Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obsa—Kaayyoo Qabaachuudhaan Waa Dandaʼuu

Obsa—Kaayyoo Qabaachuudhaan Waa Dandaʼuu

DHIIBBAAN “guyyoota dhumaa” dabalaa waan jiruuf, sabni Yihowaa yeroo kam iyyuu caalaa obsa qabaachuun isaan barbaachisa. (2 Xim. 3:1-5) Addunyaa namoota of jaallataniin, walii galuuf fedhii hin qabnee fi of hin toʼanneen guutame keessa jiraachaa jirra. Namoonni amala akkasii argisiisan yeroo baayʼee obsa hin qaban. Kanaafuu, Kiristiyaanonni hundi akkana jedhanii of gaafachuu qabu: ‘Amalli obsa dhabuu namoonni addunyaa qaban natti darbaa jiraa? Obsa jechuun maal jechuu dha? Akkasumas amala Kiristiyaanaa dinqisiisaa taʼe kana kutaa namummaa kootii godhee itti fufu kanan dandaʼu akkamitti?’

OBSA JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti, obsi haala rakkisaa tokko dandaʼanii jiraachuu qofa kan argisiisu miti. Namni obsa isa amala Waaqayyoo taʼe argisiisu kaayyoodhaan waa dandaʼa. Namni akkasii fedhii ofii isaa caalaa nageenya nama isa rakkina uumaa jiru sanaaf yaada. Kanaan kan kaʼes, namni obsa qabu tokko yommuu miidhamu ykn yommuu namoonni isa aarsanitti walitti dhufeenyi bade sun fooyyaʼuu hin dandaʼu jedhee yaaduudhaan abdii hin kutatu. Kitaabni Qulqulluun amalawwan jaalala irraa maddan keessaa “obsa” jalqaba irratti caqasuun isaa nama hin dinqisiisu. * (1 Qor. 13:4) Kana malees, Dubbiin Waaqayyoo ‘obsi’ ‘firii hafuuraa’ keessaa tokko akka taʼe dubbata. (Gal. 5:22, 23) Maarree amala Waaqayyoo kana horachuuf maaltu nu barbaachisa?

OBSA HORACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

Obsa horachuuf, Yihowaan hafuura isaa isa namoota isatti amanamanii fi isatti maxxananiif kennu akka nuu kennu isa kadhachuu qabna. (Luq. 11:13) Hafuurri Waaqayyoo humna guddaa kan qabu taʼus, nutis gama keenyaan wanta kadhannaa keenyaa wajjin wal simu gochuudhaan gaʼee keenya raawwachuu qabna. (Far. 86:10, 11) Kun immoo amalli kun garaa keenya keessatti akka hundee gadi fageeffatuuf guyyaa hundumaa obsa argisiisuuf carraaquu qabna jechuu dha. Taʼus, obsi kutaa namummaa keenyaa taʼee akka itti fufu gochuuf wanta dabalataa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Wanti kana gochuuf nu gargaaru kan biraa maali dha?

Fakkeenya Yesuus isa mudaa hin qabne qoruu fi hordofuudhaan obsa horachuu ni dandeenya. Fakkeenya Yesuusii wajjin haala wal simuun, Phaawulos ergamaan hafuuraan gaggeeffamee waaʼee “namummaa haaraa” isa “obsa” dabalatu erga ibsee booda, “nagaan Kiristoos garaa [keenya] keessatti haa moʼu” jechuudhaan gorsa nuu kenneera. (Qol. 3:10, 12, 15) Nutis akkuma Yesuus, Waaqayyo dhimmoota nu yaaddessan akka sirreessu amantii cimaa qabaachuudhaan nagaan akkasii garaa keenya keessatti akka “moʼu” gochuu dandeenya. Fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe, wanti naannoo keenyatti raawwatamu kam iyyuu obsa akka nu dhabsiisu hin heyyamnu.—Yoh. 14:27; 16:33.

Addunyaa haaraa Waaqayyo akka fidu abdachiise arguuf kan hawwinu taʼus, obsa Yihowaan nutti argisiise irratti yeroo xiinxallu obsa dabalataa qabaachuu akka qabnu baranna. Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni tokko tokko Yihowaan akka turu godhanii akka yaadan, inni abdiiwwan kenne raawwachuuf hin turu; kanaa mannaa hundumtuu yaada akka geddaratan malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaadneef isiniif jedhee ni obsa” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (2 Phe. 3:9) Obsa Yihowaan nutti argisiise irratti yeroo yaannu nuttis warra kaaniif caalaatti obsuuf hin kakaanuu? (Rom. 2:4) Kana sammuutti qabachuudhaan, haalawwan obsa argisiisuun itti nu barbaachisu tokko tokko haa ilaallu.

