Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Phaawulos ergamaan ‘gara samii isa sadaffaatti kan ol butamee’ fi ‘gara jannataatti kan ol fudhatame’ haala akkamiitiini?—2 Qor. 12:2-4.

2 Qorontos 12:2, 3 irratti Phaawulos waaʼee nama “gara samii isa sadaffaatti ol butame” tokkoo dubbatee ture. Namni kun eenyu ture? Phaawulos yommuu gumii warra Qorontosiif barreessu, Waaqayyo akka ergamaatti isatti fayyadamaa akka jiru cimsee ibseera. (2 Qor. 11:5, 23) Achiis waaʼee “mulʼatawwan ajaaʼibsiisaa taʼanii fi ergaawwan Gooftaa” caqaseera. Phaawulos yaada naannoo caqasa kanaa jiru irratti obboloota kaan hin caqasne. Kanaafuu, mulʼatawwanii fi ergaawwan kana kan fudhate ofuma isaatii akka taʼe dubbachuu isaa ture jechuun waan fakkaatu dha.—2 Qor. 12:1, 5.

Kanaafuu, ‘gara samii isa sadaffaatti kan ol butamee’ fi ‘gara jannataatti kan ol fudhatame’ Phaawulos ture. (2 Qor. 12:2-4) Phaawulos jecha “mulʼata” jedhutti kan fayyadame siʼa taʼu, jechi kunis wanta gara fuulduraatti jiraatu argisiisa.

‘Samii sadaffaan’ Phaawulos arge maali dha?

Kitaaba Qulqulluu keessatti, ‘samiin’ samii isa ijaan mulʼatu argisiisuu dandaʼa. (Uma. 11:4; 27:28; Mat. 6:26) Haa taʼu malee, ‘samiin’ karaa kan biraas itti hojjetameera. Yeroo tokko tokko bulchiinsa namootaa argisiisa. (Dan. 4:20-22) Ykn immoo bulchiinsa Waaqayyoo kan akka Mootummaa Waaqayyoo argisiisuu dandaʼa.—Mul. 21:1.

Phaawulos, ‘samii isa sadaffaa’ argee ture. Phaawulos maal jechuu isaa ture? Kitaabni Qulqulluun wanta tokko cimsee ibsuuf ykn humna isaa dabaluuf al sadii irra deddeebiʼa. (Isa. 6:3; His. 21:27; Mul. 4:8) Phaawulos waaʼee ‘samii sadaffaa’ yommuu dubbatu, waaʼee bulchiinsa ol aanaa, sadarkaa guddaa qabuu, jechuunis waaʼee Mootummaa Masiihichaa isa Yesuus Kiristoosii fi warra 144,000 isaa wajjin bulchanii dubbachuu isaa waan ture fakkaata. (Kitaabota Qulqulluu Gadi Fageenyaan Hubachuu [Ingiliffa], Jildii 1, fuula 1059, 1062 ilaali.) Akkuma Pheexiros ergamaan barreesse, “samiiwwan haaraa” Waaqayyo abdii kenne eegganna.—2 Phe. 3:13.

Phaawulos “jannata” yommuu jedhu hoo maal jechuu isaa ture?

Jechi ‘jannata’ jedhus hiika adda addaa qabaachuu dandaʼa: (1) ‘Jannatni’ bakka jalqaba namoonni jiraatan waan tureef, Jannata lafa irraa isa gara fuulduraatti dhufu argisiisuu dandaʼa jedhanii yaaduun sirrii dha. (2) Haala hafuuraa sabni Waaqayyoo yeroo sana addunyaa haaraa keessatti itti gammadan argisiisuu dandaʼa. (3) Kana malees, haala gaarii samii keessa jiru, isa Mulʼata 2:7 irratti “jannata Waaqayyoo” jedhame argisiisuu dandaʼa.—Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2015, fuula 8. key. 8 ilaali.

Phaawulos 2 Qorontos 12:4 irratti wanta isa mudate yommuu ibsu, wantoota sadan kana hunda caqasuu isaa taʼuu dandaʼa.

Walumaa galatti:

‘Samii isa sadaffaan’ 2 Qorontos 12:2 irratti ibsame Mootummaa Masiihichaa isa Yesuus Kiristoosii fi warra 144,000n geggeeffamu jechuunis “samiiwwan haaraa” kan argisiisu taʼuu hin oolu.—2 Phe. 3:13.

Mootummaan kun sadarkaa ol aanaa kan qabuu fi bulchiinsa ol aanaa waan taaʼeef, ‘samii sadaffaa’ dha.

‘Jannatni’ Phaawulos mulʼataan itti ‘ol butame’ wantoota kana argisiisuu dandaʼa: (1) Jannata lafa irraa isa ijaan argamu, (2) jannata hafuuraa yeroo sanatti jiraatuu fi jannata hafuuraa amma jiru caalaa balʼaa taʼe akkasumas (3) “jannata Waaqayyoo” isa samii addunyaa haaraa keessatti kanneen olitti ibsamanii wajjin jiraatu.

Kanaafuu, addunyaa haaraan samii haaraa fi lafa haaraa kan walitti qabate dha. Kun qophii haaraa siʼa taʼu, bulchiinsa Mootummaa samii fi ilmaan namootaa jannata lafa irraa keessatti Yihowaa tajaajilan kan walitti qabate dha.