Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 34

Haala Haaraa Wajjin Wal Baruun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Haala Haaraa Wajjin Wal Baruun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.”—IBR. 6:10.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

QABIYYEE *

1-3. Sababiiwwan jijjiiramni hojii tajaajiltoota yeroo guutuu mudachuu itti dandaʼu keessaa tokko tokko maal faʼi?

HIRIYOONNI GAAʼELAA Roobartii fi Meerii Joo jedhaman akkana jedhaniiru: “Hojii misiyoonummaatiin waggoota gammachiisaa 21 erga dabarsinee booda warri keenya arfan ni dhukkubsatan. Isaan kunuunsuun keenya nu gammachiisa ture. Taʼus, bakka baayʼee jaallannu dhiisnee deemuun keenya nu gaddisiisee ture.”

2 Wiiliyaamii fi Teeriin immoo akkana jedhaniiru: “Haalli fayyaa keenya ramaddii tajaajilaa keenyatti deebiʼuuf kan nuuf hin heyyamne taʼuu isaa yommuu hubannu ni boonye. Yeroo hunda biyya alaa deemnee Yihowaa tajaajiluu barbaanna turre; kana booda garuu akkas gochuu hin dandeenyu.”

3 Obboleessi Aleeksii jedhamus akkana jedheera: “Namoonni nu ariʼatan waajjira damee nuti itti tajaajilaa turre cufuu akka barbaadan beekna turre. Taʼus, yeroo Betʼel cufamuu fi achii baanu baayʼee rifanne.”

4. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

4 Kana malees, obboloota Betʼelitti tajaajilan dabalatee tajaajiltoota yeroo guutuu hedduudhaaf ramaddii haaraan kennameera. * Obboloonnii fi obboleettonni amanamoon kun hojii baayʼee jaallatan kana dhiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Maarree jijjiirama kanatti baruuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa? Isin hoo isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Deebiin gaaffiiwwan kanaaf kennaman, hundi keenya jijjiirama jireenya keenya keessatti nu mudatutti akka barru nu gargaaruu dandaʼu.

JIJJIIRAMATTI BARUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Ramaddii tajaajilaa dhaabuun tajaajiltoota yeroo guutuutti ulfaachuu kan dandaʼu maaliifi? (Keeyyata 5 ilaali) *

5. Jijjiiramni hojii dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼu karaawwan kamiini?

5 Kan tajaajillu Betʼelittis taʼe gosa tajaajila yeroo guutuu kan biraa irratti, namootaaf akkasumas bakka itti tajaajilluuf illee jaalala guddaa horachuu dandeenya. Kanaaf, ramaddii tajaajilaa keenya dhaabuun yoo nu barbaachise baayʼee gadduu dandeenya. Keessumaa sababa ariʼatamaatiin yoo taʼe waaʼeen obboloota keenyaa nu yaaddessuu dandaʼa, akkasumas isaan yaaduu dandeenya. (Mat. 10:23; 2 Qor. 11:28, 29) Kana malees aadaa haaraatti baruun waan nu barbaachisuuf iddoo biraa deemuun baayʼee nutti ulfaachuu dandaʼa. Bakkuma dhufnetti yoo deebine illee akkas nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Roobartii fi Meerii Joon akkana jedhaniiru: “Aadaan keenya, akkasumas afaan dhalootaa keenyaan lallabuun illee haaraa nutti taʼee ture. Yeroo dheeraadhaaf biyya biraatti tajaajilaa waan turreef biyya keenyatti nama biyya ormaa akka taane nutti dhagaʼame.” Namoonni jijjiiramni hojii isaan mudate tokko tokko rakkinni qarshii hin eegamne isaan mudachuu dandaʼa. Tarii miirri shakkii, sodaa fi abdii kutachuu isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Maaltu isaan gargaaruu dandaʼa ree?

