Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 29

“Dhaqaatii . . . Barattoota Godhaa”

“Dhaqaatii . . . Barattoota Godhaa”

“Kanaaf, dhaqaatii . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa.”—MAT. 28:19.

FAARANNAA 60 Lubbuu Isaanii ni Oolchina

QABIYYEE *

1-2. (a) Akka ajaja Yesuus Maatewos 28:18-20 irratti kenneetti, ergamni gumii Kiristiyaanaa inni guddaan maali dha? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?

ERGAMOONNI qarqara gaaraatti walitti qabamanii yeroo turanitti wanta hedduu akka dhagaʼan eeganii taʼuu qaba. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda bakka kanatti akka isaanii wajjin wal argu itti himee ture. (Mat. 28:16) Tarii, ‘al tokkotti obboloota 500 caalanitti kan mulʼate’ yeroo kanatti taʼuu hin oolu. (1 Qor. 15:6) Yesuus barattoonni isaa iddoo kanatti akka walgaʼan kan isaanitti hime maaliifi? Ergama gammachiisaa, ‘Kanaaf, dhaqaatii saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa’ jedhu isaaniif kennuuf ture.Maatewos 28:18-20 dubbisi.

2 Barattoonni jecha Yesuus dhagaʼan, kutaa gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa taʼaniiru. Ergamni gumii sanaa inni guddaan namoonni dabalataa barattoota Kiristoos akka taʼan gochuu ture. * Yeroo harʼaa guutummaa lafaa irratti gumiiwwan Kiristiyaanaa kuma kudhaniin lakkaaʼaman kan jiran siʼa taʼu, gumiiwwan kunis ergamni isaanii inni guddaan kanuma dha. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan afur qorra; isaanis: Barattoota gochuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kunoo maal dabalata? Barattoota gochuu irratti Kiristiyaanonni hundi gaʼee qabuu? Akkasumas hojii kana irratti obsa qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

BARATTOOTA GOCHUUN BAAYʼEE BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

3. Akka Yohaannis 14:6 fi 17:3 jedhutti, hojiin barattoota gochuu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

3 Hojiin barattoota gochuu baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandaʼan barattoota Kiristoos qofa waan taʼaniifi dha. Dabalataanis, namoonni fakkeenya Kiristoos hordofan, yeroo ammaatti jireenya fooyyaʼaa kan jiraatan siʼa taʼu, gara fuulduraatti immoo jireenya dhuma hin qabne argachuuf abdii qabaatu. (Yohaannis 14:6; 17:3 dubbisi.) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe kana nuuf kenneera; haa taʼu malee, hojii kana kan hojjennu kophaa keenya miti. Phaawulos ergamaan waaʼee ofii isaa fi namoota isaa wajjin hojjetan tokko tokko ilaalchisee, “nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 3:9) Yihowaa fi Kiristoos ilmaan namootaa mudaa qabaniif mirga guddaa akkamii kennaniiru!

4. Muuxannoo Eevaanii fi Maatildii irraa maal baranna?

4 Hojiin barattoota gochuu gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Fakkeenya Eevaanii fi haadha warraa isaa Maatildi isaan Kolombiyaa keessa jiraatanii haa ilaallu. Isaan dargaggeessa Daaveer jedhamu tokkoof kan dhugaa baʼan siʼa taʼu, innis,, “Ani jireenya koo keessatti jijjiirama gochuu nan barbaada, garuu hin dandaʼu” isaaniin jedhe. Daaveer nama dorgommii buunyaa irratti hirmaatu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu, dhugaatii hedduu dhuguu fi jaalallee isaa Eriikaa wajjin jiraatu ture. Eevaan akkas jedheera: “Ganda isaa isa fagoo jiru dhaqnee isa gaafachuu kan jalqabne siʼa taʼu, kun immoo biskileetii keenya daandii dhoqqee taʼe irra saʼaatii dheeraadhaaf oofuu nu gaafata ture. Eriikaanis amalaa fi ilaalcha Daaveer irratti fooyyaʼiinsa taʼe erga hubattee booda qoʼannaa jalqabde.” Yeroo booda, Daaveer qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, dhugaatii dhuguu fi buunyaa irratti hirmaachuu ni dhiise. Akkasumas Eriikaa wajjin gaaʼela godhatan. Maatildiin, “Daaveerii fi Eriikaan bara 2016⁠tti yommuu cuuphaman, ‘Jijjiiramuu nan barbaada, garuu hin dandaʼu’ jechuudhaan wanta Daaveer dubbachaa ture yaadanne. Yeroo kanatti imimmaan keenya toʼachuu dadhabne” jetteetti. Shakkii tokko malee, namoonni barattoota Kiristoos akka taʼan yommuu gargaarrutti gammachuu guddaa arganna.

