Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barbaacha Dhugaa Argachuuf Godhame

Barbaacha Dhugaa Argachuuf Godhame

Dhugaa beekuun dhimma duʼaa fi jireenyaati. Fakkeenyaaf, gaaffii ‘Weerarri dhibee kan babalʼatu akkamitti?’ jedhuuf deebii argachuun keenya jireenya keenyarratti dhiibbaa akkamii akka geessise haa ilaallu.

Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif, deebii gaaffii kanaa beekuun hin dandaʼamne. Kanaan kan kaʼes, weerarri dhibee lubbuu namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii galaafateera. Oolee bulee garuu, saayintistoonni waaʼee weerara dhibee dhugaasaa ni hubatan. Saayintistoonni weerarri dhibee yeroo baayʼee karaa jarmiitiin, jechuunis karaa orgaanizimoota xixiqqoo kan akka baakteeriyaa ykn vaayirasiitiin akka dhufu hubatan. Dhugaa kana beekuunsaanii qoftillee dhukkuboota hedduu ittisuu fi yaaluuf isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman umurii dheeraa jiraachuu fi fayya buleeyyii taʼuu dandaʼaniiru.

Gaaffilee baayʼee barbaachisoo taʼan kaan ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Gaaffilee armaan gadii ilaalchisee barbaachi dhugaa argachuuf godhame dhiibbaa sirratti gochuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Waaqayyo eenyu?

  • Yesuus Kiristoos eenyu?

  • Mootummaan Waaqayyoo maalidha?

  • Yeroon gara fuulduraa maal fidee dhufa?

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gaaffilee kanaaf deebii waan argataniif, jireenyisaanii caalaatti fooyyaʼeera. Atis deebii gaaffilee kanaa beekuudhaan faayidaa argachuu dandeessa.

DHUGAA ARGACHUU NI DANDEESSAA?

Tarii ‘Waaʼee wanta hundumaa dhugaa jiru beekuun kan dandaʼamu akkamitti?’ jettee yaadda taʼa. Waaʼee wantoota hedduu dhugaa jiru beekuuf yaaluun baayʼee ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Maaliif?

Namoonni baayʼeen wanti mootummoota, dhaabbilee daldalaa ykn miidiyaaleerraa dhagaʼan dhugaa akka taʼe hin amanan. Wanta dhagaʼan ilaalchisee dhugaasaa, ilaalcha namootaarraa, odeeffannoo guutuu hin taanerraa, darbees yaada guutummaatti soba taʼerraa adda baasuun isaan rakkisa. Namoonni waan wal hin amanneef, akkasumas wanti dhagaʼan hedduun soba waan taʼeef, wanta dhugaa taʼee fi hiika inni isaaniif qabu ilaalchisee walii hin galan.

Haalawwan rakkisoon akkasii jiraatanis, gaaffilee guguddaa jireenya keessatti nu mudataniif deebii sirrii argachuu ni dandeenya. Akkamitti? Malawwan guyyaa guyyaadhaan itti fayyadamtutti gargaaramuudhaani.

BARBAACHA DHUGAA ARGACHUUF GOOTU

Guyyaa guyyaadhaan wanta tokko ilaalchisee dhugaasaa beekuuf hamma tokko carraaqqii ni goota. Mee haala Jeesiikaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jeesiikaan, “Intallii tiyya alarjii ocholoonii cimaa taʼe waan qabduuf, pirootiiniin ocholoonii xinnoon illee duʼaaf ishii saaxiluu dandaʼa” jetteetti. Jeesiikaan nyaanni ishiin bittu intala ishii balaadhaaf kan hin saaxille taʼuusaa beekuu qabdi. Akkana jetteetti: “Wantin ani jalqaba godhu nyaanni sun maalirraa akka qophaaʼe beekuuf odeeffannoo nyaaticharra jiru of eeggannoodhaan dubbisuudha. Achiis qorannoo dabalataan godha; nyaata sana keessatti akka tasaa pirootiiniin ocholoonii akka hin dabalamne mirkaneeffachuuf warshaa nyaata sana oomishe nan gaafadha. Kana malees, akkaataa itti warshaan sun nyaata sana oomishe amanuu akkan dandaʼuuf maddawwan amansiisoo taʼan kan biroorraas nan qulqulleeffadha.”

Yaaliin ati guyyaa guyyaadhaan waaʼee wanta tokkoo dhugaasaa beekuuf gootu akka Jeesiikaa baayʼee barbaachisaa taʼuu dhiisuu dandaʼa; taʼus gaaffilee qabduuf deebii argachuuf akkuma ishii mala kanatti aanee jirutti fayyadamuu dandeessa:

  • Odeeffannoo argachuuf yaali.

  • Qorannoo dabalataa godhi.

  • Maddawwan odeeffannoo irraa argattu amansiisoo taʼuusaanii mirkaneeffadhu.

Gaaffilee guguddaa jireenya kee keessatti si mudataniif deebii argachuuf malawwan kun si gargaaruu dandaʼu. Akkamitti?

KITAABA DHUGAA ADDA TAʼE

Jeesiikaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf yommuu yaaltettis, mala nyaata intala ishiitti alarjii hin taane yeroo barbaaddu itti fayyadamtutti gargaaramteetti. “Of eeggannoodhaan dubbisuunii fi qorannoo gadi fageenya qabu gochuun koo dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuuf na gargaareera” jetteetti. Jeesiikaa dabalatee namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman wanta Kitaabni Qulqulluun gaaffilee armaan gadii ilaalchisee dubbatu barataniiru:

  • Kan uumamne maaliifi?

  • Yeroo duunu maal taana?

  • Rakkinni kan jiraate maaliifi?

  • Waaqayyo rakkina hunda balleessuuf maal gochaa jira?

  • Jireenya maatii gammachiisaa taʼe qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi weebsaayitii www.pr418.com irratti qorannoo dabalataa gochuudhaan gaaffilee kanaa fi kan birootiif deebii sirrii taʼe argachuu dandeessa.