Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!

Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!

“Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!”—FAK. 3:5.

FAARFANNAA: 3, 8

1. Hundi keenya jajjabinni kan nu barbaachisu maaliifi?

HUNDI keenya jajjabina argachuun nu barbaachisa. Tarii yaaddoon, abdii kutachuu fi rakkinni kutaa jireenya keenyaa taʼeera taʼa. Umuriin keenya dabalaa deemuun isaa, dhukkubni ykn nama jaallannu duʼaan dhabuun keenya gaddaan akka dhiphannu nu godhee taʼuu dandaʼa. Nu keessaa tokko tokko jibbi nu irra gaʼa. Naannoo keenyattis yakki dabalaa jira. Dhugaa dha, “yeroon addaa baayʼee rakkisaa” taʼe kun “guyyoota dhumaa” keessa jiraachuu keenya akka argisiisuu fi guyyaan tokko yommuu darbu caalaatti gara addunyaa haaraatti akka dhihaannu ni amanna. (2 Xim. 3:1) Taʼus, abdiin Yihowaan kenne yommuu raawwatamu arguuf yeroo dheeraa eegaa turreerra akkasumas rakkoowwan nu irra gaʼan dabalaa jiru taʼa. Kanaafuu jajjabina eessaa argachuu dandeenya ree?

2, 3. (a) Waaʼee Anbaaqom wanti beeknu maali dha? (b) Kitaaba Anbaaqom kan qorannu maaliifi?

2 Deebii gaaffii kanaa argachuuf mee kitaaba Anbaaqom haa qorannu. Kitaabni Qulqulluun jireenyaa fi hojii Anbaaqom ilaalchisee ibsa balʼaa kennuu baatus, kitaabni maqaa isaatiin waamamu kun madda jajjabinaa ti. Tarii hiikni maqaa isaa “hammachuu” jechuu taʼuu dandaʼa. Kunis hammannaa Yihowaa isa nama jajjabeessu ykn akkaataa waaqeffattoonni isaa amanannaadhaan isatti maxxanan argisiisuu dandaʼa. Anbaaqom Waaqayyotti dubbachuudhaan gaaffiiwwan tokko tokko gaafatee ture. Yihowaan dubbii Anbaaqom isaa wajjin dubbate geggeessaa hafuuraatiin akka inni barreessu waan godheef, Anbaaqom nuun bakka buʼee gaafate jechuun ni dandaʼama.—An. 2:2.

3 Raajii kana ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun ibsu haasaa nama Waaqayyoo dhiphatee fi Yihowaa gidduutti godhame kana qofa dha. Kitaabni isaa, “Jabaannee dhaabachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf” ‘wantoota dursanii barreeffamanii’ fi Dubbii Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti eegamanii turan keessaa tokko dha. (Rom. 15:4) Kitaaba Anbaaqom irraa dhuunfaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Yihowaa amanachuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, raajiin Anbaaqom dhiphinnii fi rakkinni kan nu irra gaʼu taʼus garaa tasgabbaaʼaa taʼe qabaachuu fi eeggannee jiraachuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Kana sammuutti qabachuudhaan, mee kitaaba Anbaaqom caalaatti gad fageenyaan haa qorannu.

YIHOWAA WAAMMACHUU

4. Anbaaqom kan dhiphate maaliif ture?

4 Anbaaqom 1:2, 3 dubbisi. Anbaaqom kan jiraate yeroo baayʼee ulfaataa fi rakkisaa taʼe keessa dha. Namoota hamoo fi lola jaallataniin marfamee waan tureef baayʼee gaddeera. Hamminni isaanii kan dhaabbatu yoomi? Yihowaan utuu tarkaanfii hin fudhatin yeroo dheeraa kan ture maaliifi? Wanti Anbaaqom argu jalʼina haqaa fi hacuuccaa namoonni biyya isaa raawwatan qofa ture. Gargaarsa akka hin qabne isatti dhagaʼameera. Kanaafuu yeroo dukkanaaʼaa kana keessatti Yihowaan gidduu akka galu isatti iyyate. Anbaaqom Yihowaan rakkina sanaaf xiyyeeffannaa akka hin kennine yaaduu jalqabee taʼuu dandaʼa. Waaqayyo yeroo dhihoo keessatti tarkaanfii kan hin fudhanne fakkaata ture. Miira tajaajilaa Waaqayyoo jaallatamaa taʼe kanaa hubachuu ni dandeessaa?

