Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haalawwan yoo Jijjiiraman Iyyuu Nagaa Keenya Eeggachuu

Haalawwan yoo Jijjiiraman Iyyuu Nagaa Keenya Eeggachuu

“Ani lubbuu koo urursee cal jechisiiseera.”—FAR. 131:2.

FAARFANNAA: 128, 129

1, 2. (a) Jijjiiramni utuu hin yaadamin Kiristiyaana tokko mudatu dhiibbaa akkamii isa irratti gochuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Akka Faarfannaa 131 irratti ibsametti, nagaa keessa keenyaa eeggannee itti fufuuf ilaalcha akkamiitu nu gargaaruu dandaʼa?

LOOYIDII fi Aleeksaandiraan Betʼel keessaa gara tajaajila dirreetti akka ramadaman yommuu beekan jalqaba irratti gaddanii turan. Isaan Betʼel keessa waggaa 25 oliif tajaajilaniiru. Looyid akkas jedheera: “Betʼelii fi ramaddiin hojii koo eenyummaa koo akka taʼe natti dhagaʼama ture. Sammuun koo sababii jijjiiramni sun itti godhame fudhatee ture, haa taʼu malee, torbanii fi jiʼoota sana booda dhufan keessatti yeroo baayʼee akkan hin barbaadamne natti dhagaʼama ture. Miirri koo yeroo baayʼee dafee dafee gegeddarama. Yeroo tokko miirri gaariin natti dhagaʼama; itti aansee immoo gaddatu natti dhagaʼama.”

2 Jireenyi keenya utuu yaadin yommuu jijjiiramu, jijjiiramni nu mudatu sun nu sodaachisuu fi dhiphina miiraa nutti fiduu dandaʼa. (Fak. 12:25) Jijjiiramawwan sana fudhachuun illee nutti ulfaachuu dandaʼa. Haalawwan akkasii keessatti lubbuu keenya ‘urursuu fi cal jechisiisuu’ kan dandeenyu akkamitti? (Faarfannaa 131:1-3 dubbisi.) Mee namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran haalawwan yoo jijjiiraman iyyuu nagaa keessaa isaanii eeggatanii kan itti fufan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

‘NAGAA WAAQAYYOO’ ARGACHUU

3. Yoseef haala akkamii keessa jiraachuuf dirqamee ture?

3 Yoseef yeroo obboloonni isaa hinaaffaadhaan kakaʼanii garbummaatti isa gurguran umuriin isaa waggaa 17 ture. Sana dura Yoseef abbaa isaa biratti baayʼee jaallatamaa ture. (Uma. 37:2-4, 23-28) Yoseef abbaa isaa Yaaqoob isa isa jaallatu irraa fagaatee gara waggaa 13f, Gibxii keessatti garbummaa fi hidhaa dandamachuun dirqama itti taʼee ture. Abdii akka hin kutannee fi aariidhaaf akka harka hin kennine kan isa gargaare maalidha ree?

4. (a) Yoseef yeroo mana hidhaa keessa turetti, sammuun isaa maal irratti akka xiyyeeffatu godhee ture? (b) Yihowaan kadhannaa Yoseef dhiheesseef deebii kan kenne akkamitti?

4 Yoseef mana hidhaa keessatti dhiphachaa kan ture taʼus, sammuun isaa ragaa Yihowaan isa eebbisaa akka jiru argisiisu irratti akka xiyyeeffatu godhee taʼuu qaba. (Uma. 39:21; Far. 105:17-19) Abjuun inni yeroo ijoollee turetti argee fi hiika raajii qabus Yihowaa biratti fudhatama akka qabu amanannaa akka qabaatu isa gargaareera. (Uma. 37:5-11) Yoseef, dhiphina isaa al tokkoo ol kadhannaadhaan Yihowaa duratti dhangalaasee taʼuu hin oolu. (Far. 145:18) Yihowaan kadhannaa Yoseef garaadhaa dhiheesseef deebii kennuudhaan qorumsa isaa hunda keessatti akka ‘isaa wajjin taʼu’ keessa isaatti amanannaa akka qabaatu isa taasiseera.—HoE. 7:9, 10. *

5. “Nagaan Waaqayyoo” fedhii kaayyoo hafuuraa keenya galmaan gaʼuuf qabnu irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?

