Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 44

Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa

Dhumni Dhufuu Isaa Dura Michummaa Cimaa Uumuuf Carraaqqii Godhaa

“Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.”—FAK. 17:17, NW.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

QABIYYEE *

Yeroo ‘rakkina guddaatti’ michoonni gaariin nu barbaachisu (Keeyyata 2 ilaali) *

1-2. 1 Pheexiros 4:7, 8 akka ibsutti haala rakkisaa nu mudatu dandamachuuf maaltu nu gargaara?

DHUMA “guyyoota dhumaatti” dhihaachaa yommuu deemnu rakkinni cimaan nu mudachuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1) Fakkeenyaaf, biyya dhiha Afrikaatti argamtu tokko keessatti duulli filannoo erga godhamee booda jeequmsi guddaan uumamee ture. Gara jiʼa jiʼaa oliitiif obboloonni keenya naannoo lolli jiru waan turaniif bilisummaadhaan sochoʼuu hin dandaʼan ture. Haala ulfaataa kana dandamachuuf wanti isaan gargaare maali dha? Obboloonni tokko tokko obboloota naannoo jeequmsi hin jirre jiraatan bira buufachuu dandaʼaniiru. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Haala akkasii keessatti michoonni koo na bira jiraachuu isaaniitti baayʼee gammadeera. Walii keenya jajjabeessuu dandeenyeerra.”

2 Yommuu ‘rakkinni guddaan’ jalqabutti michoota nu jaallatan qabaachuun keenya baayʼee nu gammachiisa. (Mul. 7:14) Kanaafuu, yeroo ammaatti michummaa cimaa uumuuf carraaqqii gochuun keenya ariifachiisaa dha. (1 Pheexiros 4:7, 8 dubbisi.) Muuxannoo Ermiyaas isa michuun isaa Yerusaalem baduu ishii dura duʼa irraa akka oolu isa gargaare irraa barumsa guddaa argachuu dandeenya. * Fakkeenya Ermiyaas hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

FAKKEENYA ERMIYAAS IRRAA BARADHAA

3. (a) Ermiyaas namoota kaan irraa akka adda of baasu wanti isa taasisuu dandaʼu maal ture? (b) Ermiyaas Baaruk isa barreessaa isaa turetti maal hime? Buʼaan isaa hoo maal ture?

3 Ermiyaas waggoota 40f ykn isaa oliif ollaawwan isaa fi tarii immoo firoota isaa warra Anaatot bakka inni itti guddate jiraatan dabalatee namoota amanamoo hin taane gidduu jiraate. (Er. 11:21; 12:6) Haa taʼu malee, inni isaan irraa adda of hin baasne. Siruma iyyuu, miira isatti dhagaʼame Baaruk isa barreessaa isaa amanamaa tureef ibseera, akkasumas wanti isatti dhagaʼamee ture galmeeffamee waan jiruuf nutis miira isaa hubachuu ni dandeenya. (Er. 8:21; 9:1; 20:14-18; 45:1) Baaruk wanta Ermiyaasiin mudate hunda yeroo barreessu jaalallii fi kabajni isaan waliif qaban guddatee akka ture tilmaamuu dandeenya.—Er. 20:1, 2; 26:7-11.

4. Yihowaan Ermiyaas maal akka hojjetu isatti himee ture? Hojiin kun michummaa Ermiyaasii fi Baaruk kan cimse hoo akkamitti?

4 Waggoota hedduudhaaf Ermiyaas wanta Yerusaalem irra gaʼuuf jedhu ija jabinaan Israaʼeloota akeekkachiiseera. (Er. 25:3) Yihowaan ammas sabichi yaada akka geddaratu gochuuf yeroo yaaletti Ermiyaas akeekkachiisawwan isaa maraa kitaabaa irratti akka barreessu isatti himeera. (Er. 36:1-4) Ermiyaasii fi Baaruk hojii Waaqayyo isaaniif kennee fi tarii jiʼoota hedduu fudhatee taʼuu dandaʼu kana walitti dhiheenyaan yommuu hojjetan haasaawwan amantii isaanii cimsu godhanii akka turan hin shakkisiisu.

