Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 20

Warra Miidhaan Irra Gaʼe Jajjabeessuu

Warra Miidhaan Irra Gaʼe Jajjabeessuu

‘Waaqni jajjabina hundaa, rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.’—2 QOR. 1:3, 4.

FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

QABIYYEE *

1-2. (a) Namoonni uumama isaaniitiin jajjabinni kan isaan barbaachisuu fi dandeettii jajjabina kennuu akka qaban fakkeenyi argisiisu maalidha? (b) Ijoolleen tokko tokko kan miidhaman akkamitti?

NAMOONNI uumamaan jajjabinni akka kennamuuf barbaadu; dandeettii dinqisiisaa jajjabina kennuus qabu. Fakkeenyaaf, mucaan xinnoon tokko utuu taphatuu yommuu kufee jilbi isaa madaaʼu booʼaa gara haadhaa ykn abbaa isaatti fiiga taʼa. Warri madaa isaa fayyisuu hin dandaʼan, garuu isa urursuu ni dandaʼu. Maaltu akka isa mudate isa gaafatu taʼa, imimmaan isaa ni haqu, jechoota jaalalaatiin isa sossobu, akkasumas tarii qoricha madaa isaa irratti dibu ykn madaa isaa hidhuufii dandaʼu. Utuma baayʼee hin turin, mucichi booʼuu isaa dhiisee gara tapha isaatti illee ni deebiʼa taʼa. Yeroo booda, madaan isaas ni fayya.

2 Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko ijoolleen haala cimaa taʼeen miidhamuu dandaʼu. Tokko tokko miidhaan saalaa isaan irratti raawwatama. Miidhaan saalaa kunis al tokko qofa raawwatamuu ykn waggoota hedduudhaaf itti fufuu dandaʼa taʼa. Kanas taʼe sana, miidhaan saalaa kun godaannisni inni miira irratti dhiisee darbu baayʼee cimaa dha. Haalawwan tokko tokko keessatti namni miidhaa kana geessise sun qabamee adabamuu dandaʼa. Karaa kan biraatiin immoo, namni yakka kana raawwate utuu hin adabamin hafuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, namni miidhaa kana raawwate battalumatti adabamu illee miidhaan saalaa kun namni miidhame sun hamma nama gaʼeessa taʼutti illee turuu dandaʼa taʼa.

3. Akka 2 Qorontos 1:3, 4 irratti ibsametti fedhiin Yihowaa maalidha? Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

3 Kiristiyaanni ijoollummaatti miidhaan saalaa irra gaʼe, gaʼeessa erga taʼee booda karaa miiraa amma iyyuu dhiphachaa jira yoo taʼe gargaarsa akkamii argachuu dandaʼa? (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Yihowaan hoolonni isaa jaalalaa fi jajjabina isaan barbaachisu akka argatan fedhii isaa akka taʼe ifaa dha. Kanaafuu, mee gaaffiiwwan armaan gadii sadii haa qorru: (1) Namoota ijoollummaa isaanitti gudeedaman jajjabeessuun kan barbaachisu maalifi? (2) Jajjabina isaan barbaachisu kennuu kan dandaʼu eenyu? (3) Jajjabina buʼa qabeessa taʼe kennuu kan dandeenyu akkamitti?

JAJJABINNI KAN BARBAACHISU MAALIFI?

4-5. (a) Ijoolleen namoota gaʼeessota taʼan irraa adda akka taʼan hubachuun barbaachisaa kan taʼe maalifi? (b) Gudeeddaan dandeettii ijoolleen namoota kaan amanuuf qaban irratti dhibbaa kan godhu akkamitti?

4 Namoonni ijoollummaa isaanitti gudeedaman tokko tokko erga gaʼeessa taʼanii waggoonni hedduun darbu illee jajjabinni isaan barbaachisa taʼa. Maalifi? Kana hubachuuf, ijoolleen namoota gaʼeessa taʼan irraa baayʼee adda akka taʼan dursinee beekuu qabna. Yeroo baayʼee, miidhaan yommuu raawwatamu haalli itti ijoolleen miidhaman, haala namni gaʼeessa taʼe itti miidhamu irraa baayʼee adda dha. Mee Fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.

