Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 7

Garraamummaa Barbaaduudhaan Yihowaa Gammachiisaa

Garraamummaa Barbaaduudhaan Yihowaa Gammachiisaa

“Isin garraamonni lafa irra jirtan hundi, Yihowaa barbaadaa . . . Garraamummaa barbaadaa.”—SEF. 2:3, NW.

FAARFANNAA 80 “Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa”

QABIYYEE *

1-2. (a) Museen nama akkamii ture? Wanti inni raawwate hoo maal ture? (b) Garraamummaa horachuuf sababii akkamii qabna?

KITAABNI QULQULLUUN, Museen “namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii” akka ture ibsa. (Lak. 12:3, NW) Kana jechuun Museen, dadhabaa, murtoo gochuu kan sodaatuu fi yommuu namoonni isa mormanitti ejjennoo cimaa qabaachuu kan sodaatu ture jechuudhaa? Namoonni tokko tokko nama garraamii taʼe haala kanaan ibsu. Haa taʼu malee, ilaalchi akkasii dhugaa miti. Museen tajaajilaa Waaqayyoo cimaa, kutataa fi ija jabeessa ture. Gargaarsa Yihowaatiin bulchaa Gibxii isa humna guddaa qabu dura dhaabateera; namoota gara 3,000,000 taʼan lafa onaa keessa geggeesseera; akkasumas sabni Israaʼel diinota isaanii akka injifatan gargaareera.

2 Yeroo harʼaa rakkoowwan Museen moʼe nu hin mudatan taʼa; haa taʼu malee, guyyaa hunda namoonni ykn haalawwan garraamii taʼuun akka nutti ulfaatu taasisan nu mudatu. Taʼus, amala kana horachuuf sababa guddaa qabna. Yihowaan, ‘garraamonni lafa akka dhaalan’ abdii kenneera. (Far. 37:11, hiika bara 1899) Garraamii akka taate sitti dhagaʼamaa? Warri kaan hoo garraamii akka taatetti si ilaaluu? Gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan kanaaf deebii kennuu keenya dura, garraamii jechuun maal jechuu akka taʼe beekuu nu barbaachisa.

GARRAAMUMMAAN MAALI DHA?

3-4. (a) Garraamummaan maalitti fakkeeffamuu dandaʼa? (b) Garraamii taʼuudhaaf amalawwan kamfaatu nu barbaachisa? Maaliifi?

3 Garraamummaan * fakkii bareedaa tokkoo wajjin wal fakkaata. Akkamitti? Akkuma namni fakkii kaasu tokko fakkii kaasuuf halluuwwan babbareeddoo gara garaa walitti maku, nutis garraamii taʼuuf amalawwan gaggaarii hedduu qabaachuu qabna. Amalawwan kana keessaa tokko tokko gad of qabuu, ajajamuu fi ija jabina dha. Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne amalawwan kana qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

4 Namoota gad of qaban qofatu fedhii Waaqayyootiif bitama, akkasumas garraamii ta’a. (Mat. 5:5; Gal. 5:23) Fedhii Waaqayyoo yommuu raawwannu Seexana aarsina. Kanaafuu, garraamii yoo taane iyyuu, namoota kutaa addunyaa Seexanaa taʼan hedduun nu jibbu. (Yoh. 15:18, 19) Kanaan kan kaʼes, Seexana mormuuf ija jabina qabaachuun nu barbaachisa.

5-6. (a) Seexanni namoota garraamii kan jibbu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kennina?

5 Faallaan nama garraamii taʼe tokkoo, nama of tuulaa, aariisaa akka hin toʼannee fi Yihowaadhaaf akka hin ajajamne argisiisu dha. Kun amala Seexanni qabu sirriitti kan argisiisu dha. Seexanni namoota garraamii jibbuun isaa nama hin dinqisiisu! Isaan amalawwan gaarii inni hin qabne waan argisiisaniif inni hammam hamaa akka taʼe saaxilu. Kana malees, inni sobduu akka taʼe mirkaneessu. Maaliif? Sababiin isaas inni wanta fedhe yoo dubbate ykn yoo raawwate iyyuu, namoonni garraamii taʼan Yihowaa akka hin tajaajille dhowwuu hin dandaʼu!—Iyo. 2:3-5.

6 Garraamii taʼuun kan nu rakkisu yeroo akkamiitti taʼuu dandaʼa? Garraamummaa barbaaddachuuf yaalii gochuu keenya itti fufuu kan qabnu hoo maaliifi? Gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuuf, fakkeenya Museen, Ibroonni boojuudhaan Baabilon keessa turan sadanii fi Yesuus nuuf taʼan qoranna.

