan gowwoomfamtan hin taʼinaa. Dhimmichi dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffadhaa.

ODEEFFANNOO GUUTUU HIN TAANE

9. Wanti odeeffannoo sirrii akka hin arganne gufuu nutti taʼuu dandaʼu kan biraan maali dha?

9 Gabaasawwan walakkaan isaanii dhugaa taʼan ykn odeeffannoon guutuu hin taane murtoo sirrii irra gaʼuuf gufuu nutti taʼuu dandaʼu. Seenaan dhibbeentaa 10 qofa dhugaa taʼe dhibbeentaa 100 kan nama dogoggorsu taʼuu dandaʼa. Maarree seenaawwan hamma tokko dhugaa of keessaa qabanii fi nama dogoggorsiisaniin gowwoomfamuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?—Efe. 4:14.

10. Israaʼeloonni obboloota isaanii irratti waraana banuuf yaadanii kan turan maaliifi? Kun utuu hin taʼin kan hafe hoo akkamitti?

10 Mee amma immoo wanta Israaʼeloonni bara Iyaasuutti yommuu Laga Yordaanos gara dhihaa jiraachaa turanitti raawwatame haa ilaallu. (Iya. 22:9-34) Israaʼeloonni Laga Yordaanos gara bahaatti jiraatan (ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee) bakka Yordaanositti dhihoo taʼetti iddoo aarsaa baayʼee guddaa taʼe tokko akka ijaaran dhagaʼan. Gabaasni kun hamma tokko dhugaa dha. Israaʼeloonni gara dhihaa jiraatan odeeffannoo guutuu hin taane kana irratti hundaaʼuudhaan, obboloonni isaanii Yihowaa irratti fincila kaasaniiru jedhanii murteessan; kanaaf Israaʼeloonni gara dhihaa jiraatan warra gara bahaa jiraatan irratti waraana banuuf walitti qabaman. (Iyaasuu 22:9-12 dubbisi.) Kan nama gammachiisu garuu, waraana isaan irratti banuu isaanii dura odeeffannoo guutuu argachuuf namoota amanamoo taʼan gara isaanitti ergan. Deebiin namoonni kun argatan hoo maal ture? Israaʼeloonni ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee taʼan iddoo aarsaa kan ijaaran aarsaa irratti dhiheessuuf utuu hin taʼin yaadannoodhaaf ture. Iddoo aarsaa sana kan ijaaran, gara fuulduraatti namni hundi, isaanis tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼuu isaanii akka beekaniif ture. Israaʼeloonni gara dhihaa jiraatan kun odeeffannoo guutuu hin taane kana irratti hundaaʼuu mannaa, odeeffannoo guutuu argachuuf yeroo fudhachuu fi obboloota isaanii balleessuu irraa of qusachuu isaanitti guddaa galateeffatanii taʼuu qaba!

11. (a) Mefii-Bosheet irratti jalʼinni haqaa kan raawwatame akkamitti? (b) Daawit jalʼina haqaa kana hambisuu kan dandaʼu akkamitti?

11 Waaʼee keenyas dhugaan walakkaa ykn odeeffannoon guutuu hin taane waan odeeffameef jalʼinni haqaa nu irra gaʼee taʼuu dandaʼa. Mee fakkeenyaaf waaʼee Daawit Mootichaa fi Mefii-Bosheet haa ilaallu. Daawit, lafa akaakayyuu isaa Saaʼol hunda isaaf deebisuudhaan, Mefii-Bosheetiitti arjummaa fi gaarummaa argisiiseera. (2 Sam. 9:6, 7) Yeroo booda garuu Daawit waaʼee Mefii-Bosheet gabaasa dogoggoraa dhagaʼe. Wanta dhagaʼe utuu hin qulqulleeffatin, qabeenyi Mefii-Bosheet hundi akka isa irraa fudhatamu murteesse. (2 Sam. 16:1-4) Erga isaa wajjin dubbatee booda, Daawit balleessaa isaa kan amane taʼuu isaa irra iyyuu walakkaan qabeenya Mefii-Bosheet akka isaaf deebiʼu godheera. (2 Sam. 19:24-29) Haa taʼu malee, Daawit odeeffannoo guutuu hin taane irratti hundaaʼee ariitiidhaan tarkaanfii fudhachuu mannaa, yeroo fudhatee dhugaa jiru beekuuf utuu yaalii godheera taʼee jalʼina haqaa kana hambisuu ni dandaʼa ture.

12, 13. (a) Yesuus odeeffannoo maqaa isaa balleessuuf dubbatameef deebii kan kenne akkamitti? (b) Namni tokko dubbii sobaa maqaa keenya balleessu kan babalʼisu yoo taʼe maal gochuu dandeenya?