5 Ijoolleen nama isaan guddisuu fi isaan kunuunsu wajjin walitti dhihaachuu akkasumas isaan amanuu barbaadu. Walitti dhufeenyi akkasii ijoolleen nageenyi akka itti dhagaʼamuu fi namoota isaan jaallatan kan biraa akka amanan isaan barsiisa. (Far. 22:9) Kan nama gaddisiisu miidhaan saalaa yeroo hedduu kan raawwatamu mana ofii keessatti siʼa taʼu namoonni kana raawwatan immoo miseensota maatii fi michoota maatii isaaniiti. Amananna mucaa tokkoo karaa kanaan cabsuun, waggoonni hedduun erga darbanii booda illee mucaan kun namoota kaan amanuun akka itti ulfaatu godha.

6. Gudeeddaan gocha gara jabinaa fi nama hubu kan taʼe maalifi?

6 Ijoolleen salphaatti balaadhaaf saaxilamu akkasumas miidhaan saalaa gocha gara jabinaa fi kan nama hubu dha. Ijoolleen karaa qaamaa, miiraa, ykn sammuudhaan saalqunnamtii gaaʼela keessaatiif qophaaʼoo utuu hin taʼin saalqunnamtii akka raawwatan gochuun miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa. Gudeeddaan ilaalcha isaan saalqunnamtiif, ofii isaaniif ykn nama isaanitti dhihaachuu barbaadu hundaaf qaban jalʼisuu dandaʼa.

7. (a) Namni miidhaa geessisu tokko salphaatti ijoollee gowwoomsuu kan dandaʼu maaliifi? Kana gochuu kan dandaʼu hoo akkamitti? (b) Sobawwan akkasii miidhaa akkamii geessisuu dandaʼu?

7 Ijoolleen dandeettiin isaan waa yaaduuf, gargar baasuu ykn hubachuu fi balaa irraa fagaachuuf qaban guutummaatti hin guddanne. (1 Qor. 13:11) Kanaafuu, namni miidhaa saalaa geessisu tokko salphaatti isaan gowwoomsuu dandaʼa. Namoonni miidhaa saalaa geessisan wanta raawwatameef kan itti gaafatamu isaan akka taʼe, miidhaan sun iccitiidhaan qabamuu akka qabu, mucaan sun gocha sana yoo dubbate namni isa dhaggeeffatu ykn isaaf yaadu akka hin jirre ykn saalqunnamtiin nama gaʼeessa taʼee fi ijoollee gidduutti raawwatamu karaa sirrii jaalalli itti ibsamu akka taʼe dubbachuudhaan soba hadhaaʼaa taʼe isaan barsiisu. Sobawwan akkasii dandeettii mucaan sun waa yaaduu fi dhugaa hubachuuf qabu waggoota hedduudhaaf jalʼisuu dandaʼu. Ijoolleen akkasii ijoollummaa isaaniitii kaasanii waaʼee ofii isaanii yommuu yaadan hirʼina akka qaban, xuraaʼoo akka taʼanii fi jaallatamuu ykn jajjabina argachuun akka isaaniif hin malle godhanii yaaduu dandaʼu.

8. Yihowaan namoota miidhamaniif jajjabina akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

8 Kanaafuu, miidhaan saalaa hubaatii yeroo dheeraadhaaf turu geessisuu kan dandaʼu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Yakki kun baayʼee cimaa dha! Miidhaan balʼinaan raawwatamu kun guyyoota dhumaa yeroo namoonni “jaalala kan hin qabne” fi ‘namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deeman’ keessa akka jiraannu ragaa ifa taʼe kennu. (2 Xim. 3:1-5, 13) Malawwan Seexanaa dhugumaan hamoo siʼa taʼan, namoonni immoo karaa isa gammachiisuun deddeebiʼuun isaanii nama gaddisiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan Seexanaa fi tajaajiltoota isaa caalaa humna qaba. Inni yeroo hundumaa malawwan Seexanaa ni beeka. Yihowaan dhiphina nu irra gaʼu guutummaatti akka hubatuu fi jajjabina nu barbaachisu akka nuuf kennu guutummaatti mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. ‘Waaqa jajjabina hundaa; isa, jajjabina isa irraa argannuun warra rakkina akkamii iyyuu keessa jiran jajjabeessuu akka dandeenyuuf rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessu’ tajaajiluu keenyatti eebba arganneerra. (2 Qor. 1:3, 4) Haa taʼu malee, Yihowaan jajjabina kennuuf eenyufaʼitti fayyadama?

