Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggoota, Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu ni Dandeessu

Dargaggoota, Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu ni Dandeessu

“Ati karaa jireenyatti nama geessu na barsiifta.”—FAR. 16:11.

FAARFANNAA: 133, 89

1, 2. Muuxannoon barataa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokko akka argisiisutti, jijjiirama akkamii gochuun ni dandaʼama?

BARATAAN maqaan isaa Toonii jedhamu tokko barumsa sadarkaa lammaffaa isaa addaan kutuuf jedha. Mucaan kun abbaa kan hin qabne taʼuu isaa irra iyyuu, barumsaaf fedhii waan hin qabneef, guyyoota dhuma torbaniitti yeroo isaa fiilmii ilaaluu fi hiriyoota isaa wajjin bashannanuu irratti dabarsa. Mucaan kun nama hamaa taʼee fi araada qabu miti. Taʼus jireenya isaa keessatti kaayyoo hin qabu. Akkasumas Waaqayyo jiraachuu isaa ni shakka. Gaaf tokko hiriyoota gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan tokko wajjin kan wal arge siʼa taʼu, waaʼee shakkii isaa fi gaaffiiwwan isaa isaaniif ibse. Isaanis birooshuroota, Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan (Amaariffa) akkasumas Jireenyi Uumamaan Argamee? (Amaariffa) jedhaman lama kennaniif.

2 Hiriyoonni gaaʼelaa sun yeroo deebiʼanii isa gaafachuu dhaqan, Tooniin ilaalcha isaa jijjiiree ture. Tooniin birooshuroota kana yeroo baayʼee irra deddeebiʼee waan qoʼateef, birooshuroonni kun dadachaʼanii fi qarqarri isaanii susuntuuree ture. Kanaafuu, Tooniin, “Waaqayyo jiraachuu qaba” jedhe. Achiis Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu afeerrii isaaf dhihaate kan fudhate siʼa taʼu, ilaalchi inni jireenyaaf qabus suutuma suuta jijjiirame. Kana malees, barumsa isaatti dadhabaa kan ture taʼus, barattoota mana barumsichaa keessatti ciccimoo taʼan keessaa tokko taʼeera. Hogganaan mana barumsichaa illee Tooniin amantii kan biraa keessa akka gale waan hubateef baayʼee dinqisiifateera. Hogganaan kun “Ilaalchaa fi qabxii kee irratti jijjiirama guddaa gooteetta” isaan jedhe. Achiis, “Jijjiirama kana kan goote Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin hariiroo waan uumteefii?” jedhee isa gaafate. Tooniinis eeyyee jedhee kan deebise siʼa taʼu, achiis akka gaariitti dhugaa isaaf baʼe. Mucaan kun mana barumsa sadarkaa lammaffaa akka gaariitti kan xumure siʼa taʼu, yeroo ammaa qajeelchaa yeroo hundaa fi tajaajilaa gumii taʼeera. Kana malees, amma Yihowaa isa Abbaa dinqisiisaa taʼe waan argateef gammachuun isatti dhagaʼama.—Far. 68:5.

YIHOWAADHAAF AJAJAMAA, MILKAAʼINA NI ARGATTU

3. Yihowaan dargaggoonni jireenya akkamii akka hordofan barbaada?

3 Muuxannoon Toonii, Yihowaan isin dargaggoota nu gidduu jirtaniif gad fageenyaan akka yaadu nu yaadachiisa. Inni jireenya dhugumaan milkaaʼina qabuu fi gammachiisaa taʼe akka jiraattan barbaada. Kanaafuu, ‘Bara dargaggummaa keessanitti uumaa keessan akka yaadattan’ isin gorsa. (Lal. 12:1) Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti kana gochuun salphaa kan taʼu yeroo hunda miti. Taʼus, matumaa kan hin dandaʼamne miti. Gargaarsa Waaqayyootiin dargaggummaa keessanitti qofa utuu hin taʼin, jireenya keessan guutuu milkaaʼina argachuu ni dandeessu. Kana fakkeenyaan ibsuuf, haala yeroo Daawit Goliyaadii wajjin wal lolettii fi yeroo Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte qabatanitti ture irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

