Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 47

Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?

Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?

“Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu . . . ni fayyada.”—2 XIM. 3:16.

FAARFANNAA 98 Kitaabni Qulqulluun Hafuuraan Barreeffame

QABIYYEE *

1-2. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran kitaaba Lewwootaatiif xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?

PHAAWULOS ERGAMAAN ‘Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka barreeffamee fi akka fayyadu’ michuu isaa Ximotewosiin yaadachiiseera. (2 Xim. 3:16) Kunis kitaaba Lewwootaa ni dabalata. Kutaa Kitaaba Qulqulluu kana akkamitti ilaalta? Namoonni tokko tokko kitaabni kun seerawwan hedduu yeroo harʼaatiif hin hojjenne kan qabate akka taʼetti ilaalu, Kiristiyaanonni garuu ilaalcha kana irraa adda taʼe qabu.

2 Kitaabni Lewwootaa waggoota 3,500 dura kan barreeffame taʼus, Yihowaan “barumsa akka irraa argannuuf” hamma bara keenyaatti eegamee akka turu godheera. (Rom. 15:4) Kitaabni kun ilaalcha Yihowaa akka hubannu waan nu gargaaruuf, kitaaba kana qoruuf hawwii qabaachuu qabna. Dhugaadha, kitaaba geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kana irraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Mee barumsawwan kanneen keessaa afur haa ilaallu.

YIHOWAA BIRATTI FUDHATAMA ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

3. Guyyaa Araaraa waggaa waggaadhaan kabajamu irratti aarsaan kan dhihaatu maaliif ture?

3 Barumsa tokkoffaa: Yihowaan aarsaa keenya akka fudhatuuf isa biratti fudhatama argachuu qabna. Sabni Israaʼel waggaa waggaadhaan Guyyaa Araaraatti kan walitti qabaman siʼa taʼu, aarsaan horiis ni dhihaata ture. Aarsaawwan dhihaatan kun Israaʼeloonni cubbuu isaanii irraa qulqulleeffamuun akka isaan barbaachisu yaadachuuf isaan gargaareera! Haa taʼu malee, lubni ol aanaan guyyaa sana dhiiga aarsaa kam iyyuu gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti fiduu isaa dura jalqaba wanta kan biraa gochuun isa barbaachisa; kunis sabichi cubbuu isaaniitiif dhiifama argachuu isaanii caalaa wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dha.

(Keeyyata 4 ilaali) *

4. Lewwoota 16:12, 13 irratti akka ibsametti lubni ol aanaan Guyyaa Araaraatti yeroo jalqabaatiif gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti yommuu seenu maal godha? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

4 Lewwoota 16:12, 13 dubbisi. Mee wanta Guyyaa Araaraatti raawwatamu yaadaan ilaali: Lubni ol aanaan gara godoo qulqullaaʼaatti seena. Kun yeroo sadan guyyaa sanatti gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti seenuu qabu keessaa isa jalqabaa ti. Harka tokkoon miʼa ixaana urgaa gaarii qabuun guutame qabata, harka kan biraatiin immoo miʼa ibiddaa warqii irraa hojjetamee fi barbadaa ibiddaatiin guutame qabata. Achiis golgaa seensa Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼe uwwisee jiru sana fuuldura dhaabbata. Kabaja guddaadhaan gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti erga seenee booda, saanduqa kakuu fuuldura dhaabbata. Akka fakkeenyaatti Yihowaa fuuldura dhaabbatee jira jechuu dha! Achiis lubni kun ixaana qulqulluu sana of eeggannoodhaan barbadaa ibiddaa sana irratti kan dhangalaasu siʼa taʼu, kutaan sunis urgaa gaariidhaan guutama. * Yeroo booda lubni ol aanaan kun dhiiga aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu qabatee gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti deebiʼee seena. Lubni kun dhiiga aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu dhiheessuu isaa dura ixaana sana akka aarsu hubadhu.