5. Baaruk Ermiyaasiif michuu gaarii taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

5 Maraa kitaabaa sana barreessanii erga xumuranii booda Ermiyaas michuun isaa Baaruk waaʼee ergaa sanaa namootatti akka himu isa amanuu qaba ture. (Er. 36:5, 6) Baaruk hojii balaa guddaa geessisuu dandaʼu kana ija jabinaan raawwateera. Baaruk gara mooraa mana qulqullummaa deemee wanta akka hojjetu ajajamee ture yommuu raawwatu Ermiyaas hammam isatti gammadee akka ture tilmaamuu dandeessuu? (Er. 36:8-10) Bulchitoonni Yihudaa wanta Baaruk godhe yommuu dhagaʼan sagalee isaa ol kaasee maraa kitaabaa sana irraa akka isaaniif dubbisu isa ajajan. (Er. 36:14, 15) Achiis wanta Ermiyaas dubbate Yehoyaaqiim Mootichatti himuuf murteessan. Isaanis Baarukiif yaaduudhaan, “Atii fi Ermiyaas dhaqaatii, iddoo namni isin hin argine dhokadhaa!” jedhaniin. (Er. 36:16-19) Kun gorsa baayʼee gaarii ture!

6. Ermiyaasii fi Baaruk yeroo mormiin isaan mudatetti maal godhan?

6 Yehoyaaqiim Mootichi wanta Ermiyaas barreesse yommuu dhagaʼu ni aare, achiis maraa kitaabaa sana ni gube, akkasumas Ermiyaasii fi Baaruk akka hidhaman ajaje. Haa taʼu malee, Ermiyaas hin sodaanne. Ermiyaas maraa kitaabaa kan biraa fudhatee Baarukiif kennuudhaan ergaa Yihowaa kan isatti hime siʼa taʼu, Baarukis akkuma ‘macaafa maramu isa Yehoyaaqiim mootiin Yihudaa gube sana’ irra turetti ni barreesse.—Er. 36:26-28, 32.

7. Ermiyaasii fi Baaruk yommuu waliin hojjetan maaltu akka taʼe tilmaamuu dandeenya?

7 Yeroo baayʼee namoonni rakkina tokko waliin dabarsan michummaa cimaa uumu. Kanaafuu, Ermiyaasii fi Baaruk maraa kitaabaa Yehoyaaqiim Mootichi inni hamaa ture balleesse deebisanii barreessuuf yommuu waliin hojjetan caalaatti akka walitti dhihaatanii fi michummaa cimaa akka uuman tilmaamuu dandeenya. Fakkeenya namoonni amanamoon kun lamaan kaaʼan irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

GARAADHAA WALIIN HAASAʼAA

8. Michoota dhihoo akka hin horanne wanti nu dhoowwuu dandaʼu maali dha? Abdii kutachuu kan hin qabne hoo maaliifi?

8 Kanaan dura namni tokko nu miidheera yoo taʼe miira keenya warra kaaniif ibsuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Fak. 18:19, 24) Yookiin immoo warra kaanii wajjin hariiroo cimaa uumuuf yeroo fi humna akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, abdii kutachuu hin qabnu. Obboloonni keenya yeroo rakkinaatti nu cinaa akka dhaabbatan yoo barbaanne, ammuma michummaa cimaa isaanii wajjin uumuu qabna. Karaa guddaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko immoo wanta yaadnuu fi nutti dhagaʼamu isaanitti himuu dha.—1 Phe. 1:22.

9. (a) Yesuus michoota isaa akka amanu kan argisiise akkamitti? (b) Warra kaanii wajjin ifatti haasaʼuun michummaa isaanii wajjin qabdu cimsachuuf kan si gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.