4, 5. Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan injifachuu isaanii fi Daawit Goliyaadii wajjin wal loluu isaa irraa barumsa barbaachisaa akkamii argachuu dandeenya? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)

4 Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu dhihaatan, Waaqayyo ogummaa lolaaf qaban akka guddifatan ykn lolaaf akka leenjiʼan isaanitti hin himne. (Kes. 28:1, 2) Kanaa mannaa, ajajawwan isaa akka hordofanii fi isa irratti amanannaa akka qabaatan isaanitti hime. (Iya. 1:7-9) Akka ilaalcha namaatti gorsi kun buʼaa kan qabu hin fakkaatu! Haa taʼu malee, Yihowaan Kanaʼaanota irratti injifannoo hedduu akka argatan waan isaan gargaareef kun gorsa hunda caalaa gaarii taʼe ture. (Iya. 24:11-13) Eeyyee, Waaqayyoof ajajamuun amantii kan gaafatu taʼus, amantiin akkasii yeroo hundumaa milkaaʼina argamsiisa. Dhugaan kun yeroon darbaa yommuu adeemutti hin jijjiiramne. Akkuma yeroo sana ture harʼas ni hojjeta.

5 Goliyaad inni loltuu jabaa taʼe, gara meetira 2.9 kan dheeratu siʼa taʼu, miʼa lolaa akka gaariitti kan hidhate ture. (1 Sam. 17:4-7) Daawit garuu wantoota lama qofa qaba, isaanis furrisaa tokkoo fi amantii inni Waaqa isaa Yihowaa irratti qabu ture. Warra amantii hin qabne sanaaf Daawit gowwaa fakkaata ture. Haa taʼu malee baayʼee dogoggoranii turan! Gowwaa kan ture Goliyaadi dha.—1 Sam. 17:48-51.

6. Kanatti aansinee gad fageenyaan maal qoranna?

6 Mata dureen darbe jireenya keenya keessatti milkaaʼinaa fi gammachuu argachuuf wantoota gumaacha godhan afur ibsee ture. Isaanis, fedhii hafuuraa keenya guuttachuu, michoota Waaqayyoon jaallatan qabaachuu, galmawwan faayidaa qaban baafachuu fi bilisummaa saba Waaqayyoo taʼuu keenyaan arganne dinqisiifachuu dha. Mee amma immoo dhugaawwan buʼuuraa Faarfannaa 16 keessaa argannu tokko tokkotti fayyadamnee qabxiiwwan kana gad fageenyaan haa qorru.

FEDHII HAFUURAA KEESSAN GUUTTADHAA

7. (a) Nama hafuuraa tokko akkamitti ibsita? (b) ‘Qoodni’ Daawit maal ture? Kuni hoo dhiibbaa kan isa irratti godhe akkamitti?

7 Namni hafuuraa, Waaqayyo irratti amantii qaba akkasumas dhimmoota gara garaa irratti ilaalcha Waaqayyoo qabaata. Waaqayyo irraa qajeelfama argachuu barbaada akkasumas isaaf ajajamuuf murteessa. (1 Qor. 2:12, 13) Daawit gama kanaan fakkeenya gaarii ture. Inni, ‘Waaqayyo, qooda koo isa anaaf kennamee dha, xoofoo anaaf hiixatamee dha’ jedhee faarfateera. (Far. 16:5) ‘Qoodni’ kun Daawit Waaqayyotti kooluu galuu isaatiin kan kaʼe, isa biratti fudhatama argachuudhaan hariiroo gaarii inni isaa wajjin qabu kan dabalatu ture. (Far. 16:1) Kuni hoo buʼaan isaa maal ture? Daawit “lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha” jechuudhaan barreesseera. Eeyyee Daawitiif, Waaqayyoo wajjin walitti dhihaachuu caalaa wanti gammachuu argamsiisu tokko illee hin jiru.—Faarfannaa 16:9, 11 dubbisi.