5. Guyyaa Araaraatti akkaataa itti ixaanni faayidaa irra oolu irraa maal barachuu dandeenya?

5 Guyyaa Araaraatti akkaataa itti ixaanni faayidaa irra oolu irraa maal barachuu dandeenya? Kitaabni Qulqulluun kadhannaa fudhatama qabuu fi waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo taʼan dhiheessan ixaana wajjin wal fakkeessa. (Far. 141:2; Mul. 5:8) Lubni ol aanaan ixaana sana Yihowaa duratti kan fidu kabaja guddaadhaan akka taʼe yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun nutis kadhannaadhaan gara Yihowaatti kan dhihaannu kabaja guddaadhaan taʼuu qaba. Uumaan uumama hundaa akkuma mucaan tokko abbaa isaatti dhihaatu isatti akka dhihaannu nuu heyyamuu isaatti baayʼee dinqisiifanna. (Yaq. 4:8) Yihowaan michoota isaa akka taanetti nu simata. (Far. 25:14, NW) Mirga kana baayʼee waan dinqisiifannuuf gonkumaa isa gaddisiisuu hin barbaannu.

6. Lubni ol aanaan aarsaa dhiheessuu isaa dura ixaana aarsuu isaa irraa maal baranna?

6 Lubni ol aanaan aarsaa dhiheessuu isaa dura ixaana aarsuu akka qabu yaadadhu. Kana gochuudhaan yommuu aarsaa dhiheessu Waaqayyo biratti fudhatama argachuu isaa mirkaneeffata. Kana irraa maal barachuu dandeenya? Yesuus yeroo lafa irra turetti lubbuu isaa aarsaa godhee kennuu isaa dura wanta ilmaan namootaatiif fayyina argamsiisuu caalaa barbaachisaa taʼe tokko gochuu qaba ture. Wanti inni gochuu qabu kun maalidha? Yihowaan aarsaa isaa akka fudhatuuf guutummaa jireenya isaa isa lafaa irratti amanamummaadhaan Yihowaadhaaf ajajamuu qaba ture. Akka kanaan Yesuus wanta hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun karaa itti jiraatan isa sirrii taʼuu isaa argisiisa. Kana malees Yesuus ol aantummaan Abbaa isaa ykn akkaataan inni itti bulchu sirrii fi haqa qabeessa taʼuu isaa mirkaneessa.

7. Jireenyi Yesuus lafa irratti dabarse Abbaa isaa kan gammachiise maaliifi?

7 Yesuus jireenya isaa isa lafaa irratti ulaagaawwan qajeelinaa Yihowaatiif guutummaatti ajajameera. Qorumsii fi rakkinni isa mudatus, akkasumas duʼa suukanneessaa akka duʼu kan beeku taʼus, akkaataan itti Abbaan isaa bulchu hunda irra kan wayyu taʼuu isaa mirkaneessuuf murteessee ture. (Filp. 2:8) Yesuus yeroo haalli rakkisaan isa mudatu “booʼichaa fi imimmaaniin” kadhannaa dhiheesseera. (Ibr. 5:7) Kadhannaan inni garaadhaa dhiheesse Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe kan argisiisu taʼuu isaa irra iyyuu fedhii inni ajajamaa taʼee jiraachuuf qabu isaaf cimseera. Kadhannaan Yesuus Yihowaa biratti akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu ture. Guutummaan jireenya isaa Abbaa isaa baayʼee kan gammachiisuu fi ol aantummaa isaa kan mirkaneessu ture.

8. Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Nutis Yihowaadhaaf ajajamuu fi isaaf amanamoo taʼuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandeenya. Yihowaa gammachiisuu waan barbaannuuf yeroo rakkinni nu mudatu akka inni nu gargaaru garaadhaa isa kadhanna. Karaa kanaan akkaataa Yihowaan itti bulchu akka deeggarru argisiisna. Wantoota inni balaaleffatu kan raawwannu yoo taʼe Yihowaan kadhannaa keenya akka hin dhageenye ni hubanna. Akka ulaagaawwan Yihowaatti kan jiraannu yoo taʼe garuu kadhannaan garaadhaa dhiheessinu Yihowaa biratti akkuma ixaana urgaa gaarii qabuu akka taʼu amanannaa qabaachuu dandeenya. Akkasumas amanamummaan keenyaa fi ajajamuun keenya Abbaa keenya isa samii akka gammachiisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Fak. 27:11.

