Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 28

Dhorkaa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuu Keessan Itti Fufaa

Dhorkaa Keessatti Yihowaa Waaqeffachuu Keessan Itti Fufaa

“Waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.”—HoE. 4:19, 20.

FAARFANNAA 122 Jabaadhaa dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!

QABIYYEE *

1-2. (a) Waaqeffannaa keenya irratti dhorkaan godhamuun isaa nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal qorra?

BARA 2018⁠tti, babalʼistoonni 223,000 ol taʼan biyyoota sochiin hafuuraa keenya guutummaatti itti dhorkame ykn daangaa guddaan irratti godhame keessa jiraatu turan. Kun kan nama dinqisiisu miti. Akkuma mata duree darbe irratti baranne Kiristiyaanonni dhugaan ariʼatamni akka isaan irra gaʼu ni eegu. (2 Xim. 3:12) Eessa iyyuu yoo jiraanne abbootiin taayitaa akkuma tasaa utuu nuti hin yaadin Waaqa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe akka hin waaqeffanne nu dhorkuu dandaʼu.

2 Mootummaan biyya nuti keessa jiraannu waaqeffannaa Yihowaa dhorkuuf yoo murteesse, gaaffiiwwan akka armaan gadii of gaafachuu dandeessu: ‘Ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa Waaqayyo biratti fudhatama akka dhabne argisiisaa? Dhorkaan nu irratti godhamu Yihowaa waaqeffachuu keenya akka dhaabnu nu godhaa? Biyya bilisummaadhaan itti waaqeffachuu dandaʼutti galuun qabaa?’ Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kana qorra. Akkasumas yommuu waaqeffannaan keenya dhorkamu akkamitti Yihowaa waaqeffachuu itti fufuu akka dandeenyuu fi kiyyoowwan akkamii irraa fagaachuu akka qabnu qorra.

ARIʼATAMNI NU IRRA GAʼUUN ISAA WAAQAYYO BIRATTI FUDHATAMA AKKA DHABNE ARGISIISAA?

3. Akka 2 Qorontos 11:23-27 ibsutti Phaawulos ergamaa isa amanamaa ture irra ariʼatamni akkamii gaʼee ture? Fakkeenya isaa irraa hoo maal baranna?

3 Mootummaan waaqeffannaa keenya yoo dhorke eebba Waaqayyoo akka dhabne goonee dogoggoraan yaaduu dandeenya. Haa taʼu malee, ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa Yihowaan akka nutti hin gammadne hin argisiisu. Fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Inni Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu akka ture beekamaa dha. Inni xalayaawwan Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii 14 barreessuu fi ergamaa sabootaa taʼuuf mirga argatee ture. Taʼus, ariʼatamni cimaan isa irra gaʼeera. (2 Qorontos 11:23-27 dubbisi.) Muuxannoon Phaawulos ergamaa Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoo taʼan ariʼatamni akka isaan irra gaʼu akka heyyamu nu barsiisa.

4. Addunyaan kan nu jibbu maalifi?

4 Yesuus ariʼatamni akka nu irra gaʼu eeguu kan qabnu maaliif akka taʼe ibseera. Nuti kutaa addunyaa waan hin taaneef, akka jibbamnu dubbatee ture. (Yoh. 15:18, 19) Ariʼatamni eebba Yihowaa akka dhabne kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, wanta sirrii taʼe hojjechaa akka jirru argisiisa!

DHORKAAN NU IRRATTI GODHAMU YIHOWAA WAAQEFFACHUU KEENYA AKKA DHAABNU NU GODHAA?

5. Namoonni waaqeffannaa Yihowaa dhaabuu ni dandaʼuu? Ibsi.

5 Mormitoonni ilmaan namootaa taʼan, waaqeffannaa Yihowaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu guutummaatti dhaabuu hin dandaʼan. Namoonni hedduun kana gochuuf yaalanii utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Mee wanta yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti raawwatame ilaalaa. Yeroo sanatti mootummoonni biyyoota hedduu saba Waaqayyoo irratti ariʼatama cimaa geessisaniiru. Hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa paartii Naazii Jarmaniin qofa utuu hin taʼin, mootummoota akka Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi biyyoota kan birootti dhorkamee ture. Taʼus, wanta raawwatame hubadhaa. Bara 1939 yeroo waraanichi jalqabame addunyaa maratti babalʼistoota 72,475tu jira ture. Gabaasawwan akka argisiisanitti bara 1945 yeroo waraanichi xumurame, eebba Yihowaatiin lakkoofsi babalʼistootaa 156,299 taʼee ture. Lakkoofsi babalʼistootaa dachaa lamaa ol dabaleera!

