Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Isxifaanos baratichi yeroo ariʼatamni isa irra gaʼetti tasgabbii guddaa argachuu kan dandaʼe akkamitti?

ISXIFAANOS tuuta namoota isa jibbanii fuuldura dhaabatee ture. Abbootiin seeraa 71 taʼan kun Israaʼel keessatti miseensa mana murtii ol aanaa Saanhediriin waan taʼaniif, warra sabicha keessatti aangoo guddaa qaban turan. Namoota kana kan walitti qabe Luba Ol Aanaa Qayyaafaa jedhamuu fi jiʼoota muraasa dura mana murtii Yesuusitti duʼa murteesse irratti dura taaʼaa ture dha. (Mat. 26:57, 59; HoE. 6:8-12) Isaan namoota sobaan isa himatan isa irratti dhiheessaa utuu jiranii, Isxifaanos irratti wanta nama ajaaʼibsiisu tokko hubatan. fuulli isaa “akka fuula maleekaa taʼee” argan.—HoE. 6:13-15.

Isxifaanos haala nama sodaachisu akkasii keessatti tasgabbaaʼuu fi fuulli isaa ifuu kan dandaʼe akkamitti? Isxifaanos dirqisiifamee Saanhediriin fuulduratti geeffamuu isaa dura, humna hafuurri Waaqayyoo isaaf kenneen hojii tajaajila isaatiin guutummaatti qabamee ture. (HoE. 6:3-7) Yeroo qoramaa turettis, hafuurri sun isa irratti hojjechuudhaan jajjabina isaaf kennaa akkasumas isa yaadachiisaa ture. (Yoh. 14:16, milj.) Akkuma Hojii Ergamootaa boqonnaa 7 irratti galmeeffamee jiru, Isxifaanos ija jabinaan yommuu falmatu, hafuurri qulqulluun Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa gara yaada 20 ykn isaa olii akka yaadatu isa gargaareera. (Yoh. 14:26) Kana malees, Isxifaanos, Yesuus mirga Waaqayyoo dhaabatee mulʼataan yommuu argu amantiin isaa caalaatti cimeera.—HoE. 7:54-56, 59, 60.

Nutis guyyaa tokko doorsisnii fi ariʼatamni nu irra gaʼuu dandaʼa. (Yoh. 15:20) Dubbii Waaqayyoo yeroo hundumaa soorachuu fi tajaajila irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan, hafuurri Yihowaa nu keessatti akka hojjetu heyyamuu dandeenya. Kana malees, nagaa keessaa utuu hin dhabin, jabinaan mormii dandamachuu ni dandeenya.—1 Phe. 4:12-14.