Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu

Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu

ISRAAʼELOONNI durii biyya Waaqayyo isaan abdachiisetti galuudhaaf Laga Yordaanos yeroo ceʼuuf qophaaʼaa jiranitti, namoonni biyya sanaa tokko tokko gara isaanii dhufan. Namoonni gara isaanii dhufan kun dubartoota biyya ormaa dhiironni Israaʼel qophii nyaataa fi dhugaatii isaanii irratti akka argaman afeerani dha. Kunis, carraa yeroo baayʼee hin argamne fakkaata ture. Hiriyoota haaraa argachuun, sirbuunii fi nyaata gaarii nyaachuun baayʼee kan nama gammachiisu taʼuu dandaʼa. Aadaanii fi naamusni dubartoota kanaa isa Israaʼelootaaf Seera Waaqayyoo keessatti kenname irraa adda taʼus, dhiironni Israaʼel tokko tokko, ‘Nuti homaa hin taanu. Of eegganna’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa.

Maaltu isaan irra gaʼe ree? Seenaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame akkas jedha: “Isaan keessaa jarri tokko dubartoota Moʼaabii wajjin ejjuutti in kaʼan.” Dubartoonni kun dhiironni Israaʼel waaqolii sobaa isaan wajjin akka waaqeffatan barbaadanii turan. Kunis isaaniif milkaaʼeera! Kanaafuu, ‘Dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼuun’ isaa nama hin dinqisiisu.—Lak. 25:1-3.

Israaʼeloonni kun karaa lamaan Seera Waaqayyoo cabsaniiru. Kunis, waaqolii tolfamoodhaaf sagaduu fi halalummaa raawwachuu ture. Namoonni kumaan lakkaaʼaman, Waaqayyoof utuu hin ajajamin hafuu isaaniitiin lubbuu isaanii dhabaniiru. (Bau. 20:4, 5, 14; Kes. 13:6-9) Gochi isaanii gaddisiisaa ture kan jennu maaliif? Yeroo isaati. Utuu dhiironni kun Seera Waaqayyoo cabsuu baatanii, Israaʼeloonni kuma hedduudhaan lakkaaʼaman sun yeruma sana Yordaanos ceʼuudhaan Biyyattii Abdachiifamtetti galu turan.—Lak. 25:5, 9.

Phaawulos ergamaan haala yeroo sana ture ilaalchisee, “Wantoonni kun fakkeenya akka taʼaniif isaan irra gaʼan; nu warra dhumni sirnichaa irra gaʼes akeekkachiisuuf barreeffaman” jedheera. (1 Qor. 10:7-11) Seexanni yommuu Israaʼeloota keessaa tokko tokko cubbuu cimaa keessatti kufanii fi Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf mirga dhabanitti, garmalee akka gammade homaa nama hin shakkisiisu. Seexanni Addunyaa Haaraa Waaqayyo qopheessetti akka nuti hin galle gochuu caalaa wanti isa gammachiisu akka hin jirre beekuudhaan, akeekkachiisa kana garaa keenyatti qabachuun nuuf ogummaa akkamiiti!

KIYYOO HAMAA

Seexanni Kiristiyaanota adamsuudhaaf tooftaa sirriitti beekuu fi namoota baayʼee dogoggorsuuf ittiin milkaaʼetti fayyadama. Akkuma dura ilaalletti, Seexanni gocha halalummaatti fayyadameera. Yeroo keenyattis, gochi halalummaa kun kiyyoo balaa qabu taʼuu isaa itti fufeera. Poornoogiraafiin karaa inni ittiin caalaatti nu kiyyeessuu dandaʼu keessaa isa tokko dha.

Yeroo harʼaatti, namoonni kan biraan utuu hin beekin Poornoogiraafii ilaaluun ni dandaʼama. Waggoota baayʼee dura namni poornoogiraafii ilaaluu barbaade tokko gara mana tiyaatiraa deemee fiilmiiwwan gocha kana agarsiisan ilaaluu ykn immoo mana kitaabonni gocha kana wajjin walqabatan itti gurguraman deemee bitachuu qaba ture. Namoonni baayʼeen waan qaanaʼaniif naannoo sanatti argamuu hin barbaadan turan. Haa taʼu malee, yeroo ammatti namni intarneetii argate iddoo hojiitti ykn konkolaataa dhaabate keessatti illee poornoogiraafii ilaaluu ni dandaʼa. Akkasumas biyyoota baayʼeetti, dhiirri ykn dubartiin tokko mana isaaniitii utuu hin baʼin poornoogiraafii ilaaluu ni dandaʼu.