BARATTOOTA GOCHUUN MAAL DABALATA?

5. Barattoota gochuu irratti tarkaanfiin inni jalqabaa maali dha?

5 Namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf yommuu ‘barbaadnu’ barattoota gochuu irratti tarkaanfii isa jalqabaa fudhanna. (Mat. 10:11) Namoota argannu hundumaaf dhugaa baʼuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya mirkaneessina. Ajaja Yesuus akka lallabnu nuuf kenne hordofuudhaan Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya beeksisna.

6. Tajaajila irratti milkaaʼina argachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

6 Namoonni tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuudhaaf fedhii guddaa qabu, taʼus namoonni hedduun jalqaba irratti dantaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼu. Fedhii isaanii kakaasuun nu barbaachisuu dandaʼa. Tajaajila irratti milkaaʼina argachuudhaaf akka gaariitti qophaaʼuu qabna. Mata dureewwan xiyyeeffannaa namoota argattanii harkisuu dandaʼan filadhaa. Achiis mata dureewwan sana akkamitti akka beeksistan karoorfadhaa.

7. Nama tokko wajjin maree jalqabuu kan dandeessan akkamitti? Dhaggeeffachuu fi kabaja argisiisuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

7 Fakkeenyaaf nama tokko akkas jettanii gaafachuu dandeessu: “Dhimma tokko irratti ilaalcha ati qabdu si gaafachuu nan dandaʼaa? Rakkoowwan yeroo harʼaa nu irra gaʼan hedduun, namoota addunyaa mara irra jiran irras ni gaʼu. Rakkoowwan addunyaa furuuf, mootummaan addunyaa tokko ni barbaachisa jettee yaaddaa?” Sana booda, Daaniʼel 2:44 irratti wajjin mariʼachuu dandeessu. Yookiin ollaa keessan tokkoon akkas jechuu dandeessu: “Ijoollee amala gaarii qaban guddisuuf wanti hunda caalaa barbaachisu maali sitti fakkaata? Ilaalcha ati qabdu utuun beekee natti tola.” Sana booda, Keessa Deebii 6:6, 7 irratti wajjin mariʼadhaa. Mata dureen irratti mariʼachuuf filattan maali iyyuu yoo taʼe, waaʼee namoota isin dhaggeeffatanii yaadaa. Wanta Kitaabni Qulqulluun dhugumaan barsiisu barachuun isaanii hangam akka isaan fayyadu yaadaa. Yeroo isaanii wajjin dubbattan, isaan dhaggeeffachuu fi ilaalcha isaanii kabajuun baayʼee barbaachisaa dha. Akkas kan gootan yoo taʼe, caalaatti isaan hubattu, isaanis caalaatti isin dhaggeeffachuu dandaʼu.

8. Deddeebii gaaffii gochuun carraaqqii itti fufiinsa qabu gaafata kan jennu maaliifi?

8 Namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteessuu isaa dura, deddeebii gaaffii gochuuf yeroo fi carraaqqii hedduu isin gaafachuu dandaʼa. Maaliifi? Sababiin isaas namoota yeroo deebinee isaan gaafannutti argachuu dhiisuu dandeenya. Akkasumas namni tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabuudhaaf fedhii qabaachuu isaa dura, yeroo hedduu deddeebitanii gaafachuun isin barbaachisuu dandaʼa. Biqiltuun tokko caalaatti kan guddatu irra deddeebiʼamee yoo bishaan obaafame akka taʼe yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun, namni fedhii qabu tokko jaalalli inni Yihowaa fi Kiristoosiif qabu caalaatti guddachuu kan dandaʼu, nama sanaa wajjin irra deddeebinee Dubbii Waaqayyoo irratti kan mariʼannu yoo taʼe dha.