6. Mormiin nu sodaachisuu mannaa, maal raawwata? Fakkeenya kenni.

6 Mormiin nu sodaachisuu mannaa, caalaatti Yihowaa akka tajaajillu nu kakaasuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa mucaa xinnoo qaban tokko, biyya mootummaan waaqeffannaa keenya dhorkuuf murteesse keessa jiraatu turan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun sodaadhaan duubatti jechuu mannaa, qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajiluu jalqaban. Haati manaa kana gochuuf hojii galii guddaa ishiidhaaf argamsiisu illee dhiisteetti. Abbaan manaa, dhorkaan sun namoonni hedduun waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa beekuuf fedhii guddaa akka qabaatan godhee ture jedheera. Kanaan kan kaʼes, salphaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu dandaʼeera. Dhorkaan sun warra kaan irrattis dhiibbaa gaarii geessiseera. Jaarsi gumii biyya kana keessa jiru tokko namoonni Yihowaa tajaajiluu dhaabanii turan hedduun walgaʼiiwwan irratti argamuu kan jalqaban taʼuu isaa irra iyyuu, deebiʼanii lallabuu akka jalqaban dubbateera.

7. (a) Lewwoota 26:36, 37 irraa maal baranna? (b) Yeroo akka hin waaqeffanne dhorkamtan maal gootu?

7 Diinonni keenya waaqeffannaa keenya yommuu dhorkan, sodaannee Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu abdatu. Dhorkaa dabalatee, oduu sobaa babalʼisuu, poolisoonni mana keenya akka sakattaʼan erguu, mana murtiitti nu dhiheessuu ykn nu keessaa tokko tokko hidhuu illee ni dandaʼu. Nu keessaa namoota muraasa mana hidhaatti galchuu waan dandaʼaniif, sodaadhaan ni moʼamu jedhanii abdatu. Garaa keenya keessatti sodaa akka uuman yoo isaaniif heyyamne, nuti iyyuu ofuma keenyaaf waaqeffannaa keenya of “dhorkuu” jalqabuu dandeenya. Nuti akka namoota Lewwoota 26:36, 37 irratti ibsamanii taʼuu hin barbaannu. (Dubbisi.) Sodaan sochii hafuuraa keenya akka hirʼisnu ykn akka dhaabnu akka nu godhu hin heyyamnu. Guutummaatti Yihowaa waan amanannuuf, sodaadhaan hin raafamnu. (Isa. 28:16) Kadhannaadhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalii goona. Deggersa Yihowaa kan qabnu yoo taʼe, mootummaan namootaa humna guddaa qabu illee, amanamummaadhaan Waaqayyoon akka hin waaqeffanne nu dhorkuu akka hin dandeenye ni beekna.—Ibr. 13:6.

BIYYA KAN BIRAATTI GALUUN QABAA?

8-9. (a) Mataan maatii hundi ykn namoonni kaan murtoo dhuunfaa akkamii gochuu isaan barbaachisa? (b) Namni tokko murtoo gaarii akka godhu maaltu isa gargaara?

8 Mootummaan biyya isin keessa jiraattanii waaqeffannaa keenya yoo dhorke, biyya bilisummaadhaan Yihowaa tajaajiluu itti dandeessanitti galuun sirrii taʼuu fi dhiisuun isaa gaaffii isinitti taʼuu dandaʼa. Kun murtoo dhuunfaa waan taʼeef, namni kam iyyuu murtoo akkasii isiniif gochuu hin dandaʼu. Namoonni tokko tokko Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo ariʼatamanitti wanta isaan godhan qoruun gaarii taʼee argataniiru. Isxifaanos diinota isaatiin dhagaadhaan tumamee erga ajjeefamee booda, barattoonni Yerusaalem keessa turan gara guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti akkasumas hamma Fiinqee, Qophirosii fi Anxokiyaatti deemaniiru. (Mat. 10:23; HoE. 8:1; 11:19) Obboloonni kaan garuu, ariʼatamni kan biraan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa irra erga gaʼee booda, Phaawulos ergamaan bakka hojiin lallabaa itti dhorkame sana deemuu dhiisuuf murteessee akka ture hubachuu dandaʼu taʼa. Phaawulos bakka sanaa deemuu mannaa, achuma turuudhaan nageenya isaa balaadhaaf saaxilee misiraachicha babalʼiseera; akkasumas obboloota magaalattii bakka ariʼatamni cimaan gaʼe sana keessa jiran jajjabeesseera.—HoE. 14:19-23.