Kana qofaa miti. Meeshaaleen elektirooniksii poornoogiraafii ilaaluun caalaatti akka salphatu taasisaniiru. Namoonni yeroo karaa deemanis taʼe konkolaataadhaan ykn baaburaan deemanitti fakkiiwwan naamusaan ala taʼan meeshaalee elektirooniksii harkaatti qabataman irraa ilaaluu ni dandaʼu.

Namni tokko salphaatti Poornoogiraafii ilaaluu fi wanta gochaa jiru sana dhoksuu dandaʼuun isaa, poornoogiraafii ilaaluun kan durii caalaa miidhaan inni yeroo harʼaatti geessisu daran akka dabalu taasiseera. Namoonni poornoogiraafii ilaalan baayʼeen maatii isaanii diiganiiru, ofiif kabaja dhabaniiru, akkasumas qalbiin isaanii akka xuraaʼu taasisaniiru. Hunda caalaa immoo michummaan Waaqayyoo wajjin qaban balaadhaaf akka saaxilamu godhaniiru. Kanaaf, poornoogiraafiin namoota ilaalan irratti miidhaa akka geessisu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yeroo baayʼee madaa miiraa cimaa taʼe geessisa. Madaan kun adeemsa keessa kan fayyu taʼus, godaannisa yeroo dheeraadhaaf turu dhiisee darbuu dandaʼa.

Haa taʼu malee, Yihowaan kiyyoo Seexanaa kana irraa eegumsa nuuf gochuuf akka nu afeere beekuu qabna. Eegumsa Yihowaa argachuu yoo barbaanne, wanta dhiironni Israaʼel durii utuu hin godhin hafan gochuu qabna, jechuunis ‘guutummaatti isa dhagaʼuu’ qabna. (Bau. 19:5) Waaqayyo poornoogiraafii garmalee akka jibbu beekuu nu barbaachisa. Akkas kan jennu maaliifi?

AKKUMA YIHOWAAN JIBBUTTI JIBBAA

Mee dhugaa kana irratti yaadaa: Seerri Waaqayyoo inni Israaʼelootaaf kenname, seera saboonni bara sanatti turan qaban kam irra iyyuu adda ture. Seerri kun akkuma dallaatti Israaˈeloota saboota ollaa isaanii fi gocha xuraaʼaa isaan raawwatan irraa eegeera. (Kes. 4:6-8) Seerawwan kun dhugaa barbaachisaa taʼe tokko ifa godhu; innis Yihowaan gocha halalummaa ni jibba isa jedhu dha.

Yihowaan gocha jalʼinaa saboota naannoo sana jiraatanii caqasuudhaan Israaʼelootaan, “Akka hojii namoonni biyya Kanaʼaan isa ani itti isin galchuuf jiru sana keessatti hojjetanis hin hojjetinaa! . . . biyyichi illee in xuraaʼe; ani immoo yakka isaatiif isa nan adabe” jedhee ture. Waaqa Israaʼel isa qulqulluu taʼe duratti haalli jireenya warra Kanaʼaan baayʼee jibbisiisaa waan taʼeef, biyyi isaan keessa jiraatan xuraaʼee akkasumas faalamee ture.—Lew. 18:3, 25.

Yihowaan warra Kanaʼaan adabus, saboonni warri kan biroon gocha halalummaa raawwachuu isaanii itti fufanii turan. Waggoota 1,500 ol booda, Phaawulos saboonni Kiristiyaanonni keessa jiraatan, ‘miirri naamusaa isaanii guutummaatti akka hadoode’ ibsee ture. Dhuguma iyyuu, isaan “sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti dabarsanii of kennaniiru.” (Efe. 4:17-19)Yeroo harʼaattis, namoonni baayʼeen qaanii tokko malee gocha halalummaa raawwatu. Waaqeffattoonni dhugaa gocha halalummaa namoonni addunyaa raawwatan ilaaluu irraa of qusachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuu qabu.

Poornoogiraafiin gocha Waaqayyo biratti jibbisiisaa taʼe dha. Inni ilmaan namootaa akka bifaa fi fakkaattii isaatti uumeera, akkasumas dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baasnee beekuus nuuf kenneera. Waaqayyo saalqunnamtii ilaalchisee ogummaadhaan daangaa barbaachisaa taʼe godheera. Kanas kan qopheesse gammachuu hiriyoota gaaʼelaa keessatti gaʼee akka qabaatuufi. (Uma. 1:26-28; Fak. 5:18, 19) Haa taʼu malee, warri poornoogiraafii qopheessan ykn babalʼisan maal gochaa jiru? Isaan ulaagaalee naamusaa Waaqayyo baase guutummaatti mormaa jiru. Eeyyeen, namoonni poornoogiraafii qopheessan Yihowaadhaaf tuffii akka qaban argisiisu. Waaqayyo namoota ulaagaalee naamusaa isaatiin mormuudhaan wantoota naamusaan ala taʼan babalʼisan ykn qopheessanitti ni murteessa.—Rom. 1:24-27.