KIRISTIYAANONNI HUNDI BARATTOOTA GOCHUU IRRATTI GAʼEE QABAACHUU NI DANDAʼUU?

Dhugaa Baatonni addunyaa mara irra jiran namoota garaa qajeelaa qaban barbaaduu irratti ni hirmaatu (Keeyyata 9-10 ilaali) *

9-10. Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa namoota garaa qajeelaa qaban barbaaduu irratti ni hirmaatu kan jennu maaliifi?

9 Namoota garaa qajeelaa qaban barbaaduu irratti tajaajiltoonni Kiristiyaana taʼan hundi ni hirmaatu. Hojii kana mucaa bade tokko barbaaduu wajjin wal fakkeessuu ni dandeenya. Akkamitti? Mee seenaa dhugaa waaʼee mucaa dhiiraa waggaa sadii manaa bade tokkoo haa ilaallu. Mucaa kana barbaaduu irratti namoonni gara 500 taʼan hirmaatanii turan. Dhuma irrattis mucaan sun erga badee saʼaatii 20 booda, namni barbaacha kana irratti hirmaachaa jiru tokko maasii boqqolloo keessatti isa argate. Taʼus, namni mucaa kana argate kun galateeffatamuu ni dide. Namichi kun, “Mucaa kana barbaaduu irratti namoonni dhibbaan lakkaaʼaman hirmaataniiru” jedheera.

10 Namoonni hedduun mucaa badee ture kanaa wajjin haala wal fakkaatuun akka badan isaanitti dhagaʼama. Abdii hin qaban, taʼus gargaarsa barbaadu. (Efe. 2:12) Namoonni miliyoona sadeetii ol taanu namoota gargaarsi isaan barbaachisu kana barbaaduu irratti hirmaachaa jirra. Tarii isin dhuunfaatti nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan hin arganne taʼa. Haa taʼu malee, babalʼistoonni naannoo tajaajilaa keessan keessa tajaajilan kan biraan nama dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barachuu barbaadu tokko argataniiru taʼa. Obboleessi ykn obboleettiin tokko nama barataa Kiristoos taʼu tokko yommuu argatan, namoonni barbaacha kana irratti hirmaatan hundi gammaduuf sababii gaʼaa qabu.

11. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hin jirtan yoo taʼe illee, barattoota gochuu irratti karaa kan biraa kamiin gargaarsa gochuu dandeessu?

11 Yeroo ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hin jirtan yoo taʼe illee, barattoota gochuu irratti karaawwan kan biraatiin gargaarsa gochuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, namoonni haaraan yeroo gara Galma Walgaʼii dhufan, isaan simachuu fi michuu isaaniif taʼuu ni dandeessu. Akkas gochuudhaan, jaalalli Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya adda baasee akka beeksisu akka amanan isaan gargaaruu dandeessu. (Yoh. 13:34, 35) Deebiin isin walgaʼii irratti kennitan gabaabaa taʼu illee, karaa garaadhaa maddee fi kabaja qabuun amantii isaanii akka ibsan isaan barsiisuu dandaʼa. Kana malees, babalʼisaa haaraa tokkoo wajjin tajaajila baʼuudhaan Caqasootatti fayyadamee namoota akka barsiisu isa gargaaruu dandeessu. Akkas gochuudhaan fakkeenya Kiristoos akka hordofu isa barsiistu.—Luq. 10:25-28.