GARRAAMII TAʼUUN KAN NU RAKKISU YEROO AKKAMIITTI TAʼUU DANDAʼA?

7-8. Museen yeroo warri kaan ulfina utuu isaaf hin kennin hafanitti maal godhe?

7 Yommuu aangoon nuuf kennamu: Namoonni aangoo qaban keessumaa yeroo namni isaan jalatti hojjetu ulfina isaan dhowwatu ykn murtoo isaan godhan irratti gaaffii kaasu garraamii taʼanii itti fufuun ulfaataa isaanitti taʼuu dandaʼa. Haalli akkasii si mudatee beekaa? Miseensi maatii kee tokko yoo kabaja si dhowwate hoo? Yeroo akkasiitti maal goota? Museen haala akkasiitiif akkamitti furmaata akka kenne haa ilaallu.

8 Yihowaan, Museen Israaʼeloota akka geggeessuu fi seerawwan sabichi ittiin bulu akka galmeessu isa muudee ture. Yihowaan, Musee gargaaraa akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee, obboleettiin isaa Miiryaamii fi obboleessi isaa Aaron isa morman, akkasumas murtoo inni haadha manaa filachuu irratti godhe irratti gaaffii kaasanii turan. Namoonni akka Musee aangoo qaban tokko tokko aaruu fi haaloo baʼuuf yaalii godhu taʼa, Museen garuu akkas hin goone. Inni nama salphaatti aaru hin turre. Museen, Yihowaan Miiryaamiin adabu isaa akka dhaabu illee kadhateera. (Lak. 12:1-13) Museen akkas kan godhe maaliifi?

Museen, Yihowaan Miiryaamiin adabuu isaa akka dhaabu isa kadhateera (Keeyyata 8 ilaali)

9-10. (a) Yihowaan, Museen maal akka hubatu isa gargaareera? (b) Mataawwan maatii fi jaarsoliin Musee irraa maal barachuu dandaʼu?

9 Museen, Yihowaan akka isa leenjisu of dhiheessee ture. Gara waggoota 40 dura, yeroo miseensa maatii Mootii Gibxii turetti, Museen garraamii hin turre. Nama dafee aaru waan tureef, namicha wanta sirrii hin taane akka raawwate isatti dhagaʼame tokko ajjeeseera. Museen gochi isaa kun Yihowaa duratti fudhatama akka qabu godhee yaadee ture. Yihowaan, Museen Israaʼeloota geggeessuuf, ija jabina caalaa garraamummaan akka isa barbaachisu isa hubachiisuuf waggaa 40f isa gargaareera. Garraamii taʼuuf immoo, kan gad of qabuu fi kan ajajamu taʼuun isa barbaachisa ture. Innis barumsa kana sirriitti barachuudhaan, geggeessaa baayʼee gaarii taʼuu dandaʼeera.—Bau. 2:11, 12; HoE. 7:21-30, 36.

10 Yeroo ammaatti, mataawwan maatii fi jaarsoliin fakkeenya Musee hordofuu qabu. Yommuu namoonni haala kabaja hin qabneen isin qabanitti salphaatti hin aarinaa. Gad of qabuudhaan dogoggora raawwattan amanaa fudhadhaa. (Lal. 7:9, 20) Akkaataa rakkoowwaniif furmaata kennitan irratti qajeelfama Yihowaan kennuuf ajajamaa. Yeroo hunda garraamummaadhaan deebii kennaa. (Fak. 15:1) Mataawwan maatii fi ilaaltonni ol aanaa haala kanaan deebii kennan, Yihowaa ni gammachiisu, nagaan akka dagaagu godhu, akkasumas garraamummaa argisiisuudhaan fakkeenya taʼu.

11-13. Ibroonni sadan fakkeenya akkamii nuuf taʼaniiru?

11 Yommuu ariʼatamni nu irra gaʼu: Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti bulchitoonni saba Yihowaa irra ariʼatama geessisaa turaniiru. “Yakka” adda addaa akka raawwannetti nu himatu taʼa; sababiin isaanii itti nu himatan inni guddaan garuu, “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamuu” waan filanneefi dha. (HoE. 5:29) Nutti qoosuu, mana hidhaatti nu galchuu ykn qaama keenya irra miidhaa geessisuu dandaʼu taʼa. Haa taʼu malee, haaloo baʼuu mannaa gargaarsa Yihowaatiin yeroo qorumsi nu irra gaʼu hundatti garraamummaa argisiisna.