9 Seenaa kana irraa maal baranna? Biyya kan biraa deemuu ilaalchisee tokkoon tokkoon mataa maatii murtoo dhuunfaa gochuu qaba. Murtoo gochuu isaa dura, kadhannaa fi of eeggannoodhaan haala maatii isaa qoruu, akkasumas biyya kan biraa deemuun isaa miidhaa fi buʼaa inni qabu irratti yaaduu qaba. Dhimma kana irratti tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa ‘baʼaa, ofii isaa baachuu’ qaba. (Gal. 6:5) Murtoo isaan godhaniif warra kaanitti murteessuu hin qabnu.

YEROO DHORKAAN NU IRRATTI GODHAMU AKKAMITTI WAAQEFFACHUU QABNA?

10. Waajjirri damee fi jaarsoliin qajeelfama akkamii kennu?

10 Yeroo dhorkaa jala taatanitti Yihowaa waaqeffachuu keessan itti fufuu kan dandeessan akkamitti? Nyaata hafuuraa akkamitti akka fudhannu, waaqeffannaadhaaf akkamitti akka walitti qabamnuu fi misiraachicha akkamitti akka lallabnu ilaalchisee waajjirri damee jaarsolii gumiitiif qajeelfamaa fi gorsa hojii irra ooluu dandaʼu ni kenna. Waajjirri damee jaarsolii wajjin wal qunnamuu yoo dadhabe, jaarsoliin isinis taatan warri gumii keessa jiran hundi, Yihowaa waaqeffachuu keessan akka itti fuftan isin gargaaru. Yaada Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya keessa jiranii wajjin haala wal simuun qajeelfama ni kennu.—Mat. 28:19, 20; HoE. 5:29; Ibr. 10:24, 25.

11. Nyaata hafuuraa akka argattan mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeessan maaliifi? Akkasumas nyaata hafuuraa of harkaa qabdan eeggachuuf maal gochuu dandeessu?

11 Yihowaan tajaajiltoonni isaa karaa hafuuraa akka gaariitti akka sooratan abdii kenneera. (Isa. 65:13, 14; Luq. 12:42-44) Kanaafuu, jaarmiyaan isaa jajjabina hafuuraa isin barbaachisu isinii kennuuf, wanta dandaʼame hunda akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeessu. Isin hoo gama keessaniin maal gochuu dandeessu? Yeroo dhorkaan nu irra gaʼutti, Kitaaba Qulqulluu fi nyaata hafuuraa qabdan kan biraa kam iyyuu bakka gaarii itti dhokfattan barbaaddadhaa. Warra waraqaa irratti maxxanfamanis taʼe bifa elektirooniksiitiin jiranii fi gatii guddaa qaban kana matumaa bakka salphaatti mulʼachuu dandaʼan akka hin keenye of eeggadhaa. Tokkoon tokkoon keenya karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf tarkaanfii qabatamaa taʼe fudhachuu qabna.

Gargaarsa Yihowaatiin waaqeffannaadhaaf sodaa malee walitti qabamuu ni dandeenya (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Jaarsoliin karaa xiyyeeffannaa hin harkisneen walgaʼii gurmeessuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Walgaʼiin waaqeffannaadhaaf torban torbaniin goonu hoo? Jaarsoliin xiyyeeffannaa mormitootaa karaa hin harkisneen walgaʼii irratti akka hirmaattan qophii isiniif godhu. Tuuta xixinnoo taatanii akka walitti qabamtan qajeelfama isiniif kennu, akkasumas iddoo fi saʼaatii walgaʼiin itti godhamu yeroo yerootti jijjiiruu dandaʼu. Yeroo gara walgaʼiitti seentan ykn walgaʼiidhaa baatan sagalee keessan gad qabdanii dubbachuudhaan nageenyi namoota hundumaa akka eegamu gargaarsa gochuu dandeessu. Akkasumas karaa xiyyeeffannaa hin harkisneen uffachuun isin barbaachisuu dandaʼa.