JAJJABINA KENNUU KAN DANDAʼU EENYU?

9. Akka Daawit Mootichi Faarfannaa 27:10 irratti dubbatetti, Yihowaan warra maatiin isaanii eegumsa utuu isaaniif hin godhin hafaniif maal godha?

9 Keessumaa namoonni warri isaanii eegumsa utuu isaaniif hin kennin hafan ykn namoonni miidhaan saalaa isaan irra gaʼe jajjabina argachuun isaan barbaachisa. Daawit faarfatichi Yihowaan jajjabina kennuu irratti hunda caalaa amansiisaa akka taʼe beekee ture. (Faarfannaa 27:10 dubbisi.) Daawit, Yihowaan namoota miseensonni maatii isaanii isaan dhiisan akka simatu amantii qaba ture. Yihowaan kana kan godhu akkamitti? Namoota tajaajiltoota isaa amanamoo taʼanitti fayyadama. Namoonni nu wajjin Yihowaa waaqeffatan, maatii hafuuraa keenyaa dha. Fakkeenyaaf, Yesuus namoonni isaa wajjin Yihowaa waaqeffatan, obboloota, obboleettotaa fi haadhotii isaa akka taʼan dubbateera.—Mat. 12:48-50.

10. Phaawulos hojii jaarsa taʼuudhaan hojjetu kan ibse akkamitti ture?

10 Walitti dhufeenya gumii Kiristiyaanaa keessa jiru, isa walitti dhufeenya maatii keessa jiru wajjin wal fakkaatu kana ilaalchisee fakkeenya tokko haa ilaallu. Phaawulos ergamaan jaarsa amanamaa jabaatee hojjetu ture. Inni fakkeenya gaarii taʼeera, akkasumas akkuma inni fakkeenya Yesuus hordofe warri kaan immoo fakkeenya isaa akka hordofan geggeessaa hafuuraatiin dubbateera. (1 Qor. 11:1) Phaawulos yeroo tokko hojii jaarsa gumii taʼuudhaan hojjetu ilaalchisee, “Akkuma haati hoosistu tokko daaʼima ishii gaarummaadhaan kunuunsitu, nutis yeroo isin gidduu turre garraamummaadhaan isin kunuunsine” akka jedhe hubadhaa. (1 Tas. 2:7) Haaluma wal fakkaatuun jaarsolii amanamoon yeroo harʼaa jiranis, namoota isaan barbaachisuuf jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuuf, jechoota gara laafinaa fi gaarummaa argisiisanitti fayyadamu.

Obboleettonni gaʼumsa qaban jajjabina kennuu irratti yeroo baayʼee buʼa qabeeyyii dha (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Jajjabina kennuu kan dandaʼan jaarsolii gumii qofa akka hin taane wanti argisiisu maali dha?

11 Namoota miidhaan saalaa irra gaʼeef jajjabina kennuu kan dandaʼan jaarsolii qofadhaa? Lakki. Hundi keenya ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ itti gaafatamummaa qabna. (1 Tas. 4:18) Keessumaa obboleettonni bilchaatoo taʼan, obboleettota jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu ni dandaʼu. Yihowaan haadha ilma ishii jajjabeessitutti of fakkeessuun isaa sirrii dha. (Isa. 66:13) Kitaabni Qulqulluun dubartoota namoota dhiphatan jajjabeessan ilaalchisee fakkeenya qabateera. (Iyo. 42:11) Yeroo harʼaattis Yihowaan, dubartoonni Kiristiyaana taʼan, obboleettota dhiphina miiraa wajjin qabsoo gochaa jiran yeroo jajjabeessan yommuu argu guddaa gammada. Yeroo tokko tokko jaarsi tokko ykn lama obboleettiin bilchaattuun tokko obboleettii dhiphachaa jirtu gargaaruu ni dandeessi yoo taʼe iccitiidhaan gaafachuu dandaʼu. *

JAJJABINA KENNUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

12. Maal akka hin goone of eeggachuu qabna?

12 Dhugaa dha, dhimmoota Kiristiyaanni hidhata keenya taʼe iccitiidhaan qabuu filatu tokko qoruuf akka hin yaalle of eeggachuu qabna. (1 Tas. 4:11) Taʼus, namoota gargaarsaa fi jajjabina barbaadaniif maal gochuu dandeenya? Mee Karaa jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuu itti dandeenyu shan haa ilaallu.