12. Barattoota gochuuf dandeettiin addaa nu barbaachisaa? Ibsi.

12 Eenyuun keenya iyyuu, namoonni barattoota Yesuus akka taʼan gargaaruuf dandeettiin addaa akka nu barbaachisu goonee yaaduu hin qabnu. Maaliifi? Mee fakkeenya Faʼustiinaa ishii Booliiviyaa keessa jiraattuu haa ilaallu. Ishiin jalqaba yeroo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argitetti dubbisuu hin dandeessu turte. Sana booda dubbisuu hamma tokko ni baratte. Yeroo ammaatti kan cuuphamte siʼa taʼu, warra kaan barsiisuu ni jaallatti. Yeroo baayʼee torban torbaniin namoota shan Kitaaba qulqulluu qoʼachiisti. Faʼustiinaan amma iyyuu akka barattoonni ishii hedduun dubbisanitti dubbisuu baattus, namoonni jaʼa akka cuuphaman gargaarteetti.—Luq. 10:21.

13. Hojiin kan nutti baayʼatu yoo taʼe illee, hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuun keenya eebbaawwan akkamii nuuf argamsiisa?

13 Kiristiyaanonni hedduun itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe waan qabaniif hojiin itti baayʼata. Taʼus, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf yeroo ni ramadu; kunis gammachuu guddaa isaaniif argamsiiseera. Mee fakkeenya Meelanee hubadhaa. Ishiin haadha qeentee Alaaskaa keessa jiraattu siʼa taatu intala umuriin ishii waggaa saddeet taʼe qabdi. Kana malees, guyyaa guutuu kan hojjettu siʼa taʼu, abbaa ishii isa dhukkuba kaansarii qabu kunuunsuu irratti gargaarsa gooti turte. Dhugaa Baatuun magaalaa fagoo kana keessa jirtu ishii qofa dha. Meelaneen dhugumaan nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu argachuu waan barbaadduuf, jabina qorra isaa dandamattee tajaajila baʼuuf ishii dandeessisu argachuuf kadhannaa dhiheessiti turte. Boodas Saaraa ishii maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa beekuu ishiitti baayʼee gammadde argatte. Saaraan yeroo muraasa booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii galte. Meelaneen akkas jetteetti: “Jimaata galgala baayʼeen dadhaba, taʼus anii fi intalli koo qoʼannaa geggeessuuf deemuu keenyatti faayidaa arganneerra. Gaaffii Saaraa irratti qorannaa gochuun nu gammachiisa, akkasumas yommuu ishiin michuu Yihowaa taatu arguu keenyatti gammadneerra.” Saaraan ija jabinaan mormii ishii mudate kan dandamatte siʼa taʼu, waldaa ishii dhiistee baʼuudhaan cuuphamteetti.

BARATTOOTA GOCHUUN OBSA KAN GAAFATU MAALIIFI?

14. (a) Barattoota gochuun qurxummii qabuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? (b) Yaadni Phaawulos 2 Ximotewos 4:1, 2 irratti dubbate dhiibbaa akkamii si irratti godheera?

14 Tajaajilli keessan buʼaa kan hin qabne yoo fakkaate illee, namoota barattoota taʼuu dandaʼan abdii kutattanii barbaaduu keessan hin dhiisinaa. Yesuus barattoota gochuu qurxummii qabuu wajjin akka wal fakkeesse yaadadhaa. Namoonni qurxummii qaban qurxummii tokko illee utuu hin qabin saʼaatii hedduu dabarsuu dandaʼu. Yeroo baayʼee dhiisifatanii ykn ganamaan kaʼanii hojjetu, yeroo tokko tokko immoo fagaatanii deemuun isaan barbaachisuu dandaʼa. (Luq. 5:5) Haaluma wal fakkaatuun, Kiristiyaanonni tokko tokko yeroo gara garaa fi bakka gara garaatti namoota dhugaa beekuu barbaadan “argachuuf” saʼaatii dheeraa dabarsu. Maaliifi? Carraa namoota dabalataa argachuu itti dandaʼan balʼifachuufi. Namoonni carraaqqii dabalataa godhan, yeroo baayʼee namoota ergaa keenya fudhachuuf fedhii qaban argachuudhaan eebba argatu. Guyyaa keessaa yeroo ykn iddoo namoota argachuu itti dandeessanitti lallabuuf yaalii gochuu ni dandeessuu?2 Ximotewos 4:1, 2 dubbisi.