Mootummaan yoo nu dhorke iyyuu lallabuu keenya hin dhaabnu (Keeyyata 13 ilaali) *

13. Obboloota keenya Tokkummaa Sooviyeet durii keessa turan irraa maal barachuu dandeenya?

13 Hojii lallabaa ilaalchisee haalawwan iddoo adda addaatti garaa gara taʼuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaa waan jaallannuuf, waaʼee Mootummaa isaa warra kaanitti himuu ni barbaanna, kanaafuu karaa itti lallabnu argachuuf yaalii goona. (Luq. 8:1; HoE. 4:29) Barreessaan seenaa Emilii Baaraan, lallaba Dhugaa Baatonni Yihowaa Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti raawwachaa turan ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Mootummaan waaʼee amantii isaanii namoota kaanitti akka hin lallabne yommuu isaan dhorku, Dhugaa Baatonni ollaawwan isaanii, namootaa isaanii wajjin hojjetanii fi michoota isaaniitiif lallabu. Gochi isaanii kun kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu akka seenan yommuu isaan taasisu, Dhugaa Baatonni namoota isaanii wajjin hidhamaniif lallabuuf yaalii godhu.” Obboloonni keenya Tokkummaa Sooviyeet durii keessa jiraatan dhorkamanii kan turan taʼus, lallabuu isaanii hin dhaabne. Hojiin lallabaa bakka isin jiraattanitti yoo dhorkame isinis murtoo akkasii gochuu dandeessu!

KIYYOOWWAN IRRAA FAGAACHUU QABNU

Yoom calluma jechuu akka qabnu beekuu qabna (Keeyyata 14 ilaali) *

14. Faarfannaan 39:1 kiyyoo akkamii irraa akka fagaannu nu gargaaruu dandaʼa?

14 Wanta warra kaanitti dubbattan irratti of eeggadhaa. Dhorkaan yeroo nu irratti godhamutti, ‘yeroon itti calluma jechuu’ qabnu yoom akka taʼe beekuu qabna. (Lal. 3:7) Maqaa obboloota keenyaa, bakka itti walgaʼii goonu, tajaajila keenya akkamitti akka raawwannuu fi nyaata hafuuraa akkamitti akka argannu ilaalchisee odeeffannoowwan barbaachisaa taʼan akka hin dubbanne of eeggachuu qabna. Odeeffannoowwan akkasii abbootii taayitaatti hin himnu; akkasumas michoota ykn firoota keenya nuuf yaadan kan biyya keessas taʼe biyya alaa jiraatanitti hin himnu. Kiyyoo akkasii keessatti yoo kufne nageenya obboloota keenyaa balaadhaaf saaxilla.—Faarfannaa 39:1 dubbisi.

15. Seexanni maal nu gochuuf yaala? Kiyyoo isaa kana irraa hoo fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Dhimmoonni xixinnoon akka isin qoqqoodan hin heyyaminaa. Seexanni manni qoqqoodame tokko dhaabachuu akka hin dandeenye ni beeka. (Mar. 3:24, 25) Inni utuu wal irraa hin kutin gidduu keenyatti qoqqoodama uumuuf yaala. Karaa kanaan isa loluu dhiisnee walii keenya loluu jalqabuu akka dandeenyu abdata.

16. Obboleettiin teenya Geertiruud Pootsiingar fakkeenya gaarii akkamii taateetti?

16 Kiristiyaanonni bilchaatoo taʼan illee, kiyyoo akkasii keessatti akka hin kufne of eeggachuu qabu. Fakkeenya obboleettota dibamoo lamaa, Geertiruud Pootsiingarii fi Elfireed Luur jedhamanii haa ilaallu. Isaan obboleettota kaanii wajjin mana hidhaa warra Naazii keessatti hidhamanii turan. Elfireed obboleettota kaampii sana keessa jiran kaaniif haasaa nama jajjabeessu yommuu kennitu, Geertiruud ishiitti ni hinaafte. Booda Geertiruud qaaniin waan ishiitti dhagaʼameef, Yihowaan akka ishii gargaaru cimsitee kadhatte. Ishiin, “Namoonni kaan dandeettii ykn itti gaafatamummaa kan keenya caalu yommuu qabaatan amannee fudhachuu barachuu qabna” jechuudhaan barreessiteetti. Hinaaffaa ishii kan moote akkamitti ture? Geertiruud amala gaarii Elfireed qabdu irratti xiyyeeffattee turte. Karaa kanaan hariiroo gaarii Elfireed wajjin qabdu deebistee argachuu dandeesseetti. Lamaan isaanii iyyuu yeroo booda, mana hidhaa warra Naazii keessaa kan baʼan siʼa taʼu, jireenya isaanii isa lafa irraa hanga xumuranitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniiru. Rakkina obboloota keenyaa wajjin qabnu furuuf jabaannee yoo hojjenne, kiyyoo qoqqoodamaa keessatti kufuu irraa ni fagaanna.—Qol. 3:13, 14.