8. Jireenya gammachiisaa taʼeef wantoonni gumaacha godhan tokko tokko kamfaʼi?

8 Namoonni jireenyi isaanii gammachuu fi qabeenya irratti akka hundaaʼu godhan gammachuu Daawit argatee ture hin arganne. (1 Xim. 6:9, 10) Obboleessi Kaanaadaa jiraatu tokko “Gammachuu dhugaan, wanta jireenya keessatti argannu irraa utuu hin taʼin, Waaqa keenya Yihowaa isa kennaa gaarii hundumaa kennuuf wanta kenninu irraa dhufa” jedheera. (Yaq. 1:17) Eeyyee, amantii Yihowaa irratti qabdan guddifachuu fi isa tajaajiluun keessan jireenyi keessan kaayyoo akka qabaatu godha akkasumas gammachuu isiniif argamsiisa. Amantii keessan guddifachuu kan dandeessan akkamitti? Dubbii Waaqayyoo dubbisuu, uumama isaa ilaaluu fi jaalala inni isiniif qabu dabalatee waaʼee amalawwan isaa yaaduudhaan akka fakkeenyaatti yeroo isaa wajjin dabarsuu qabdu.—Rom. 1:20; 5:8.

9. Akkuma Daawit Dubbiin Waaqayyoo dhiibbaa akka isin irratti godhu heyyamuu kan dandeessan akkamitti?

9 Jaalalli Waaqayyo nuuf qabu yeroo tokko tokko sirreeffama inni akka abbaatti nuuf kennuun ibsama. Daawit gorsa gaarummaa irratti hundaaʼe akkasii gammachuudhaan fudhateera. Daawit, “Waaqayyoon isa gorsa anaaf kenne nan jajadha halkanis immoo yaadni garaa koo isa kana na yaadachiisa” jedheera. (Far. 16:7) Eeyyee, Daawit yaada Waaqayyoo irratti xiinxaluudhaan, yaada isaa kana kan ofii isaa godhateera akkasumas dhiibbaa gaarii akka isa irratti godhu heyyameera. Isinis amantiidhaan yommuu akkas gootan, jaalalli Waaqayyoof qabdanii fi fedhiin isaaf ajajamuuf qabdan ni guddata. Kana malees karaa hafuuraa ni bilchaattu akkasumas ni guddatu. Obboleettiin Kiristiin jedhamtu takka, “Yommuun qorannaa godhuu fi wantan dubbise irratti xiinxalu, wanta sana Yihowaan akka naaf barreesse natti dhagaʼama!” jetteetti.

10. Akka Isaayaas 26:3 irratti ibsametti jireenyaaf ilaalcha hafuuraa qabaachuun faayidaawwan akkamii qaba?

10 Jireenya keessan keessatti ilaalcha hafuuraa qabaachuun, addunyaa fi wanta gara fuulduraatti isa mudatuuf ilaalcha Waaqayyoo akka qabaattan waan isin gargaaruuf, beekumsa addaa isiniif kenna yoo jedhame arbeessuu miti. Waaqayyo beekumsaa fi hubannaa akkasii kan isiniif kennu maaliifi? Jireenya keessan keessatti wanta sirrii taʼeef dursa akka kennitan, murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka gootanii fi yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan akka eeggattan barbaada! (Isaayaas 26:3 dubbisi.) Obboleessi Jooshuwaa jedhamuu fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu, “Yihowaatti dhihaatanii jiraachuun wanti hundi iddoo isaaf malu akka qabaatu godha” jedheera. Kun dhugaa taʼuu isaa irra iyyuu gammachuu guddaa argamsiisa!