Yihowaatti dhihaachuu fi isatti amanamuun baayʼee barbaachisaa dha (Keeyyata 6-7 ilaali) *

6. Yihowaatti maxxannee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yihowaatti maxxanaa jiraadhaa. (Yaq. 4:8) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Inni ‘kadhata namaa kan dhagaʼu’ taʼuu isaa amantii qabaachuudhaani. (Far. 65:2) Faarfannaan 62:8 “Wanta garaa keessanitti yaaddan isa duratti dhangalaasaa” jedha. Yihowaan “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu irra caalaa baayʼisee” gochuu dandaʼa. (Efe. 3:20) Inni wanta kadhannaadhaan isa gaafannu nuuf kennuudhaan qofa hin daangeffamu. Karaa nuti matumaa yaannee hin beekneen rakkoowwan keenyaaf furmaata nuu kennuudhaan wanta nuti hin eegne nuu gochuu dandaʼa.

7. (a) Yihowaatti maxxannee jiraachuuf maaltu nu gargaara? (b) Akka Ibroota 6:10-12 irratti ibsametti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuun buʼaa akkamii argamsiisa?

7 Yihowaatti maxxantanii jiraachuuf guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisaa, akkasumas irratti xiinxalaa. Obboleessi misiyoonii taʼee tajaajilaa ture tokko akkana jedheera: “Akkuma kanaan dura gochaa turtan sagantaa dhaabbataa waaqeffannaa maatii itti godhattanii fi walgaʼiidhaaf itti qophooftan qabaadhaa.” Akkasumas gumii keessan isa haaraa keessatti misiraachicha lallabuu irratti hirmaachuuf wanta dandeessan hunda gochuu keessan itti fufaa. Yihowaan, namoota hamma kanaan duraa taʼuu baatus amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii itti fufan hin irraanfatu.—Ibroota 6:10-12 dubbisi.

8. Yaadni 1 Yohaannis 2:15-17 irra jiru jireenya keessan salphaa gochuuf kan isin gargaaru akkamitti?

8 Jireenya keessan salphaa godhaa. Yaaddoon addunyaa Seexanaa sochii hafuuraa keessan akka ‘hudhu’ hin heyyaminaa. (Mat. 13:22) Dhiibbaa sirna Seexanaa keessatti qabeenya akka kuufattaniif addunyaa kana irraa, michoota keessan irraa ykn firoota keessan irraa isin irra gaʼuuf hin mooʼaminaa. (1 Yohaannis 2:15-17 dubbisi.) Yihowaa isa “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” karaa hafuuraa fi karaa miiraa dabalatee wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuu kennuuf waadaa galetti amanamaa.—Ibr. 4:16; 13:5, 6.

9. Yaadni Fakkeenya 22:3, 7 irra jiru akka ibsutti liqii hin barbaachisne irraa fagaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf hoo maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

9 Utuu hin barbaachisin liqii keessa hin galinaa. (Fakkeenya 22:3, 7 dubbisi.) Bakka biraa deemuun baasii guddaadhaaf nu saaxiluu fi salphaatti liqii keessa akka gallu nu gochuu dandaʼa. Liqii hirʼisuuf wanta isin hin barbaachisne bituuf jecha liqeeffachuu irraa of eeggadhaa. Haalli nama dhiphisu yommuu nu mudatu, fakkeenyaaf namni jaallannu yeroo dhukkubsatutti qarshii hammamii liqeeffachuu akka qabnu murteessuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti ‘kadhannaa fi wawwaannaan’ murtoo gaarii akka gootan isin gargaaruu akka dandaʼu yaadadhaa. Yihowaanis tasgabbooftanii murtoo gaarii gochuu akka dandeessaniif nagaa ‘garaa keessanii fi yaada keessan eegu’ isinii kennuudhaan kadhannaa keessaniif deebii kenna.—Filp. 4:6, 7; 1 Phe. 5:7.