9 Yesuus michoota isaa wajjin ifatti haasaʼuudhaan akka isaan amanu argisiiseera. (Yoh. 15:15) Nutis wanta nu gammachiise, nu yaaddessee fi nu aarse warra kaanitti himuudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Namni kan biraa yommuu si haasofsiisu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu, kunis yaada, miiraa fi galma wal fakkaatu akka qabdan hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Mee fakkeenya obboleettii Siindii jedhamtuu fi umurii waggoota 20mmanii keessatti argamtuu ilaalaa. Obboleettii qajeelchituu Maarii Luwiis jedhamtuu fi umurii waggoota 60mmanii keessatti argamtu wajjin michummaa uumte. Siindii fi Maarii Luwiis Kamisa ganama yeroo hunda waliin tajaajilu, akkasumas dhimmoota garaa garaa irratti waliin haasaʼu. Siindiin akkana jetteetti: “Michoota koo wajjin waaʼee dhimmoota barbaachisoo taʼanii haasaʼuun na gammachiisa, sababiin isaas kun caalaatti akkan isaan beekuu fi isaan hubadhu na gargaara.” Wanta yaadduu fi wanta sitti dhagaʼamu ilaalchisee michoota kee wajjin kan haasoftuu fi yeroo isaan dubbatan kan isaan dhaggeeffattu yoo taʼe michummaan keessan ni cima. Atis akkuma Siindii warra kaanii wajjin ifatti haasaʼuuf dursa kan fudhattu yoo taʼe michummaan isaanii wajjin qabdu guddachuun isaa hin oolu.—Fak. 27:9.

WALIIN HOJJEDHAA

Michoonni gaariin tajaajila irratti waliin hirmaatu (Keeyyata 10 ilaali)

10. Fakkeenyi 27:17 akka jedhutti obboloota keenya wajjin hojjechuun buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

10 Akkuma Ermiyaasii fi Baaruk obboloota keenya wajjin yommuu hojjennuu fi amaloota gaggaarii isaan qaban yommuu arginu, isaan irraa barachuu dandeenya, akkasumas caalaatti isaanitti dhihaanna. (Fakkeenya 27:17 dubbisi.) Fakkeenyaaf, tajaajila irratti michuun kee wanta itti amanuuf ija jabinaan yommuu ragaa dhiheessu ykn waaʼee Yihowaa fi kaayyoo isaa garaa guutuudhaan yommuu dubbatu yeroo dhageessu maaltu sitti dhagaʼama? Caalaatti isa jaallachuun kee hin oolu.

11-12. Fakkeenya tajaajila irratti waliin hirmaachuun michummaa keenya cimsachuuf akka nu gargaaru argisiisu kenni.

11 Muuxannoo tajaajila irratti waliin hirmaachuun akkamitti akka walitti nama dhiheessu argisiisu lama ilaalaa. Obboleettiin Aadeliin jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 23 taʼe naannoo tajaajilaa baayʼinaan hin hojjetamne deemanii akka tajaajilan michuu ishii Kaandis jedhamtu gaafatte. Akkana jetteetti: “Caalaatti hinaaffaadhaan lallabuu fi tajaajilatti gammaduu barbaannee turre. Lamaan keenya iyyuu jajjabinni nu barbaachisa ture.” Waliin hojjechuu isaaniitiin kan fayyadaman akkamitti ree? Aadeliin akkana jetteetti: “Galgala yeroo hunda miira nutti dhagaʼamu, marii goone ilaalchisee wanta nu tuqee fi qajeelfama Yihowaan tajaajila keenya irratti nuu kenne akkamitti akka hubanne waliin haasofna. Lamaan keenya iyyuu marii goonu kanatti baayʼee gammanna, akkasumas caalaatti wal baruu dandeenyeerra.”

12 Laayilaa fi Maariyaan obboleettota qeenxee Faransaayi jiraatani dha. Isaan torban shaniif achitti tajaajiluuf gara Baanguwii ishii magaalaa guddoo Rippuubliikii Giddu Galeessa Afrikaa taatee fi sochiin itti baayʼatuu deeman. Laayilaan akkana jetteetti: “Anii fi Maariyaan haalli rakkisaan kan nu mudate taʼus, marii gaarii gochuunii fi jaalalli dhugaan michummaan keenya akka cimu godheera. Dandeettii Maariyaan haala haaraatti baruuf qabdu, jaalalli ishiin namoota naannichaatiif qabduu fi hinaaffaa ishiin tajaajilaaf qabdu yommuun argu dinqisiifannaan ani ishiidhaaf qabu ni dabale.” Buʼaawwan kanneen argachuuf gara biyya alaa deemuun nu hin barbaachisu. Naannoodhuma jirtanitti obbolootaa fi obboleettota wajjin tajaajila irratti yommuu hirmaattan hundatti caalaatti isaanii wajjin wal baruu fi michummaa keessan cimsachuuf carraa qabdu.

