Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?

Waaqayyo Gara Fuulduraatti Maal Raawwata?

Rakkina keessa kan jirtu yoo taʼe, michuu gaariin tokko si gargaaruuf wanta tokko akka raawwatu akka eegdu hin shakkisiisu. Namoonni tokko tokko yaada akkasii sammuutti qabachuudhaan Waaqayyo isaan gargaaruuf homaa waan hin raawwanneef michuu isaanii akka hin taane dubbatu. Dhugaan isaa garuu, Waaqayyo faayidaa keenyaaf kanaan dura wantoota hedduu raawwachuu qofa utuu hin taʼin, rakkinaa fi dhiphina yeroo harʼaa nu irra gaʼu hunda balleessuuf tarkaanfii ni fudhata. Waaqayyo gara fuulduraatti maal raawwata ree?

HAMMINA HUNDA NI BALLEESSA

Waaqayyo madda hamminaa dhabamsiisuudhaan hammina hunda ni balleessa. Kitaabni Qulqulluun, “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sana jala jira” jechuudhaan maddi hamminaa kun maal akka taʼe ibsa. (1 Yohaannis 5:19) “Isa hamaa” kan jedhame Seexana isa Yesuus ‘bulchaa addunyaa’ jedhee waame akka taʼe hin shakkisiisu. (Yohaannis 12:31) Maddi haalawwan rakkisoo lafa irra jiranii inni guddaan dhiibbaa Seexanni addunyaa ilmaan namootaa irratti godhu dha. Waaqayyo kana ilaalchisee maal godha ree?

Waaqayyo, ‘Diyaabilos isa duʼa fiduuf humna qabu sana balleessuuf’ dhiheenyatti karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoos tarkaanfii fudhata. (Ibroota 2:14; 1 Yohaannis 3:8) Dhugaa dubbachuuf, Kitaabni Qulqulluun, Diyaabilos balleeffamuuf ‘yeroo gabaabaa’ qofti akka isa hafe inni iyyuu akka beeku argisiisa. (Mulʼata 12:12) Waaqayyo warra rakkina uuman hundumaas ni balleessa.—Faarfannaa 37:9; Fakkeenya 2:22.

LAFA JANNATA GODHA

Uumaan keenya hammina hundumaa erga balleessee booda, ilmaan namootaa fi lafa ilaalchisee kaayyoo isaa isa bara baraa galmaan gaʼuuf tarkaanfii fudhata. Wantoota akkamii hawwiidhaan eeggachuu dandeenya?

Nagaa fi tasgabbii itti fufiinsa qabu fida. “Warri garraamonni . . . lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—Faarfannaa 37:11.

Nyaata madaalamaa fi gaʼaa. ‘Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa hafa, hamma bantii tullootaattis gobbatee ni biqila.’—Faarfannaa 72:16.

Mana mijataa fi hojii gammachiisaa. “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatani ija isaa in nyaatu. . . . Warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu [“hojjetanitti ni gammadu,” NW].”—Isaayaas 65:21, 22.

Haalawwan akkasii yommuu raawwataman arguu ni hawwitaa? Wantoonni kun dhiheenyatti wanta namoonni hundi argatan taʼu.

DHUKKUBAA FI DUʼA NI BALLEESSA

Yeroo harʼaa namni hundi oolee bulee dhukkubaa fi duʼaaf saaxilamuun isaa hin oolu, yeroo sanatti garuu kun hin jiraatu. Waaqayyo dhiheenyatti faayidaa aarsaan furii Yesuus qabu hojii irra oolchuudhaan “isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badne” godha. (Yohaannis 3:16) Kuni hoo buʼaan isaa maali dha?

Dhukkubni ni bada. “Warra Xiyoon keessa jiraataniif yakki isaanii waan dhiifameef, isaan keessaa namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

Duuti sana booda ilmaan namootaa hin hubu. “Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.”—Isaayaas 25:8.

Namoonni bara baraaf jiraatu. “Kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Roomaa 6:23.

Warri duʼan deebiʼanii jiraatu. ‘Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa ni kaʼu.’ (Hojii Ergamootaa 24:15) Namoonni kun kennaa furii Waaqayyo qopheesse irraa faayidaa argatu.

Waaqayyo wantoota kana hundumaa akkamitti raawwata?

MOOTUMMAA MUDAA HIN QABNE HUNDEESSA

Waaqayyo mootummaa samii isa Yesuus Kiristoos Bulchaa taʼee irratti muudametti fayyadamuudhaan kaayyoo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu ni raawwata. (Faarfannaa 110:1, 2) Bulchiinsi ykn mootummaan kun isa Yesuus duuka buutonni isaa, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, . . . Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiise dha.—Maatewos 6:9, 10.

Mootummaan Waaqayyoo yommuu lafa irratti bulchu, gaddaa fi rakkina hundumaa guutummaa lafaa irraa ni balleessa. Mootummaan kun bulchiinsa ilmaan namootaa hundeessuu dandaʼan hundumaa ni caala! Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, “misiraachoo Mootummichaa” labsuu irratti guutummaatti kan xiyyeeffatee fi barattoonni isaas kana akka godhan kan isaan ajaje kanaafi.—Maatewos 4:23; 24:14.

Yihowaan ilmaan namootaa warra uumama isaa taʼaniif jaalala qabuun kakaʼee, wantoota dinqisiisoo kana hunda isaaniif gochuuf abdii kenneera. Kun isa beekuu fi isatti dhihaachuu akka barbaaddu si hin taasisuu? Kana gochuuf yoo filatte faayidaa akkamii argatta? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.

WAAQAYYO GARA FUULDURAATTI MAAL RAAWWATA? Waaqayyo dhukkubaa fi duʼa ni balleessa, bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti ilmaan namootaa tokko godha, akkasumas lafa jannata godha