Haa taʼu malee, namoota taʼe jedhanii poornoogiraafii ilaalan ykn dubbisan ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Namoonni tokko tokko tarii bashannana miidhaa hin qabne akka taʼe itti dhagaʼama. Haa taʼu malee, isaan dhugumatti namoota ulaagaalee Yihowaa tuffatan deggeraa jiru. Jalqaba yeroo poornoogiraafii ilaaluu eegalan galmi isaanii kana taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, namoonni Waaqa isa dhugaa waaqeffatan Poornoogiraafii cimsanii balaaleffachuu akka qaban Kitaabni Qulqulluun ni barsiisa. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa!” jedhu qabateera.—Far. 97:10.

Taʼu illee, namoonni poornoogiraafii ilaaluu hin barbaannes kana gochuun salphaa akka hin taane beeku. Nuti cubbamoota waan taaneef, tarii fedhii saalqunnamtii sirrii hin taane mormuudhaaf walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa taʼa. Hunda caalaa immoo, garaan keenya inni cubbamaan karaa itti seera Waaqayyoo irraa maqu argachuuf yaaluu dandaʼa. (Er. 17:9) Haa taʼu malee, namoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun lola kana moʼachuu dandaʼaniiru. Atis walʼaansoo akkasii gochaa jirta taanaan kana beekuun kee jajjabina siif argamsiisuu dandaʼa. Sagaleen Waaqayyoo kiyyoo Seexanaa, jechuunis poornoogiraafii ilaaluu irraa akka fagaattu si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe qalbeeffadhu.

FEDHII NAAMUSAAN ALA TAʼE IRRATTI HIN XIINXALINAA

Akkuma olitti ibsame, Israaʼeloonni baayʼeen fedhiin dogoggoraa keessa isaaniitti guddachuudhaan badiisa akka isaan irraan gahu heyyamaniiru. Yeroo harʼaattis wanti kana wajjin wal fakkaatu gaʼuu dandaʼa. Obboleessa Yesus kan taʼe Yaaqoob, “Namni hundi yommuu fedha ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama. Achiis fedhiin erga ulfooftee booda cubbuu dhalti” jechuudhaan balaa inni qabu ibseera. (Yaq. 1:14, 15) Fedhiin dogoggoraa garaa nama tokkoo keessatti guddatee sadarkaa taʼe tokko irra erga gaʼee booda, namni sun cubbuu raawwachuun isaa hin oolu. Kanaafuu, yaada naamusaan ala taʼe of keessaa baasuu qabna malee irratti xiinxaluu hin qabnu.

Yaadni qulqulluu hin taane yoo isin harkise, hatattamaan tarkaanfii fudhadhaa. Yesuus, “Harki kee yookiin miilli kee yoo si gufachiise of irraa kutii gati. . . . Akkasumas, iji kee yoo si gufachiise of keessaa baasii gati” jedheera. (Mat. 18:8, 9) Yesuus qaama keenya of irraa muruu akka qabnu gorsaa ture miti. Kanaa mannaa, wanta nu gufachiisu hatattamaa fi kutannoodhaan balleessuun barbaachisaa taʼuu isaa fakkeenyaan ibsaa ture. Poornoogiraafii wajjin haala wal qabateen gorsa kana hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Utuu itti hin yaadin poornoogiraafiin yoo si mudate, ‘ani homaa hin taʼu’ jettee hin yaadin. Yeruma sana ija kee irraa deebisi. Televijiinicha hatattamaan cufi. Kompiiyuutara ykn meeshaa elektirooniksii sana yeruma sana balleessi. Wanta qulqulluu taˈe irratti xiinxalaa. Kana gochuun kee fedhiin dogoggoraa akka si toʼatu gochuu mannaa, yaada kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa.

BOHAARTIIN NAAMUSAAN ALA TAʼEE FI DURAAN ILAALLE GARA SAMMUU KEENYATTI YOO DHUFE HOO?

Poornoogiraafii ilaaluu guutummaatti kan dhaabde taʼus, wanti duraan ilaalte irra deddeebiʼee gara sammuu keetti kan dhufu yoo taʼe hoo? Fakkiiwwan ykn yaadawwan poornoogiraafii sammuu nama tokkoo keessa yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼu. Akkasumas akka tasaa gara sammuu keenyaatti dhufuu dandaʼu. Wanti akkasii yoo si mudate, wanta xuraaʼaa taʼe, kan akka qaama saalaa susukkuumuu raawwachuuf qoramuu dandeessa. Kanaafuu, yaadawwan akkasii tasa gara sammuu keetti dhufuu akka dandaʼan beekuudhaan isaaniin mormuuf of qopheessi.