13. Akkuma 1 Mootota 19:5-8 irratti ibsame, maleekaan Yihowaa Eliyaasiif maal godhe? Nuti hoo fakkeenya maleekaa kanaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Gargaarsa qabatamaa taʼe kennaa. Eliyaas raajichi lubbuu isaa oolfachuuf yommuu baqataa turetti, garmalee waan abdii kutateef, duʼuu barbaadee ture. Yihowaan nama abdii kutate kana akka jajjabeessuuf maleekaa humna guddaa qabu tokko erge. Maleekaan kun gargaarsa qabatamaa taʼe isaaf kenneera. Eliyaasiif nyaata hoʼaa kan kenne siʼa taʼu, akka nyaatus isa jajjabeesseera. (1 Mootota 19:5-8 dubbisi.) Seenaan kun dhugaa barbaachisaa tokko ibsa; yeroo tokko tokko xinnoo taʼus, gargaarsi qabatamaan gaarummaadhaan kenname wanta guddaa gaarii taʼe raawwachuu dandaʼa. Tarii nyaanni, kennaa xinnoon ykn kaardiin itti yaadamee qophaaʼe tokko obboleessi ykn obboleettiin abdii kutatan akka jaallatamanii fi namni isaaniif yaadu akka jiru akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Dhimmoota dhuunfaa taʼan ykn garmalee nama dhiphisan irratti mariʼachuun yoo nutti toluu baate illee gargaarsa qabatamaa akkasii gochuu ni dandeenya.

14. Seenaa waaʼee Eliyaas ibsu irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

14 Warra dhiphatan nageenyii fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu godhaa. Seenaa waaʼee Eliyaas dubbatu irraa barumsa kan biraas argachuu ni dandeenya. Yihowaan raajichi hamma Tulluu Horeebitti deemuu akka dandaʼuuf, gargaarsa isa barbaachisu dinqiidhaan kenneeraaf. Tarii bakka fagoo, Yihowaan jaarraa hedduu dura saba isaa wajjin kakuu gale kanatti Eliyaas nagaa akka argate isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Dhuma irratti tarii bakka namoonni isa miidhuu barbaadan gaʼuu hin dandeenye akka gaʼe isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Kana irraa barumsa akkamii arganna? Namoota miidhaan saalaa irra gaʼe jajjabeessuu yoo barbaanne, jalqaba nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf jaarsoliin, obboleettiin dhiphatte tokko nageenyii fi tasagabbiin kan itti dhagaʼamu, Galma Walgaʼii keessatti utuu hin taʼin, mana keessatti shaayii dhugaa taʼuu akka dandaʼu yaada isaanitti qabachuu qabu. Obboleettii kan biraan immoo akkas itti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa.

Obsaan dhaggeeffachuudhaan, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, akkasumas jechoota nama jajjabeessan filachuudhaan warra kaan jajjabeessuu dandeenya (Keeyyata 15-20 ilaali) *

15-16. Akka gaariitti dhaggeeffachuun maalfaa dabalata?

