Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

Jaalalaa fi Haqa Israaʼel Durii Keessatti

Jaalalaa fi Haqa Israaʼel Durii Keessatti

“Inni qajeelummaa fi haqa ni jaallata. Lafti jaalala Yihowaa isa amanamaadhaan guutamteetti.”—FAR. 33:5, NW.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE *

1-2. (a) Hundi keenya maal argachuu barbaanna? (b) Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

HUNDI keenya namoonni kaan akka nu jaallatan barbaanna. Akkasumas hundi keenya warri kaan haqaan akka nu qaban barbaanna. Namoonni irra deddeebiʼanii jaalalaa fi haqa yoo nu dhowwatan, gatii fi abdii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa.

2 Yihowaan jaalalaa fi haqa cimsinee akka barbaannu ni beeka. (Far. 33:5) Waaqni keenya akka nu jaallatuu fi haqaan akka qabamnu akka barbaadu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Kunis Seera Yihowaan karaa Musee Israaʼelootaaf kenne hubannee yommuu ilaallu ifa nuuf taʼa. Garaan keessan jaalala kan beelaʼe ykn haqa dhabuudhaan miirri keessan kan miidhame yoo taatan, Seerri Musee * Yihowaan saba isaatiif akka yaadu kan argisiisu akkamitti akka taʼe mee ilaalaa.

3. (a) Akkuma Roomaa 13:8-10 irratti ibsame Seera Musee qoʼachuudhaan maal baranna? (b) Mata dureen kun gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kenna?

3 Seera Musee yommuu qoʼannu, Waaqni keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe miira hoʼaa akka qabu hubanna. (Roomaa 13:8-10 dubbisi.) Mata duree kana keessatti seerawwan Israaʼelootaaf kennaman kana keessaa muraasa isaanii qoruudhaan gaaffiiwwan armaan gadii deebsina: Seerichi jaalala irratti kan hundaaʼe dha kan jennu maaliifi? Seerichi haqa jajjabeessa kan jennu maaliifi? Warri aangoo qaban Seericha akkamitti hojii irra akka oolchan isaan irraa eegama? Seerichi keessumaa namoota akkamiitiif eegumsa godha? Deebiin gaaffiiwwan kanaa jajjabina nuu argamsiisuu, abdii nuu kennuu fi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu gochuu dandaʼu.—HoE. 17:27; Rom. 15:4.

SEERRI MUSEE JAALALA IRRATTI HUNDAAʼE

4. (a) Seerri Musee jaalala irratti hundaaʼe jechuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Akka Maatewos 22:36-40, irratti ibsame Yesuus ajajawwan warra kam ibseera?

4 Yihowaan waan hundumaa kan hojjete jaalalaan kakaʼee waan taʼeef, Seerri Musee jaalala irratti hundaaʼe jechuu ni dandeenya. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan guutummaa seerichaa kan hundeesse ajajawwan guguddaa lama irratti jechuunis, Waaqayyoon jaallachuu fi nama jaallachuu irratti dha. (Lew. 19:18; Kes. 6:5; Maatewos 22:36-40 dubbisi.) Kanaafuu, tokkoon tokkoon ajajawwan 600 fi kan biroon, waaʼee jaalala Yihowaa wanta nu barsiisan qabu. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

5-6. Yihowaan hiriyoonni gaaʼelaa maal akka godhan barbaada? Kana ilaalchisee Yihowaan maal arga? Fakkeenya tokko dubbadhu.

5 Hiriyaa gaaʼelaa keessaniif amanamaa taʼaa, akkasumas ijoollee keessan kunuunsaa. Yihowaan hiriyoonni gaaʼelaa jaalala cimaa umurii isaanii guutuu turuu dandaʼu akka qabaatan barbaada. (Uma. 2:24; Mat. 19:3-6) Ejji yakka gara jabinaan namni tokko raawwachuu dandaʼu keessaa isa tokko dha. Ajajawwan Kurnan keessaa inni torbaffaan, ejja kan dhowwu sababii quubsaa taʼe irratti hundaaʼee ti. (Kes. 5:18) Ejji cubbuu ‘Waaqayyo irratti’ raawwatamuu fi yakka hiriyaa gaaʼelaa irratti hojjetamu dha. (Uma. 39:7-9) Namni hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja raawwate tokko waggoota hedduudhaaf akka ganame itti dhagaʼamuu dandaʼa.