10. Michoota haaraa horachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Michoota gaarii horadhaa. Waaʼee miira isinitti dhagaʼamuu fi haala rakkisaa isin mudatee michoota itti dhihaattanitti, keessumaa immoo michoota haala akkasii keessa darbanitti himaa. Kana gochuun keessan miirri gaariin akka isinitti dhagaʼamu isin gargaaruu dandaʼa. (Lal. 4:9, 10) Michoonni isin ramaddii keessan isa kanaan duraa irratti horattan michoota keessan taʼanii itti fufuu dandaʼu. Ammas ramaddii keessan isa haaraa irratti michoota haaraa horachuun isin barbaachisa. Michoota horachuuf isinis michoota gaarii taʼuu akka qabdan yaadadhaa. Maarree michoota haaraa horachuu kan dandeessan akkamitti? Warri kaan gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argattan arguu akka dandaʼaniif muuxannoowwan gaggaarii tajaajila Yihowaa irraa argattan isaaniif hiraa. Obboloonni gumii keessa jiran tokko tokko tajaajila yeroo guutuu maaliif akka jaallattan hubachuu baatanis, warri kaan garuu caalaatti baruuf fedhii qabaachuu fi michoota gaarii isiniif taʼuu dandaʼu. Taʼus, wantoota hojjettan ilaalchisee garmalee xiyyeeffannaa akka ofitti hin harkisne of eeggadhaa, akkasumas miira gadhee isinitti dhagaʼamu irratti hin xiyyeeffatinaa.

11. Gaaʼelli keessan gammachiisaa taʼee akka itti fufu gochuu kan dandeessan akkamitti?

11 Ramaddii tajaajilaa keessan kan dhaabdan sababa haala fayyaa hiriyaa gaaʼelaa keessaniitiin yoo taʼe hiriyaa gaaʼelaa keessan hin ceephaʼinaa. Gama biraatiin immoo rakkinni fayyaa yoo isin mudate, hiriyaa gaaʼelaa keessan akka gaddisiistan yaaduudhaan miirri balleessaa isinitti dhagaʼamuu hin qabu. “Foon tokko” akka taatanii fi haala hundumaa keessatti wal kunuunsuuf Yihowaa duratti waadaa akka galtan yaadadhaa. (Mat. 19:5, 6) Kana malees ramaddii tajaajilaa keessan kan dhaabdan karoora utuu hin qabaatin daaʼima godhachuu keessaniin kan kaʼe yoo taʼe, ramaddii tajaajilaa keessan caalaa mucaa keessaniif iddoo guddaa akka kennitan isaaf mirkaneessaa. “Kennaa” Waaqayyoo akka taʼetti akka isa ilaaltan mucaa keessanitti himaa. (Far. 127:3-5) Kana malees muuxannoowwan gaggaarii hojii keessan irraa argattan itti himaa. Kunis akkuma isin gootan mucaan keessanis jireenya isaa Yihowaa tajaajiluuf akka itti fayyadamu isa kakaasuu dandaʼa.

WARRI KAAN GARGAARSA GOCHUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

12. (a) Tajaajiltoonni yeroo guutuu tajaajila isaanii itti fufuu akka dandaʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (b) Haala haaraa isaaniitti baruu akka dandaʼan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

12 Gumiiwwanii fi obboloonni hedduun, warri tajaajila yeroo guutuu keessa jiran tajaajila isaanii akka itti fufan gargaaruuf wanta dandaʼan gochaa jiru. Kanas kan godhan, hojii isaanii akka itti fufan isaan jajjabeessuudhaan, wantoota jireenyaaf isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan ykn miseensota maatii isaan irraa fagaatanii jiraatan kunuunsuu irratti isaan gargaaruudhaani. (Gal. 6:2) Tajaajiltoonni yeroo guutuu jijjiiramni isaan mudate gara gumii keessanii yoo dhufan, wanta isaan irraa eegamu utuu hin raawwatin akka hafanii fi akka adabaman gootanii hin yaadinaa. * Kanaa mannaa, jijjiiramni isaan mudate akka isaaniif salphatu gargaaraa. Miira hoʼaadhaan isaan simadhaa, akkasumas sababa haala fayyaa isaaniitiin kan kaʼe wanti isaan amma hojjechuu dandaʼan muraasa taʼu illee, wanta isaan hojjetaniif isaan galateeffadhaa. Waaʼee isaanii beekuuf yaalaa. Beekumsa, leenjii fi muuxannoo isaan qaban irraa baradhaa.