MICHOOTA DHUGAA QABAADHAA

11. Daawit wanta michoota dhugaa argachuuf furtuu taʼe kan ibse akkamitti?

11 Faarfannaa 16:3 dubbisi. Daawit iccitii michoota dhugaa argachuu beekee ture. Namoota Yihowaa jaallatanii wajjin taʼuudhaan ‘guutummaatti gammachuu’ argatee ture. Namoonni kun ‘warra qulqullaaʼan’ jedhamanii waan ibsamaniif, gama naamusaatiin qulqulluu fi qajeeloo turan. Faarfataan kan biraanis filannaa michoota isaa ilaalchisee akkasuma isatti dhagaʼameera. “Ani warra si sodaatan hundumaaf, warra ajaja kee eeganiifis hidhata” jedhee barreesseera. (Far. 119:63) Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, isinis namoota Yihowaa sodaatanii fi isaaf ajajaman keessaa michoota gaggaarii hedduu argachuu ni dandeessu. Dhugaa dha, kun warra umurii adda addaa qabanis ni dabalata.

12. Michummaa Daawitii fi Yonaataan gidduu tureef wanti buʼuura taʼe maal ture?

12 Daawit faarfatichi michoota kan godhate warra umuriidhaan hiriyoota isaa taʼan qofa hin turre. Maqaa nama ‘ulfina qabeessa’ michuu isaa taʼe tokkoo ni yaaddattuu? Maqaan isaa Yonaataani dha. Michummaan isaanii seenaawwan babbareedoo Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa tokko dha. Haa taʼu malee, Yonaataan, Daawitiin gara waggaa soddomaa akka caalu ni beektuu? Kanaafuu wanti hariiroo isaaniitiif buʼuura taʼe maal ture ree? Amantii Waaqayyo irratti qaban, kabaja guddaa walii isaaniitiif qabanii fi diinota Waaqayyoo yommuu waraananitti ija jabina walii isaanii arguu isaanii ture.—1 Sam. 13:3; 14:13; 17:48-50; 18:1.

13. Michoota hedduu argachuu kan dandeessan akkamitti? Fakkeenya tokko kenni.

13 Akkuma Daawitii fi Yonaataan nutis warra Yihowaa jaallatanii fi amantii isa irratti akka qaban argisiisan jaallachuudhaan, ‘guutummaatti gammaduu’ ni dandeenya. Kiiraan ishiin waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilte, “Namoota addunyaa maratti argaman, akkaataa guddinaa fi aadaa gara garaa qaban michoota godhadheera” jetteetti. Isinis akkasuma yommuu gootan, humna Dubbiin Waaqayyoo fi hafuurri isaa addunyaa maratti waaqeffattoota isaa tokko gochuuf qabu ofuma keessanii ni argitu.

GALMAWWAN FAAYIDAA QABAN HORDOFAA

14. (a) Jireenya keessan keessatti galma faayidaa qabu baafachuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa? (b) Dargaggoonni tokko tokko galma hafuuraa baafachuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

14 Faarfannaa 16:8 dubbisi. Jireenyi Daawit Yihowaa tajaajiluu irratti kan xiyyeeffate ture. Isinis tajaajila Yihowaatiif yoo dursa kennitanii fi isa yaadatti qabachuudhaan yoo galma baafattan jireenya dhugumaan gammachiisaa taʼe jiraachuu ni dandeessu. Obboleessi Istiivan jedhamu, “Galma tokko irra gaʼuuf carraaquu, galma sana raawwachuu fi fooyyaʼiinsan godhe duubatti deebiʼee yaaduun koo gammachuu naaf argamsiisa” jedheera. Obboleessi dargaggeessi lammii Jarman taʼee fi biyya alaatti tajaajilaa jiru tokko, “Ergan dulloomee booda, gara duubaatti deebiʼee, waan hundumaa faayidaa dhuunfaa kootiif hojjechaa akkan ture yaaduu hin barbaadu” jedheera. Isinis akkasuma akka isinitti dhagaʼamu ni abdanna. Taanaan, kennaa keessan Waaqayyoof ulfina fiduu fi warra kaaniif waa raawwachuuf itti fayyadamaa. (Gal. 6:10) Galma hafuuraa baafadhaa galmawwan kana irra gaʼuuf akka isin gargaarus kadhannaadhaan Yihowaa gaafadhaa. Yihowaan kadhannaawwan akkasiitiif deebii kennuun isa gammachiisa.—1 Yoh. 3:22; 5:14, 15.