6 Yihowaan akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa walii isaanii itti qabaniif xiyyeeffannaa guddaa kenna. Keessumaa haadhotiin manaa Israaʼelota taʼan akka gaariitti akka qabaman barbaada ture. Abbaan manaa Seericha kabaju tokko haadha manaa isaa ni jaallata, akkasumas sababii xixinnoodhaan kakaʼee ishii hin hiiku. (Kes. 24:1-4; Mat. 19:3, 8) Haa taʼu malee, rakkinni cimaan yoo uumamee fi yoo ishii hiike, waraqaa ittiin ishii hiike ishiidhaaf kennuu qaba. Waraqaan kun dubartiin sun gocha naamusaan ala taʼeen akka hin himatamne ishii eega. Kana malees, abbaan manaa sun waraqaa ittiin ishii hiiku haadha manaa isaatiif kennuu isaa dura, jaarsolii magaalaa akka mariisisu beekamaa dha. Karaa kanaan jaarsoliin gaaʼelli isaanii akka hin diigamne gargaaruuf carraa argatu. Namni Israaʼel tokko sababii ofittummaatiin kakaʼee haadha manaa isaa yeroo hiiku Yihowaan gidduu kan seenu yeroo hundaa miti. Haa taʼu malee, imimmaan haati manaa dhangalaastu ni arga, gaddi ishiis isatti ni dhagaʼama.—Mil. 2:13-16.

Yihowaan ijoolleen warra isaaniitiin jaalalaan yommuu guddifamanii fi barsiifaman nageenyii fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu barbaada ture (Keeyyata 7-8 ilaali) *

7-8. (a) Yihowaan warri maal akka godhan ajajeera? (Fakkii fuula jalqabaa irra jiru ilaali.) (b) Barumsa akkamii arganna?

7 Kana malees, Seerichi Yihowaan nageenya ijoolleetiif gad fageenyaan akka yaadu ni argisiisa. Yihowaan warri ijoollee isaaniitiif wanta karaa qaamaa barbaachisu qofa utuu hin taʼin, wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisus akka isaaniif godhan isaan ajajeera. Warri ijoolleen isaanii Seera Yihowaa akka dinqisiifatanii fi Yihowaa jaallachuu akka baratan isaan gargaaruuf carraa argatan hundatti fayyadamuu qabu turan. (Kes. 6:6-9; 7:13) Sababii Yihowaan Israaʼeloota itti adabe keessaa tokko, ijoollee isaanii tokko tokko haala suukanneessaa taʼeen waan miidhaniif ture. (Er. 7:31, 33) Warri, ijoollee isaanii ilaaluu kan qaban akka qabeenya yeroo barbaadanitti gatan ykn garmalee qabuu dandaʼanitti utuu hin taʼin, akka dhaala ykn kennaa Yihowaa irraa argatanii fi kunuunfamuu qabuutti ilaaluu qabu.—Far. 127:3.

8 Barumsa argannu: Yihowaan akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa walii isaanii itti qabaniif xiyyeeffannaa guddaa kenna. Warri ijoollee isaanii akka jaallatan barbaada, akkaataa isaan ijoollee isaanii itti qabaniif akka itti gaafataman isaan taasisa.

9-11. Yihowaan seera gomjaʼuu dhowwu kan kenne maaliif ture?