5 Haalawwan rakkisaa taʼan yoo jiraatan illee, nutis yeroo harʼaa “nagaan Waaqayyoo” inni nama tasgabbeessu yaada keenya akka eegu ofuma keenyaan argineerra. (Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.) Kanaafuu, yommuu yaaddoodhaan akka liqimfamne nutti dhagaʼamu, gara Yihowaatti yoo garagalle, nagaan Waaqayyoo murtoo keenya nuuf jabeessuudhaan abdii utuu hin kutatin kaayyoo hafuuraa keenya akka galmaan geenyu nu eeguu dandaʼa. Mee fakkeenyota yeroo harʼaa jiranii fi kana argisiisan muraasa haa ilaallu.

GARA YIHOWAATTI GARAGALUUDHAAN KEESSA KEEYATTI NAGAA ARGACHUU

6, 7. Dhimma tokko ibsinee kadhannaa dhiheessuun nagaa keessaa deebisnee argachuuf akkamitti nu gargaaruu dandaʼa? Fakkeenya kenni.

6 Raayaanii fi Juuleet qajeelchaa addaa yeroo muraasaa taʼanii tajaajiluu isaanii akka dhaaban yommuu itti himame gaddi itti dhagaʼamee ture. Raayaan, “Dhimma kana kadhannaadhaan Yihowaatti dhiheessine. Bakka kanatti Yihowaa irratti amanannaa akka qabnu argisiisuuf carraa addaa akka qabnu hubannee turre. Namoonni gumii keenya keessa jiran hedduun dhugaadhaaf haaraa turan, kanaafuu, Yihowaan karaa amantii fakkeenya gaarii akka taanu akka nu gargaaru kadhannaa dhiheessine” jedheera.

7 Yihowaan kadhannaa isaaniitiif deebii kan kenne akkamitti? Raayaan akkas jedheera: “Kadhannaa erga dhiheessinee booda, miirri dogoggoraa fi yaaddoon jalqaba irratti nutti dhagaʼamee ture yeruma sana bade. Nagaan Waaqayyoo garaa fi sammuu keenya eegaa ture. Ilaalcha sirrii yoo qabaanne, Yihowaan nutti fayyadamuu isaa itti fufuu akka dandaʼu hubanneera.”

8-10. (a) Hafuurri Waaqayyoo dhiphina akka dandamannu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Yihowaan carraaqqii nuti ilaalcha hafuuraa qabaannee itti fufuuf goonuuf deebii kan kennu karaawwan kamiin taʼuu dandaʼa?

8 Hafuurri Waaqayyoo nu tasgabbeessuu malees, caqasoota Kitaaba Qulqulluu ijoo taʼanii fi wantoota hafuuraatiif dursa kennuu keenya akka itti fufnu nu gargaaran nu yaadachiisuu dandaʼa. (Yohaannis 14:26, 27 dubbisi.) Mee waaʼee hiriyoota gaaʼelaa Betʼel keessatti gara waggaa 25 tajaajilanii fi Filiippii fi Meerii jedhamanii ilaali. Lamaanuu jiʼa afur gidduutti haadhotii isaanii fi fira tokko duʼaan kan dhaban siʼa taʼu, abbaan Meerii immoo dhukkuba sammuu cimaa taʼeen waan qabameef kunuunsi isa barbaachise.

