Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 27

Ariʼatamaaf Ammuma Qophaaʼaa

Ariʼatamaaf Ammuma Qophaaʼaa

“Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.”—2 XIM. 3:12.

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

QABIYYEE *

1. Ariʼatamaaf qophaaʼuun kan nu barbaachisu maaliifi?

GOOFTAAN KEENYA Yesuus galgala ajjeefamuu isaa dura turetti, namoonni barattoota isaa taʼuuf filatan hundi akka jibbaman dubbatee ture. (Yoh. 17:14) Yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti, Kiristiyaanonni amanamoon Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan namoota waaqeffannaa dhugaa mormaniin ariʼatamaa jiru. (2 Xim. 3:12) Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti, diinonni keenya caalaatti akka nu morman ni eegna.—Mat. 24:9.

2-3. (a) Sodaa ilaalchisee maal beekuu qabna? (b) Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Ariʼatama nu irra gaʼu dandamachuuf ammuma of qopheessuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota nu irra gaʼuu dandaʼan hundumaa yaaduun nu hin barbaachisu. Akkas kan goonu yoo taʼe, sodaa fi yaaddoodhaan liqimfamuu dandeenya. Qorumsi tokko illee utuu nu irra hin gaʼin, balaan yaada keenyaan uumne nu injifachuu dandaʼa. (Fak. 12:25; 17:22) Sodaan meeshaa waraanaa guddaa ‘diinni keenya Diyaabilos’ nu mormuudhaaf itti fayyadamuuf yaalu dha. (1 Phe. 5:8, 9) Kanaafuu, ammuma of qopheessuuf maal gochuu dandeenya?

3 Mata duree kana keessatti, hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu kan dandeenyuu fi ammuma kana gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla. Kana malees, ija jabina keenya cimsachuuf maal gochuu akka dandeenyus ni ilaalla. Dhuma irrattis jibba mormitoonni nu irraan gaʼan dandamachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni qorra.

HARIIROO YIHOWAA WAJJIN QABDAN CIMSACHUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?

4. Akka Ibroonni 13:5, 6 ibsutti waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu qabna? Maaliif?

4 Yihowaan akka isin jaallatuu fi matumaa akka isin hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼaa. (Ibroota 13:5, 6 dubbisi.) Waggoota hedduu dura Masaraan Eegumsaa, “Namni Waaqayyoon akka gaariitti beeku tokko, yeroo qorumsaatti caalaatti isatti amanama” jedhee ture. Kun dhugaa dha! Ariʼatama akka gaariitti dandamachuuf, Yihowaa jaallachuu fi guutummaatti isatti amanamuu akkasumas inni nu jaallachuu isaa matumaa shakkuu dhiisuu qabna.—Mat. 22:36-38; Yaq. 5:11.

5. Yihowaan akka isin jaallatu hubachuuf maaltu isin gargaara?

5 Caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf yaaduudhaan guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisaa. (Yaq. 4:8) Yeroo dubbistan amalawwan Yihowaa gaggaarii taʼan irratti xiyyeeffadhaa. Jaalala inni isiniif qabu wantoota inni dubbatee fi hojjete irraa hubadhaa. (Bau. 34:6) Namoonni tokko tokko matumaa jaalalli isaanitti argisiifamee waan hin beekneef, Waaqayyo akka isaan jaallatu amanuun qabsoo gochuu isaan gaafachuu dandaʼa taʼa. Rakkinni akkasii isin mudachaa jira yoo taʼe, gara laafinaa fi gaarummaa Yihowaan guyyaa guyyaadhaan isinitti argisiise galmeeffachuuf yaalaa. (Far. 78:38, 39; Rom. 8:32) Muuxannoo keessan yommuu qortanii fi wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbistan irratti yommuu xiinxaltan, wantoota hedduu Yihowaan isiniif godhe galmeessuun keessan hin oolu. Wanta Yihowaan isiniif godhe caalaatti yommuu dinqisiifattan, hariiroon isa wajjin qabdan caalaatti cima.—Far. 116:1, 2.

