Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 13

Tajaajila Irratti Miira Namootaa Akka Hubattan Argisiisaa

Tajaajila Irratti Miira Namootaa Akka Hubattan Argisiisaa

“Baayʼee isaaniif gadde . . . Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.”—MAR. 6:34.

FAARFANNAA 70 Warra Isaaniif Malu Barbaadaa

QABIYYEE *

1. Amalawwan Yesuus keessaa inni caalaatti gammachiisaa taʼe isa kami dha? Ibsi.

AMALAWWAN Yesuus keessaa inni caalaatti nama gammachiisu, rakkoowwan namoota mudaa qabnu mudatan hubachuu dandaʼuu isaa ti. Yesuus yeroo lafa irra turetti, ‘warra gammadanii wajjin gammaduu, warra booʼanii wajjin booʼuu’ dandaʼeera. (Rom. 12:15) Fakkeenyaaf, barattoonni isaa 70n, hojii lallabaa inni isaaniif kenne, milkaaʼinaan raawwatanii yommuu deebiʼanitti, Yesuus, “hafuura qulqulluudhaan gammadee” ture. (Luq. 10:17-21) Karaa biraa immoo, gadda guddaa duuti Alaazaar warra isa jaallatan irraan gaʼe yommuu argu, Yesuus, ‘keessa isaatti baayʼee gaddee, jeeqames’ ture.—Yoh. 11:33.

2. Yesuus miira namootaatiif akka yaadu kan isa dandeessise maali dha?

2 Namni cubbuu hin qabne kun namoota cubbuu dhaalanitti gaarummaa akka argisiisuu fi akka garaa isaaniif laafu kan isa dandeessise maali dha? Hunda caalaa kan isa gargaare namootaaf jaalala qabaachuu isaa ti. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, inni, ‘nama hundumaatti ni gammada’ ture. (Fak. 8:31) Jaalalli inni namootaaf qabu kun, akkaataa namoonni itti yaadan guutummaatti akka hubatu isa kakaaseera. Yohaannis ergamaan, ‘Inni wanta nama keessa jiru ni beeka’ jechuudhaan ibseera. (Yoh. 2:25) Yesuus warra kaaniif gara laafina guddaa qaba ture. Namoonni jaalala inni isaaniif qabu waan hubataniif, ergaa Mootummichaatiif deebii gaarii kennaniiru. Nutis namootaaf gara laafina akkasii yoo horanne, tajaajila keenya raawwachuu irratti caalaatti buʼa qabeeyyii taana.—2 Xim. 4:5.

3-4. (a) Miira namootaaf kan yaadnu yoo taʼe tajaajila keenya akkamitti ilaalla? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

3 Phaawulos ergamaan lallabuuf dirqamni akka isa irra jiru beekee ture; nutis akkasuma nutti dhagaʼama. (1 Qor. 9:16) Haa taʼu malee, miira namootaatiif kan yaadnu yoo taʼe, tajaajilli keenya dirqama akka taʼe qofatti hin ilaallu. Namootaaf akka yaadnuu fi isaan gargaaruuf hawwii guddaa akka qabnu mirkaneessuu barbaanna. ‘Fudhachuu irra kennuun caalaatti akka nama gammachiisu’ ni beekna. (HoE. 20:35) Tajaajila keenya kan raawwannu kana yaadatti qabaachuudhaan yoo taʼe, caalaatti itti gammadna.

4 Mata duree kana keessatti tajaajila keenya irratti miira namootaa akka hubannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Jalqaba, akkaataa Yesuus miira namootaa akka hubatu itti argisiise irraa maal barachuu akka dandeenyu ilaalla. Achiis karaawwan fakkeenya Yesuus itti hordofnu afur qoranna.—1 Phe. 2:21.

YESUUS TAJAAJILA IRRATTI MIIRA NAMOOTAA AKKA HUBATU ARGISIISEERA

Yesuus miira namootaa hubachuun isaa ergaa nama jajjabeessu lallabuuf isa kakaaseera (Keeyyata 5-6 ilaali)

5-6. (a) Yesuus miira eenyufaa akka hubatu argisiiseera? (b) Akkuma Isaayaas 61:1, 2 raajiidhaan dubbatame Yesuus namoota isaaniif lallabuuf kan gadde maaliif ture?