9 Hin gomjaʼin. Ajajawwan Kurnan keessaa inni dhumaa gomjaʼuu ykn wanta kan nama biraa taʼeef, hawwii dogoggoraa qabaachuu dhowwa. (Kes. 5:21; Rom. 7:7) Yihowaan seera kana kan kenne barumsa barbaachisaa taʼe saba isaa barsiisuuf ture; innis, sabni isaa garaa isaanii jechuunis yaadaa fi miiraa isaanii akka eeggatan isaan barsiisuu dha. Yihowaan gochi badaan yaadaa fi miira badaa irraa akka maddu ni beeka. (Fak. 4:23) Namni Israaʼel tokko hawwiin dogoggoraa garaa isaa keessatti akka guddatu yoo heyyame, warra kaan karaa jaalala hin qabneen qabuun isaa hin oolu. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi kiyyoo akkasii keessatti kufee ture. Akkuma walii galaatti inni nama gaarii ture. Haa taʼu malee, yeroo tokko haadha manaa nama kan biraa hawwe. Hawwiin isaa kun cubbuu akka raawwatu isa godhe. (Yaq. 1:14, 15) Daawit ejja raawwate, abbaa manaa dubartitti gowwoomsuuf yaale, achiis isa ajjeesise.—2 Sam. 11:2-4; 12:7-11.

10 Yihowaan wanta garaa nama tokkoo keessa jiru beekuu waan dandaʼuuf, yeroo namni Israaʼel seera gomjaʼuu ilaalchisee kenname cabsu ni beeka. (1 Sen. 28:9) Gomjaʼuu ilaalchisee seerri kenname, sabni Yihowaa yaadawwan dogoggoraa amala gadhee qabaachuutti nama geessan irraa fagaachuu akka qaban saba isaa hubachiiseera. Abbaan keenya Yihowaan ogeessaa fi jaalala qabeessa dha!

11 Barumsa argannu: Yihowaan bifa nama tokkoo isa alaan mulʼatu irra darbee ni ilaala. Keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane jechuunis, wanta garaa keenya keessa jiru ni ilaala. (1 Sam. 16:7) Yaada, miiraa fi gocha kam iyyuu isa jalaa dhoksuun hin dandaʼamu. Wantoota gaarii nu keessa jiran ni ilaalaa akkasumas ni jajjabeessa. Haa taʼu malee, yaadni dogoggoraa, gocha dogoggora taʼe akka raawwannu nu gochuu isaa dura, adda baasnee akka beeknuu fi akka toʼannu ni barbaada.—2 Sen. 16:9; Mat. 5:27-30.

SEERA HAQA JAJJABEESSU

12. Seerri Musee maal barsiisa?

12 Seerri Musee Yihowaan haqa akka jaallatu nu barsiisa. (Far. 37:28; Isa. 61:8) Warra kaan akkamitti haqaan qabuun akka dandaʼamu ilaalchisee fakkeenya mudaa hin qabne taʼeera. Israaʼeloonni seera Yihowaan isaaniif kenneef yommuu ajajaman, inni isaan eebbisa ture. Ulaagaawwan isaa warra sirrii fi qajeeloo taʼan yommuu cabsan garuu rakkinni isaan mudata ture. Mee Ajajawwan Kurnan keessaa dabalataan seerawwan lama haa ilaallu.

13-14. Ajajawwan Kurnan keessaa kanneen jalqabaa lamaan maal gochuu gaafatu turan? Seerawwan kanaaf ajajamuun Israaʼeloota kan fayyade akkamitti?

13 Yihowaa qofa waaqeffachuu. Ajajawwan Kurnan keessaa warri jalqabaa lamaan, Israaʼeloonni Yihowaa qofa waaqeffachuu akka qabanii fi waaqolii tolfamoo akka hin waaqeffanne akeekkachiisu. (Bau. 20:3-6) Ajajawwan kun faayidaa Yihowaatiif kan kennaman hin turre. Kanaa mannaa, faayidaa saba isaatiif jecha kennaman. Sabni isaa isaaf amanamoo taʼanii yommuu jiraatan, badhaadhota taʼu turan. Waaqayyolii saboota kan biraa yommuu waaqeffatan immoo rakkinni isaan mudata ture.