6. Akka Faarfannaan 94:17-19 ibsutti, kadhannaan garaadhaa madde isin gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

6 Yeroo hunda kadhadhaa. Mee mucaa abbaan isaa isa hammatee jiru tokko yaadaan ilaalaa. Mucaan sun amanannaan waan isatti dhagaʼamuuf, gaariis taʼe hamaa wantoota guyyaa sanatti isa mudatan sodaa tokko malee abbaa isaatti dubbata. Isinis guyyaa guyyaadhaan kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaatti kan dhihaattan yoo taʼe, hariiroo akkasii qabaachuu ni dandeessu. (Faarfannaa 94:17-19 dubbisi.) Gara Yihowaatti yeroo kadhannaa dhiheessitan, wanta ‘garaa keessanii Waaqayyo duratti gad jijjigsuudhaan’ sodaa fi yaaddoo keessan Abbaa keessan isa jaalala qabeessa taʼetti himadhaa. (Faru. 2:19) Kun buʼaan isaa maal taʼuu dandaʼa? Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ argattu. (Filp. 4:6, 7) Haala kanaan cimsitanii yoo kadhattan, caalaatti Yihowaatti akka dhihaattan isinitti dhagaʼama.—Rom. 8:38, 39.

Ija jabinni Yihowaa fi Mootummaa isaa irratti amanannaa qabaachuu irraa dhufa

Istaanlii Joonsi Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan kan jiru taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼuudhaan amantii isaa cimsateera (Keeyyata 7 ilaali)

7. Abdiiwwan Waaqayyo Mootummaa isaa ilaalchisee kenne akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu kan qabdan maaliif?

7 Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo akka fidu abdachiifaman akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaa. (Lak. 23:19) Amantiin abdiiwwan kana irratti qabdan laafaa yoo taʼe, Seexannii fi bakka buutonni isaa isin sodaachisuun salphaa isaaniif taʼa. (Fak. 24:10; Ibr. 2:15) Amanannaa Mootummaa Waaqayyoo irratti qabdan ammuma guddifachuu kan dandeessan akkamitti? Abdiiwwan Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee kennamanii fi sababiiwwan abdiiwwan kun akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuuf isin dandeessisan qorachuuf galma baafadhaa. Kana gochuun kan isin gargaaru akkamitti? Mee fakkeenya Istaanlii Joonsi isa sababii amantii isaatiif waggaa torbaaf hidhamee ture ilaalaa. * Amanamummaadhaan jabaatee akka dhaabatu kan isa gargaare maal ture? Akkas jedheera: “Beekumsa waaʼee Mootummaa Waaqayyootiin waanan cimeef, waaʼee isaas mirkanaaʼaa waanan taʼeef, yeroo muraasaaf illee shakkee hin beeku, ejjennoo koo hin laaffisne.” Isinis abdiiwwan Waaqayyoo irratti amantii cimaa yoo qabaattan, caalaatti Yihowaatti dhihaattu, akkasumas sodaadhaan hin moʼamtan.—Fak. 3:25, 26.

8. Walgaʼiiwwaniif ilaalchi nuti qabnu maal kan argisiisu dha? Ibsi.

8 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hunda hirmaadhaa. Walgaʼiiwwan caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu nu gargaaru. Ilaalchi nuti walgaʼiiwwan irratti hirmaachuudhaaf qabnu, ariʼatama gara fuulduraatti nu mudatu hangam akka dandamannu akka gaariitti kan argisiisu dha. (Ibr. 10:24, 25) Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi? Yeroo ammaa rakkoowwan xixinnoon walgaʼiiwwan irraa akka nu hambisan yoo heyyamne, gara fuulduraatti namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin walitti qabamuuf nageenya keenya balaadhaaf saaxiluun yoo nu barbaachise maaltu taʼa? Karaa biraatiin immoo, walgaʼiiwwan irratti hirmaachuudhaaf murtoo cimaa gooneerra yoo taʼe, mormitoonni akka walitti hin qabamne nu dhowwuuf yommuu yaalanitti duubatti hin jennu. Yeroon itti walgaʼiiwwan keenyaaf jaalala horachuu qabnu amma dha. Walgaʼiiwwan irratti hirmaachuun kan nu gammachiisu yommuu taʼu, dhorkaa mootummaa dabalatee mormiin kam iyyuu nama caalaa Waaqayyoof akka hin ajajamne nu hin dhowwu.—HoE. 5:29.