HAALAWWAN OBSA QABAACHUUN ITTI NU BARBAACHISU

Haalawwan guyyaa guyyaatti nu mudatan baayʼeen obsa keenya qoruu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, wanta barbaachisaa tokko dubbachuu akka qabdu yoo sitti dhagaʼame, dubbii warra kaanii akka addaan hin kunne obsa qabaachuun si barbaachisuu dandaʼa. (Yaq. 1:19) Obboloota barsiifata si aarsuu qaban wajjin yeroo taatus obsa qabaachuun si barbaachisa taʼa. Wantoota akkasiitti garmalee aaruu mannaa, dadhabina keenya wajjin haala walqabateen wanta Yihowaa fi Yesuus godhan irratti yaaduun kee gaarii dha. Isaan dogoggora xixinnoo raawwannuun nu hin ceephaʼan. Kanaa mannaa, amalawwan gaggaarii qabnu irratti xiyyeeffatu, akkasumas fooyyaʼiinsa gochuuf yommuu carraaqnu nuuf obsu.—1 Xim. 1:16; 1 Phe. 3:12.

Wanti obsa keenya qoru inni biraan immoo, namni tokko wanti dubbanne ykn wanti hojjenne dogoggora akka taʼe yeroo dubbatuutti dha. Haalli akkasii yeroo nu mudatutti yeroo baayʼee dafnee aarra ykn balleessaa akka hin qabne amansiisuuf carraaqna taʼa. Dubbiin Waaqayyoo garuu wanta kana irraa adda taʼe akka goonu nu gorsa. Akkana jedha: “Nama of korsu [of tuulu] irra, nama obsu wayya; Aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin.” (Lal. 7:8, 9) Kanaafuu, himanni nu irratti dhihaate guutummaatti yoo soba taʼe illee, deebii kenninu irratti obsaan yaaduu qabna. Yesuus yeroo namoonni kaan dogoggoraan isa ceephaʼanitti dhugaa buʼuuraa kana hojii irra oolcheera.—Mat. 11:19.

Warri keessumaa yeroo amala, fedhii ykn ilaalchaa dogoggoraa ijoolleen isaanii horachaa jiran sirreessuun isaan barbaachisutti obsa qabaachuu qabu. Haala Maatiyaas isa miseensa maatii Betʼel Iskaandineeviyaa taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti, amantii isaatiin kan kaʼe mana barumsaatti arrabsoon hedduu isa irra gaʼeera. Jalqaba irratti warri isaa waaʼee kanaa hin beekan turan. Haa taʼu malee, mucaan isaanii dhugaa shakkuu waan jalqabeef miidhaa mormiin kun isa irraan geessiseef furmaata kennuun isaan barbaachisee ture. Abbaa Maatiyaas kan taʼe Giilas haalli isaa obsa hedduu gaafatee ture” jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Maatiyaas gaaffii akkana jedhu kaasa ture: “Waaqayyo eenyu? Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo yoo taʼuu baate hoo? Kana godhaa ykn sana godhaa kan nuun jedhu Waaqayyo taʼuu isaa akkamitti beekna?” Kana malees, abbaa isaatiin akkas jedha ture: “Akka kee natti hin dhagaʼamu ykn hin amanu yoo taʼe maaliif natti murteeffama?”

Giilas akkas jedheera: “Yeroo tokko tokko ilmi keenya gaaffii kan gaafatu aariidhaani; kan aaru garuu haadha isaa ykn anatti utuu hin taʼin, jireenyi isaa ulfaataa akka taʼu kan godhe dhugaa akka taʼe waan isatti dhagaʼamuuf, kan aaru isatti ture.” Giilas rakkina kanaaf furmaata kan kenne akkamitti ture? “Yeroo tokko tokko anii fi ilmi koo teenyee saʼaatii hedduudhaaf mariʼanna. Miiraa fi ilaalcha isaa guutummaatti hubachuuf jecha yeroo baayʼee nan dhaggeeffadha, akkasumas darbee darbee gaaffii isa gaafachaan ture. Yeroo tokko tokko maree keenya deebinee itti fufuu keenya dura, ibsa inni guyyaa tokkoof ykn isaa oliif irratti yaadun isaaf kenna ture. Yeroo kaanitti immoo, yaada inni kenne irratti xiinxaluuf guyyoonni muraasni akka na barbaachisanan isatti hima. Maree karaa dhaabbataa taʼeen godhamu kanaan kan kaʼe, Maatiyaas barumsawwan akka furii, olaantummaa Waaqayyoo fi jaalala Yihowaa ilaalchisee hubannaa fi amantiin inni qabu suutuma suuta guddachaa adeeme. Yeroo kan fudhatee fi ulfaataa taʼus, jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu suutuma suuta garaa isaa keessatti guddateera. Anii fi haati manaa koo, yeroo ilmi keenya umurii waggoota kurnanii keessa turetti obsaan isa gargaaruun keenya buʼaa waan argamsiisee fi garaa isaa waan tuqeef baayʼee gammadna.”