15. Galmawwan akkamii baafachuu dandeessu? (Saanduqa “ Galmawwan Baafachuun Dandaʼamu Tokko Tokko” jedhu ilaali.)

15 Galmawwan akkamii baafachuu dandeessu? Walgaʼii Kiristiyaanaa irratti jecha mataa keessaniitiin deebii kennuu, qajeelchaa taatanii tajaajiluu ykn Betʼel galuu kan dabalatan taʼuu dandaʼu. Naannoo tajaajilaa qooqni biyya alaa dubbatamutti tajaajiluuf yaaduudhaan qooqa kan biraa barachuuf yaaluu dandeessu. Baraak inni tajaajilaa yeroo guutuu taʼe, “Guyyaa hundumaa yommuun hirribaa kaʼu humna koo guutummaatti Yihowaadhaaf akkan kennu yaaduun koo gammachuu hojii kan biraan kam iyyuu naaf hin argamsiisne naa kenna” jedheera.

BILISUMMAA WAAQAYYO ISINIIF KENNE DINQISIIFADHAA

16. Daawit ulaagaawwan Yihowaa warra qajeeloodhaaf maaltu isatti dhagaʼamee ture? Maaliifi?

16 Faarfannaa 16:2, 4 dubbisi. Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle seerawwanii fi dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyoo warri qajeeloo taʼan wanta gaarii taʼeef jaalala akka horannuu fi wanta hamaa taʼeef jibba akka horannu nu gargaaruudhaan bilisa nu baasaniiru. (Amo. 5:15) Daawit faarfatichi, Yihowaan isaaf madda “wanta gaarii” akka taʼe hubatee ture. Afaan jalqabaatiin jechi Kitaaba Qulqulluu ‘gaarii’ jedhamee hiikame, yaada naamusa ol aanaa ykn qulqulluu jedhus of keessaa qaba. Yihowaan wanta hojjetu hundumaa irratti gaarii siʼa taʼu, wanti gaariin qabnu hundinuu isa biraa dhufa. Daawit amala Waaqayyoo isa gaarii kan ofii isaa godhachuuf jabaatee hojjeteera. Daawit wanta akka ilaalcha Waaqayyootti hamaa taʼeefis jibba horateera. Kunis gocha waaqolii tolfamoo waaqeffachuu isa ulfina namootaa xiqqeessuu fi Yihowaadhaaf ulfina isaaf kennamuu qabu dhabsiisu dabalata.—Isa. 2:8, 9; Mul. 4:11.

17, 18. (a) Daawit miidhaa waaqeffannaan sobaa geessisu ilaalchisee maal hubateera? (b) Yeroo harʼaa namoonni ‘miidhama akka of irratti baayʼisan’ kan godhu maali dha?

17 Bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti, waaqeffannaan sobaa yeroo baayʼee halalummaa raawwachuu kan dabalatu ture. (Hos. 4:13, 14) Waaqeffannaan akkasii foon isa cubbuu dhaale kan hawwatu dha. Haa taʼu malee, gammachuu itti fufiinsa qabu hin argamsiisu. Faallaa kanaatiin, Daawit, ‘Namoonni waaqayyolii kan biraa fudhatan miidhama of irratti baayʼisu’ jedheera. Kana malees, ijoollee hedduu irratti rakkina hangana hin jedhamne fidaniiru. (Isa. 57:5) Yihowaan hammina akkasiitiif jibba guddaa akka qabu argisiiseera! (Er. 7:31) Isin utuu yeroo sana jiraattaniittu taʼee, warri keessan Yihowaa irratti amantii kan qabanii fi kan isaaf ajajaman yoo taʼe akka galateeffattan hin shakkisiisu.