Barattoonni keessan guddina hafuuraa akka godhan obsaan isaan gargaaraa (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15. Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun obsa kan gaafatu maaliifi?

15 Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun obsa kan gaafatu maaliifi? Sababiin inni tokko baratichi barumsa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruu caalaa wanti gochuun nu barbaachisu waan jiruufi dha. Baratichi Yihowaa isa Abbaa Barruu Kitaaba Qulqulluu taʼe akka beekuu fi akka jaallatu gargaaruu nu barbaachisa. Akkasumas baratichi Yesuus barattoota isaa irraa maal akka barbaadu barsiisuu malees, akka Kiristiyaana dhugaatti jiraachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe akka beeku isa gargaaruu nu barbaachisa. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barate hojii irra oolchuuf yommuu inni qabsoo godhu isa gargaaruu qabna. Barattoonni tokko tokko yaadaa fi barsiifata isaanii jiʼoota muraasa gidduutti jijjiiruu dandaʼaniiru. Warra kaan garuu yeroo dheeraa isaanitti fudhateera.

16. Muuxannoo Raawul irraa maal baranna?

16 Muuxannoon misiyoonii Peeruu keessa jiraatu tokkoo faayidaa obsa argisiisuun qabu ibsa. Misiyooniin kun akkas jedheera: “Barataa Kitaaba Qulqulluu Raawul jedhamu wajjin kitaabota lama qoʼanneerra. Haa taʼu malee, inni amma iyyuu rakkoowwan ciccimoo taʼan isa mudatu turan. Gaaʼelli isaa jeeqamaa dha, dubbii gadhee dubbata, akkasumas amala isaatiin kan kaʼe ijoolleen isaa isa hin kabajan turan. Taʼus, inni yeroo hundumaa walgaʼii irratti waan argamuuf, isaa fi maatii isaa gargaaruuf deddeebiʼee gaafachuu koo ittan fufe. Isaa wajjin wal arginee waggaa sadii ol booda cuuphamuuf gaʼeessa taʼeera.”

17. Mata duree itti aanu irratti maal qorra?

17 Yesuus, “dhaqaatii . . . saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” jechuudhaan nutti himeera. Ergama kana raawwachuuf, yeroo baayʼee namoota amantii akkamii iyyuu qaban ykn Waaqayyo jiraachuu isaa hin amanne dabalatee, namoota yaada nuti qabnu irraa baayʼee adda taʼe qaban haasofsiisuu nu barbaachisa. Mata duree itti aanu irratti misiraachicha namoota akkaataa guddinaa keenya irraa adda taʼe qabaniin gaʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qorra.

FAARFANNAA 68 Sanyii Mootummichaa Facaasuu

^ key. 5 Gumiin namoonni barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruuf ergama guddaa qaba. Mata dureen kun gorsa gaarii ergama keenya galmaan gaʼuudhaaf nu gargaaru nuuf kenna.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Barattoonni Kiristoos wanta Yesuus isaan barsiise hubachuu caalaa wanta godhan qabu. Wanta baratan hojiidhaan argisiisu. Isaan hamma isaaniif dandaʼame, faana ykn fakkeenya Yesuus dhiheenyatti hordofuuf yaalii godhu.—1 Phe. 2:21.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Namichi tokko utuu boqonnaadhaaf deemaa jiruu buufata xiyyaaraatti Dhugaa Baatota irraa barreeffama yeroo fudhatu. Booda utuu boqonnaa irra jiruu, Dhugaa Baatota kan biraa lallaba addabaabayii irratti isaan arge. Erga gara mana isaatti deebiʼee booda, babalʼistoonni mana isaa dhaqanii isa gaafatan.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Namichi kun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf walii gale. Dhuma irrattis cuuphamuuf gaʼeessa taʼe.