13. Warra jijjiiramni isaan mudate gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

13 Jalqaba irratti warri ramaddii haaraan isaaniif kenname mana, geejjiba, hojii fi wantoota buʼuuraa isaan barbaachisan kan biroo argachuuf gargaarsi keessan isaan barbaachisuu dandaʼa. Dhimmoota guyyaa guyyaa kan akka gibira kaffaluu fi inshuraansii argachuu ilaalchisee odeeffannoon isaan barbaachisuu dandaʼa. Caalaatti garuu haala isaanii hubachuuf akka yaaltan barbaadu. Tarii rakkina fayyaa ofii isaanii ykn firoota isaanii wajjin walʼaansoo gochaa jiru taʼa. Yookiin immoo nama jaallatan duʼaan dhabuu isaaniitiin kan kaʼe gaddi isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. * Waaʼee kanaa dubbachuu baatanis, michoota ramaddii isaanii isa duraanii irratti horatan yaaduu isaaniitiin kan kaʼe gaddi isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira cimaa fi nama burjaajessu akkasii dandamachuuf yeroon isaan barbaachisa.

14. Obboleettiin takka haala haaraatti akka bartu babalʼistoonni gumii ishii kan ishii gargaaran akkamitti?

14 Deeggarsii fi fakkeenyi keessan haala haaraatti akka baran isaan gargaaruu dandaʼa. Obboleettiin waggoota hedduudhaaf biyya alaatti tajaajilaa turte akkana jetteetti: “Ramaddii koo isa kanaan duraa irratti guyyaa guyyaadhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu nan geggeessa ture. Amma garuu tajaajila irratti carraa Kitaaba Qulqulluu baasanii dubbisuu fi viidiyoo argisiisuu argachuun illee ulfaataa dha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii koo isa haaraa keessa jiran garuu deddeebii gaaffii fi qoʼannaa isaanii irratti akkan argamu na affeeran. Obboloonnii fi obboleettonni hinaaffaa qabanii fi ija jabeeyyii taʼan kun, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu guddina gochaa jiran yommuu geggeessan arguun koo caalaatti ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Naannoo haaraa kanatti marii jalqabsiisuun akkamitti akka dandaʼamu baradheera. Wantoonni kun hundi gammachuu koo deebisee akkan argadhu na gargaaraniiru.”

GARA FUULDURAATTI DEEMUU KEESSAN ITTI FUFAA!

Karaawwan naannoo keessanitti tajaajila keessan balʼifachuu itti dandeessan barbaadaa (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15. Ramaddii keessan isa haaraa irratti milkaaʼina argachuu kan dandeessan akkamitti?

15 Ramaddii keessan isa haaraa irrattis milkaaʼina argachuu dandeessu. Ramaddii keessan isa kanaan duraa irratti wanta dogoggora taʼe akka raawwattanii fi amma baayʼee akka hin fayyadne gootanii hin yaadinaa. Karaawwan hedduu Yihowaan yeroo ammaatti isin gargaaraa jiru yaadaa, akkasumas lallabuu keessan itti fufaa. Fakkeenya Kiristiyaanota amanamoo jaarraa jalqabaa hordofaa. Isaan bakka deeman hundatti, ‘guutummaa biyyichaa keessa naannaʼanii dubbii Waaqayyoo lallabu’ turan. (HoE. 8:1, 4) Carraaqqiin isin lallabuu keessan itti fufuudhaan gootan buʼaawwan gaarii argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelchitoonni biyya tokkoo ariʼaman gara biyya ollaa afaan isaaniitiin gargaarsi barbaachisu deeman. Achiis jiʼoota muraasa keessatti garee haaraan saffisaan guddachaa jiru ni hundeeffame.