18 Yeroo harʼaattis, waaqeffannaan sobaa yeroo baayʼee halalummaa fi saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ni deggera. Haa taʼu malee, miidhaan gama naamusaatiin bilisa taʼuun fidu erga Kitaabni Qulqulluun barreeffamee booda hin jijjiiramne. (1 Qor. 6:18, 19) Akkuma isin hubattanii taʼuu dandaʼu, namoonni “miidhama of irratti in baayʼisu.” Kanaafuu, dargaggootaa, Abbaa keessan isa samii dhaggeeffadhaa. Isaaf ajajamuun faayidaa hunda caalu akka isiniif argamsiisu guutummaatti amanaa. Miidhaan dogoggora raawwachuun geessisu, gammachuu yeroo muraasaaf argamu kam iyyuu baayʼee akka caalu garaa keessan amansiisaa. (Gal. 6:8) Jooshuwaan inni jalqaba irratti caqasame, “Bilisummaa keenya karaa barbaanneen itti fayyadamuu dandeenya, haa taʼu malee, karaa dogoggora taʼeen itti fayyadamuun gammachuu hin argamsiisu” jedheera.

19, 20. Dargaggoota Yihowaa irratti amantii qabanii fi isaaf ajajaman eebbawwan akkamiitu eeggata?

19 Yesuus duuka buutota isaatiin, “Isin dubbii kootti yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti; dhugaas ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedhee ture. (Yoh. 8:31, 32) Bilisummaan kun, amantii sobaa, doofummaa fi ilaalcha boodatti hafaa irraa walaba taʼuu dabalata. Kana malees waan dabalatu qaba. Akkuma olitti ilaalle, dhuma irratti, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argamsiisa. (Rom. 8:21) ‘Dubbii Kiristoositti jiraachuudhaan’ ykn barumsa isaa hordofuudhaan ammuma illee bilisummaa kana dhandhamaa. Akkas kan gootan taanaan, barachuu qofaan utuu hin taʼin, ittiin jiraachuudhaan ‘dhugaa ni beektu.’

20 Dargaggootaa, bilisummaa Waaqayyo isiniif kenne dinqisiifadhaa. Bilisummaa kana ogummaadhaan itti fayyadamuudhaan, yeroo gara fuulduraatiif buʼuura gaarii kaaʼadhaa. Obboleessi dargaggeessi tokko, “Yeroo dargaggummaatti bilisummaa ofii ogummaadhaan itti fayyadamuun boodatti yeroo murtoo gurguddaa kan akka hojii mijataa argachuu, gaaʼela godhachuu ykn qeenxee taʼanii jiraachuuf filachuu ilaalchisee murtoo gochuun barbaachisutti ni fayyada” jedheera.

21. Daandii “jireenya isa dhugaa” irra turuu kan dandeessan akkamitti?

21 Sirna moofaa kana keessatti jireenyi gaarii akka taʼe yaadamu illee amansiisaa kan hin taanee fi yeroo gabaabaa qofa kan turu dha. Wanta guyyaan borii fidu hin beeknu. (Yaq. 4:13, 14) Kanaafuu, tarkaanfiin ogummaa irratti hundaaʼe daandii “jireenya isa dhugaa” jechuunis jireenya bara baraa irra turuu dha. (1 Xim. 6:19) Dhugaa dha, Waaqayyo daandii kana irra akka adeemnu nu hin dirqisiisu. Filannoon isaa kan keenya dha. Yihowaa “qooda” keessan godhadhaa. “Waan gaarii” hedduu inni isiniif kenne dinqisiifadhaa. (Far. 103:5) Kana malees, inni ‘guutummaa gammachuu’ fi ‘wanta namatti tolu bara hundumaa’ isiniif kennuu akka dandaʼu amantii qabaadhaa.—Far. 16:11.