GALATEEFFANNAA FI JAALALAAN KAKAANEE TAJAAJILLA

(Keeyyata 9 ilaali) *

9. Qalmi araaraa kan dhihaatu maaliif ture?

9 Barumsa lammaffaa: Yihowaa kan tajaajillu isa galateeffachuu waan barbaannuufi. Kana sirriitti ibsuuf mee waaʼee qalma araaraa isa waaqeffannaa Israaʼel durii keessatti iddoo guddaa qabuu haa ilaallu. * Kitaaba Lewwootaa keessatti namni Israaʼel tokko “galata galchuuf” qalma araaraa akka dhiheessu hubanna. (Lew. 7:11-13, 16-18) Kana kan godhu dirqama waan qabuuf utuu hin taʼin, akkas gochuu waan barbaadeefi. Kanaafuu, aarsaan kun kennaa namichi sun Waaqa isaa Yihowaa waan jaallatuuf fedhiidhaan dhiheessu dha. Namni aarsaa kana dhiheessu, maatiin isaa fi luboonni foon beeyilada aarsaa taʼe sanaa ni nyaatu. Haa taʼu malee, kutaa qaama beeyilada aarsaa taʼee dhiheeffamu sanaa keessaa tokko tokko Yihowaa qofaaf dhihaata ture. Yihowaa qofaaf kan dhihaatan kutaa qaamaa kamfaadha?

(Keeyyata 10 ilaali) *

10. Qalmi araaraa Lewwoota 3:6, 12, 14-16 irratti ibsame kakaʼumsa Yesuus fedha Abbaa isaa raawwachuuf qabu ilaalchisee maal nu barsiisa?

10 Barumsa sadaffaa: Jaalalaan kakaanee isa hunda irra caalu Yihowaadhaaf kennina. Yihowaan coomni kutaa qaama beeyiladootaa keessaa isa hunda irra caalu akka taʼetti ilaala. Kana malees, kalee dabalatee kutaan qaama beeyiladootaa tokko tokko gatii guddaa akka qaban dubbateera. (Lewwoota 3:6, 12, 14-16 dubbisi.) Kanaaf keessumaa yommuu Israaʼeloonni fedhiidhaan kutaalee qaamaa kanaa fi cooma isaaf dhiheessan Yihowaan baayʼee gammada ture. Namni Israaʼel aarsaa akkasii dhiheessu tokko wanta hunda irra caalu Waaqayyoof dhiheessuu akka barbaadu argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun Yesuus jaalalaan kakaʼee garaa guutuudhaan isa tajaajiluudhaan Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu fedhiidhaan kenneera. (Yoh. 14:31) Yesuus fedha Waaqayyoo raawwachuun isa gammachiisa, akkasumas seera Waaqayyootiif jaalala guddaa qaba. (Far. 40:8) Yihowaan Yesuus fedhiidhaan yommuu isa tajaajilu arguu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba!

Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta hunda irra caalu akka isaaf kenninu nu kakaasa (Keeyyata 11-12 ilaali) *

11. Tajaajilli keenya akka qalma araaraa kan taʼe akkamitti? Kuni hoo kan nu jajjabeessu akkamitti?

11 Akkuma qalmawwan araaraa tajaajilli nuti Yihowaadhaaf dhiheessinus karaa itti waaʼee isaa maaltu akka nutti dhagaʼamu fedhiidhaan ibsinu dha. Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa waan jaallannuuf wanta hunda irra caalu isaaf kennina. Yihowaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi fedhiidhaan isa waaqeffatan jaalala isaafis taʼe karaawwan isaatiif qabaniin kakaʼanii yommuu isa tajaajilan arguun isaa hammam akka isa gammachiisu tilmaamuu dandeessu! Yihowaan gocha keenya qofa utuu hin taʼin kakaʼumsa keenyas akka ilaaluu fi iddoo guddaa akka kennuuf yaadachuun keenya nu jajjabeessa. Fakkeenyaaf, maanguddoo yoo taatee fi kana booda hamma barbaadde hojjechuu yoo hin dandeenye, Yihowaan kana akka hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Wanta baayʼee Yihowaadhaaf kennuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa, taʼus Yihowaan jaalala guddaa ati qabduu fi wanta gochuu dandeessu akka gootuuf si kakaasu ni arga. Yihowaan wanta hunda irra caaluu fi ati kennuufii dandeessu fudhachuun isa gammachiisa.

12. Yihowaan qalma araaraa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Kun kan nu jajjabeessu hoo akkamitti?

12 Qalma araaraa irraa maal barachuu dandeenya? Kutaan qaama beeyiladaa inni hunda irra caalu gubatee aarri isaa yommuu ol baʼu Yihowaan itti gammada. Yihowaan tajaajila ati fedhiidhaan, akkasumas garaa guutuudhaan dhiheessituttis akka gammadu mirkanaaʼaa taʼi. (Qol. 3:23) Mee hammam akka inni sitti gammadu yaadi. Carraaqqiin ati tajaajila isaa keessatti gootu xinnoos taʼe guddaa Yihowaan bara baraaf akka wanta gatii guddaa qabuutti yaadata, akkasumas iddoo guddaa kennaaf.—Mat. 6:20; Ibr. 6:10.