5. Kitaaba Anbaaqom keessaa barumsa barbaachisaa akkamiitu argama? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

5 Anbaaqom amanannaa Yihowaa irratti qabu dhabee turee? Amantii abdii Waaqayyoo irratti qabu eeggachuu dhiisee turee? Matumaa! Rakkina isaa fi yaaddoo isaa namatti utuu hin taʼin Yihowaatti himachuun isaa iyyuu abdii akka hin kutanne argisiisa. Dhugaa dha, yeroo Waaqayyo tarkaanfii itti fudhatu ykn Yihowaan haala rakkisaa akkasii keessa akka jiraatu maaliif akka heyyame hubachuu waan dadhabeef dhiphatee akka ture beekamaa dha. Yihowaan Anbaaqom yaaddoo isaa akka barreessu hafuuraan isa geggeessuudhaan, barumsa barbaachisaa kana nuuf kenneera: Yaaddoo fi shakkii keenya isatti himuuf sodaachuu hin qabnu. Wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan akka isa duratti dhangalaasnu nu afeera. (Far. 50:15; 62:8) Fakkeenyi 3:5 “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin!” jechuudhaan jajjabina dabalataa nuuf kenna. Anbaaqom jechoota kana beekee akkasumas garaa isaa keessatti qabatee taʼuu dandaʼa.

6. Kadhannaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6 Anbaaqom Yihowaa isa Michuu amanamaa fi Abbaa isaa taʼetti dhihaachuuf dursa fudhateera. Anbaaqom hubannaa ofii isaatti hirkachuudhaan haala isaa qofa irratti hin xiyyeeffanne. Kanaa mannaa, miira isaa fi yaaddoo isaa ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. Kana malees, Yihowaan inni kadhannaa dhagaʼu, yaaddoo keenya kadhannaadhaan isatti himachuudhaan amanannaa isa irratti qabnu akka argisiisnu nu afeera. (Far. 65:2) Kana gochuun keenya deebii Yihowaan kennu jechuunis hammannaa inni qajeelfama isaa isa gaarummaa irratti hundaaʼetti fayyadamee nuuf kennu argachuuf nu gargaara. (Far. 73:23, 24) Rakkinni nu irra gaʼe maali iyyuu yoo taʼe inni yaada isaa akka beeknu nu gargaara. Kadhannaan garaadhaa dhiheessinu karaa amanannaa Waaqayyo irratti qabnu itti argisiisnu keessaa isa tokko dha.

YIHOWAA DHAGGEEFFADHAA

7. Yihowaan yaaddoo Anbaaqomitti dhagaʼame ilaalchisee maal godhe?

7 Anbaaqom 1:5-7 dubbisi. Anbaaqom dhiphinaa fi yaaddoo isaa Yihowaatti erga himatee booda, Yihowaan akkamitti deebii akka kennu yaadee taʼuu dandaʼa. Yihowaan abbaa namaaf yaaduu fi nama hubatu waan taʼeef, iyyata Anbaaqom garaa qulqulluudhaan dhiheesseef isatti hin dheekkamne. Waaqayyo iyyanni isaa kun dhiphinaa fi gadda irraa kan madde akka taʼe beeka ture. Yihowaan jechoota Yihudoota daandii isaa irraa maqan ilaallatanitti fayyadamuudhaan, wanta yeroo dhihoo keessatti raawwatamu Anbaaqomitti beeksiseera. Yihowaan dhumni bara hamaa sun dhihaachuu isaa yeroo jalqabaatiif kan hime Anbaaqomitti taʼuu dandaʼa.