16. Ramaddii keessan isa haaraa irraa gammachuu argachuu kan dandeessan akkamitti?

16 ‘Gammachuun [Yihowaan] isiniif kennu jabina keessani.’ (Nah. 8:10) Ramaddii keenya hammam iyyuu yoo jaallanne gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu ramaddii nuuf kenname utuu hin taʼin hariiroo Yihowaa wajjin qabnu taʼuu qaba. Kanaafuu, gammachuu qabaachuu yoo barbaanne, Yihowaatti maxxannee jiraachuu, akkasumas ogummaa, qajeelfamaa fi deeggarsa argachuuf isatti amanamuu qabna. Ramaddii keessan isa duraanii kan jaallattan namoota achi jiran gargaaruuf wanta dandeessan hunda waan gootaniif akka taʼe yaadadhaa. Ramaddii keessan isa haaraa irratti xiyyeeffadhaa, akkasumas Yihowaan ramaddii kanas akka jaallattan akkamitti akka isin gargaaru ilaalaa.—Lal. 7:10.

17. Ramaddii keenya isa ammaa ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

17 Tajaajilli Yihowaadhaaf dhiheessinu bara baraaf akka taʼee fi ramaddiin keenya ammaa garuu yeroodhaaf akka taʼe yaadachuu qabna. Hunda keenya addunyaa haaraa keessatti jijjiiramni hojii nu mudachuu dandaʼa. Aleeksiin inni seensa irratti caqasame muuxannoon inni amma argate yeroo sanaaf isa qopheessaa akka jiru dubbateera. Akkana jedheera: “Yihowaa fi addunyaa haaraan dhugumaan akka jiran yeroo hunda beeka, Yihowaatti baayʼee akkan dhihaadhe kan natti dhagaʼamee fi addunyaan haaraan yeroo dhihootti akka dhufu mirkanaaʼaa kanan taʼe garuu amma dha.” (HoE. 2:25) Ramaddiin keenya maal iyyuu yoo taʼe Yihowaa wajjin adeemuu keenya itti haa fufnu. Inni matumaa nu hin dhiisu, kanaa mannaa eessatti iyyuu haa taʼu, tajaajila isaa irratti wanta dandeenyu hunda yommuu goonu gammachuu akka argannu nu gargaara.—Isa. 41:13.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

^ key. 5 Yeroo tokko tokko obboloonnii fi obboleettonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran hojii isaanii dhaabuu dandaʼu, yookiin immoo ramaddii haaraan isaaniif kennamuu dandaʼa. Mata dureen kun haalawwan rakkisoo isaan mudatanii fi haala haaraatti baruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa. Kana malees warri kaan isaan jajjabeessuu fi deeggaruuf maal gochuu akka dandaʼanii fi hundi keenya jireenya keenya keessatti jijjiiramni yommuu nu mudatu Kitaabni Qulqulluun nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 4 Obboloonni itti gaafatamummaa qaban hedduunis haaluma wal fakkaatuun umurii taʼe tokko irra yommuu gaʼan itti gaafatamummaa isaanii obboloota dargaggoota taʼaniif kennuu qabu. Mata duree, “Kiristiyaanonni Maanguddoota Taatan—Yihowaan Amanamummaa Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna,” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Fulbaana 2018 irratti baʼe, akkasumas mata duree, “Haalawwan yoo Jijjiiraman Iyyuu Nagaa Keenya Eeggachuu,” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 2018 irratti baʼe ilaali.

^ key. 12 Jaarsoliin gumii bakka obboloonni kun kanaan dura itti tajaajilan jiran dafanii xalayaa waaʼee isaanii ibsu barreessuun isaanii qajeelchaa, jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼanii tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaara.

^ key. 13 Mata duree “Gargaarsa Warra Gaddaniif Taʼu” jedhuu fi Dammaqaa! 2018 Lakk. 3 (Amaariffa) irratti walitti aansee baʼe ilaali.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa hojii misiyoonummaa biyya alaa dhaabuuf dirqaman tokko gumii isaaniitti nagaa dhaammachaa jiru.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa kun gara biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda, Yihowaan rakkinoota isaan mudatan dandamachuuf akka isaan gargaaru cimsanii kadhachaa jiru.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Gargaarsa Yihowaatiin hiriyoonni gaaʼelaa kun gara tajaajila yeroo guutuutti deebiʼan. Qooqa yeroo misiyoonota turan baratanitti fayyadamanii godaantota naannoo tajaajilaa gumii isaanii isa haaraa keessa jiraniif misiraachicha lallabaa jiru.