12 Fakkeenya Ibroonni sadan Hanaaniiyaa, Miishaaʼelii fi Azaariyaan warri gara Baabilonitti boojiʼaman nuuf taʼan haa ilaallu. * Mootiin Baabilon bifa fakkeenyaa warqee guddaa tokkoof akka sagadan isaan ajajee ture. Isaan garuu bifa fakkeenyaa sana maaliif akka hin waaqeffanne garraamummaadhaan mootichaaf ibsan. Mootichi ibidda bobaʼu keessatti akka isaan darbatu isaan doorsisu iyyuu, isaan Waaqayyoof ajajamuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaan namoota kana battaluma sanatti oolchuu filateera; taʼus isaan akka inni isaan oolchu hin eegne. Kanaa mannaa, wanta Yihowaan heyyame kam iyyuu fudhachuuf qophaaʼoo turan. (Dan. 3:1, 8-28) Kanaaf isaan namoonni garraamiin dhugumaan ija jabeeyyii akka taʼan mirkaneessaniiru; mootiin, doorsisnii fi adabbiin kam iyyuu, “murtoo Yihowaa qofa waaqeffachuuf goone” akka laaffisnu nu gochuu hin dandaʼu.—Bau. 20:4, 5.

13 Amanamummaan Waaqayyoof qabnu yeroo qoramu fakkeenya Ibroota sadan kanaa akkamitti hordofuu dandeenya? Gad of qabuudhaan Yihowaan akka nuuf yaadu isatti ni amanamna. (Far. 118:6, 7) Namoota hamaa akka hojjenne nu himataniif, garraamummaa fi kabajaan deebii isaaniif kennina. (1 Phe. 3:15) Hariiroo Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee wajjin qabnu laaffisuuf matumaa tole hin jennu.

Yeroo warri kaan nu morman, karaa ulfina qabeessa taʼeen deebii kennina (Keeyyata 13 ilaali)

14-15. (a) Yeroo dhiphannutti maaltu taʼuu dandaʼa? (b) Isaayaas 53:7, 10 akka jedhutti dhiphina guddaa keessatti garraamummaa argisiisuudhaan Yesuus fakkeenya hunda irra caalu dha jechuu kan dandeenyu maaliifi?

14 Yeroo dhiphannu: Sababii gara garaatiin kan kaʼe hundi keenya dhiphinni nu mudata. Mana barumsaatti qorumsa fudhachuu keenya dura ykn hojii adda taʼe tokko hojjechuuf yeroo jennutti ni dhiphanna taʼa. Yookiin waaʼee yaalii fayyaa gochuu nu barbaachisu tokkoo yaaduun qofti illee nu dhiphisuu dandaʼa. Yeroo dhiphannu garraamii taʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haalawwan yeroo kaan nu hin jeeqne, nu aarsuu jalqabuu dandaʼu. Wanta namatti hin tollee dubbachuu fi karaa gaarummaa hin qabneen warra kaan qabuu dandeenya. Dhiphinni si mudatee beeka taanaan fakkeenya Yesuus qori.

15 Yesuus jiʼoota xumuraa jireenya isaa isa lafa irraa keessatti dhiphinni cimaan isa mudatee ture. Akka ajjeefamuu fi dhiphinni cimaan akka isa irra gaʼu beeka ture. (Yoh. 3:14, 15; Gal. 3:13) Duʼuu isaa jiʼoota muraasa dura baayʼee dhiphatee akka ture dubbateera. (Luq. 12:50) Akkasumas duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, “Ani dhiphadheera” jedhee ture. Kadhannaa, “Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi. Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe. Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee dhiheesse irraa, kan gad of qabuu fi Waaqayyoof kan ajajamu taʼuu isaa hubachuu dandeenya. (Yoh. 12:27, 28) Yommuu yeroon sun gaʼutti, Yesuus ija jabinaan diinota Waaqayyoo warra haala baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun isa ajjeesanitti dabarsee of kenneera. Dhiphinni guddaanii fi rakkinni guddaan kan isa irra gaʼe taʼu illee, Yesuus garraamummaadhaan fedha Yihowaa raawwateera. Kanaaf afaan keenya guunnee, Yesuus dhiphina guddaa keessatti garraamummaa argisiisuudhaan fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa jennee dubbachuu dandeenya!—Isaayaas 53:7, 10 dubbisi.