8. Deebiin Yihowaan kenne Anbaaqomiif rakkisaa kan taʼe maaliif ture?

8 Yihowaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼaa taʼuu isaa Anbaaqomitti argisiiseera. Adabni dhaloota lola jaallatuu fi hamaa taʼe sanaa baayʼee dhihaateera. Yihowaan yaada “bara keessan keessa” jedhutti fayyadamuudhaan murtiin kun kan raawwatamu bara jireenyaa raajichaatti ykn namoota yeroo sana keessa jiraataniitti taʼuu isaa argisiiseera. Deebiin Yihowaan kenne matumaa wanta Anbaaqom eege hin turre. Kun deebii iyyata isaatiif kenname turee? Wanti Yihowaan isatti hime dhiphinni Yihudoota hundaa dabalaa akka adeemu kan argisiisu ture. * Gara jabinnii fi hamminni Kaladootaa (Baabilonotaa) isa kan saba Anbaaqom warra yoo xinnaate ulaagaa Yihowaa beekan caalaa kan hammaatu dha. Yihowaan saba isaa irratti rakkina fiduuf saba hamaa isa hin waaqeffanne kanatti kan fayyadamu maaliifi? Utuu isin taʼee deebii Waaqayyoo kana erga dhageessanii booda maal gootu turtan?

9. Anbaaqom gaaffiiwwan akkamii of gaafatee taʼuu dandaʼa?

9 Anbaaqom 1:12-14, 17 dubbisi. Anbaaqom, Yihowaan namoota hamoo naannoo isaa jiran irratti murteessuu fi isaan adabuuf Baabilonitti akka fayyadamu kan hubate taʼus, amma iyyuu wanti ifaa isaaf hin taane jira ture. Haa taʼu malee, Yihowaan “kattaa” isaaf taʼuu isaa akka itti fufu gad of qabuudhaan isatti dubbateera. (Kes. 32:4; Isa. 26:4) Anbaaqom jaalalaa fi gaarummaa Waaqayyoo irratti amanannaa qabaachuu isaa obsaan itti fufeera. Kutannoon raajiin kun qabu ammas Yihowaatti akka iyyatu amanannaa isaaf kenneera. Waaqayyo haalli Yihudaa keessa jiru caalaatti akka hammaatu kan heyyame maaliifi? Yeruma sana dafee tarkaanfii kan hin fudhanne maaliifi? Waaqni Hundumaa Dandaʼu rakkinni yommuu itti caalaa adeemu maaliif callisee ilaale? Hamminni yommuu moʼu ‘cal jedhee kan ilaale’ maaliifi? Inni “qulqulluu” dha; ijji isaas ‘baayʼee qulqulluu waaan taʼeef jalʼina cal jedhee hin ilaalu.’

10. Yeroo tokko tokko akka Anbaaqom nutti dhagaʼamuu kan dandaʼu akkamitti?

10 Nutis yeroo tokko tokko akkuma Anbaaqom nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yihowaa ni dhaggeeffanna. Amanannaa guutuudhaan Dubbii isaa ni dubbisna akkasumas ni qoʼanna, kunis abdii nuuf kenna. Karaa barumsa jaarmiyaan isaa nuuf kennuun waaʼee abdii isaa ni dhageenya. Taʼus amma iyyuu, ‘dhiphinni keenya kan dhaabatu yoomi?’ jennee gaafanna taʼa. Wanta Anbaaqom itti aansuudhaan raawwate irraa maal barachuu dandeenya?

YIHOWAA EEGGADHAA

11. Anbaaqom erga Yihowaa dhaggeeffatee booda maal gochuuf murteessee ture?

11 Anbaaqom 2:1 dubbisi. Anbaaqom haasaan inni Yihowaa wajjin godhe garaa isaa tasgabbeesseera. Kanaafuu hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti amanannaadhaan isa eeggachuuf murtoo godheera. Anbaaqom yeroo booda, ‘[Guyyaa rakkinaa] sana arguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha’ jechuudhaan murtoo isaa kana irra deebiʼee waan ibseef, kun tarkaanfii inni yeroo muraasaaf fudhate hin turre. (An. 3:16) Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan kaanis obsaan eeggachuu akkasii argisiisuudhaan, hamma Yihowaan tarkaanfii fudhatutti obsaan eeguu keenya akka hin dhiisne nu jajjabeessaniiru.—Mik. 7:7; Yaq. 5:7, 8.