5 Yesuus miira namootaa akka hubatu akkamitti akka argisiise fakkeenya tokko ilaali. Yeroo tokko Yesuusii fi barattoonni isaa utuu hin boqotin misiraachicha lallabaa turan. Isaan “nyaata nyaachuuf illee yeroo” hin arganne turan. Kanaafuu, achitti ‘xinnoo akka boqotaniif’ Yesuus barattoota isaa ‘gara bakka namni hin jirre tokkotti’ isaan geesse. Haa taʼu malee, namoonni hedduun bakka Yesuusii fi barattoonni isaa dhaquuf jedhan isaan dursanii gaʼan. Yesuus achi gaʼee namoota sana yommuu argu maal godhe? “Isaaniif gadde; * sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan. Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.”—Mar. 6:30-34.

6 Yesuus kan gadde ykn miira namoota kanaa kan hubate maaliif akka taʼe hubadhu. Inni namoonni sun ‘akka hoolota tiksee hin qabnee akka turan’ hubateera. Yesuus tarii namoota kana keessaa tokko tokko hiyyeeyyii akka taʼanii fi wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf saʼaatii dheeraa akka hojjetan hubatee taʼuu dandaʼa. Warri kaan immoo nama jaallatan duʼaan dhabuudhaan gaddaa turan taʼa. Akkas yoo taʼe Yesuus haala isaan keessa jiran hubatee taʼuu dandaʼa. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, Yesuus rakkoowwan kana keessaa tokko tokko isa irra gaʼaniiru. Yesuus waaʼee warra kaanii yaadeera, ergaa nama jajjabeessu isaanitti himuufis kakaʼeera.—Isaayaas 61:1, 2 dubbisi.

7. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Fakkeenya Yesuus irraa maal baranna? Akkuma Yesuus nutis, namoota “akka hoolota tiksee hin qabnee” taʼaniin marfamnee jirra. Namoonni kun rakkoowwan hedduu wajjin qabsoo godhu. Nuti immoo wanta isaan barbaachisu jechuunis, ergaa Mootummichaa qabna. (Mul. 14:6) Kanaafuu fakkeenya Gooftaa keenyaa hordofuudhaan, nutis ‘warra dadhaboo fi wanta isaan barbaachisu hin qabneef ooʼa waan qabnuuf’ ykn waan isaaniif gaddinuuf misiraachicha lallabna. (Far. 72:13) Namootaaf garaa waan laafnuuf isaan gargaaruuf waan tokko gochuu barbaanna.

MIIRA NAMOOTAA AKKA HUBANNU AKKAMITTI ARGISIISUU DANDEENYA

Wanta tokkoon tokkoon namaatiif barbaachisu yaadaa (Keeyyata 8-9 ilaali)

8. Karaan tajaajila irratti miira namootaatiif akka yaadnu itti argisiisnu tokko maali dha? Fakkeenyaan ibsi.

8 Miira namoota lallabnuufii hubachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Bakka namoota tajaajila irratti argannuu of kaaʼuu fi wanta akka nuuf godhamu barbaannu isaaniifis gochuu barbaanna. * (Mat. 7:12) Mee karaa kana gochuu itti dandeenyu afur haa ilaallu. Tokkoffaa, tokkoon tokkoon namaatiif wanta barbaachisu hubadhaa. Hojiin misiraachoo lallabuu nuti hojjennu, hojii doktaraa wajjin wal fakkaata. Doktariin gaariin tokko wanta tokkoon tokkoon dhukkubsattootaatiif barbaachisu ni yaada. Gaaffii isa gaafata, yeroo dhukkubsataan sun haala ykn mallattoo dhukkuba isaa ibsus xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata. Ariifatee qoricha ajajuu mannaa, yeroo fudhatee, mallattoo dhukkuba nama sanaa hubachuudhaan, yaalii fayyaa sirrii taʼe kennaaf. Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota tajaajila irratti argannu hunda gargaaruuf mala tokko qofatti fayyadamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, haalaa fi ilaalcha tokkoon tokkoon namaa tilmaama keessa galchina.