14 Mee waaʼee Kanaʼaanotaa yaadaa. Isaan Waaqa dhugaa fi jiraataa taʼe waaqeffachuu mannaa, waaqolii tolfamoo lubbuu hin qabne waaqeffatu turan. Kanaan kan kaʼes, of salphisaniiru. (Far. 115:4-8) Waaqeffannaa isaanii keessatti saalqunnamtii xuraaʼaa taʼe raawwatu akkasumas haala suukanneessaa taʼeen ijoollee aarsaa godhu turan. Haaluma wal fakkaatuun, Israaʼeloonnis Yihowaa dhiisanii waaqolii tolfamoo yommuu waaqeffatan, ofii isaanii ni salphisu akkasumas maatii isaanii ni miidhu turan. (2 Sen. 28:1-4) Namoonni aangoo qaban haqa ilaalchisee ulaagaawwan Yihowaan baase dhiisanii turan. Aangoo isaanii karaa dogoggoraatiin itti fayyadamuudhaan namoota dadhaboo fi salphaatti miidhamuu dandaʼan cunqursaniiru. (His. 34:1-4) Yihowaan warra dubartootaa fi ijoollee eegumsa hin qabne miidhan irratti akka murteessu Israaʼeloota akeekkachiiseera. (Kes. 10:17, 18; 27:19) Faallaa kanaatiin Yihowaan sabni isaa yommuu isaaf amanamoo taʼanii fi walii isaanii haqaan qaban isaan eebbiseera.—1 Mot. 10:4-9.

Yihowaan nu jaallata, yeroo jalʼinni haqaa nu irra gaʼus ni beeka (Keeyyata 15 ilaali)

15. Waaʼee Yihowaa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

15 Barumsa argannu: Namoonni Yihowaa tajaajilla jedhan ulaagaawwan isaa dhiisanii namoota kaan yommuu miidhan kan komatamu Yihowaa miti. Haa taʼu malee, Yihowaan nu jaallata, yommuu jalʼinni haqaa nu irratti raawwatamu ni beeka. Haati tokko mucaa ishii dhiphatuuf kan gadditu caalaa rakkinni keenya isatti dhagaʼama. (Isa. 49:15) Inni tarii battalumatti gidduu kan hin seenne taʼus, cubbamoonni yaada hin geddaranne akkaataa isaan warra kaan itti qabaniif, yeroo sirrii taʼetti isaanitti ni murteessa.

SEERICHI AKKAMITTI HOJII IRRA OOLUU QABA TURE?

16-18. Seerri Musee kallattii jireenyaa kamfaʼi irratti hojii irra oola ture? Nuti hoo kana irraa barumsa akkamii arganna?

16 Seerri Musee kallattii jireenya Israaʼelootaa hedduu kan ilaallatu ture; kanaafuu, jaarsoliin muudaman saba Yihowaatiif qajeelummaadhaan murtii kennuun isaanii baayʼee barbaachisaa ture. Jaarsoliin kun dhimmoota hafuuraa qofa utuu hin taʼin, dhimmoota hawaasummaa fi dhimmoota yakkaatiif furmaata kennuufis itti gaafatamummaa qabu turan. Fakkeenyota armaan gadii ilaalaa.

17 Namni Israaʼel tokko yoo nama ajjeese, battalumatti hin ajjeefamu ture. Jaarsoliin magaalaa isaa keessa jiran, duʼaan adabamuun isaa sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa haala jiru qoratanii murteessuu qabu turan. (Kes. 19:2-7, 11-13) Kana malees, jaarsoliin kun jireenya guyyaa guyyaa ilaalchisee wal dhabiinsa qabeenya irratti uumamu kaasee hamma rakkina gaaʼela keessatti uumamuutti furmaata kennu turan. (Bau. 21:35; Kes. 22:13-19) Jaarsoliin haqa qabeeyyii yommuu taʼanii fi Israaʼeloonni Seerichaaf yommuu ajajamanitti namni hundi ni fayyadama; sabichis Yihowaadhaaf ulfina fida.—Lew. 20:7, 8; Isa. 48:17, 18.

18 Barumsa argannu: Kallattiin jireenya keenyaa hundi Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Inni hariiroo warra kaanii wajjin qabnu irratti haqa qabeyyii fi jaalala qabeeyyii akka taanu barbaada. Kana malees, mana keenya keessatti illee wanta nuti dubbannuu fi hojjennu ni hubata.—Ibr. 4:13.