AMALOOTA GAARII MICHOOTA KEESSANII IRRATTI XIYYEEFFADHAA, AKKASUMAS DHIIFAMA GODHAA

13. Michoota keenya wajjin walitti dhihaannee yommuu hojjennu haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa?

13 Yeroo tokko tokko michoota keenya wajjin walitti dhihaannee yommuu hojjennu cimina isaanii qofa utuu hin taʼin dadhabina isaaniis ni hubanna. Haala rakkisaa kana dandamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Mee ammas fakkeenya Ermiyaas haa ilaallu. Amaloota gaarii warri kaan qaban irratti akka xiyyeeffatuu fi dadhabina isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne maaltu isa gargaare?

14. Ermiyaas waaʼee Yihowaa maal hubate? Kuni hoo kan isa gargaare akkamitti?

14 Ermiyaas kitaaba maqaa isaatiin moggaafame barreesseera, akkasumas kitaabota Kitaaba Qulqulluu Mootota 1⁠ffaa fi 2⁠ffaa kan barreesse isa taʼuu hin oolu. Hojiin isaaf kenname kun keessumaa gara laafina Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoo taʼanitti argisiise akka hubatu isa taasisee akka ture hin shakkisiisu. Fakkeenyaaf, yommuu Ahaab Mootichi gocha isaa isa hamaa taʼe irraa yaada geddaratetti Yihowaan maatiin isaa hundi yommuu balleeffaman arguu irraa akka isa oolche Ermiyaas beeka ture. (1 Mot. 21:27-29) Haaluma wal fakkaatuun Ermiyaas, Minaaseen Ahaab caalaa wanta Yihowaa aarsu raawwatee akka ture beeka. Taʼus, Minaaseen yaada waan geddarateef Yihowaan dhiifama isaaf godheera. (2 Mot. 21:16, 17; 2 Sen. 33:10-13) Seenaawwan kunneen Ermiyaas hariiroo michoota isaa wajjin qabu irratti obsaa fi gara laafina argisiisuudhaan fakkeenya Waaqayyoo akka hordofu isa gargaaranii taʼuu qaba.—Far. 103:8, 9.

15. Baaruk yaadni isaa hihhiramee yeroo turetti Ermiyaas obsa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofe akkamitti?

15 Ermiyaas yommuu Baaruk hojii isaa irraa yeroodhaaf yaadni isaa hihhiramee turetti akkamitti akka isa gargaare ilaalaa. Ermiyaas michuu isaatti dafee abdii kutachuu mannaa ergaa Waaqayyoo isa gaarummaa irratti hundaaʼee fi ifa taʼe itti himuudhaan Baarukiin gargaareera. (Er. 45:1-5) Seenaa kana irraa maal barachuu dandeenya?

Michoonni gaariin tola dhiifama waliif godhu (Keeyyata 16 ilaali)

16. Fakkeenyi 17:9 akka jedhutti michummaan keenya akka itti fufu gochuuf maal gochuu qabna?

16 Dhugaadha, obboloonnii fi obboleettonni keenya mudaa kan hin qabne akka taʼan hin eegnu. Kanaafuu, nama tokko wajjin michummaa erga uumnee booda michummaan keenya akka itti fufu gochuuf cimnee hojjechuu qabna. Michoonni keenya dogoggora yoo raawwatan gaarummaadhaan gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi ifa taʼe isaaniif kennuun nu barbaachisuu dandaʼa. (Far. 141:5) Yoo nu miidhan immoo dhiifama isaaniif gochuu qabna. Erga dhiifama isaaniif goonee booda wanta isaan godhanii fi nu aarse sana isaanittis taʼe warra kaanitti dubbachuu irraa of qusachuu qabna. (Fakkeenya 17:9 dubbisi.) Yeroo rakkisaa taʼe kanatti dadhabina obboloota keenyaa irratti utuu hin taʼin cimina isaanii irratti xiyyeeffachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kana gochuun keenya michummaa isaanii wajjin qabnu nuuf cimsa; yeroo rakkina guddaattis michoonni dhihoon waan nu barbaachisaniif amma akkas gochuun keenya barbaachisaa dha.