9. Maal jennee tilmaamuu hin qabnu? Ibsi.

9 Nama tokko tajaajila irratti yommuu argattan haala inni keessa jiru ykn wanta inni amanuu fi maaliif akkas akka amanu akka beektan gootanii hin tilmaaminaa. (Fak. 18:13) Kanaa mannaa, malaan gaaffiiwwanitti fayyadamuudhaan yaada isaa baasee akka dubbatu godhaa. (Fak. 20:5) Akka aadaa keessanitti dogoggora miti taanaan, waaʼee hojii isaa, waaʼee maatii isaa, akkaataa guddinaa fi ilaalcha isaa gaafadhaa. Warri kaan yaada isaanii akka dubbatan yommuu goonu, misiraachichi kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe akka nutti himan gochaa jirra jechuu dha. Kana erga beeknee booda, wanta dhuunfaatti isaan barbaachisuuf akka yaadnu argisiisuu fi akkuma Yesuus godhe gargaarsa isaan barbaachisu isaaniif kennuu dandeenya.— 1 Qorontos 9:19-23 wajjin wal bira qabii ilaali.

Jireenyi nama dhugaa isaaf baatan sanaa maal fakkaachuu akka dandaʼu yaadaa (Keeyyata 10-11 ilaali)

10-11. 2 Qorontos 4:7, 8 wajjin haala wal simuun, karaa lammaffaan miira namootaa akka hubannu argisiisuu itti dandeenyu maali dha? Fakkeenya kenni.

10 Lammaffaa, jireenyi isaanii maal fakkaachuu akka dandaʼu tilmaamuuf yaalaa. Karaawwan tokko tokkoon haala isaanii hubachuu ni dandeenya. Nutis rakkoowwan namoota cubbuu dhaalan hundumaa mudatan irraa walaba miti. (1 Qor. 10:13) Sirna ammaa kana keessatti jireenyi baayʼee ulfaataa taʼuu akka dandaʼu ni beekna. Jabaannee dhaabachuu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa qofaani dha. (2 Qorontos 4:7, 8 dubbisi.) Haa taʼu malee, addunyaa kana keessatti namoota Yihowaa wajjin utuu hariiroo hin qabaatin jiraachuuf qabsoo gochaa jiran yaadaa. Nutis akkuma Yesuus isaaniif gadduudhaan, “wanti gaariin akka dhufu misiraachoo” isaanitti himuuf kakaana.—Isa. 52:7, NW.

11 Mee fakkeenya obboleessa maqaan isaa Sargee jedhamu tokkoo ilaalaa. Inni dhugaa dhagaʼuu isaa dura callisaa ture. Yaada isaa ibsuun baayʼee isa rakkisa ture. Yeroo booda, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale. Sargeen, “Kitaaba Qulqulluu yommuun qoʼadhu, Kiristiyaanonni amantii isaanii warra kaanitti himuuf dirqamni akka isaan irra jirun hubadhe” jedheera. “Matumaa kana gochuu akkan hin dandeenye nan amanan ture.” Taʼus, waaʼee namoota hamma yeroo sanaatti dhugaa hin dhageenyee yaade; akkasumas namoonni kun Yihowaa waan hin beekneef jireenyi isaanii ulfaataa taʼuu akka dandaʼu yaade. Sargeen, “Wantoonni haaraan ani baradhe gammachuu guddaa fi nagaa keessaa naaf argamsiisaniiru. Warri kaanis dhugaawwan kana barachuun akka isaan barbaachisu beekeen ture” jedheera. Miira namootaa hubachuuf dandeettiin inni qabu guddachaa yommuu adeemu, ija jabinni inni lallabuuf qabu guddachaa adeeme. Sargeen, “warra kaanitti waaʼee Kitaaba Qulqulluu himuun ofitti amanannaa koo baayʼee akka naaf guddise arguun koo guddaa na dinqisiiseera. Kana malees, lallabuun koo amantii koo isa haaraa kana naaf cimseera” * jedheera.

Namoonni tokko tokko karaa hafuuraa guddachuuf yeroo isaanitti fudhata (Keeyyata 12-13 ilaali)

12-13. Namoota tajaajila irratti barsiisnutti obsa argisiisuun kan nu barbaachisu maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

12 Sadaffaa, namoota barsiistanitti obsa argisiisaa. Dhugaa Kitaaba Qulqulluu nuti akka gaariitti beeknu tokko tokko isaan matumaa arganii akka hin beekne yaadadhaa. Akkasumas namoonni hedduun amantii isaanii baayʼee jaallatu. Amantiin isaanii, maatii isaanii, aadaa isaanii fi hawaasa isaanii wajjin tokkummaa akka qabaatan akka isaan godhutti ilaalu taʼa. Isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