12. Barumsawwan Anbaaqom irraa barannu tokko tokko kamfaʼi?

12 Murtoon Anbaaqom godhe maal nu barsiisa? Tokkoffaa, qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe matumaa Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu keenya dhaabuu hin qabnu. Lammaffaa, wanta Yihowaan karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa nutti himu dhaggeeffachuu qabna. Sadaffaa, Yihowaan yeroo murteessetti rakkina keenya akka balleessu guutummaatti amanachuudhaan obsaan isa eeggachuu qabna. Akkuma Anbaaqom godhe, wanta garaa keenyaa Yihowaatti himachuu fi isa dhaggeeffachuudhaan eeggachuu keenya yoo itti fufne, nutis garaa tasgabbaaʼaa jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru ni qabaanna. Abdiin keenya obsa nuuf kenna, kun immoo rakkinni hedduun kan nu irra gaʼu taʼus gammachuu akka qabaannu nu gargaara. Abdiin, Abbaan keenya inni samii tarkaanfii akka fudhatu amanannaa nuuf kenna.—Rom. 12:12.

13. Anbaaqom 2:3 irraa yaada nama jajjabeessu akkamii arganna?

13 Anbaaqom 2:3 dubbisi. Yihowaan murtoo Anbaaqom eeggachuuf godhetti akka gammade hin shakkisiisu. Waaqni Hundumaa Dandaʼu haala gaddisiisaa Anbaaqom keessa ture guutummaatti beeka ture. Kanaafuu, Waaqayyo gaaffiiwwan isaatiif deebii akka argatu jaalalaa fi gaarummaadhaan isaaf mirkaneessuudhaan raajii kana jajjabeesseera. Yaaddoo isaa hundumaa irraa utuu hin turin walaba taʼa. Kana jechuun Waaqayyo Anbaaqomiin, “Obsa qabaadhu, ana amani. Kan ture yoo fakkaate illee deebiin koo ni dhufa!” akka jedhetti lakkaaʼama. Yihowaan abdii kenne raawwachuuf yeroo murteesse akka qabu isa yaadachiiseera. Anbaaqom hamma inni kaayyoo isaa raawwatutti akka eeggatu isa gorseera. Raajiin kun dhuma irratti wanti inni eege utuu hin raawwatamin hafee abdii hin kutatu.

Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeenye hunda gochuuf kan murteessine maaliifi? (Keeyyata 14 ilaali)

14. Yeroo rakkisaa taʼetti murtoon keenya maal taʼuu qaba?

14 Yihowaa obsaan eeggachuu fi wanta inni nutti dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuun keenya, rakkinni gara garaa yoo nu irra gaʼe iyyuu amanannaa fi garaa tasgabbaaʼaa nuuf argamsiisa. Yesuus “Yeroo yookiin waqtii” Waaqayyo hamma ammaatti ifa hin goone irratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan yeroo eeguu irratti hunda kan caalu taʼuu isaa amanannaa qabaachuu akka dandeenyu nuuf mirkaneesseera. (HoE. 1:7) Kanaafuu, abdii kutachuu hin qabnu, kanaa mannaa, gad of qabuu, amantii fi obsaan eeguudhaan hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluuf yeroo keenya akka gaariitti itti haa fayyadamnu.—Mar. 13:35-37; Gal. 6:9.

YIHOWAA IRRATTI AMANANNAA QABAACHUUN JIREENYAA FI ABDII DINQISIISAA ARGAMSIISA

15, 16. (a) Kitaaba Anbaaqom keessaa abdii guddaa akkamii argachuu dandeenya? (b) Abdiiwwan kun maal nu barsiisu?

15 Yihowaan nama qajeelaa isa amanatuuf abdii, “Namni qajeelaan garuu amantii isaatiin in jiraata,” akkasumas “lafti ulfina Waaqayyoo beekuudhaan in guutamti” jedhu kenneera. (An. 2:4, 14) Eeyyee, namoonni Waaqayyoon amanachuudhaan obsaan eeggatan jireenya argachuudhaan badhaafamu.

16 Akkasumaan yommuu ilaalamu, abdiin Anbaaqom 2:4 irratti argamu waanuma yeroo sana ture qofa kan ibsu fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, abdiin Yihowaan kennee baayʼee barbaachisaa waan taʼeef, Phaawulos ergamaan caqasa kana al sadii caqaseera. (Rom. 1:17; Gal. 3:11; Ibr. 10:38) Namni qajeelaan rakkinni akkamii iyyuu yoo isa irra gaʼe, amantii isaa fi amanannaadhaan kaayyoon Waaqayyoo yommuu raawwatamu arguuf ni jiraata. Yihowaan isa amma jiru irra dabarsinee wanta fuulduratti dhufu akka ilaallu nutti himeera.