YIHOWAAN JAARMIYAA ISAA NI EEBBISA

13. Lewwoonni 9:23, 24 akka jedhutti Yihowaan luboonni isa biratti fudhatama akka argatan kan argisiise akkamitti?

13 Barumsa arfaffaa: Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa eebbisaa jira. Mee Dh.K.D. bara 1512tti yeroo godoo qulqullaaʼaan Tulluu Siinaa jalatti dhaabbatu wanta taʼe haa ilaallu. (Bau. 40:17) Museen sirna Aaronii fi ilmaan isaa luboota akka taʼan muuduuf godhamu geggeessaa jira. Sabni Israaʼel luboonni kun aarsaa beeyiladaa isa jalqabaa yommuu dhiheessan ilaaluuf walitti qabamaniiru. (Lew. 9:1-5) Yihowaan luboonni haaraan muudaman kun isa biratti fudhatama akka argatan kan argisiise akkamitti? Aaronii fi Museen sabicha yommuu eebbisan Yihowaan ibiddi aarsaa iddoo aarsaa irra jiru sana guutummaatti akka fixu ykn akka nyaatu godhe.—Lewwoota 9:23, 24 dubbisi.

14. Yihowaan lubummaa Aaronii fi ilmaan isaatiif deeggarsa gochuun isaa yeroo harʼaa xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi?

14 Yeroo lubni ol aanaan muudametti ibiddi samii irraa dhufuun isaa maal argisiisa? Yihowaan ibidda erguun isaa lubummaa Aaronii fi ilmaan isaa guutummaatti akka deeggaru argisiisa. Israaʼeloonni ragaa ifa taʼee fi Yihowaan luboota kana gargaaraa akka jiru argisiisu yommuu argan guutummaatti isaan deeggaruuf sababii gaʼaa qabaatu. Kun nuuf ni hojjetaa? Eeyyee! Sababiin isaas lubummaan Israaʼel keessa ture lubummaa isa caalaa guddaa taʼeef gaaddidduu dha. Kiristoos inni Luba Ol Aanaa guddaa taʼe luboota mootii 144,000 taʼanii fi isa wajjin samii keessatti tajaajilan qaba.—Ibr. 4:14; 8:3-5; 10:1.

Yihowaan jaarmiyaa isaa eebbisaa fi geggeessaa jira. Nutis garaa guutuudhaan deeggarra (Keeyyata 15-17 ilaali) *

15-16. Yihowaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ deeggaraa akka jiru kan argisiise akkamitti?

15 Bara 1919tti, Yesuus garee xinnoo obboloota dibamoo tokko ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ godhee muude. Garbichi kun hojii lallabaa geggeessuu irratti dursa fudhata, akkasumas duuka buutota Kiristoosiif “yeroo sirrii taʼetti nyaata” isaaniif kenna. (Mat. 24:45) Maarree Waaqayyo garbicha amanamaa fi ogeessa kana deeggaraa akka jiru ragaa argisiisu hubanneerraa?

16 Seexannii fi deeggartoonni isaa garbichi amanamaan kun hojii isaa akka hin hojjenne gochuuf yaalaa jiru. Garbichi kun gargaarsa Yihowaa hin qabu utuu taʼee, hojii isaa hojjechuu hin dandaʼu ture. Waraanni addunyaa lama kan geggeeffamee fi addunyaa irra rakkinni dinagdee jiraatus, saba Waaqayyoo irra ariʼatamni cimaan kan gaʼee fi jalʼinni kan isaan irratti raawwatame taʼus, garbichi amanamaanii fi ogeessi duuka buutota Kiristoos lafa irra jiraniif nyaata hafuuraa qopheessuu isaa itti fufeera. Mee waaʼee yeroo ammaatti nyaata hafuuraa baayʼinaan qophaaʼuu fi afaanota 900 oliin kaffaltii malee argachuun dandaʼamuu yaadi! Garbichi kun deeggarsa Waaqayyoo akka qabu homaa hin shakkisiisu. Hojiin lallabaas Yihowaan saba isaa eebbisaa akka jiru mirkaneessa. Dhuguma iyyuu misiraachichi “guutummaa lafaa irratti” lallabamaa jira. (Mat. 24:14) Yihowaan yeroo harʼaatti shakkii tokko malee jaarmiyaa isaa geggeessaa fi arjummaadhaan eebbisaa jira.