19-21. (a) Jaarsolii fi abbootiin murtii saba Waaqayyoo akkamitti qabuun isaan irraa eegama ture? (b) Yihowaan eegumsa akkamii godhee ture? Nuti hoo kana irraa maal baranna?

19 Yihowaan dhiibbaa gadhee saboonni naannoo isaanii jiran isaan irra geessisan irraa saba isaa eeguu barbaadee ture. Kanaafuu, jaarsolii fi abbootiin murtii Seericha loogii malee akka hojii irra oolchan isaan irraa eega ture. Haa taʼu malee, namoonni murtii kennan, saba isaa gara jabinaan ykn karaa asii fi achi hin jenneen qabuu hin qaban turan. Kanaa mannaa, haqa jaallachuu qabu turan.—Kes. 1:13-17; 16:18-20.

20 Yihowaan saba isaatiif gara laafina waan qabuuf, namni tokko jalʼinni haqaa akka irratti hin raawwatamneef seera kenneera. Fakkeenyaaf, Seerichi carraa namni tokko yakka raawwateera jedhamee sobaan himatamuu itti dandaʼu hirʼiseera. Namni himatame tokko eenyu akka isa himate beekuuf mirga qaba ture. (Kes. 19:16-19; 25:1) Kana malees, yakki itti murteeffamuu isaa dura, yoo xinnaate, namoonni lama ragaa baʼuu qabu turan. (Kes. 17:6; 19:15) Namni Israaʼel yakka raawwate tokko kan isa arge nama tokko qofa yoo taʼe hoo? Namni kun dogoggora raawwadhee utuun hin adabamin nan hafa jedhee yaaduu hin qabu ture. Yihowaan wanta inni godhe argeera. Maatii keessatti, abbootiin aangoon kan isaaniif kenname taʼus, aangoon kun daangaa qaba ture. Wal dhabiinsa maatii keessatti uumamu tokko tokko irratti jaarsoliin magaalichaa dhimmicha keessa galanii murtii dhumaa kennuuf itti gaafatamummaa qabu turan.—Kes. 21:18-21.

21 Barumsa argannu: Yihowaan fakkeenya mudaa hin qabne taʼeera; wanti inni godhu kam iyyuu haqa kan hin qabne miti. (Far. 9:7) Inni namoota amanamummaadhaan ulaagaa isaa eegan ni badhaasa, warra aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadaman garuu ni adaba. (2 Sam. 22:21-23; His. 9:9, 10) Namoonni tokko tokko yakka raawwatanii kan miliqan fakkaachuu dandaʼu; haa taʼu malee, Yihowaan yeroon isaa sirrii akka taʼe yommuu murteessu haqa ni raawwata. (Fak. 28:13) Namoonni kun yoo yaada geddarachuu baatan, ‘harka Waaqayyo jiraataa keessatti kufuun baayʼee sodaachisaa’ akka taʼe ni baratu.—Ibr. 10:30, 31.

SEERICHI KEESSUMAA EENYUFAʼIIF EEGUMSA GODHA?

Jaarsoliin yeroo wal dhabiinsaaf furmaata kennan, jaalalaa fi haqa Yihowaan saba isaatiif qabu hordofuu qabu (Keeyyata 22 ilaali) *

22-24. (a) Seerichi keessumaa eenyufaʼiif eegumsa godha? Nuti waaʼee Yihowaa kana irraa maal baranna? (b) Baʼuu 22:22-24 irratti akeekkachiisni akkamii kennameera?

22 Seerichi keessumaa namoota of eeguuf humna hin qabne, kan akka ijoollee warri irraa duʼan, dubartoota abbaan manaa irraa duʼee fi namoota biyya ormaatiif eegumsa godha ture. Abbootiin murtii Israaʼel keessa turan, “Firdii nama galaa, kan ijoollee abbaan irra hin jirrees hin jal’isin! Uffata dubartii abbaan manaa irraa du’ees qabsiisaaf hin fuudhin!” jedhamanii turan. (Kes. 24:17) Yihowaan hawaasicha keessatti namoota salphaatti miidhamuu dandaʼaniif akka garaa laafu argisiiseera. Kana malees, namoota isaan miidhan adabeera.—Baʼuu 22:22-24 dubbisi.