Akka Waaqayyo yaaduutti yaaduu fi tarkaanfii fudhachuuf murtoo godhi. Fakkeenya Phaawulos ergamaa isa ‘qaama isaa haleelee akka garbichaatti akka isaaf ajajamu godhe’ sanaa hordofi. (1 Qor. 9:27) Fedhiiwwan xuraaʼaa taʼan akka si garboomfatan hin heyyamin. ‘Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne ofuma kee mirkaneeffachuu akka dandeessuuf, sammuu kee haaressuudhaan jijjiirami.’ (Rom. 12:2) Akka fedha Waaqayyotti yaaduu fi waa raawwachuun, fedhii fooniitiif ajajamuu caalaa gammachuu guddaa akka argamsiisu yaadadhu.

Fedha Waaqayyoo wajjin haala wal simuun yaaduu fi waa raawwachuun, fedhii fooniitiif ajajamuu caalaa gammachuu guddaa argamsiisa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yaadatti qabachuuf yaali. Achiis yommuu yaadawwan dogoggoraa gara sammuu keetti dhufan, caqasoota kana irratti yaaduuf carraaqqii godhi. Caqasoonni kan akka Faarfannaa 119:37; Isaayaas 52:11; Maatewos 5:28; Efesoon 5:3; Qolosaayis 3:5; fi 1 Tasalonqee 4:4-8 jiran, yaada kee ilaalcha Yihowaan poornoogiraafiidhaaf qabuu fi wanta inni si irraa eeguu wajjin akka wal simsiistu si gargaaruu dandaʼu.

Haa taʼu malee, yeroo taʼe tokkotti, fedhii wantoota naamusaan ala taʼan ilaaluuf ykn yaaduuf qabdu toʼachuu akka hin dandeenye yoo sitti dhagaʼame hoo? Yesuus isa fakkeenya keenya taʼe dhiheenyatti hordofi. (1 Phe. 2:21) Yesuus erga cuuphamee booda, Seexanni isa qoruu isaa itti fufee ture. Yesuus maal godhe ree? Mormuu isaa itti fufeera. Caqasoota adda addaatti fayyadamuudhaan qorumsa Seexanni isaaf dhiheesse mormeera. “Seexana nana na duraa deemi!” kan jedhe siʼa taʼu, Seexannis isa dhiisee adeemeera. Akkuma Yesuus lola Seexanaa wajjin godhu irratti harka hin kennine, nutis abdii kutachuu hin qabnu. (Mat. 4:1-11) Seexannii fi addunyaan isaa sammuu kee yaadawwan naamusaan ala taʼaniin guutuuf yaalii gochuu isaanii itti fufu, taʼus, lola isaanii wajjin gootu irratti abdii hin kutatin. Lola poornoogiraafii wajjin gootu irratti injifannoo argachuu ni dandeessa. Gargaarsa Yihowaatiin diina kee injifachuu ni dandeessa.

YIHOWAATTI KADHANNAA DHIHEESSI ISAAFIS AJAJAMI

Kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu kee itti fufi. Phaawulos, “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega” jedheera. (Filp. 4:6, 7) Nagaan Waaqayyoo qabsoo cubbuu mormuudhaan gootan irratti boqonnaa isiniif argamsiisa. Isin gara Yihowaatti yoo dhihaattan, “innis isinitti ni dhihaata.”—Yaq. 4:8.

Balaa kam irraa iyyuu eegumsa hunda caalu kan argamsiisu qaama hawaa keessatti Hundaa ol taʼetti dhihaachuu dha. Yesuus, ‘Bulchaan addunyaa kanaa [Seexanni] dhufaa jira, inni ana irratti aangoo hin qabu’ jedhee ture. (Yoh. 14:30) Yesuus amanannaa akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliif ture? Yesuus yeroo tokko, “Inni ana erge Sun anaa wajjin jira; ani yeroo hunda wanta isa gammachiisu waanan godhuuf, inni kophaatti ana hin dhiisu” jechuudhaan ibseera. (Yoh. 8:29) Atis wantoota Yihowaa gammachiisan gochuu kee yommuu itti fuftu, inni matumaa si hin dhiisu. Kiyyoo poornoogiraafii irraa fagaadhu; Seexanni kiyyoo isaa keessa si galchuu hin dandaʼu.