13 Mee waaʼee wantoota wal bira qabaman kanaa yaadaa: Riqicha dulloomee caccabuu jala gaʼe tokko iddoo buusuun yommuu barbaachisu maaltu godhama? Yeroo baayʼee utuma riqichi dulloomaan sun hojii irra jiruu, riqichi inni haaraan ijaarama. Riqichi inni haaraan erga xumuramee hojii jalqabee booda, inni dulloomaan ni diigama. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni amantii isaanii isa “duraa” jaallatan akka dhiisan isaan gaafachuu keenya dura, jalqaba dhugaawwan “haaraa”, jechuunis barumsawwan Kitaaba Qulqulluu isa jalqaba hin beekneef dinqisiifannaa cimaa akka qabaatan isaan gargaaruun nu barbaachisuu dandaʼa. Yoo kana godhan qofa Ilaalcha isaanii isa duraa dhiisuu dandaʼu. Namoonni jijjiirama akkasii akka godhan gargaaruun yeroo fudhachuu dandaʼa.—Rom. 12:2.

14-15. Namoota waaʼee lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu waan xinnoo qofa beekan ykn homaa hin beekne akkamitti gargaaruu dandeenya? Fakkeenya tokko dubbadhu.

14 Namoota tajaajila irratti argannutti obsa kan argisiisnu yoo taʼe, dhugaa Kitaaba Qulqulluu akkuma jalqaba dhagaʼaniin akka hubatan ykn akka fudhatan isaan irraa hin eegnu. Kanaa mannaa, miira namootaa kan hubannu taʼuun keenya, yeroo dheeraa fudhatanii wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu irratti akka yaadan akka isaan gargaarru nu kakaasa. Fakkeenyaaf, namni tokko lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu ilaalchisee abdii kenname akka hubatu akkamitti gargaaruu akka dandeenyu haa ilaallu. Namoonni baayʼeen waaʼee barumsa kanaa wanta xinnoo qofa beeku ykn homaa hin beekan. Tarii duuti xumura waan hundumaa akka taʼe amanu taʼa. Yookiin namoonni gaariin hundi gara samii deemu jedhanii yaadu taʼa. Akkamitti isaan gargaaruu dandeenya?

15 Obboleessi tokko mala buʼa qabeessa taʼee argate dubbateera. Jalqaba, Uumama 1:28 dubbisa. Achiis, Waaqayyo namoonni eessaa fi haala akkamii keessa akka jiraatan barbaadee akka ture namicha gaafata. Namoonni baayʼeen, “Lafa irra, haala gaarii keessa” jedhanii deebisu. Obboleessi kun itti aansuudhaan, Isaayaas 55:11 erga dubbisee booda kaayyoon Waaqayyoo akka jijjiiramee fi akka hin jijjiiramne gaafata. Yeroo baayʼee namichi hin jijjiiramne jedhee deebisa. Dhuma irratti obboleessi kun, Faarfannaa 37:10, 11 dubbisuudhaan jireenyi ilmaan namootaa gara fuulduraa maal fakkaachuu akka dandaʼu gaafata. Karaa kanaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan, namoonni hedduun Waaqayyoo amma iyyuu namoonni gaariin lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan kan barbaadu taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera.

Gochi gaarummaa xinnoon kan akka xalayaa erguu wanta gaarii hedduu raawwachuu dandaʼa (Keeyyata 16-17 ilaali)

16-17. Fakkeenya 3:27 yaadatti qabachuudhaan karaan miira namootaa akka hubannu argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? Fakkeenyaan ibsi.

16 Arfaffaa, akka isaaniif yaaddan karaa itti argisiistan argachuuf yaalaa. Fakkeenyaaf, namicha bira kan dhaqne yeroo mijataa hin taane fakkaatutti dha? Dhiifama gaafachuudhaan yeroo mijataa taʼetti akka deebinu dubbachuu dandeenya. Namichi hojii xixinnoo irratti gargaarsi akka isa barbaachisu yoo hubanne hoo? Yookiin namni manaa baʼuu hin dandeenye tokko nama isaaf ergamu barbaada yoo taʼe hoo? Yeroo akkasiitti namicha gargaaruu ni dandeenya taʼa.—Fakkeenya 3:27 dubbisi.