17. Garmalee ofitti amanamuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

17 Garmalee ofitti amanamuu irraa fagaadhaa. Qajeelfama obboloonni amanamoon itti gaafatamummaa qaban kennan yoo hordofne, rakkina irraa ni fagaanna. (1 Phe. 5:5) Fakkeenyaaf, biyya hojiin keenya itti dhorkame tokko keessatti obboloonni itti gaafatamummaa qaban, babalʼistoonni tajaajila irratti barreeffamoota akka hin raabsine qajeelfama kennan. Taʼus, obboleessi qajeelchaan bakka sana jiru tokko qajeelfama sana hordofuu dhiisuudhaan barreeffamoota raabse. Kun maal geessise? Innii fi warri kaan karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼanii erga xumuranii yeroo muraasa booda, poolisoonni isaan gaafatan. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, poolisoonni isaan hordofaa kan turan siʼa taʼu, barreeffamoota isaan raabsan hundumaa walitti qabaniiru. Muuxannoo kana irraa maal baranna? Haala isaa caalaatti akka beeknu yoo nutti dhagaʼame illee, qajeelfama hordofuun keenya barbaachisaa dha. Yihowaan yeroo hunda kan nu eebbisu, obboloota inni nu gidduutti geggeessitoota akka taʼaniif muudee wajjin tokkummaadhaan yoo hojjenne dha.—Ibr. 13:7, 17.

18. Seera hin barbaachisne baasuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

18 Seera hin barbaachisne hin baasinaa. Jaarsoliin seera hin barbaachisne kan baasan yoo taʼe, warra kaan irratti baʼaa feʼu. Obboleessi keenya Juuraaji Kaaminiskiin wanta yeroo Chekoslovaakiyaa durii keessatti dhorkaan turetti raawwatame ilaalchisee akkas jedheera: “Obboloonni itti gaafatamummaa qabanii fi jaarsoliin hedduun erga hidhamanii booda, namoonni gumii fi aanaa keessatti geggeessitoota taʼan tokko tokko babalʼistoonni maal gochuu akka qabanii fi akka hin qabne ilaalchisee seera amalaa baasuu jalqaban.” Yihowaan warra kaaniif murtoo dhuunfaa akka goonu aangoo nuuf hin kennine. Namni seera hin barbaachisne baasu tokko nageenya obboloota isaa eegaa hin jiru, kanaa mannaa, amantii obboloota isaa irratti gooftaa taʼuuf yaalaa jira.—2 Qor. 1:24.

MATUMAA YIHOWAA WAAQEFFACHUU KEESSAN HIN DHAABINAA

19. Seexanni yaalii kan godhu taʼus, 2 Seenaa 32:7, 8 amanannaa qabaachuuf sababii akkamii nuuf kenna?

19 Diina keenya isa guddaa kan taʼe Seexanni tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan ariʼachuuf yaalii gochuu isaa hin dhiisu. (1 Phe. 5:8; Mul. 2:10) Seexannii fi bakka buutonni isaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu dhorkuuf yaalii godhu. Taʼus, sodaadhaan romʼuuf sababii hin qabnu! (Kes. 7:21) Yihowaan nu wajjin jira, akkasumas yoo hojiin keenya dhorkame illee nu gargaaruu isaa itti fufa.—2 Seenaa 32:7, 8 dubbisi.

20. Maal gochuuf murteessitaniittu?

20 Nutis murtoo obboloonni jaarraa jalqabaa bulchitoota bara isaanitti turanitti akkas jechuudhaan dubbatan wajjin wal fakkaatu haa goonu. Isaan akkas jedhaniiru: “Waaqayyoon dhagaʼuu irra isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti ofii keessanii murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.”—HoE. 4:19, 20.

FAARFANNAA 73 Sodaa Keenya Nuu Balleessi

^ key. 5 Mootummaan waaqeffannaa nuti Yihowaadhaaf dhiheessinu yoo dhorke maal gochuu qabna? Mata dureen kun matumaa Yihowaa waaqeffachuu keenya akka hin dhiisneef, wanta gochuu qabnuu fi wanta gochuu hin qabne ilaalchisee gorsawwan hojii irra ooluu dandaʼan nuuf kenna.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Suuraawwan hundi Dhugaa Baatota biyyoota hojiin keenya itti daangeffame keessatti tajaajilan argisiisu. Suuraa kana irratti tuutni xinnoon tokko mana kuusaa obboleessa tokkoo keessatti walgaʼii yommuu godhan.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Obboleettiin (karaa bitaa jirtu) carraa wantoota hafuuraa irratti mariʼachuuf ishii gargaaru argachuuf dubartii takkaa wajjin haasaʼaa jirti.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Obboleessi poolisiin isa qoru tokko waaʼee gumii isaa odeeffannoo kennuu didaa jira.