Caqasootaa fi faarfannaawwan Mootummichaa yeroo ammaa yaadatti qabaachuun yeroo ariʼatamni isin irra gaʼutti yaadachuuf isin gargaaruu dandaʼa (Keeyyata 9 ilaali) *

9. Ariʼatamaaf qophaaʼuuf caqasoota yaadatti qabachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

9 Caqasoota jaallattan yaadatti qabadhaa. (Mat. 13:52) Dandeettiin waa yaadachuuf qabdan mudaa kan qabu taʼus, Yihowaan caqasoota sana akka yaadattan isin gargaaruuf hafuura qulqulluu isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Wanta obboleessi Jarman Bahaa keessatti kophaa isaatti hidhamee ture tokko dubbate hubadhaa: “Yeroo kanatti caqasoota hedduu dhibbaan lakkaaʼaman yaadatti qabadhee kanan ture taʼuu kootti baayʼee gammadeera! Guyyoota duwwaa taʼan sana yaadawwan Kitaaba Qulqulluu gara garaa irratti xiinxaluudhaan guutuu dandaʼeera.” Caqasoonni sun obboloonni keenya Yihowaatti dhihaatanii akka jiraatanii fi amanamummaadhaan jabaatanii akka dhaabatan isaan gargaaraniiru.

(Keeyyata 10 ilaali) *

10. Faarfannaawwan yaadatti qabachuu kan qabnu maaliifi?

10 Faarfannaawwan Yihowaa jajachuuf gargaaran yaadatti qabadhaa akkasumas faarfadhaa. Phaawulosii fi Siilaas yeroo Filiphisiyusitti hidhaman, faarfannaa jajannaa yaadatti qabatanii turan faarfataniiru. (HoE. 16:25) Haaluma wal fakkaatuun obboloonni keenya Tokkummaa Sooviyeet durii keessa turan yeroo gara Saayibeeriyaatti geeffaman kan of cimsan akkamitti ture? Obboleettiin Maariyaa Feedan jedhamtu wanta yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Faarfannaawwan kitaaba faarfannaa irra jiran, warra beeknu hunda ni faarfanna turre.” Faarfannaawwan sun hunda isaanii jajjabeessaniiru akkasumas Yihowaatti akka dhihaatan akka isaanitti dhagaʼamu godhaniiru. Faarfannaawwan jaallattan yommuu faarfattan akka jajjabaattan isinitti dhagaʼamaa? Taanaan faarfannaawwan kana ammuma yaadatti qabadhaa!—Saanduqa “ Ija Jabina Naa Kenni” jedhu ilaali.

IJA JABINA KEESSAN CIMSACHUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?

11-12. (a) Akka 1 Saamuʼel 17:37, 45-47 irratti ibsametti Daawit ija jabeessa kan taʼe maaliif ture? (b) Fakkeenya Daawit irraa barumsa barbaachisaa akkamii baranna?

11 Ariʼatama dandamachuuf ija jabina qabaachuu isin barbaachisa. Ija jabina akka hin qabne kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe, maal gochuu dandeessu? Ija jabinni dhugaan guddina, jabina ykn dandeettii keessan irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhaa. Daawit inni dargaggeessa ture yeroo Goliyaadii wajjin wal loletti fakkeenya inni kaaʼe ilaalaa. Nama qaamaan guddaa taʼe sanaa wajjin yommuu wal bira qabamu, Daawit xinnoo, dadhabaa fi meeshaa waraanaa akka gaariitti kan hin hidhanne ture. Taʼus, ija jabina guddaa qaba ture. Daawit nama guddaa fi of tuulaa taʼe sana loluuf itti fiigeera.

12 Daawit ija jabina guddaa qabaachuu kan dandaʼe maaliif ture? Yihowaan akka isaa wajjin jiru cimsee amana ture. (1 Saamuʼel 17:37, 45-47 dubbisi.) Daawit Goliyaad yommuu isaa wajjin wal bira qabamu hangam guddaa akka taʼe hin xiinxalle. Kanaa mannaa, Goliyaad Yihowaa wajjin yommuu wal bira qabamu hangam xiqqoo akka taʼe irratti xiyyeeffatee ture. Seenaa kana irraa maal baranna? Yihowaan akka nu wajjin jiru mirkanaaʼoo yoo taanee fi mormitoonni keenya Waaqa Hundumaa Dandaʼuu wajjin yommuu wal bira qabaman hangam xiqqoo akka taʼan irratti yoo xiinxalle ija jabeeyyii akka taane nutti dhagaʼama. (2 Sen. 20:15; Far. 16:8) Ariʼatamni dhufuu isaa dura ammuma ija jabina keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