15 Akka gaariitti dhaggeeffadhaa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, haa taʼu’ jechuudhaan gorsa ifa taʼe kana kenna. (Yaq. 1:19) Akka gaariitti ni dhaggeeffannaa? Dhaggeeffachuu jechuun waan tokko illee utuu hin dubbatin, callisanii nama sana ilaaluu akka taʼe goonee yaadna taʼa. Haa taʼu malee, akka gaariitti dhaggeeffachuun kana caalaa wanta dabalatu qaba. Fakkeenyaaf, Eliyaas dhuma irratti miira isaa guutummaatti baasee kan dubbate siʼa taʼu, Yihowaanis akka gaariitti isa dhaggeeffateera. Yihowaan Eliyaas akka sodaate, kophummaan akka itti dhagaʼamee fi wanti inni hojjete hundi gatii akka dhabe akka isatti dhagaʼame hubateera. Yihowaan wanta isa yaaddesse hundumaa akka moʼu jaalalaan isa gargaareera. Dhugumaan isa dhaggeeffachaa akka jiru Eliyaas akka hubatu godheera.—1 Mot. 19:9-11, 15-18.

16 Yeroo dhaggeeffanutti, gara laafina qabaachuu fi iddoo isaanii of kaaʼuudhaan jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo tokko tokko jechoonni itti yaadamanii qophaaʼanii fi miira hoʼaadhaan dubbataman wanta nutti dhagaʼamu ibsuu dandaʼu. Akkana jechuu dandeessa taʼa: “Kun sirra gaʼuu isaatti baayʼeen gadda! Mucaan kam iyyuu karaa kanaan qabamuun irra hin jiru!” Tarii michuun kee inni rakkina keessa jiru maal akka dubbatu hubachuuf gaaffii tokko ykn lama gaafachuu dandeessa. Akkana jettee gaafatta taʼa, “Maal jechuu akka barbaadde akkan hubadhu maaloo na gargaaruu dandeessaa?” ykn immoo, “Waan ati dubbatte akkasittan hubadhe . . . Akkas jechuu keetii?” Jechoonni jaalala irratti hundaaʼan akkasii wanta inni dubbatu hubachuuf yaaluudhaan garaadhaa isa dhaggeeffachaa akka jirtu mirkaneessa.—1 Qor. 13:4, 7.

17. Obsa argisiisuu fi ‘dubbachuuf suuta jechuu’ kan qabnu maaliifi?

17 Haa taʼu malee, ‘dubbachuuf suuta jechuu’ akka qabdan hin dagatinaa. Gorsa kennuuf ykn yaada isaa sirreessuuf jecha dubbii nama sanaa addaan hin kutinaa. Akkasumas obsa qabaadhaa! Eliyaas wanta garaa isaa keessa jiru hunda yommuu Yihowaatti hime, dhiphina isaa ibsuuf jechoota ciccimoo taʼanitti fayyadameera. Yihowaan amantii isaa erga cimseefii booda Eliyaas jechoota duraan dubbate irra deebiʼee dubbachuudhaan wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa ibseera. (1 Mot. 19:9, 10, 13, 14) Kana irraa barumsa akkamii arganna? Yeroo tokko tokko namoonni dhiphatan wanta garaa isaanii keessa jiru irra deddeebiʼanii dubbachuu barbaadu taʼa. Nutis akkuma Yihowaa obsaan isaan dhaggeeffachuu barbaanna. Furmaata isaanii kennuuf yaaluu mannaa, garaadhaa isaaniif yaadna, akkasumas gara laafina isaaniitti argisiisna.—1 Phe. 3:8.

18. Kadhannaan dhiheessinu namoota dhiphatan jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

18 Nama dhiphina irra jiru wajjin garaadhaa kadhannaa dhiheessaa. Namoonni baayʼee dhiphatan kadhannaa dhiheessuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Namni tokko gara Yihowaatti dhihaachuun akka isaaf hin malle itti dhagaʼama taʼa. Nama akkanaa jajjabeessuu yoo barbaanne maqaa isaa caqasuudhaan isaa wajjin kadhannaa dhiheessuu dandeenya. Namni miirri isaa miidhame kun nu birattis taʼe gumicha biratti hammam jaallatamaa akka taʼe kadhannaa keenya irratti ibsuu dandeenya. Hoolaa isaa isa iddoo guddaa qabu kana akka tasgabbeessuu fi akka jajjabeessu Yihowaa gaafachuu dandeenya. Kadhannaan akkanaa baayʼee nama jajjabeessuu dandaʼa.—Yaq. 5:16.