Yesuus garraamummaa argisiisuu irratti fakkeenya hunda irra caalu dha (Keeyyata 16-17 ilaali) *

16-17. (a) Michoonni Yesuus garraamii taʼuun akka isatti ulfaatu kan taasisan akkamitti? (b) Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Galgala xumuraa jireenya isaa isa lafa irraatti, michoonni isaa garraamii taʼuun akka isatti ulfaatu taasiisanii turan. Dhiphina galgala sana Yesuusitti dhagaʼamee ture tilmaamuuf yaalaa. Hamma duʼaatti guutummaatti amanamaa taʼee itti fufaa? Jireenyi namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii amanamaa taʼuu isa irratti kan hundaaʼe dha. (Rom. 5:18, 19) Hunda caalaa immoo, wanti inni godhu maqaa Abbaa isaa irratti jijjiirama fida. (Iyo. 2:4) Yeroo dhumaatiif michoota, jechuunis ergamoota isaa wajjin nyaata nyaachaa yeroo turetti, ‘isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee gidduu isaaniitti falmii guddaan kaʼee’ ture. Yesuus dhimma kana ilaalchisee galgala sana dabalatee yeroo baayʼee michoota isaatiif gorsa kenneera! Kan nama dinqisiisu garuu, Yesuus hin aarre. Kanaa mannaa, garraamummaadhaan deebii isaaniif kenneera. Yesuus gaarummaadhaan, garuu jabeessee ilaalcha isaan qabaachuu qaban irra deebiʼee isaaniif ibseera. Achiis amanamummaadhaan isatti maxxananii waan jiraataniif isaan galateeffateera.—Luq. 22:24-28; Yoh. 13:1-5, 12-15.

17 Ati haalli wal fakkaatu utuu si mudateera taʼee maal goota turte? Yeroo dhiphinni nu mudatutti illee fakkeenya Yesuus hordofuu fi garraamii taanee itti fufuu dandeenya. Ajaja Yihowaan “wal dandaʼuu keessan . . . itti fufaa” jechuudhaan nuuf kenne fedhiidhaan hojii irra oolchina. (Qol. 3:13) Hundi keenya wanta warra kaan mufachiisu akka dubbannuu fi akka goonu yoo yaadanne, ajaja kana hojii irra ni oolchina. (Fak. 12:18; Yaq. 3:2, 5) Akkasumas yeroo hunda amala gaarii isaan qabaniif warra kaan galateeffadhaa.—Efe. 4:29.

GARRAAMUMMAA BARBAADDACHUU KEENYA ITTI FUFUU KAN QABNU MAALIIFI?

18. Yihowaan namoonni garraamiin murtoo gaarii akka godhan kan gargaaru akkamitti? Taʼus, maal gochuu qabu?

18 Murtoo gaarii gochuuf nu gargaara. Yeroo haalli rakkisaan jireenya keenya keessatti nu mudatu, Yihowaan murtoo gaarii akka goonu nu gargaara; kana kan godhu garuu garraamii yoo taane qofa dha. Inni ‘Kadhannaa garraamotaa’ akka dhagaʼu waadaa galeera. (Far. 10:17, NW) Kadhannaa keenya dhagaʼuu malees wanta godhu qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Inni warra gadadamoo [“garraamota,” NW] wanta qajeelaa taʼeen in geggeessa, karaa isaas isaan in barsiisa” jechuudhaan abdii kenna. (Far. 25:9) Yihowaan qajeelfama kana karaa Kitaaba Qulqulluu, karaa barreeffamootaa * fi karaa sagantaalee “garbichi amanamaanii fi ogeessi” qopheessuu nuuf kenna. (Mat. 24:45-47) Nutis gama keenyaan gad of qabnee gargaarsi akka nu barbaachisu amannee fudhachuu, barumsa Yihowaan nuuf dhiheessu qoʼachuu fi wanta baranne fedhiidhaan hojii irra oolchuudhaan gaʼee keenya raawwachuu qabna.

19-21. Museen Qaadeshitti dogoggora akkamii raawwate? Isa irraa hoo barumsa akkamii barachuu dandeenya?

19 Dogoggora raawwachuu irraa fagaanna. Mee ammas waaʼee Musee yaadaa. Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif garraamii taʼee jiraateera, akkasumas Yihowaa gammachiiseera. Achiis adeemsi waggaa 40f lafa onaa keessatti gochaa turan xumuramuu jala yeroo gaʼutti Museen garraamii utuu hin taʼin hafeera. Obboleettiin isaa ishiin Gibxiitti lubbuu isaa oolchite kan duutee fi Qaadeshitti kan awwaalamte dhiheenyatti taʼuu hin oolu. Kana malees Israaʼeloonni ammas haala sirrii taʼeen kunuunfamaa akka hin jirre irra deddeebiʼanii dubbachaa jiru. Yeroo kanatti bishaan waan dhabaniif ‘Musee lolaa’ turan. Yihowaan karaa Musee dinqiiwwan hedduu kan raawwatee fi Museen yeroo dheeraadhaaf karaa fedhii ofittummaa irraa walaba taʼeen sabicha geggeessaa kan ture taʼus sabichi gungumuu isaa hin dhiisne. Kan gunguman bishaan waan dhabaniif qofa utuu hin taʼin, kan dheebotan sababii isaatiin akka taʼe waan yaadaniif Musee irrattis gungumanii turan.—Lak. 20:1-5, 9-11.