9 Filiippi akkas jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Hamma yeroo taʼe tokkootti haala isaa akka gaariitti akkan dandamadhe yaadeen ture, haa taʼu malee wanti hirʼate tokko akka jiru natti dhagaʼame. Masaraa Eegumsaa maxxansa qoʼannaa tokko irraa Qolosaayis 1:11 nan dubbise. Haala sana dandaʼee kanan ture taʼus, garuu kana kanan godhe guutummaatti hin turre. ‘Obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaadhee dhaabachuu’ na barbaachisa ture. Caqasni kun gammachuun koo kan hundaaʼe haala ani keessa jiru irratti utuu hin taʼin, dhiibbaa hafuurri Waaqayyoo jireenya koo irratti godhu irratti akka taʼe na yaadachiise.”

10 Yihowaan carraaqqii Filiippii fi Meeriin haala keessa jiraniif ilaalcha hafuuraa qabaatanii itti fufuuf godhan karaawwan hedduudhaan eebbiseera. Betʼelii baʼanii utuma baayʼee hin turin, lamaanuu namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan guddina godhanii fi torbanitti al tokkoo ol qoʼachuu barbaadan argatan. Meeriin wanta dabarsite yaaduudhaan, “Namoonni kun gammachuu keenya turan, akkasumas gara fuulduraatti wanti hundi gaarii akka nuuf taʼu karaa Yihowaan itti nutti dubbate ture.”

YIHOWAAN WANTA ITTIIN ISIN EEBBISU AKKA ARGATU GODHAA

Haalli keenya maal iyyu yoo taʼe, fakkeenya Yoseef hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 11-13 ilaali)

11, 12. (a) Yoseef, Yihowaan wanta ittiin isa eebbisu akka argatu kan godhe akkamitti? (b) Yoseef jabaatee dhaabachuu isaatiif kan badhaafame akkamitti?

11 Utuu nuti hin yaadin jijjiiramni yommuu nu mudatu, yaaddoon waaʼee gara fuulduraa salphaatti sochii akka hin goone nu gochuu dandaʼa. Haalli akkasii Yoseef irra gaʼuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa, inni haala isaa akka gaariitti itti fayyadamuuf murteessuudhaan, Yihowaan wanta ittiin isa eebbisu akka argatu godheera. Yoseef mana hidhaa keessa kan jiru taʼus, akkuma yommuu Phoxiifaariif hojjechaa tureetti hojii itti gaafatamaan mana hidhaa isaaf kennu kam iyyuu raawwachuuf jabaatee hojjeteera.—Uma. 39:21-23.

12 Gaaf tokko Yoseef namoota duraan mana mootummaa Faraʼoon keessatti iddoo guddaa qaban lama akka tajaajilu isatti kenname. Isaanis amala gaarii Yoseef argisiisuun kan kaʼe waan isatti amananiif, rakkina isaanii fi abjuu halkan sana dura ture abjootan isatti himatan. (Uma. 40:5-8) Yoseef kan hin beekne taʼus, mareen sun buʼaa gammachiisaa isaaf argamsiiseera. Yoseef waggoota dabalataa lama mana hidhaa keessa kan ture taʼus, yeroo booda gadhiifamee guyyaadhuma sana Faraʼoonitti aansee aangoo lammaffaa argatee muudameera.—Uma. 41:1, 14-16, 39-41.

13. Haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan wanta ittiin nu eebbisu akka argatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Akkuma Yoseef, nutis haala toʼannaa keenyaa ala taʼe keessa seenuu dandeenya. Haa taʼu malee, yoo obsinee fi haala keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf jabaannee yoo hojjenne, Yihowaan wanta ittiin nu eebbisu akka argatu goona. (Far. 37:5) Dhugaadha, yeroo tokko tokko akka ‘burjaajofne’ nutti dhagaʼamuu dandaʼa, haa taʼu malee, akkuma Phaawulos dubbate matumaa “abdii hin kutannu.” (2 Qor. 4:8; milj.) Keessumaa tajaajila keenya irratti xiyyeeffannee yoo itti fufne, yaadni Phaawulos dubbate kun nu ilaalchisees dhugaa taʼuu dandaʼa.