Giilasii fi haati manaa isaa yeroo ilma isaanii obsaan gargaaruuf carraaqanitti Yihowaatti amanamaniiru. Giilas boodatti deebiʼee yaaduudhaan akkas jedheera: “Yihowaan hubannaa argachuuf akka isa gargaaruuf haati isaa fi ani jaalalli guddaan isaaf qabnu caalaatti cimsinee akka kadhannu akka nu kakaase yeroo baayʼee isatti nan himan ture.” Abbaa fi haati kun obsa isa amala baayʼee barbaachisaa taʼe kana argisiisuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru!

Kiristiyaanonni dhugaan, karaa hafuuraa gargaarsa gochuu malees, yeroo miseensi maatii isaanii ykn michuun isaanii dhukkuba hin fayyineen qabame kunuunsanitti obsa qabaachuun isaan barbaachisa. Mee fakkeenya Eelan * ishii Iskaandineeviyaa jiraattuus haa ilaallu.

Abbaan manaa Eelan gara waggaa saddeetii dura siʼa lama sammuu isaa keessatti dhiigni dhangalaʼee ture. Kanaan kan kaʼes, gara laafinni, gammachuun ykn gaddi isatti hin dhagaʼamu ture. Eelaniif haalli isaa baayʼee ulfaataa ture. Akkas jetteetti: “Obsa guddaa fi kadhannaa hedduu gaafata ture.” Itti dabaluudhaanis, “Caqasni ani baayʼee jaalladhuu fi jajjabina naaf kenne, Filiphisiyus 4:13, siʼa taʼu, innis ‘Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba’ jedha.” Humna kanaaf galanni haa gaʼuutii, Eelan deggersa Yihowaatti guutummaatti amanamuudhaan obsaan dandeesseetti.—Far. 62:5, 6.

OBSA ARGISIISUU IRRATTI FAKKEENYA YIHOWAA HORDOFAA

Dhugaa dha, obsa argisiisuu wajjin haala wal qabateen, Yihowaan fakkeenya hordofuu dandeenyuu fi hunda caalu nuuf taʼa. (2 Phe. 3:15) Dubbii Waaqayyoo keessa seenaawwan hedduun Yihowaan obsa guddaa akka argisiise ibsan jiru. (Nah. 9:30; Isa. 30:18) Fakkeenyaaf, murtoo inni Sodoomiin balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam yommuu gaaffii kaasetti Yihowaan akkamitti deebii kenne? Tokkoffaa, Abrahaam yommuu dubbatu Yihowaan dubbii isaa akka addaan hin kunne barreeffameera. Kanaa mannaa, Yihowaan gaaffii fi yaaddoo Abrahaam qabu hundumaa obsaan dhaggeeffateera. Achiis, Yihowaan wanta Abrahaam dubbate irra deebiʼee dubbachuudhaan akka isa dhaggeeffate argisiisuu isaa irra iyyuu, magaalattii keessatti namoonni qajeeloon kudhan illee yoo argaman akka ishii hin balleessine isaaf mirkaneesseera. (Uma. 18:22-33) Obsaan dhaggeeffachuu fi dafanii dheekkamuu dhiisuu ilaalchisee kun fakkeenya gaarii mitii?

Obsi inni amala Waaqayyoo keessaa tokko taʼe, namummaa haaraa Kiristiyaanonni uffachuu qaban keessaa isa guddaa akka taʼe beekamaa dha. Amala faayidaa guddaa qabuu fi waa dandaʼanii dabarsuu kana horachuuf jabaannee yoo hojjenne, Abbaa keenya isa samii nuu yaaduu fi obsa argisiisuuf ulfina fidna; akkasumas “warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalan” keessatti lakkaaʼamna.—Ibr. 6:10-12.

^ key. 4 Mata dureewwan firii hafuuraa sagal ilaalchisee walitti aansanii baʼaa jiran keessatti waaʼeen jaalalaa mata duree isa jalqabaa keessatti ibsameera.

^ key. 15 Maqaan ishii jijjiirameera.