JAALALA AMANAMAA ARGISIISAA

17. Ermiyaas yeroo rakkinaatti michuu dhugaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti?

17 Ermiyaas raajichi yeroo rakkinaatti michuu dhugaa taʼuu isaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, Ebeed-Melek inni abbaa taayitaa mana mootummaa ture Ermiyaas boolla gadi fagoo dhoqqeedhaan guutame keessatti akka hin duune erga isa oolchee booda bulchitoonni na miidhu jedhee sodaatee ture. Ermiyaas waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu michuun isaa ofuma isaatiin haala kana karaa taʼe tokkoon ni dandamata jedhee abdachuudhaan hin callisne. Ermiyaas hidhamee kan jiru taʼus abdii Yihowaa isa nama jajjabeessu michuu isaa Ebeed-Melekitti himuudhaan wanta dandaʼu godheera.—Er. 38:7-13; 39:15-18.

Michoonni gaariin obboloota isaanii gargaarsi barbaachisu ni gargaaru (Keeyyata 18 ilaali)

18. Fakkeenyi 17:17 akka jedhutti michuun keenya tokko haalli rakkisaan yeroo isa mudatu maal gochuu qabna?

18 Yeroo harʼaatti rakkinni adda addaa obbolootaa fi obboleettota keenya irra gaʼaa jira. Fakkeenyaaf obboloonni hedduun balaawwan uumamaatiin ykn nam-tolcheetiin rakkachaa jiru. Yeroo balaawwan akkasii uumaman muraasni keenya obboloota keenya kana mana keenyatti simachuu dandeenya taʼa. Warri kaan immoo qarshiidhaan gargaaruu dandaʼu. Taʼus, hundi keenya Yihowaan obboloota keenya akka gargaaru kadhachuu dandeenya. Obboleessi tokko ykn obboleettiin takka abdii akka kutatan yoo hubanne maal jechuu ykn maal gochuu akka qabnu hin beeknu taʼa. Haa taʼu malee, hundi keenya gargaarsa gochuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, michoota keenya wajjin yeroo dabarsuu dandeenya. Yeroo isaan dubbatan gaarummaadhaan isaan dhaggeeffachuu dandeenya. Akkasumas caqasa Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessuu fi jaallannu isaanitti himuu dandeenya. (Isa. 50:4) Wanti caalaatti iddoo guddaan kennamuuf yeroo michoonni keenya nu barbaadanitti isaanii wajjin taʼuu keenya dha.—Fakkeenya 17:17 * dubbisi.

19. Yeroo ammaatti michummaa cimaa uumuun keenya gara fuulduraatti kan nu gargaaru akkamitti?

19 Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin hariiroo cimaa uumuu fi michummaa keenya eegnee itti fufuuf murtoo gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas diinonni keenya sobaa fi odeeffannoo dogoggoraatti fayyadamanii nu qoqqooduuf yaalu. Akka obboloota keenya hin amannee fi isaan hin gargaarre gochuuf yaalu. Carraaqqiin isaanii kun garuu isaaniif hin milkaaʼu. Hidhaa jaalalaa keenya addaan kutuu hin dandaʼan. Wanti isaan godhan kam iyyuu michummaa uumne balleessuu hin dandaʼu. Siruma iyyuu michummaan kun hamma dhuma sirna kanaatti qofa utuu hin taʼin bara baraaf itti fufa!

FAARFANNAA 24 Gara Tulluu Yihowaatti Ol Kottaa

^ key. 5 Dhumni dhihaachaa yommuu jiru kanatti, hundi keenya michummaa obboloota keenya wajjin qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Mata duree kana keessatti muuxannoo Ermiyaas irraa maal barachuu akka dandeenyu qorra. Kana malees, yeroo harʼaatti michummaa cimaa qabaachuun yeroo rakkinaatti akkamitti akka nu gargaaru mariʼanna.

^ key. 2 Taʼeewwan kitaaba Ermiyaas keessa jiran duraa duuba yerootiin kan galmeeffaman miti.

^ key. 18 Fakkeenya 17:17 (NW): Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Haalli kun wanta gara fuulduraatti yeroo ‘rakkina guddaatti’ taʼuu dandaʼu kan argisiisu dha. Obboloonnii fi obboleettonni baayʼeen mana obbolootaa tokkotti walitti qabamanii jiru. Michoota walii waan taʼaniif yeroo rakkinaa kanatti wal jajjabeessuu dandaʼaniiru. Haalawwan kanatti aananii jiran sadan obboloonnii fi obboleettonni kun rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura michummaa cimaa uumanii akka turan argisiisa.