TAJAAJILA KEESSAN IRRATTI XIYYEEFFADHAA

14-16. Filiphoos haalli isaa jijjiiramaa kan ture taʼus, tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuu isaa kan itti fufe akkamitti?

14 Filiphoos inni lallabaa wangeelaa taʼe, haalawwan yoo jijjiiraman iyyuu tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Yerusaalem keessatti Isxifaanos ajjeefamuu isaa booda ariʼatamni cimaan kaʼee ture. * Yeroo kanatti, Filiphoos mirga tajaajilaa haaraa argatee ture. (HoE. 6:1-6) Haa taʼu malee, duuka buutonni Kiristoos yommuu faffacaʼan Filiphoos homaa utuu hin godhin callisee taaʼuu hin dandeenye. Kanaafuu, magaalaa Samaariyaa bakka misiraachichi yeroo sana balʼinaan itti hin lallabamnetti lallabuuf adeeme.—Mat. 10:5; HoE. 8:1, 5.

15 Filiphoos bakka hafuurri Waaqayyoo itti isa qajeelche hundumaa deemuuf fedhii waan qabuuf, Yihowaan naannoo tajaajilaa haaraa akka banuuf itti fayyadameera. Loogii malee namoota hundumaatti kan dhihaatu taʼuun isaa namoota Samaariyaa warra Yihudoonni tuffatan gammachiisee taʼuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes namoonni sun “hundi isaanii” isa dhaggeeffachuun isaanii nama hin dinqisiisu!—HoE. 8:6-8.

16 Sana booda Filiphoos hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee gara Ashdoodii fi Qisaariyaa magaalota namoonni Yihudii hin taane hedduun keessa jiraatan dhaqe. (HoE. 8:39, 40) Filiphoos erga Samaariyaatti lallabee gara waggaa 20 booda, ammas haalli isaa kan jijjiirame taʼuu hin oolu. Amma nama maatii godhate waan taaʼeef, naannoo itti lallabaa jiru keessa jiraachuu jalqabe. Filiphoos haalli isaa jijjiiramaa kan ture taʼus, tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuu isaa itti fufeera, kanaan kan kaʼes, Yihowaan isaa fi maatii isaa baayʼisee eebbiseera.—HoE. 21:8, 9.

17, 18. Tajaajila irratti xiyyeeffachuun keenya yeroo jijjiiramni uumamutti madaallii keenya eeguuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Namoonni tajaajiltoota yeroo guutuu taʼan hedduun, haalli isaanii jijjiiramaa kan jiru taʼus, tajaajila isaanii irratti xiyyeeffachuun madaallii isaanii eeggachuuf akka isaan gargaare ragaa baʼuu dandaʼu. Oozboornii fi Pooliit hiriyoonni gaaʼelaa Afriikaa Kibbaa keessa jiraatan yommuu Betʼelii baʼan yeruma sana hojii saʼaatii gabaabaa fi bakka jiraatan akka argatan yaadanii turan. Oozboorn akkana jedheera: “Kan nama gaddisiisu, akka yaadne dafnee hojii hin arganne.” Haati manaa isaa Pooliit, “Jiʼa sadiif hojii hin arganne, qarshii kuufannes hin qabnu turre. Haalli isaa baayʼee rakkisaa ture” jetteetti.

18 Haala isaan dhiphise kana akka dandamatan kan isaan gargaare maali dha? Ozboorn akkas jedheera: “Gumii wajjin taanee lallabuun keenya xiyyeeffannaan keenya akka hin hihhiramnee fi ilaalcha gaarii qabaannee akka itti fufnu hedduu nu gargaareera. Teenyee yaaddaʼuu mannaa, hojii lallabaa irratti xiyyeeffachuuf murteessuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Bakka hundumaa hojii barbaanne; boodas ni arganne.”