17 Obboleettiin tokko gocha gaarummaa xinnoo fakkaatu raawwachuudhaan buʼaa gaarii argatteetti. Maatii mucaa tokko duʼaan dhabaniif yaaduudhaan kakaatee xalayaa isaaniif barreessite. Xalayichi Caqasoota nama jajjabeessan tokko tokko kan qabate ture. Xalayaan kun maatii kana irratti dhiibbaa akkamii geessise? Haati mucaa sanaa akkas jetteetti: “Kaleessa baayʼee dhiphachaan oole. Xalayaan ati nuuf barreessite hangam akka nu jajjabeesse waan beektu natti hin fakkaatu. Jajjabina xalayichi nuuf kenne jechaan ibsuu hin dandaʼu ykn jechan ittiin si galateeffadhu hin qabu. Kaleessa xalayaa kee yoo xinnaate al 20 dubbiseera. Xalayichi Yaada gaarummaa argisiisu, miira namaa tuquu fi nama jajjabeessu kan qabate taʼuun isaa na ajaaʼibsiiseera. Garaa keenya irraa si galateeffanna.” Bakka namoota rakkatanii of kaaʼuudhaan isaan gargaaruuf wanta tokko yommuu goonu buʼaa gaarii akka argannu hin shakkisiisu.

GAʼEE KEESSANIIF ILAALCHA MADAALAMAA QABAADHAA

18. 1 Qorontos 3:6, 7 wajjin haala wal simuun, ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu barbaanna?

18 Dhugaa dha, gaʼee tajaajila irratti qabnuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuu barbaanna. Namoonni waaʼee Waaqayyoo akka baratan gargaaruu irratti gaʼee qabaachuu kan dandeenyu taʼus, gaʼee hunda caala barbaachisaa taʼe hin qabnu. (1 Qorontos 3:6, 7 dubbisi.) Namoota gara ofii isaatti kan harkisu Yihowaa dha. (Yoh. 6:44) Dhuma irrattis, tokkoon tokkoon namaa haala garaa isaa irratti hundaaʼee misiraachichaaf deebii kenna. (Mat. 13:4-8) Namoonni hedduun, ergaa Yesuus inni barsiisota hanga harʼaatti jiraatan hunda caalu isaanitti hime akka hin fudhanne yaadadhaa! Kanaafuu, namoonni nuti isaan gargaaruuf yaallu hedduun, ergaa keenya fudhachuu yoo didan abdii kutachuu hin qabnu.

19. Tajaajila keenya irratti miira namootaa akka hubannu argisiisuun buʼaa akkamii argamsiisa?

19 Tajaajila keenya irratti miira namootaa akka hubannu yommuu argisiisnu buʼaa gaarii arganna. Hojii lallabaa keenyatti caalaatti gammadna. Gammachuu guddaa kennuudhaan argamu dhandhamachuu ni dandeenya. Akkasumas namoonni “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” misiraachicha fudhachuun akka isaaniif salphatu goona. (HoE. 13:48) Kanaafuu, “hamma carraa argannetti, namoota hundumaaf . . . wanta gaarii haa goonu.” (Gal. 6:10) Akkas yoo goone Abbaa keenya isa samiitiif ulfina fiduudhaan gammachuu arganna.—Mat. 5:16.

FAARFANNAA 64 Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu

^ key. 5 Miira namootaa akka hubannu yommuu argisiisnu, gammachuun keenya ni dabala namoonnis ergaa keenya caalaatti dhaggeeffachuu ni barbaadu. Kun kan taʼu maaliifi? Mata duree kana keessatti, fakkeenya Yesuus irraa maal barachuu akka dandeenyuu fi karaa miira namoota tajaajila irratti argannuuf yaaduu itti dandeenyu afur ilaalla.

^ key. 5 IBSA JECHAA: Akka mata duree kana keessatti itti hojjetametti, gadduu jechuun nama rakkina keessa jiru ykn miidhaa suukanneessaan irra gaʼe tokkoof garaa laafuu jechuu dha. Miirri akkasii namni tokko namoota gargaaruuf wanta isaaf dandaʼame hunda akka godhu isa kakaasuu dandaʼa.

^ key. 8 Mata duree, “Tajaajilarratti Seera Isa Beekamaa Taʼe Hordofaa” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2014 irratti baʼe ilaali.

^ key. 11 Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2011, (Amariffa) fuula 21-22 ilaali.