17. Kitaabni Anbaaqom abdii akkamii nuuf kenna?

17 Kitaabni Anbaaqom warra guyyoota dhumaa keessa jiraannu hundaaf barumsa guddaa kenna. Yihowaan namni qajeelaan amantii fi amanannaa isa irratti qabu argisiisu kam iyyuu jireenya akka argatu abdii kenneera. Kanaafuu rakkinnii fi yaaddoon akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe, amantii fi amanannaa Waaqayyo irratti qabnu cimsachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan akka nu deggeruu fi akka nu oolchu karaa Anbaaqom nuuf mirkaneesseera. Inni akka isa amanannuu fi yeroo inni murteesse jechuunis yeroo Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafti namoota gammadoo fi garraamii isa waaqeffataniin guutamtu obsaan akka eeggannu gaarummaadhaan nu gaafata.—Mat. 5:5; Ibr. 10:36-39.

GAMMACHUUDHAAN YIHOWAA AMANADHAA

18. Wanti Yihowaan dubbate Anbaaqom irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti ture?

18 Anbaaqom 3:16-19 dubbisi. Jechoonni Yihowaan dubbate Anbaaqom irratti dhiibbaa guddaa godhaniiru. Anbaaqom gocha dinqisiisaa Yihowaan kanaan dura saba isaatiif jedhee raawwate irratti xiinxaleera. Amma amanannaa isaa haareffachuu dandaʼeera. Yihowaan yeroo gabaabaa keessatti tarkaanfii akka fudhatu beekeera! Raajiin kun rakkinni ofii isaa yeroodhaaf akka itti fufu kan beeke taʼus, Yihowaan dafee tarkaanfii akka fudhatu hubachuun isaa isa jajjabeesseera. Shakkiin Anbaaqom gara humna Yihowaan fayyisuuf qabu irratti amanannaa cimaa qabaachuutti jijjiirameera. Anbaaqom yaada hamma ammaatti amanannaa ibsuuf dubbatamee fi hin irraanfatamne keessaa tokko taʼe dubbateera. Hayyoonni tokko tokko lakkoofsi 18 kallattiidhaan, “Ani Gooftaatti gammadee nan utaala; Waaqayyotti gammaduudhaan naannaʼee nan shubbisa” jechuu akka taʼe yaadu. Kun hunda keenyaaf wabii guddaa dha! Yihowaan abdii dinqisiisaa nuuf kennuu qofa utuu hin taʼin, kaayyoo isaa isa guddaa ariitiidhaan akka galmaan gaʼus nuuf mirkaneesseera.

19. Jajjabina Anbaaqom argate argachuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Ergaan Anbaaqom inni guddaan Yihowaa irratti amanannaa qabaachuu akka taʼe hin shakkisiisu. (An. 2:4) Nutis hariiroo Yihowaa wajjin qabnu, (1) wantoota yaaddoo nutti taʼanii fi nu dhiphisan hunda Yihowaatti himannee kadhannaatti cimuudhaan; (2) Dubbii Yihowaa fi qajeelfama jaarmiyaan isaa nuu kennuuf xiyyeeffannaa kennuu fi (3) amanamummaa fi obsaan Yihowaa eeggachuudhaan yoo cimsanne, amanannaa akkasii qabaachuu fi eeggannee itti fufuu ni dandeenya. Wanti Anbaaqom godhe kana ture. Kitaaba isaa gaddaan kan jalqabe taʼus, amanannaa fi gammachuudhaan xumureera. Nutis hammannaa abbaa keenya Yihowaa argachuu akka dandeenyuuf fakkeenya geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana haa hordofnu! Addunyaa dukkanaaʼaa deemu kana keessatti jajjabina kana caalu argachuu ni dandeenyaa?

^ key. 8 Anbaaqom 1:5 rakkinni kun Yihudoota hundumaa irratti akka dhufu argisiisuuf jecha “isin” jedhuu fi baayʼina argisiisutti fayyadameera.