20 Museen baayʼee aaree waan tureef, garraamummaa isaa dhabeera. Akkuma Yihowaan isa ajajee turetti amantiidhaan kattaa sanatti dubbachuu mannaa, Museen aarii guddaadhaan sabichatti dubbachuudhaan ofii isaatiif ulfina kenneera. Achiis, kattaa sana siʼa lama yommuu rukutu bishaan keessaa burquu jalqabe. Of tuulummaa fi aariin dogoggora cimaa akka raawwatu isa taasiseera. (Far. 106:32, 33) Museen yeroo muraasaaf garraamummaa dhabuu isaatiin kan kaʼe, Biyyatti Abdachiifamtetti akka hin galle dhowwameera.—Lak. 20: 12.

21 Fakkeenya Musee irraa barumsa guddaa arganna. Tokkoffaa, garraamota taanee jiraachuuf carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu qabna. Yeroo muraasaaf illee garraamota taʼuu yoo daganne, of tuulummaan nutti deebiʼee, dubbii gowwummaa akka dubbannuu fi gocha gowwummaa akka raawwannu nu taasisuu dandaʼa. Lammaffaa, dhiphinni nu laaffisuu waan dandaʼuuf, haala rakkisaa keessatti illee garraamota taanee itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna.

22-23. (a) Garraamummaa barbaaddachuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi? (b) Yaadni Sefaaniyaa 2:3 irra jiru maal argisiisa?

22 Eegumsa arganna. Yihowaan yeroo dhihootti namoota hamoo taʼan hunda lafa irraa balleessee garraamota qofa hambisa. Yeroo sanatti guutummaa lafaa irratti nagaan ni dagaaga. (Far. 37:10, 11) Ati hoo garraamota yeroo sanatti jiraatan keessaa tokko ni taataa laata? Afeerraa Yihowaa, Sefaaniyaa raajichi barreesse hojii irra kan oolchitu yoo taʼe namoota kana keessaa tokko taʼuu ni dandeessa.—Sefaaniyaa 2:3 dubbisi.

23 Sefaaniyaan 2:3, “Isin in oolcha taʼa” kan jedhe maaliifi? Kana jechuun isaa Yihowaan namoota isa gammachiisuu barbaadanii fi warra jaallatu eeguu hin dandaʼu jechuu miti. Kanaa mannaa, eegumsa argachuuf wanti gochuu qabnu akka jiru argisiisa. Yeroo ammaatti garraamummaa kan barbaaddannuu fi Yihowaa gammachiisuuf kan carraaqnu yoo taʼe, “guyyaa dheekkamsa isaa” jalaa oollee bara baraaf jiraachuu dandeenya taʼa.

FAARFANNAA 120 Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa

^ key. 5 Eenyuun keenya iyyuu garraamii taanee hin dhalanne. Kanaafuu, garraamummaa horachuu qabna. Namoota naga qabeeyyii taʼanii wajjin yommuu wal arginu, garraamii taʼuun nutti salphachuu dandaʼa; namoota of tuulanii wajjin yeroo taanu garuu garraamii taʼuun nu rakkisuu dandaʼa taʼa. Mata dureen kun, garraamummaa isa amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuu irratti wantoota gufuu nutti taʼuu dandaʼan tokko tokko akkamitti moʼuu akka dandeenyu ibsa.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Garraamummaa. Namoonni garraamii taʼan namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu, akkasumas yeroo namoonni kaan isaan aarsuuf yaalanitti illee obsa argisiisu. Gad of qabuu. Namoonni gad of qaban hin kooran ykn of hin tuulan; kanaa mannaa, warri kaan akka isaan caalanitti ilaalu. Gad of qabuun Yihowaa wajjin haala wal qabateen yommuu itti hojjetamu, warra isaa gad jiran jaalalaa fi gara laafinaan akka isaan qabu argisiisa.

^ key. 12 Warri Baabilon Ibroota sadan kanaaf, maqaa Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo jedhu isaaniif moggaasaniiru.—Dan. 1:7.

^ key. 18 Fakkeenyaaf, mata duree “Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2011 irra jiru ilaali.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Yesuus barattoonni isaa isaan gidduudhaa eenyu akka caalu yeroo wal falmanitti obsaa fi garraamummaadhaan sirreeffama isaaniif kenneera.