YIHOWAA OBSAAN EEGAA

19-21. (a) Nagaa keessaa qabaannee itti fufuuf maaltu nu gargaara? (b) Haala haaraa keessatti jijjiirama gochuun keenya dhuunfaatti faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

19 Fakkeenyonni kun hundi, haala keenya akka gaariitti itti fayyadamuuf wanta dandeenye hundumaa yoo goonee fi amanannaadhaan Yihowaa yoo eegganne nagaa keessaa qabaannee itti fufuu akka dandeenyu argisiisu. (Miikiyaas 7:7 dubbisi.) Haala keenya isa haaraa keessatti sirreeffama gochuudhaan karaa hafuuraa faayidaa hedduu argachuu akka dandeenyu illee hubachuu dandeenya taʼa. Pooliit ishiin olitti ibsamte muuxannoo ishii irraa kaʼuudhaan, “Tajaajila dirreetti ramadamuun koo, yeroo haalli isaa naaf hin mijoofnetti illee, Yihowaatti amanamuun maal jechuu akka taʼe na barsiiseera. Hariiroon ani isaa wajjin qabu caalaatti cimeera” jetteetti.

20 Meeriin ishiin olitti ibsamte, amma iyyuu abbaa ishii isa dulloome kunuunsaa qajeelchituu taatee tajaajilaa jirti. Akkas jetteetti: “Yeroo yaaddoon natti dhagaʼamu, yaaddoo sana dhaabuu, kadhachuu fi tasgabbaaʼuun akka na barbaachisu baradheera. Barumsi guddaan ani baradhe, wantoota na dhiphisan Yihowaatti kennuu fi kun immoo gara fuulduraattis baayʼee barbaachisaa taʼuu isaati.”

21 Looyidii fi Aleeksaandiraan warri jalqaba irratti ibsaman, haalli isaanii jijjiiramuun isaa karaa isaan matumaa hin yaadin amantii isaanii akka qore amananiiru. Haa taʼu malee akkas jedhaniiru: “Qorumsi amantii nu mudatu, amantiin keenya dhugaa taʼuu isaa fi yeroo rakkinni nu mudatu, nu deggeruu fi nu jajjabeessuuf humna qabaachuu fi dhiisuu isaa argisiisa. Caalaatti nama gaarii taʼuu dandeenya.”

Jijjiiramni hin eegamin eebba hin eegamin argamsiisuu dandaʼa! (Keeyyata 19-21 ilaali)

22. Haala amma keessa jirru akka gaariitti itti fayyadamuuf yoo yaalle waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya?

22 Itti gaafatamummaan karaa tiʼookraasii qabnu jijjiiramuu, rakkinni fayyaa ykn itti gaafatamummaa maatii haaraan nu mudachuu isaatiin kan kaʼe jireenyi keenya utuu hin yaadin yoo jijjiirame, Yihowaan akka nu kunuunsuu fi yeroo sirrii taʼetti akka nu gargaaru mirkanaaʼoo haa taanu. (Ibr. 4:16; 1 Phe. 5:6, 7) Hammasitti garuu, haala keenya akka gaariitti itti fayyadamuuf haa yaallu. Kadhannaadhaan gara Abbaa keenya isa samiitti haa dhihaannu akkasumas harka isaa isa nama kunuunsutti of haa kenninu. Karaa kanaan nutis haalawwan yoo jijjiiraman iyyuu nagaa keessaa argannee itti fufuu dandeenya.

^ key. 4 Yoseef mana hidhaatii erga gadhiifamee yeroo muraasa booda, Yihowaan ilma isaaf kennuudhaan yaadannoo dhiphisaa sana dura dabarse irraa akka bayyanatu isa gochuu isaa hubateera. Kanaafuu, “Waaqayyo rakkina koo hundumaa . . . na irraanfachiiseera” jechuudhaan ilma isaa isa angafaa Minaasee jedhee moggaase.—Uma. 41:51.

^ key. 14 Mata duree, “Kana Beektaa?” jedhuu fi maxxansa kana keessa jiru ilaali.