Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yommuu Jiraachuu Akka hin Qabne Sitti Dhagaʼamu

Yommuu Jiraachuu Akka hin Qabne Sitti Dhagaʼamu

Adriyaanaa ishiin Biraaziil keessa jiraattu, “Miirri akkasii utuu wal irraa hin citin natti dhagaʼama. Kanaafuu, of ajjeesuu naaf wayya jedhee murteesseen ture” jetteetti.

MIIRRI gadheen sitti dhagaʼamuu isaatiin kan kaʼe jiraachuu akka hin barbaanne sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, wanta Adriyaanaatti dhagaʼame hubachuu ni dandeessa taʼa. Ishiin dhiphina guddaa, gaddii fi abdii kutachuun akka ishiitti dhagaʼamu godhu qabdi turte. Adriyaanaan dhiphina sammuu yeroo hundumaa akka gadditu ishii taasisu akka qabdu qorannoodhaan beekame.

Kooruu isa lammii Jaappaan taʼee fi warra isaa dulloomanii fi dhukkubsatan kunuunsus maaltu akka isa mudate ilaali. “Yeroo tokko tokko dhiibbaa guddaa bakka hojiitti na irra gaʼuun kan kaʼe, baayʼeen dadhaba. Yeroo kan biraa immoo nyaachuuf fedhii dhaba, akkasumas hirriba gaarii hin rafu. Kanaafuu yoon duʼe rakkina koo irraa boqonnaan argadha jedheen yaada ture” jechuudhaan ibseera.

Ojiiboodi inni lammii Naayijeeriyaa taʼe, “Yeroo hundumaa hamman imimmaan koo dhangalaasutti nan gadda, kanaafuu karaan itti of ajjeesuun barbaadan ture” jedheera. Kan nama gammachiisu Ojiiboodi, Kooruu fi Adriyaanaan of hin ajjeesine. Haa taʼu malee, waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman of ajjeesu.

GARGAARSA EESSAA ARGACHUU DANDEENYA?

Namoota of ajjeesan keessaa gar caalaan dhiirota siʼa taʼan, isaan keessaa baayʼeen isaanii gargaarsa gaafachuu baayʼee qaanaʼu. Yesuus namoota dhukkubsataniif ogeessi fayyaa ni barbaachisa jedhee ture. (Luqaas 5:31) Kanaafuu, miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe gargaarsa gaafachuu hin qaanaʼin. Namoonni dhiphina sammuu qaban hedduun, yaalii gochuun isaanii dhukkuba isaanii dandaʼuuf akka isaan gargaare hubataniiru. Ojiiboodi, Kooruu fi Adriyaanaan gargaarsa ogeessa fayyaa kan fudhatan siʼa taʼu, amma caalaatti dhukkuba isaanii dandaʼanii jiraatu.

Doktaroonni dhiphina sammuu yaaluuf qorichatti ykn dubbii afaaniin dubbatamutti ykn lamaan isaanitti iyyuu fayyadamuu dandaʼu. Namoonni dhiphina sammuu qaban, deggersi maatii fi michoonni isaanii obsaan isaaniif godhanis isaan barbaachisa. Michuu hunda caalaan namni tokko qabaachuu dandaʼu Yihowaa siʼa taʼu, innis karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutiin gargaarsa dinqisiisaa ni kenna.

FURMAANNI ITTI FUFIINSA QABU JIRAA?

Namoonni dhiphina sammuu qaban yeroo dheeraadhaaf yaalii gochuun kan isaan barbaachisu taʼuu isaa irra iyyuu, akkaataa jireenyaa isaanii irratti sirreeffama gochuudhaan dhukkuba isaanii akkamitti akka dandaʼan barachuu qabu. Taʼus, dhiphina sammuu kan qabdu yoo taʼe, akkuma Ojiiboodi yeroo gara fuulduraa abdiidhaan eeggachuu ni dandeessa. Inni akkas jedheera: “Isaayaas 33:24 irratti raajiin namni lafa irra jiraatu hundi ‘Na dhukkuba’ akka hin jenne ibsu yeroo itti raawwatamu hawwiidhaan nan eeggadha.” Akkuma Ojiiboodi atis abdii Waaqayyo “lafa haaraa” isa “cinqiin” keessa hin jirre ilaalchisee kenne irraa jajjabina argadhu. (Mulʼata 21:1, 4) Abdiin kun dhiphina sammuu fi dhiphina miiraa hunda balleessuu dabalata. Dhiphinni miiraa kee bara baraaf ni bada. Sana booda dhiphina miiraa sitti dhagaʼamu matumaa ‘hin yaadattu, yaada kee keessas hin dhufu.’—Isaayaas 65:17.