17. Jaarmiyaa Yihowaan itti fayyadamaa jiru akka deeggarru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha, ‘Miseensa kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa taʼuu kootiif nan galateeffadhaa?’ Yihowaan akkuma bara Musee fi Aaron kallattiidhaan ibidda samii irraa erguudhaan deeggarsa isaa argisiise, yeroo harʼaas ragaa amansiisaa jaarmiyaa isaatti fayyadamaa akka jiru argisiisu nuuf kenneera. Dhuguma iyyuu wanta akka galateeffannu nu taasisu hedduu qabna. (1 Tas. 5:18, 19) Maarree jaarmiyaa Yihowaan itti fayyadamaa jiru akka deeggarru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi karaa barreeffamootaa, walgaʼiiwwan gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti nuuf kennaman hordofuudhaan kana gochuu dandeenya. Dabalataanis hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hamma dandeenye guutummaatti hirmaachuudhaan deeggarsa keenya argisiisuu dandeenya.—1 Qor. 15:58.

18. Maal gochuuf murteessiteetta?

18 Barumsawwan kitaaba Lewwootaa irraa arganne hojii irra oolchuuf murtoo cimaa haa goonu. Yihowaan aarsaa keenya akka fudhatu barbaanna. Yihowaa galateeffachuu waan barbaannuuf isa tajaajilla. Garaa guutuudhaan Yihowaa waan jaallannuuf wanta hunda irra caalu isaaf kennuu keenya itti fufna. Akkasumas jaarmiyaa inni yeroo harʼaatti eebbisaa jiru deeggaruuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Kana hunda gochuudhaan, mirga Dhugaa Baatota isaa taanee tajaajiluuf arganneef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya!

FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun Qabeenya Guddaa Dha

^ key. 5 Kitaabni Lewwootaa seerawwan Yihowaan saba Israaʼel duriitiif kenne qabateera. Nuti Kiristiyaanota waan taaneef seerawwan kana jala hin jirru, taʼus seerawwan kana irraa fayyadamuu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti barumsawwan gaggaarii kitaaba Lewwootaa irraa barachuu dandeenyu irratti mariʼanna.

^ key. 4 Ixaanni godoo qulqullaaʼaa keessatti aarfamu qulqulluu akka taʼetti kan ilaalamu yommuu taʼu, Israaʼel durii keessatti waaqeffannaa Yihowaa qofaaf hojii irra oola ture. (Bau. 30:34-38) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waaqeffannaadhaaf ixaana aarsaa akka turan ragaan argisiisu hin jiru.

^ key. 9 Qalma araaraa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Kitaabota Qulqulluu Gadi Fageenyaan Hubachuu [Ingiliffa] jedhamu Jildii 2, fuula 526 ilaali.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Guyyaa Araaraatti lubni ol aanaan Israaʼel Iddoon Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼe urgaa gaariidhaan akka guutamu gochuuf ixaanaa fi barbadaa ibiddaa qabatee seena. Achiis dhiiga horii aarsaa cubbuutiif dhihaatu qabatee deebiʼee gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼe sanaatti seena.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Namni Israaʼel tokko galata maatiin isaa Yihowaadhaaf qabu ibsuuf hoolaa tokko qalma araaraa godhee dhiheessuuf luba tokkotti kennaa jira.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Yesuus tajaajila isaa isa lafaa irratti ajajawwan Waaqayyoo eeguudhaan, akkasumas duuka buutonni isaas akkas akka godhan gargaaruudhaan Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu argisiiseera.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Obboleettii maanguddoon tokko humni ishii kan daangeffame taʼus xalayaa barreessitee dhugaa baʼuudhaan Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu kennaa jirti.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Guraandhala 2019, miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Geerit Loosh Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa fooyyeffame Afaan Jarmaniitiin baʼuu isaa yommuu beeksisu. Yeroo harʼaa babalʼistoonni Jarmanii akka obboleettota lamaan kanaa Kitaaba Qulqulluu haaraa baʼe kana tajaajila irratti gammachuudhaan itti fayyadamaa jiru.