13. Ija jabina keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Ibsi.

13 Yeroo ammaatti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootaaf lallabuudhaan ija jabina keenya guddifachuu dandeenya. Maaliifi? Sababiin isaas lallabni Yihowaatti akka amanamnu nu barsiisa akkasumas sodaa namaa nu keessa jiru kam iyyuu moʼuuf nu gargaara. (Fak. 29:25) Akkuma maashaaleen keenya yommuu sochii qaamaa goonu ciman, manaa gara manaatti, bakka namoonni hedduun jiranitti, karaa al idilee taʼee fi naannoo daldalaatti yommuu lallabnu ija jabinni keenya ni cima. Yeroo ammaatti ija jabina lallabuuf nu barbaachisu yoo guddifanne, hojiin keenya yoo dhorkame illee lallabuu keenya itti fufuuf qophaaʼoo taana.—1 Tas. 2:1, 2.

Naansii Yuun misiraachicha lallabuu ishii dhaabuu diddeetti (Keeyyata 14 ilaali)

14-15. Naansii Yuunii fi Vaalentiinaa Gaarnoofiskiyaan irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

14 Fakkeenya ija jabinaa obboleettonni amanamoo taʼan lama argisiisan irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Naansii Yuun meetira 1.5 caalaa kan hin dheeranne taatus, salphaatti kan sodaachifamtu hin turre. * Ishiin misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu ishii dhaabuu diddee turte. Kanaan kan kaʼes, biyya Kooministii Chaayinaa keessatti gara waggaa 20tiif hidhamte. Abbootiin taayitaa ishii qoran ishiin biyya isaanii keessatti “nama mata jabina guddaa qabdu” akka taate dubbatanii turan.

Vaalentiinaa Gaarnoofiskiyaan Yihowaan akka ishii wajjin jiru mirkaneeffattee turte (Keeyyata 15 ilaali)

15 Haaluma wal fakkaatuun, Vaalentiinaa Gaarnoofiskiyaan Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti walumaa galatti gara waggaa 21tiif yeroo adda addaa sadii hidhamtee turte. * Maaliif? Ishiin lallabuu ishii itti fufuuf murtoo cimaa gootee waan turteef, abbootiin taayitaa “yakkamtuu addaa” akka taatetti ishii ilaalaniiru. Dubartoonni amanamoon lamaan kun ija jabina guddaa akka qabaatan kan isaan godhe maali dha? Yihowaan isaanii wajjin akka jiru mirkanaaʼoo taʼanii turan.

16. Ija jabina dhugaa qabaachuuf wanti murteessaa taʼe maali dha?

16 Akkuma olitti ilaalle, ija jabina horachuuf, ciminaa fi dandeettii keenya irratti xiyyeeffachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan akka nu wajjin jiruu fi akka nuuf lolu amanuu qabna. (Kes. 1:29, 30; Zak. 4:6) Ija jabina dhugaa qabaachuuf kana gochuun murteessaa dha.

JIBBA NAMOOTAA DANDAMACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

17-18. Akkuma Yohaannis 15:18-21 irratti galmeeffame Yesuus akeekkachiisa akkamii kennee ture? Ibsi.

17 Kabaja warra kaanii argachuun kan nu gammachiisu taʼus, gatii qabaachuun keenya namoota hedduu biratti fudhatama argachuu irratti akka hundaaʼe goonee yaaduudhaan dogoggora raawwachuu hin qabnu. Yesuus, “Yommuu namoonni sababii Ilma namaatiif isin jibban, yommuu of gidduudhaa isin baasan, yommuu isin arrabsanii fi yommuu hamoota akka taatan godhanii maqaa keessan balleessan gammadaa” jedhee ture. (Luq. 6:22) Yesuus yommuu akkas jedhu maal jechuu isaa ture?

18 Yesuus Kiristiyaanonni jibbamuun isaanii isaan gammachiisa jechuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, wanta nu irra gaʼuu dandaʼu nu akeekkachiisuu isaa ture. Nuti kutaa addunyaa miti. Akka barumsa Yesuusitti jiraanna, akkasumas ergaa inni lallabe lallabna. Kanaan kan kaʼes, addunyaan nu jibba. (Yohaannis 15:18-21 dubbisi.) Nuti Yihowaa gammachiisuu barbaanna. Abbaa keenya jaallachuu keenyaan kan kaʼe namoonni yoo nu jibban, rakkinni isaa kan isaanii ti.