19. Nama tokko jajjabeessuuf qophaaʼuudhaaf maaltu nu gargaara?

19 Jechoota nama tasgabbeessanii fi jajjabeessan filadhaa. Dubbachuu keessan dura yaadaa. Jechoonni utuu itti hin yaadamin dubbataman nama miidhuu dandaʼu. Jechoonni gaarummaadhaan dubbataman miira miidhame fayyisuu dandaʼu. (Fak. 12:18) Kanaafuu, jechoota gaarummaa argisiisan, nama jajjabeessanii fi tasgabbeessan argachuuf Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa. Jechoota Yihowaan dubbatee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman caalaa jechoonni humna qaban akka hin jirre yeroo hunda yaadadhaa.—Ibr. 4:12.

20. Namoonni tokko tokko wanti hamaan isaan mudate maal akka yaadan isaan godheera? Nuti hoo maal isaan yaadachiisuu barbaanna?

20 Namoonni kanaan dura miidhaan irra gaʼe tokko tokko xuraaʼoo, gatii kan hin qabne ykn kan hin jaallatamne akka taʼan, akkasumas jaallatamuu akka hin dandeenye akka amanan isaan godhee taʼuu dandaʼa. Kun soba guddaa dha! Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamaatii gatii dhugaa Yihowaa biratti qaban isaan yaadachiisaa. (Saanduqa, “Jajjabina Kitaaba Qulqulluu Irraa Argamu” jedhu ilaali.) Yeroo Daaniʼel raajichi dadhabbiin itti dhagaʼamee fi dhiphatee turetti maleekaan tokko akkamitti gaarummaadhaan akka isa jajjabeesse yaadadhaa. Yihowaan namni jaallatamaan kun hammam iddoo guddaa akka qabu akka hubatu barbaadee ture. (Dan. 10:2, 11, 19) Haaluma wal fakkaatuun obboloonnii fi obbooleettonni keenya warri dhiphatan Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu!

21. Namoonni hammina raawwatanii fi gocha isaanii irraa hin deebine maaltu isaan eeggata?

21 Warra kaan yommuu jajjabeessinu jaalala Yihowaan isaaniif qabu isaan yaadachiisna. Kana malees, Yihowaan Waaqa haqa qabeessa akka taʼe matumaa irraanfachuu hin qabnu. Gochi hamminaa miidhaa geessise kam iyyuu dhokatee hin hafu. Yihowaan wanta hundumaa kan ilaalu siʼa taʼu, namoonni hammina raawwatanii fi gocha isaanii irraa hin deebine utuu hin adabamin akka hafan hin heyyamu. (Lak. 14:18) Hamma yeroo sanaatti, warra miidhaan irra gaʼeef jaalala argisiisuuf wanta dandeenye hundumaa haa goonu. Hunda caalaa immoo, Yihowaan warra Seexanaa fi addunyaa isaatiin miidhaan irra gaʼe hundumaa guutummaatti akka fayyisu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Yeroo dhihoo booda immoo, wantoonni nama dhiphisan akkanaa gara sammuu keenyaatti ykn gara garaa keenyaatti matumaa hin dhufan.—Isa. 65:17

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

^ key. 5 Namoonni ijoollummaa isaaniitti gudeedaman waggoota hedduu booda illee rakkina hedduu dandamachuun isaan barbaachisa taʼa. Mata dureen kun sababiin isaa maal akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Dabalataanis namoota rakkinni akkasii irra gaʼe jajjabeessu kan dandaʼu eenyufaa akka taʼe ilaalla. Dhuma irrattis, karaawwan jajjabina buʼa qabeessa taʼe kennuu itti dandeenyu tokko tokko irratti mariʼanna.

^ key. 11 Namni sababa miidhaa saalaatiin dhiphatu tokko gargaarsa ogeessa fayyaa gaafachuun ykn dhiisuun murtoo dhuunfaa isaa ti.

^ key. 76 IBSA FAKKII: Obboleettiin gaʼumsa qabdu tokko obboleettii dhiphinni mudate tokko jajjabeessaa jirti.

^ key. 78 IBSA FAKKII: Jaarsoliin lama obboleettii dhiphinni mudate sana gargaaraa jiru. Ishiin immoo obboleettiin gaʼumsa qabdu sun akka argamtu afeerteetti.