12 Ati hoo maqaa kee balleessuudhaaf dubbiin sobaa utuu dubbatame maal goota? Haalli rakkisaan akkasii Yesuusii fi Yohaannis Cuuphaa irras gaʼee ture. (Maatewos 11:18, 19 dubbisi.) Yesuus odeeffannoo sobaa kanaaf deebii kan kenne akkamitti? Himata isa irratti dhihaate kanaaf deebii kennuuf jecha yeroo fi humna isaa hunda hin balleessine. Kanaa mannaa, namoonni wanta dhugaa taʼe irratti, jechuunis wanta inni raawwatee fi wanta inni barsiise irratti akka xiyyeeffatan isaan jajjabeesseera. Akkuma Yesuus jedhe, “ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkaneeffameera.”—Mat. 11:19.

13 Kana irraa barumsi barbaachisaan argannu tokko jira. Yeroo tokko tokko, namoonni waaʼee keenya wanta sirrii hin taane ykn wanta arbeeffame dubbatu taʼa. Haqa argachuu fi maqaa keenya isa badee ture iddootti deebisuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf hawwina taʼa. Taʼus, wanti gochuu dandeenyu jira. Namni tokko waaʼee keenya wanta soba taʼe yoo dubbate, namni kam iyyuu soba kana hin amanu jennee yaaduu dandeenya. Akkuma fakkeenyi Yesuus argisiisutti, amalli Kiristiyaanummaa keenya inni gaariin dhugaa walakkaa taʼee fi himata sobaa haquu dandaʼa.

OFII KEETIIF ILAALCHA AKKAMII QABDA?

14, 15. Hubannaa ofii keenyaatti amanamuun kiyyoo nutti taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Odeeffannoo amanamuu dandaʼu argachuun rakkoowwan yeroo murtoo sirrii goonutti nu mudatan keessaa isa tokko qofa dha. Mudaa kan qabnu taʼuun keenyas rakkoo guddaa kan biraa dha. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa kan turre yoo taane hoo? Dandeettii yaaduu fi hubannaa gaarii horannee taʼuu dandaʼa. Dandeettii murtoo sirrii gochuuf qabnuun kan kaʼe namoonni kabaja guddaa nuuf kennu taʼa. Haa taʼu malee, haalli kun hoo kiyyoo nutti taʼuu dandaʼaa?

15 Eeyyee, hubannaa ofii keenyatti gar malee amanamuun kiyyoo nutti taʼuu dandaʼa. Miirrii fi ilaalchi dhuunfaa keenyaa yaada keenya toʼachuu jalqabuu dandaʼa. Tarii dhugaa jiru hunda yoo hubachuu baannes, dhimma sana furuu fi hubachuu akka dandeenyu nutti dhagaʼamuu jalqaba taʼa. Kun balaa guddaa geessisa! Kitaabni Qulqulluun hubannaa ofii keenyaatti akka hin amanamne ifatti nu akeekkachiisa.—Fak. 3:5, 6; 28:26.

16. Haala taʼuu dandaʼu jennee akka fakkeenyaatti fudhanne irratti mana nyaataa keessatti maaltu raawwatame? Toom ariitiidhaan murtoo akkamii irra gaʼee ture?

16 Mee haala taʼuu dandaʼu tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jaarsi muuxannoo qabuu fi Toom jedhamu galgala tokko mana nyaataa keessa utuu jiruu, jaarsa gumii Joon jedhamuu fi dubartii haadha manaa isaa hin taanee wajjin taaʼee yommuu argu baayʼee rifatee ture. Toom lamaan isaanii iyyuu wajjin kolfaa, wal arguu isaaniitti gammadaa fi karaa jaalala akka waliif qaban argisiisuun yommuu wal hammatan arge. Yeroo kanatti Toom baayʼee jeeqame. Wanti kun haadha manaa isaa wajjin akka wal hiikuu godhaa? Haadha manaa Joon irra maaltu gaʼa? Ijoolleen isaa hoo akkam taʼu? Toom kanaan dura haalli gaddisiisaan akkasii yommuu uumamu argeera. Wanta uumame kana kan arge utuu siʼi taʼee, maaltu sitti dhagaʼama ture?