19. Fakkeenya ergamootaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Wanti namoonni dubbatan ykn hojjetan kam iyyuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu keessanitti akka qaanoftan akka isin godhu matumaa hin heyyaminaa. (Mik. 4:5) Yesuus Yerusaalem keessatti erga ajjeefamee yeroo muraasa booda, fakkeenya ergamootaa qoruudhaan sodaa namaa dandamachuu barachuu ni dandeenya. Isaan geggeessitoonni amantii Yihudootaa hangam akka isaan jibban ni beeku turan. (HoE. 5:17, 18, 27, 28) Taʼus, guyyaa hundumaa gara mana qulqullummaa dhaquudhaan barattoota Yesuus taʼuu isaanii ifatti beeksisuu isaanii itti fufanii turan. (HoE. 5:42) Sodaan akka isaan romʼisiisu heyyamuu didaniiru. Nutis bakka hojiitti, mana barumsaattii fi ollaa keenyatti yeroo hundumaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya ifatti beeksisuudhaan sodaa namaa qabnu moʼuu ni dandeenya.—HoE. 4:29; Rom. 1:16.

20. Ergamoonni kan jibbaman taʼan illee, gammadoo kan turan maaliif ture?

20 Ergamoonni gammadoo kan turan maaliif? Isaan maaliif akka jibbaman beeku turan, akkasumas fedha Yihowaa raawwachuuf miidhaan isaan irra gaʼuu isaa akka ulfinaatti ilaalu turan. (Luq. 6:23; HoE. 5:41) Yeroo booda Pheexiros ergamaan, “Qajeelummaadhaaf jettanii rakkinni yoo isin irra gaʼe illee isin gammadoo dha” jedhee barreesseera. (1 Phe. 2:19-21; 3:14) Wanta qajeelaa hojjechuu keenyaan akka jibbamne yommuu hubannu, jibbi namootaa sodaadhaan akka nu laamshessu hin heyyamnu.

QOPHAAʼUUN FAAYIDAA ISINIIF ARGAMSIISA

21-22. (a) Ariʼatamaaf qophaaʼuuf maal gochuuf murteessitaniittu? (b) Mata duree itti aanu irratti maal qorra?

21 Waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti ariʼatamni cimaan ykn dhorkaan yoom akka gaʼu hin beeknu. Haa taʼu malee, yeroo ammaatti hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu, ija jabina keenya guddifachuu fi jibba namootaa dandamachuu barachuudhaan qophaaʼuu akka dandeenyu ni beekna. Qophiin yeroo ammaatti goonu gara fuulduraatti jabaannee dhaabachuuf nu gargaara.

22 Haa taʼu malee, waaqeffannaan keenya yoo dhorkame hoo? Mata dureen itti aanu yeroo dhorkaan gaʼutti illee dhugaawwan buʼuuraa amanamummaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaaran ibsa.

FAARFANNAA 118 “Amantii Keenya Nuu Guddisi”

^ key. 5 Jibbamuu hin barbaannu. Haa taʼu malee, hundi keenya dhiheenyattis taʼe, yeroo booda, ariʼatamni nu mudachuun isaa hin oolu. Mata dureen kun ija jabina qabaachuu fi ariʼatamaaf qophaaʼuuf nu gargaara.

^ key. 7 Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 1965 (Ingiliffa) ful. 756-767 ilaali.

^ key. 14 Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 1979 (Ingiliffa) ful. 4-7 ilaali. Akkasumas viidiyoo Maqaan Yihowaa Akka Beekamu Gochuu (Amaariffa) jedhamu JW Broadcasting® irraa ilaali. GAAFANNOO FI MUUXANNOO jalaa ilaali.

^ key. 15 Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2008 (Ingiliffa) ful. 191-192 ilaali.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Yeroo waaqeffannaa maatiitti warri ijoolleen isaanii caqasoota akka yaadatti qabatan gargaaruuf kaardiiwwan xixinnoo taʼanitti fayyadamaa jiru.

^ key. 70 IBSA FAKKII: Maatiin tokko utuu gara walgaʼii deemaa jiranii konkolaataa keessatti faarfannaa Mootummichaa shaakalaa jiru.