23 Akkasumas, Seerichi saalqunnamtii fira gidduutti raawwatamu kam iyyuu dhowwuudhaan miseensota maatii yakka saalqunnamtii irraa eegeera. (Lew. 18:6-30) Saboota naannoo Israaʼel jiran, warra gocha akkasii callisanii ilaalan darbees heyyaman irraa haala adda taʼeen, sabni Yihowaa yakka kana akka inni ilaalutti jechuunis, jibbisiisaa akka taʼetti ilaaluu qabu turan.

24 Barumsa argannu: Yihowaan namoonni itti gaafatamummaa qaban, namoota isaan jala jiran hundatti jaalala argisiisuu akka qaban isaan irraa barbaada. Inni yakka saalqunnamtii waan jibbuuf, namoonni hundi keessumaa immoo warri salphaatti miidhamuu dandaʼan eegumsaa fi haqa akka argatan barbaada.

SEERICHI “GAADDIDDUU WANTOOTA GAGGAARII DHUFUUF JIRANII TI”

25-26. (a) Jaalallii fi haqni, hafuura baafachuu fi jireenyaa wajjin wal fakkaatu kan jennu maaliifi? (b) Mata dureewwan walitti aansanii baʼan kana keessaa isa itti aanu irratti maaltu ibsama?

25 Jaalallii fi haqni, hafuura baafachuu fi jireenyaa wajjin wal fakkaata; namni tokko wantoota kana lamaaniin alatti lafa irra jiraachuu hin dandaʼu. Yihowaan haqaan akka nu qabu mirkanaaʼaa yommuu taanu, jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Akkasumas Waaqayyoo fi ulaagaawwan isaa warra jaalala irratti hundaaʼan yommuu jaallannu, warra kaan jaallachuu fi haqaan isaan qabuuf kakaana.

26 Kakuun Seera Musee hariiroo Yihowaa fi Israaʼeloota gidduu tureef jireenya kenneera. Haa taʼu malee, Yesuus Seericha erga raawwatee booda, seerichi kan hafe siʼa taʼu, wanta isa caalaa gaarii taʼeen iddoo buufameera. (Rom. 10:4) Phaawulos ergamaan, Seerichi, “gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii” akka taʼe ibseera. (Ibr. 10:1) Mata dureewwan walitti aansanii baʼan kana keessaa inni itti aanu, wantoota gaggaarii kana keessaa tokko tokkoo fi gaʼee jaalallii fi haqni gumii Kiristiyaanaa keessatti qaban ibsa.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

^ key. 5 Mata dureen kun, mata dureewwan afur walitti aansanii baʼanii fi Yihowaan akka nuuf yaadu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ibsan keessaa isa jalqabaa ti. Matadureewwan hafan sadan maxxansa Masaraa Eegumsaa Ebla 2019 irratti baʼu. Matadureewwan barumsawwan kanaa, “Jaalalaa fi Haqa Gumii Kiristiyaanaa Keessatti,” “Jaalalaa fi Haqa Yommuu Hamminni nu Mudatu,” akkasumas “Warra Miidhaan Irra Gaʼe Jajjabeessuu” kan jedhani dha.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Seerawwan 600 fi kan biroon Yihowaan karaa Musee Israaʼelootaaf kenne, “Seericha,” “Seera Musee,” fi “ajajawwan” jedhamanii beekamu. Kana malees, kitaabonni, Kitaaba Qulqulluu shanan jalqabaa, (Uumamaa hanga Keessa Deebiitti) jiran, yeroo baayʼee Seericha jedhamuudhaan beekamu. Yeroo tokko tokko jechi kun guutummaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa argisiisuuf itti hojjetama.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Haati lammii Israaʼel taate tokko utuu nyaata qopheessaa jirtuu ijoollee durbaa ishii wajjin miira hoʼaadhaan haasofti. Dudduubaan immoo abbaan ilma isaa hoolota akkamitti akka kunuunsu leenjisaa jira.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Jaarsoliin karra magaalaa bira jiran, dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa ishii warra daldalaan naannoo sana jiru tokko isaan miidhe jaalalaan gargaaraa jiru.