17. Haala taʼuu dandaʼa jennee yaanne irratti, Toom booda maal hubateera? Nuti hoo kana irraa maal baranna?

17 Toom ariitiidhaan Joon haadha manaa isaatiif utuu hin amanamin hafeera jedhee murteessus, odeeffannoo guutuu qabaa? Galgala sana gara boodaa Toom Jooniif bilbile. Toom dubartiin sun obboleettii Joon magaalaa biraatii isa gaafachuu dhufte taʼuu ishii yommuu hubatu, yaaddoo isaa irraa boqonnaa guddaa akka argatu tilmaamuu dandeessu. Joonii fi obboleettiin isaa waggoota hedduudhaaf utuu wal hin argin turaniiru. Obboleettiin isaa saʼaatii muraasa qofa waan turtuuf, mana nyaataa kana dhaqee kan ishii arguu dandaʼu Joon qofa ture. Haati manaa isaa isaanii wajjin achitti argamuu hin dandeenye. Kan nama gammachiisu garuu, Toom wanta dogoggoraan yaadee ture kana namoota kaanitti hin dubbanne. Kun maal nu barsiisa? Jireenya Kiristiyaanaa keessatti hangam iyyuu muuxannoo hedduu kan qabnu taʼu illee, muuxannoon qofti odeeffannoo guutuu qabaachuu matumaa bakka buʼuu hin dandaʼu.

18. Walitti buʼiinsi dhuunfaa murtoo keenya irratti dhiibbaa gochuu kan dandaʼu akkamitti?

18 Wanta tokko karaa sirrii taʼeen madaaluun rakkisaa akka nutti taʼu kan godhu kan biraan immoo, obboleessa gumii keessa jiru tokkoo wajjin walitti buʼiinsa dhuunfaa yoo qabaanne dha. Walitti buʼiinsa uumame irratti yeroo hunda kan yaannu yoo taʼe, wanta obboleessi keenya godhu ija shakkiitiin ilaaluu jalqabna taʼa. Kanaaf, waaʼee obboleessa kana odeeffannoo dogoggoraa yoo dhageenye illee dafnee amanna taʼa. Kana irraa barumsa akkamii arganna? Obboloota keenyatti haaloo qabachuun, murtoo odeeffannoo guutuu taʼe irratti hin hundoofne akka goonu nu gochuu dandaʼa. (1 Xim. 6:4, 5) Hinaaffaa fi goomachuun akka nu keessatti hin guddanne heyyamuu dhiisuudhaan, murtoo keenya irratti dhiibbaa akka hin geessisne gochuu dandeenya. Miirawwan gadhee akkasiitiin moʼamuu mannaa, obboloota keenya jaallachuu fi tola garaadhaa dhiifama isaanii gochuuf dirqamni akka nu irra jiru haa hubannu.—Qolosaayis 3:12-14 dubbisi.

QAJEELFAMAWWAN KITAABA QULQULLUU EEGUMSA NUUF GODHU

19, 20. (a) Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu odeeffannoo tokko sirriitti madaaluuf nu gargaaran kamfaʼi? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qorra?

19 Yeroo harʼaatti odeeffannoowwan sobaa, gabaasawwan walakkaan isaanii dhugaa taʼan babalʼachuun isaanii fi mudaa kan qabnu taʼuun keenya, dhimma tokko ilaalchisee dhugaa isaa beekuu fi sirriitti madaaluun rakkisaa akka nutti taʼu godhu. Wanti haala rakkisaa akkasii keessatti nu gargaaru maali dha? Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu beekuu fi hojii irra oolchuu qabna. Qajeelfamawwan sana keessaa tokko, dhimma tokko dhugaa isaa utuu hin dhagaʼin deebii kennuun gowwummaa fi yeelloo akka taʼe kan ibsu dha. (Fak. 18:13, NW) Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu kan biraan immoo, wanta dubbatame hunda gaaffii malee fudhachuu akka hin qabne nu yaadachiisa. (Fak. 14:15) Dhuma irrattis, jireenya Kiristiyaanaa keessatti hammam illee muuxannoo kan qabnu yoo taʼe, hubannaa ofii keenyaatti akka hin amanamne of eeggachuu qabna. (Fak. 3:5, 6) Odeeffannoowwan madda amanamuu dandaʼaman irraa argaman irratti hundoofne xumura gaarii irra kan geenyuu fi murtoo ogummaa irratti hundaaʼe kan goonu yoo taʼe, qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu eegumsa nuuf gochuu dandaʼu.

20 Haa taʼu malee, rakkinni kan biraanis jira. Innis wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼanii dhimmoota tokko tokko murteessuu dha. Mata duree itti aanu irratti, gama kanaan wantoota baramoo gufuu taʼan tokko tokkoo fi gufuuwwan kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qorra.

^ key. 8 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2004, ful. 111-112 fi Kitaaba Waggaa 2008, ful. 133-135 ilaali. (Ingiliffa)